الصافات
As-Saaffaat
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
وَٱلصَّٰٓفَّٰتِ صَفّٗا
Open ayah 37:1(Maleykota) hiriiruu hiriiraniin (kakadha.)
فَٱلزَّٰجِرَٰتِ زَجۡرٗا
Open ayah 37:2(Maleeykota) oofiinsa oofaniinis
فَٱلتَّٰلِيَٰتِ ذِكۡرًا
Open ayah 37:3(Isaan Qur’aana) dubbisiinsa dubbisaniinis.
إِنَّ إِلَٰهَكُمۡ لَوَٰحِدٞ
Open ayah 37:4Dhugaan gabbaramaan keessan tokkicha
رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا وَرَبُّ ٱلۡمَشَٰرِقِ
Open ayah 37:5(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota jidduu isaan lamaanii jiraniiti. Gooftaa bahoowwanitis.
إِنَّا زَيَّنَّا ٱلسَّمَآءَ ٱلدُّنۡيَا بِزِينَةٍ ٱلۡكَوَاكِبِ
Open ayah 37:6Nuti samii addunyaa faaya urjiileetiin miidhagsineerra.
وَحِفۡظٗا مِّن كُلِّ شَيۡطَٰنٖ مَّارِدٖ
Open ayah 37:7Sheyxaana fincilaa ta’e hunda irraas tiksuu (tiksineerra)
لَّا يَسَّمَّعُونَ إِلَى ٱلۡمَلَإِ ٱلۡأَعۡلَىٰ وَيُقۡذَفُونَ مِن كُلِّ جَانِبٖ
Open ayah 37:8Gara garee ol aanaa hin dhaggeeffachiifamanu. Gama hunda irraa (urjiin) darbataman.
دُحُورٗاۖ وَلَهُمۡ عَذَابٞ وَاصِبٌ
Open ayah 37:9Ari’amuuf jecha (darbatamu) Isaaniif adabbii addaan hin cinnetu jira.
إِلَّا مَنۡ خَطِفَ ٱلۡخَطۡفَةَ فَأَتۡبَعَهُۥ شِهَابٞ ثَاقِبٞ
Open ayah 37:10Warra (wahyii) butiinsa butee, qaanqeen uraa (fulla'aa) ta’e isa hordofe malee.
فَٱسۡتَفۡتِهِمۡ أَهُمۡ أَشَدُّ خَلۡقًا أَم مَّنۡ خَلَقۡنَآۚ إِنَّا خَلَقۡنَٰهُم مِّن طِينٖ لَّازِبِۭ
Open ayah 37:11Mee Isaan gaafadhu, Uumuu keessatti kan irra cimu isaani moo warra uumne kan biraati? Nuti dhoqqee walitti qabattuu irraa isaan uumne.
بَلۡ عَجِبۡتَ وَيَسۡخَرُونَ
Open ayah 37:12Dhugumatti, (diduu isaanii) dinqisiifattee jirta; isaan immoo ni qoosu.
وَإِذَا ذُكِّرُواْ لَا يَذۡكُرُونَ
Open ayah 37:13Yeroo gorfamanis hin gorfamanu.
وَإِذَا رَأَوۡاْ ءَايَةٗ يَسۡتَسۡخِرُونَ
Open ayah 37:14Yeroo mallattoo arganis ni baacu.
وَقَالُوٓاْ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ مُّبِينٌ
Open ayah 37:15“Kun Sihrii ifa galaadha malee waan biraatii miti” jadhan.
أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ
Open ayah 37:16“Sila erga duunee, biyyeefi lafee taanee booda, nuti kaafamoodhaa?
أَوَءَابَآؤُنَا ٱلۡأَوَّلُونَ
Open ayah 37:17Abbootiin keenya kan jalqabaatis moo?
قُلۡ نَعَمۡ وَأَنتُمۡ دَٰخِرُونَ
Open ayah 37:18(Yaa Muhammad!) “eeyyeen; xiqqaatoo taatanii (kaafamtu)” jedhiin.
فَإِنَّمَا هِيَ زَجۡرَةٞ وَٰحِدَةٞ فَإِذَا هُمۡ يَنظُرُونَ
Open ayah 37:19Isheen iyyansa tokko qofa; yeroo san isaan ni ilaalu.
وَقَالُواْ يَٰوَيۡلَنَا هَٰذَا يَوۡمُ ٱلدِّينِ
Open ayah 37:20“Yaa badii keenya! Kun guyyaa murtiiti” jedhan.
هَٰذَا يَوۡمُ ٱلۡفَصۡلِ ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ
Open ayah 37:21“Kun Guyyaa murtii kan isin sobsiisaa turtaniidha” (jedhama).
۞ٱحۡشُرُواْ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ وَأَزۡوَٰجَهُمۡ وَمَا كَانُواْ يَعۡبُدُونَ
Open ayah 37:22“Isaan miidhaa dalagan, hiriyoota (fakkaatoo) isaaniitiifi waan isaan gabbaraa turanis walitti qabaa” (malaykotaan jedhama.)
مِن دُونِ ٱللَّهِ فَٱهۡدُوهُمۡ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلۡجَحِيمِ
Open ayah 37:23“Rabbiin ala (warra gabbaraa turan walitti qabaa); gara karaa ibidda jahiim isaan qajeelchaa.
وَقِفُوهُمۡۖ إِنَّهُم مَّسۡـُٔولُونَ
Open ayah 37:24Isaan dhaabaa; dhugumatti, isaan ni gaafatamu.
مَا لَكُمۡ لَا تَنَاصَرُونَ
Open ayah 37:25Sila maal taataniiti waliif hin tumsine?”
بَلۡ هُمُ ٱلۡيَوۡمَ مُسۡتَسۡلِمُونَ
Open ayah 37:26Dhugumatti isaan har’a harka kennoodha.
وَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ يَتَسَآءَلُونَ
Open ayah 37:27Gariin isaanii garii irratti gara galanii, wal gaafatu.
قَالُوٓاْ إِنَّكُمۡ كُنتُمۡ تَأۡتُونَنَا عَنِ ٱلۡيَمِينِ
Open ayah 37:28Ni jedhu: “dhugumatti, isin mirga irraan [gaarii fakkeessuun] nutti dhufaa turtan.”
قَالُواْ بَل لَّمۡ تَكُونُواْ مُؤۡمِنِينَ
Open ayah 37:29Ni jedhuun: “isinumatu mu’uminoota hin ta’ini.
وَمَا كَانَ لَنَا عَلَيۡكُم مِّن سُلۡطَٰنِۭۖ بَلۡ كُنتُمۡ قَوۡمٗا طَٰغِينَ
Open ayah 37:30Nuti isin irratti aangoo hin qabnu turre. Garuu isinumatu ummata daangaa dabroo taatan.”
فَحَقَّ عَلَيۡنَا قَوۡلُ رَبِّنَآۖ إِنَّا لَذَآئِقُونَ
Open ayah 37:31Jechi Rabbii keenyaa nurratti mirkanaa’eera; dhugumatti nuti (adabbii) dhandhamoodha.
فَأَغۡوَيۡنَٰكُمۡ إِنَّا كُنَّا غَٰوِينَ
Open ayah 37:32Ofii keenyaa jallanneeti isin jallifne” [jedhu].
فَإِنَّهُمۡ يَوۡمَئِذٖ فِي ٱلۡعَذَابِ مُشۡتَرِكُونَ
Open ayah 37:33Isaan guyyaa san adabbii keessatti waliin hirmaatoodha.
إِنَّا كَذَٰلِكَ نَفۡعَلُ بِٱلۡمُجۡرِمِينَ
Open ayah 37:34Nuti warra badii hojjatan irratti akka kana dalagna.
إِنَّهُمۡ كَانُوٓاْ إِذَا قِيلَ لَهُمۡ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ يَسۡتَكۡبِرُونَ
Open ayah 37:35Isaan yeroo “Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru” isaanin jedhamu ni boonu.
وَيَقُولُونَ أَئِنَّا لَتَارِكُوٓاْ ءَالِهَتِنَا لِشَاعِرٖ مَّجۡنُونِۭ
Open ayah 37:36“Sila nuti weellisaa maraataa (kanaaf) gabbaramtoota keenya dhiifnaa?” jedhu.
بَلۡ جَآءَ بِٱلۡحَقِّ وَصَدَّقَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Open ayah 37:37Lakki! Inni dhugaan dhufeeti ergamtootas dhugoomse.
إِنَّكُمۡ لَذَآئِقُواْ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡأَلِيمِ
Open ayah 37:38Isin adabbii laalessaa dhandhamuuf jirtu.
وَمَا تُجۡزَوۡنَ إِلَّا مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Open ayah 37:39Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtan.
إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ
Open ayah 37:40gabroottan Rabbii qulqulluu malee.
أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ رِزۡقٞ مَّعۡلُومٞ
Open ayah 37:41Warri sun hiree (kennaa) beekamaa ta’etu isaaniif jira.
فَوَٰكِهُ وَهُم مُّكۡرَمُونَ
Open ayah 37:42kabajamoo ta’anii fuduraaleen isaaniif taatuudha.
فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Open ayah 37:43Jannata qananii keessatti (kabajamoodha).
عَلَىٰ سُرُرٖ مُّتَقَٰبِلِينَ
Open ayah 37:44Haala walitti gara galoo ta’aniin sireewwan irratti ta’u.
يُطَافُ عَلَيۡهِم بِكَأۡسٖ مِّن مَّعِينِۭ
Open ayah 37:45Kubbaayyaa farsoo qulqulluu irraa ta’een isaan irra naanna’ama.
بَيۡضَآءَ لَذَّةٖ لِّلشَّٰرِبِينَ
Open ayah 37:46Adii, warra dhuganiif mi’ooytuu kan taate.
لَا فِيهَا غَوۡلٞ وَلَا هُمۡ عَنۡهَا يُنزَفُونَ
Open ayah 37:47Ishee keessa dhukkubni hin jiru; isaan ishee irraa hin machaa’anis.
وَعِندَهُمۡ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرۡفِ عِينٞ
Open ayah 37:48Isaan bira dubartoota ija isaanii gabaabsan, kan ijji babaldhaa ta’etu jira.
كَأَنَّهُنَّ بَيۡضٞ مَّكۡنُونٞ
Open ayah 37:49Isaan (qulqullina keessatti) akka hanqaaquu eegamaati.
فَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ يَتَسَآءَلُونَ
Open ayah 37:50Gariin isaanii garii irratti, gara galaniiti wal gaafatu.
قَالَ قَآئِلٞ مِّنۡهُمۡ إِنِّي كَانَ لِي قَرِينٞ
Open ayah 37:51Jedhaan isaan irraa ta’e ni jedha: “ani (addunyaa irratti) hiriyaan qaba ture.
يَقُولُ أَءِنَّكَ لَمِنَ ٱلۡمُصَدِّقِينَ
Open ayah 37:52Kan “sila ati warra (du’a booda kaafamni akka jiru) amanan irraayii?” jedhu.
أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَدِينُونَ
Open ayah 37:53“Sila erga duunee biyyeefi lafee (nyaatame) taanee booda kaafamnee mindeeffamnaa?”
قَالَ هَلۡ أَنتُم مُّطَّلِعُونَ
Open ayah 37:54Ni jedhe: “Sila isin (ana waliin deemtanii ) gadi hin ilaaltanii?”
فَٱطَّلَعَ فَرَءَاهُ فِي سَوَآءِ ٱلۡجَحِيمِ
Open ayah 37:55Gadi millatee walakkaa jahiimitti isa arge.
قَالَ تَٱللَّهِ إِن كِدتَّ لَتُرۡدِينِ
Open ayah 37:56Ni jedhe: “Rabbiin kakadhee! Na balleessitee oolte!
وَلَوۡلَا نِعۡمَةُ رَبِّي لَكُنتُ مِنَ ٱلۡمُحۡضَرِينَ
Open ayah 37:57Odoo tolli Gooftaa kiyyaa na tiksuu baatee, silaa anis warra (ibidda) seenan irraa ta’een ture.”
أَفَمَا نَحۡنُ بِمَيِّتِينَ
Open ayah 37:58(Warri jannataa ni jedhu): “sila nuti lamuu wahii duunaa?
إِلَّا مَوۡتَتَنَا ٱلۡأُولَىٰ وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ
Open ayah 37:59Du’a keenya kan jalqabaa malee; nuti adabamoos miti.”
إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Open ayah 37:60Kun isumatu milkii guddaadha.
لِمِثۡلِ هَٰذَا فَلۡيَعۡمَلِ ٱلۡعَٰمِلُونَ
Open ayah 37:61Fakkaataa kanaatiif hojjattoonni haa hojjatanu.
أَذَٰلِكَ خَيۡرٞ نُّزُلًا أَمۡ شَجَرَةُ ٱلزَّقُّومِ
Open ayah 37:62Qubannaaf sanatu caala moo, (muka hadhaawaa) zaqquumtu caala?
إِنَّا جَعَلۡنَٰهَا فِتۡنَةٗ لِّلظَّٰلِمِينَ
Open ayah 37:63Dhugumatti Nuti miidhaa raawwattootaaf mokkoroo ishee taasifne.
إِنَّهَا شَجَرَةٞ تَخۡرُجُ فِيٓ أَصۡلِ ٱلۡجَحِيمِ
Open ayah 37:64Isheen muka hundee ibidda jahannam keessaan baatuudha.
طَلۡعُهَا كَأَنَّهُۥ رُءُوسُ ٱلشَّيَٰطِينِ
Open ayah 37:65Firiin ishee akka mataalee sheyxaanotaati.
فَإِنَّهُمۡ لَأٓكِلُونَ مِنۡهَا فَمَالِـُٔونَ مِنۡهَا ٱلۡبُطُونَ
Open ayah 37:66Isaan ishee irraa nyaatanii garaalee isaanii ishee irraa guuttatu.
ثُمَّ إِنَّ لَهُمۡ عَلَيۡهَا لَشَوۡبٗا مِّنۡ حَمِيمٖ
Open ayah 37:67Sana booda isaaniif (dhugaatii) bishaan danfaa irraa makametu jira.
ثُمَّ إِنَّ مَرۡجِعَهُمۡ لَإِلَى ٱلۡجَحِيمِ
Open ayah 37:68Sana booda deebiin isaanii gara ibidda jahannam ta’a.
إِنَّهُمۡ أَلۡفَوۡاْ ءَابَآءَهُمۡ ضَآلِّينَ
Open ayah 37:69Isaan abbootii isaanii jallattoota argan.
فَهُمۡ عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِمۡ يُهۡرَعُونَ
Open ayah 37:70Isaan faanoowwan isaanii irra deemu.
وَلَقَدۡ ضَلَّ قَبۡلَهُمۡ أَكۡثَرُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Open ayah 37:71Isaan duras irra baay’een ummattoota durii jallatanii jiru.
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا فِيهِم مُّنذِرِينَ
Open ayah 37:72Dhugumatti isaan keessatti dinniintota erginee jirra.
فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُنذَرِينَ
Open ayah 37:73Booddeen warra dinniinamee akkam akka ta’e ilaali.
إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ
Open ayah 37:74Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee.
وَلَقَدۡ نَادَىٰنَا نُوحٞ فَلَنِعۡمَ ٱلۡمُجِيبُونَ
Open ayah 37:75Dhugumatti Nuuh nutti lallabee ture; Nuti warri waamicha owwaate waa tolle!
وَنَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥ مِنَ ٱلۡكَرۡبِ ٱلۡعَظِيمِ
Open ayah 37:76Badii guddaa (bishaanin liqimfamuu) irraa isaafi maatii isaa baraarsine.
وَجَعَلۡنَا ذُرِّيَّتَهُۥ هُمُ ٱلۡبَاقِينَ
Open ayah 37:77Hortee isaa isaanuma (warra badii jalaa) hafan taasifne.
وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ
Open ayah 37:78Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifne.
سَلَٰمٌ عَلَىٰ نُوحٖ فِي ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 37:79Nageenyi aalama keessatti Nuuh irra haa jiraatu.
إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Open ayah 37:80Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 37:81Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi.
ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ
Open ayah 37:82Sana booda warra kaan ni dhidhimsiifne.
۞وَإِنَّ مِن شِيعَتِهِۦ لَإِبۡرَٰهِيمَ
Open ayah 37:83Ibraahiimis hordoftoota (karaa) isaa ( Nuuh) irraayi.
إِذۡ جَآءَ رَبَّهُۥ بِقَلۡبٖ سَلِيمٍ
Open ayah 37:84Yeroo Rabbii isaa bira onnee qulqulluun dhufe (dubbadhu).
إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦ مَاذَا تَعۡبُدُونَ
Open ayah 37:85Yeroo abbaa isaatiifi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.
أَئِفۡكًا ءَالِهَةٗ دُونَ ٱللَّهِ تُرِيدُونَ
Open ayah 37:86“Sila kijibaani, gooftoota Allaahn ala godhachuu feetanii?
فَمَا ظَنُّكُم بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 37:87Rabbii aalama hundaa irratti yaanni keessan maali?”
فَنَظَرَ نَظۡرَةٗ فِي ٱلنُّجُومِ
Open ayah 37:88Achumaan urjiiwwan keessa ilaalcha tokko ilaale.
فَقَالَ إِنِّي سَقِيمٞ
Open ayah 37:89Ani dhukkubsataadha” jedhe.
فَتَوَلَّوۡاْ عَنۡهُ مُدۡبِرِينَ
Open ayah 37:90Isa irraa gara galanii deeman.
فَرَاغَ إِلَىٰٓ ءَالِهَتِهِمۡ فَقَالَ أَلَا تَأۡكُلُونَ
Open ayah 37:91Ergasii inni gara gabbaramtoota isaanii maqee “sila hin nyaattanuu?” jedheen.
مَا لَكُمۡ لَا تَنطِقُونَ
Open ayah 37:92Maal taatanii hin dubbanne?
فَرَاغَ عَلَيۡهِمۡ ضَرۡبَۢا بِٱلۡيَمِينِ
Open ayah 37:93Ergasii isaan irratti mirgaan rukuttaa irratti raawwate.
فَأَقۡبَلُوٓاْ إِلَيۡهِ يَزِفُّونَ
Open ayah 37:94(Mushrikoonni) saffisaan gara isaa gara galan.
قَالَ أَتَعۡبُدُونَ مَا تَنۡحِتُونَ
Open ayah 37:95(Ibraahiim) ni jedhe: “sila waanuma (ofii keessanii) boccan gabbartuu?
وَٱللَّهُ خَلَقَكُمۡ وَمَا تَعۡمَلُونَ
Open ayah 37:96Odoo Allaahn isiniifi waan isin dalagdanis uume jiruu.”
قَالُواْ ٱبۡنُواْ لَهُۥ بُنۡيَٰنٗا فَأَلۡقُوهُ فِي ٱلۡجَحِيمِ
Open ayah 37:97(Mushrikoonni) ni jedhan: “jaarmaya isaaf ijaaraa; ergasii ibidda boba’aa keessatti isa darbaa.”
فَأَرَادُواْ بِهِۦ كَيۡدٗا فَجَعَلۡنَٰهُمُ ٱلۡأَسۡفَلِينَ
Open ayah 37:98Isaan shira isatti baasuu fedhanii Nuti immoo warra jalaa (moo’amoo) isaan taasifne.
وَقَالَ إِنِّي ذَاهِبٌ إِلَىٰ رَبِّي سَيَهۡدِينِ
Open ayah 37:99Innis ni jedhe: “Ani gara Rabbii kiyyaa deemaadha; Inni na qajeelcha.
رَبِّ هَبۡ لِي مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Open ayah 37:100(Yaa) Rabbii (kiyya)! (Ilmaan) gaggaarii naaf kenni.”
فَبَشَّرۡنَٰهُ بِغُلَٰمٍ حَلِيمٖ
Open ayah 37:101Ilma obsaadhaan isa gammachiifne.
فَلَمَّا بَلَغَ مَعَهُ ٱلسَّعۡيَ قَالَ يَٰبُنَيَّ إِنِّيٓ أَرَىٰ فِي ٱلۡمَنَامِ أَنِّيٓ أَذۡبَحُكَ فَٱنظُرۡ مَاذَا تَرَىٰۚ قَالَ يَٰٓأَبَتِ ٱفۡعَلۡ مَا تُؤۡمَرُۖ سَتَجِدُنِيٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلصَّٰبِرِينَ
Open ayah 37:102Yeroma isa waliin deemuu irra ga’u ni jedhe: “yaa ilma kiyya! Ani manaama keessatti kan si gorra’un arge. Waan siif mul’atu ilaali.” (Ilmis) ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! Waan ajajamte dalagi. Yoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.”
فَلَمَّآ أَسۡلَمَا وَتَلَّهُۥ لِلۡجَبِينِ
Open ayah 37:103Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse.
وَنَٰدَيۡنَٰهُ أَن يَٰٓإِبۡرَٰهِيمُ
Open ayah 37:104Nutis “Yaa Ibraahiim!” jechuun itti lallabne.
قَدۡ صَدَّقۡتَ ٱلرُّءۡيَآۚ إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Open ayah 37:105“Abjuu (kee) dhugoomsiteetta. Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.”
إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ ٱلۡبَلَٰٓؤُاْ ٱلۡمُبِينُ
Open ayah 37:106Dhugumatti, kun mokkoroo ifa galaadha.
وَفَدَيۡنَٰهُ بِذِبۡحٍ عَظِيمٖ
Open ayah 37:107Gorra’amaa guddaadhaan isa furre.
وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ
Open ayah 37:108Isaaf (yaadannoo gaarii) warra boodaa keessatti dhiifne.
سَلَٰمٌ عَلَىٰٓ إِبۡرَٰهِيمَ
Open ayah 37:109Nageenyi Ibraahiim irra haa jiraatu.
كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Open ayah 37:110Akka kanatti toltuu hojjattoota mindaa isaaniif kennina.
إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 37:111Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi.
وَبَشَّرۡنَٰهُ بِإِسۡحَٰقَ نَبِيّٗا مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Open ayah 37:112Is-haaqiin isa gammachiifne, nabiyyii warra gaggaarii irraa kan tae.
وَبَٰرَكۡنَا عَلَيۡهِ وَعَلَىٰٓ إِسۡحَٰقَۚ وَمِن ذُرِّيَّتِهِمَا مُحۡسِنٞ وَظَالِمٞ لِّنَفۡسِهِۦ مُبِينٞ
Open ayah 37:113Isa irrattiifi Is-haaq irrattis barakaa goone. Sanyii isaan lamaanii irraa nama toltuu hojjatuufi kan lubbuu isaa miidhaa ifa ta’etu jira.
وَلَقَدۡ مَنَنَّا عَلَىٰ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ
Open ayah 37:114Muusaafi Haaruun irrattis dhugumatti tola oollee jirra.
وَنَجَّيۡنَٰهُمَا وَقَوۡمَهُمَا مِنَ ٱلۡكَرۡبِ ٱلۡعَظِيمِ
Open ayah 37:115Isaan lamaaniifi ummata isaanis rakkina guddaa irraa baraarsinee jirra.
وَنَصَرۡنَٰهُمۡ فَكَانُواْ هُمُ ٱلۡغَٰلِبِينَ
Open ayah 37:116Isaaniif tumsinee, isaanumatu injifattoota ta’an.
وَءَاتَيۡنَٰهُمَا ٱلۡكِتَٰبَ ٱلۡمُسۡتَبِينَ
Open ayah 37:117Kitaaba ifa ta’e isaaniif kennine.
وَهَدَيۡنَٰهُمَا ٱلصِّرَٰطَ ٱلۡمُسۡتَقِيمَ
Open ayah 37:118Karaa qajeelaa isaan qajeelchine.
وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِمَا فِي ٱلۡأٓخِرِينَ
Open ayah 37:119Isaan lamaaniif dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.
سَلَٰمٌ عَلَىٰ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ
Open ayah 37:120Nageenyi Muusaafi Haaruun irra haa jiraatu.
إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Open ayah 37:121Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
إِنَّهُمَا مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 37:122Isaan lamaanuu gabroota keenya mu’uminoota irraayi.
وَإِنَّ إِلۡيَاسَ لَمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Open ayah 37:123Ilyaasis ergamtoota irraayi.
إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِۦٓ أَلَا تَتَّقُونَ
Open ayah 37:124Yeroo ummata isaatiin jedhe [yaadadhu]:“Rabbiin hin sadaattanuu?
أَتَدۡعُونَ بَعۡلٗا وَتَذَرُونَ أَحۡسَنَ ٱلۡخَٰلِقِينَ
Open ayah 37:125Sila ‘Ba’al’[1] gabbartanii (Gooftaa) warra waa uumu hunda irra caalaa ta’e dhiiftuu?
ٱللَّهَ رَبَّكُمۡ وَرَبَّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Open ayah 37:126Allaah Goftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan isaan jalqabaa ta’e.”
فَكَذَّبُوهُ فَإِنَّهُمۡ لَمُحۡضَرُونَ
Open ayah 37:127Isa sobsiisan. Kanaafuu isaan dhugumatti (adabaaf) dhiheeffamu.
إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ
Open ayah 37:128Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee.
وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ
Open ayah 37:129Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.
سَلَٰمٌ عَلَىٰٓ إِلۡ يَاسِينَ
Open ayah 37:130Nageenyi Ilyaas irra haa jiraatu.
إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Open ayah 37:131Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 37:132Inni gabroota keenya mu’uminoota irraayi.
وَإِنَّ لُوطٗا لَّمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Open ayah 37:133Luuxiis ergamtoota irraayi.
إِذۡ نَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ
Open ayah 37:134Yeroo isaafi maatii isaa hunda (adaba jalaa) baraarsine [yaadadhu].
إِلَّا عَجُوزٗا فِي ٱلۡغَٰبِرِينَ
Open ayah 37:135Jaartii (niitii isaa) kan warra (adabbiif) hafan keessa taate malee.
ثُمَّ دَمَّرۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ
Open ayah 37:136Sana booda kan biraa hunda ni balleessine.
وَإِنَّكُمۡ لَتَمُرُّونَ عَلَيۡهِم مُّصۡبِحِينَ
Open ayah 37:137Isin ganamfatoo taatanii isaan irra dabartu.
وَبِٱلَّيۡلِۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
Open ayah 37:138Halkanis (irra qaxxaamurtu); sila sammuu hin qabdanii?
وَإِنَّ يُونُسَ لَمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Open ayah 37:139Dhugumatti, (nabi) Yuunusis ergamtoota irraayi.
إِذۡ أَبَقَ إِلَى ٱلۡفُلۡكِ ٱلۡمَشۡحُونِ
Open ayah 37:140Yeroo gara doonii (fe’isaan) guutamee sokke [yaadadhu].
فَسَاهَمَ فَكَانَ مِنَ ٱلۡمُدۡحَضِينَ
Open ayah 37:141(Namoota doonii waliin) carraa kaasee, warra carraan itti ba’e irraa ta’e.
فَٱلۡتَقَمَهُ ٱلۡحُوتُ وَهُوَ مُلِيمٞ
Open ayah 37:142Haala komatamaa ta’een qurxummiin isa liqimse.
فَلَوۡلَآ أَنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلۡمُسَبِّحِينَ
Open ayah 37:143Odoo inni warra Rabbiin qulqulleessan [1] irraa ta’uu baatee;
- yeroo qurxummiin isa liqimsite " laa ilaaha illaa anta subhaanaka innii kuntu mina zzaalimiin " jedhee Rabbi kadhate.
لَلَبِثَ فِي بَطۡنِهِۦٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ
Open ayah 37:144Silaa hanga guyyaa kaafamaniitti garaa isaa (qurxumichaa) keessa jiraata ture.
۞فَنَبَذۡنَٰهُ بِٱلۡعَرَآءِ وَهُوَ سَقِيمٞ
Open ayah 37:145Isaa dhukkubsataa lafa dirreetti isa darbine.
وَأَنۢبَتۡنَا عَلَيۡهِ شَجَرَةٗ مِّن يَقۡطِينٖ
Open ayah 37:146Muka buqqee irraa ta’e isa irratti biqilchine.
وَأَرۡسَلۡنَٰهُ إِلَىٰ مِاْئَةِ أَلۡفٍ أَوۡ يَزِيدُونَ
Open ayah 37:147Gara (namoota) kuma dhibbaa yookiin sanarra dabalaniitti isa ergine.
فَـَٔامَنُواْ فَمَتَّعۡنَٰهُمۡ إِلَىٰ حِينٖ
Open ayah 37:148Ni amannaan hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne
فَٱسۡتَفۡتِهِمۡ أَلِرَبِّكَ ٱلۡبَنَاتُ وَلَهُمُ ٱلۡبَنُونَ
Open ayah 37:149(Yaa Muhammad!) isaan gaafadhu: “Sila Gooftaa keetiif ilmoon dubaraa ta’aniiti, isaaniif immoo ilmaan dhiiraa ta’anii?”
أَمۡ خَلَقۡنَا ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ إِنَٰثٗا وَهُمۡ شَٰهِدُونَ
Open ayah 37:150Moo isaanii argani malaykota dubara uumnee?
أَلَآ إِنَّهُم مِّنۡ إِفۡكِهِمۡ لَيَقُولُونَ
Open ayah 37:151Dhagaayaa! Isaan soba isaanii irraa ni jedhu.
وَلَدَ ٱللَّهُ وَإِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ
Open ayah 37:152“Rabbiin ni dhale” (jedhu) Dhugumatti, isaan kijiboodha.
أَصۡطَفَى ٱلۡبَنَاتِ عَلَى ٱلۡبَنِينَ
Open ayah 37:153Sila Inni ilmaan dubaraati ilmaan dhiiraa irra filatee?
مَا لَكُمۡ كَيۡفَ تَحۡكُمُونَ
Open ayah 37:154Maal taatan? Akkamitti murteessitan?
أَفَلَا تَذَكَّرُونَ
Open ayah 37:155Sila hin gorfamtanuu?
أَمۡ لَكُمۡ سُلۡطَٰنٞ مُّبِينٞ
Open ayah 37:156Moo ragaa ifa ta’etu isiniif jira?
فَأۡتُواْ بِكِتَٰبِكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Open ayah 37:157Yoo kan dhugaa jettan taataniif kitaaba keessaniin koottaa.
وَجَعَلُواْ بَيۡنَهُۥ وَبَيۡنَ ٱلۡجِنَّةِ نَسَبٗاۚ وَلَقَدۡ عَلِمَتِ ٱلۡجِنَّةُ إِنَّهُمۡ لَمُحۡضَرُونَ
Open ayah 37:158Gidduu Isaatiifi gidduu malaykotaatti firummaa godhan. Malaykoonni dhugumatti akka isaan (kun) dhiaatuuf jiran sirritti beekanii jiru.
سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يَصِفُونَ
Open ayah 37:159Waan isaan (kaafirtoonni), isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e.
إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ
Open ayah 37:160Gabroota Rabbii isaan qulqulleeffamoo malee (ni dhihaatu).
فَإِنَّكُمۡ وَمَا تَعۡبُدُونَ
Open ayah 37:161Isiniifi wantoonni isin gabbartan.
مَآ أَنتُمۡ عَلَيۡهِ بِفَٰتِنِينَ
Open ayah 37:162Isin isa irratti (nama amane kamillee) jallistootaa miti.
إِلَّا مَنۡ هُوَ صَالِ ٱلۡجَحِيمِ
Open ayah 37:163Namoota ibidda jahannam seenun (itti murtaa’e) malee.
وَمَا مِنَّآ إِلَّا لَهُۥ مَقَامٞ مَّعۡلُومٞ
Open ayah 37:164Nurraa (maleykaan) tokkollee iddoon beekamaan isaaf ta’u malee hin hafu.
وَإِنَّا لَنَحۡنُ ٱلصَّآفُّونَ
Open ayah 37:165.Nuti (maleykonni), dhugumatti, hiriira galoodha.
وَإِنَّا لَنَحۡنُ ٱلۡمُسَبِّحُونَ
Open ayah 37:166Nuti dhugumatti Rabbiin qulqullessoodha.
وَإِن كَانُواْ لَيَقُولُونَ
Open ayah 37:167Isaan (mushrikoonni) ni jedhu:
لَوۡ أَنَّ عِندَنَا ذِكۡرٗا مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ
Open ayah 37:168“Odoo yaadannoo warra durii keessaa tokko nu bira jiraatee,
لَكُنَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ
Open ayah 37:169Silaa dhugumatti gabroota Rabbii qulqulleeffamoo taana turre.”
فَكَفَرُواْ بِهِۦۖ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
Open ayah 37:170(Qur’aanni itti dhufnaan) isatti kafaran. Fuula dura beekuuf jiraatu.
وَلَقَدۡ سَبَقَتۡ كَلِمَتُنَا لِعِبَادِنَا ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Open ayah 37:171Dhugumatti, jechi keenya gabroota keenya ergamtootaaf dabreera.
إِنَّهُمۡ لَهُمُ ٱلۡمَنصُورُونَ
Open ayah 37:172Isaan isaanumatu tumsamoodha.
وَإِنَّ جُندَنَا لَهُمُ ٱلۡغَٰلِبُونَ
Open ayah 37:173Waraanni keenyas injifattoonni isaanuma (jechuunis dabarte).
فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ حَتَّىٰ حِينٖ
Open ayah 37:174(Yaa Muhammad!) Yeroo murtaa’eef isaan dhiisii irraa garagali.
وَأَبۡصِرۡهُمۡ فَسَوۡفَ يُبۡصِرُونَ
Open ayah 37:175Ati itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.
أَفَبِعَذَابِنَا يَسۡتَعۡجِلُونَ
Open ayah 37:176Sila adabbii keenya jarjarfatanii?
فَإِذَا نَزَلَ بِسَاحَتِهِمۡ فَسَآءَ صَبَاحُ ٱلۡمُنذَرِينَ
Open ayah 37:177Yeroo (adabbiin) qe’ee isaaniitti bu’e, bariisaan warra dinniinamanii fokkateera.
وَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ حَتَّىٰ حِينٖ
Open ayah 37:178(Yaa Muhammad!) hanga yeroo murtaa’eetti isaan irraa garagali.
وَأَبۡصِرۡ فَسَوۡفَ يُبۡصِرُونَ
Open ayah 37:179Itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.
سُبۡحَٰنَ رَبِّكَ رَبِّ ٱلۡعِزَّةِ عَمَّا يَصِفُونَ
Open ayah 37:180Goftaan kee, Gooftaan injifannaa, waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e.
وَسَلَٰمٌ عَلَى ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Open ayah 37:181Nageenyis ergamtoota irra haa jiraatu.
وَٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 37:182Faaruun hundi kan Allaah, Gooftaa aalama hundaati.