ص
Saad
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
صٓۚ وَٱلۡقُرۡءَانِ ذِي ٱلذِّكۡرِ
Open ayah 38:1Saad Qur’aana abbaa yaadannoo ta’eenin (kakadha)!
بَلِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فِي عِزَّةٖ وَشِقَاقٖ
Open ayah 38:2Dhugumatti isaan kafaran of tuulummaafi mormii keessa jiru.
كَمۡ أَهۡلَكۡنَا مِن قَبۡلِهِم مِّن قَرۡنٖ فَنَادَواْ وَّلَاتَ حِينَ مَنَاصٖ
Open ayah 38:3Isaan dura (dhaloota) jaarraa meeqaatama balleessinee jirra. Yeroo baqaaf hin taane walitti lallaban.
وَعَجِبُوٓاْ أَن جَآءَهُم مُّنذِرٞ مِّنۡهُمۡۖ وَقَالَ ٱلۡكَٰفِرُونَ هَٰذَا سَٰحِرٞ كَذَّابٌ
Open ayah 38:4Sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee, kaafirtoonni ni jedhan: “kun falfalaa, sobaadha.
أَجَعَلَ ٱلۡأٓلِهَةَ إِلَٰهٗا وَٰحِدًاۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيۡءٌ عُجَابٞ
Open ayah 38:5Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”
وَٱنطَلَقَ ٱلۡمَلَأُ مِنۡهُمۡ أَنِ ٱمۡشُواْ وَٱصۡبِرُواْ عَلَىٰٓ ءَالِهَتِكُمۡۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيۡءٞ يُرَادُ
Open ayah 38:6Gurguddoon isaan (mushrikoota) irraa ta’an deemaniiti “deemaa gooftolee keessan (gabbaruu) irratti obsaa; dhugumatti, inni kun wanta nurraa barbaadamuudha" (waliin jedhan).
مَا سَمِعۡنَا بِهَٰذَا فِي ٱلۡمِلَّةِ ٱلۡأٓخِرَةِ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا ٱخۡتِلَٰقٌ
Open ayah 38:7Amantii gara dhumaa (kiristaanummaa) keessatti kana hin dhageenye. Kun waanuma haara’a uumame malee homaa miti."
أَءُنزِلَ عَلَيۡهِ ٱلذِّكۡرُ مِنۢ بَيۡنِنَاۚ بَلۡ هُمۡ فِي شَكّٖ مِّن ذِكۡرِيۚ بَل لَّمَّا يَذُوقُواْ عَذَابِ
Open ayah 38:8Sila yaadannoon (Qur’aanni) kun nu hunda gidduu isa qofarratti buufamee?” Dhugumatti, isaan yaadannoo kiyya irraa mamii keessa jiru. Garuu hanga ammaatti adabbii (kiyya) hin dhandhamnee (kanaaf kafaran).
أَمۡ عِندَهُمۡ خَزَآئِنُ رَحۡمَةِ رَبِّكَ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡوَهَّابِ
Open ayah 38:9Furtuuwwan rahmata Rabbii keetii kan injifataa, arjoomaa ta’ee isaan bira jiraa?
أَمۡ لَهُم مُّلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَاۖ فَلۡيَرۡتَقُواْ فِي ٱلۡأَسۡبَٰبِ
Open ayah 38:10Moo mootummaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaanii jirantu kan isaaniitii? Oggas, karaalee keessaan (gara samii) ol haa ba’anii.
جُندٞ مَّا هُنَالِكَ مَهۡزُومٞ مِّنَ ٱلۡأَحۡزَابِ
Open ayah 38:11Isaan bakka sana (dirree badrii) keessa jiran humna waraana xiqqoo (dha). Akkuma warri gamtaa durii injifataman saniiti (injifatamuuf jiru).
كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٖ وَعَادٞ وَفِرۡعَوۡنُ ذُو ٱلۡأَوۡتَادِ
Open ayah 38:12Isaaniin dura ummanni Nuuh, Aadiifi Fir’awni abbaa shikaalaa tae (ergamaa isaanii) sobsiisaniiru.
وَثَمُودُ وَقَوۡمُ لُوطٖ وَأَصۡحَٰبُ لۡـَٔيۡكَةِۚ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلۡأَحۡزَابُ
Open ayah 38:13Samuud, ummanni Luuxiifi warri bosonaas (sobsiisanii jiru) Isaan hunduu gareewwan (dhugaa irratti duulanii dha).
إِن كُلٌّ إِلَّا كَذَّبَ ٱلرُّسُلَ فَحَقَّ عِقَابِ
Open ayah 38:14Hundi isaanii ergamtoota sobsiisan malee hin hafne. Kanaafuu adabbiin (kiyya) isaan irratti mirkanaa’e.
وَمَا يَنظُرُ هَٰٓؤُلَآءِ إِلَّا صَيۡحَةٗ وَٰحِدَةٗ مَّا لَهَا مِن فَوَاقٖ
Open ayah 38:15Isaan kun iyyansa tokko kan deebi’uun isheef hin jirre malee homaa hin eegan.
وَقَالُواْ رَبَّنَا عَجِّل لَّنَا قِطَّنَا قَبۡلَ يَوۡمِ ٱلۡحِسَابِ
Open ayah 38:16Ni jedhan: “Yaa Rabbii keenya! (Adaba irraa) qooda keenya guyyaa qormaataa dura nuuf arifachiisi.”
ٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَٱذۡكُرۡ عَبۡدَنَا دَاوُۥدَ ذَا ٱلۡأَيۡدِۖ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٌ
Open ayah 38:17Waan isaan jedhan irratti obsi. Gabricha keenya Daawuudiin abbaa jabeenyaa kan ta’e yaadadhu. Inni akkaan tawbataa ture.
إِنَّا سَخَّرۡنَا ٱلۡجِبَالَ مَعَهُۥ يُسَبِّحۡنَ بِٱلۡعَشِيِّ وَٱلۡإِشۡرَاقِ
Open ayah 38:18Nuti gaarreen isa waliin galgalaafi ganama kan Rabbiin faarsan ta’anii laaffifnee jirra.
وَٱلطَّيۡرَ مَحۡشُورَةٗۖ كُلّٞ لَّهُۥٓ أَوَّابٞ
Open ayah 38:19Allaattiinis walitti qabamtuu taatee (isa waliin akka faarsan mijeessinee jirra). Hunduu gara Isaa deebi’oodha.
وَشَدَدۡنَا مُلۡكَهُۥ وَءَاتَيۡنَٰهُ ٱلۡحِكۡمَةَ وَفَصۡلَ ٱلۡخِطَابِ
Open ayah 38:20Mootummaa isaa jabeessinee jirra. Hikmaa (nabiyyummaa) fi haasa’a adda baasuus isaaf kennineerra.
۞وَهَلۡ أَتَىٰكَ نَبَؤُاْ ٱلۡخَصۡمِ إِذۡ تَسَوَّرُواْ ٱلۡمِحۡرَابَ
Open ayah 38:21Sila oduun wal falmitootaa kan yeroo dadaa koranii gamoo (isaa) seenan si dhaqqabeeraa?
إِذۡ دَخَلُواْ عَلَىٰ دَاوُۥدَ فَفَزِعَ مِنۡهُمۡۖ قَالُواْ لَا تَخَفۡۖ خَصۡمَانِ بَغَىٰ بَعۡضُنَا عَلَىٰ بَعۡضٖ فَٱحۡكُم بَيۡنَنَا بِٱلۡحَقِّ وَلَا تُشۡطِطۡ وَٱهۡدِنَآ إِلَىٰ سَوَآءِ ٱلصِّرَٰطِ
Open ayah 38:22Yeroo isaan daawud irratti seenanu, isaan irraa rifate“Hin sodaatin; (nuti) wal falmitoota lama kan gariin keenya garii irratti daangaa dabreedha. Kanaaf gidduu keenyatti dhugaan murteessi. Hin jallisinii, gara karaa sirrii nu qajeelchi” jedhan.
إِنَّ هَٰذَآ أَخِي لَهُۥ تِسۡعٞ وَتِسۡعُونَ نَعۡجَةٗ وَلِيَ نَعۡجَةٞ وَٰحِدَةٞ فَقَالَ أَكۡفِلۡنِيهَا وَعَزَّنِي فِي ٱلۡخِطَابِ
Open ayah 38:23kun obboleessa kiyya, Isaaf hoolota dhaltuu sagaltamii sagaltu jira. Anaaf immoo hoolaa dhaltuu takka qofatu jira. “Ishee naaf kenni” jedheeti, kadhaa keessatti natti jabeesse.
قَالَ لَقَدۡ ظَلَمَكَ بِسُؤَالِ نَعۡجَتِكَ إِلَىٰ نِعَاجِهِۦۖ وَإِنَّ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلۡخُلَطَآءِ لَيَبۡغِي بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٍ إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَقَلِيلٞ مَّا هُمۡۗ وَظَنَّ دَاوُۥدُ أَنَّمَا فَتَنَّٰهُ فَٱسۡتَغۡفَرَ رَبَّهُۥ وَخَرَّۤ رَاكِعٗاۤ وَأَنَابَ۩
Open ayah 38:24(Daawuud) ni jedhe: “dhugumatti, hoolaa tee gara hoolota isaatti dabalachuuf si gaafachuudhaan miidhaa sirratti dalagee jira. Dhugumatti, irra hedduun warra wajjin hojjatanii gariin isaanii garii irratti miidhaa dalagu; isaan amananii, toltuu dalagan malee Isaanis baay’ee xiqqoodha.” Daawuud akka isa qoranne beekeeti, Rabbii isaa araarama kadhatee, rukuu’as bu’ee, (gara Gooftaa isaatti) deebi’e.
فَغَفَرۡنَا لَهُۥ ذَٰلِكَۖ وَإِنَّ لَهُۥ عِندَنَا لَزُلۡفَىٰ وَحُسۡنَ مَـَٔابٖ
Open ayah 38:25(Nutis) sana isaaf araaramne. Dhugumatti, isaaf Nu biratti dhihaannaafi iddoo deebii (jannata) gaarii ta’etu jira.
يَٰدَاوُۥدُ إِنَّا جَعَلۡنَٰكَ خَلِيفَةٗ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَٱحۡكُم بَيۡنَ ٱلنَّاسِ بِٱلۡحَقِّ وَلَا تَتَّبِعِ ٱلۡهَوَىٰ فَيُضِلَّكَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَضِلُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ لَهُمۡ عَذَابٞ شَدِيدُۢ بِمَا نَسُواْ يَوۡمَ ٱلۡحِسَابِ
Open ayah 38:26Yaa Daawuud! Nuti dachii keessatti bakka bu’aa si taasifnee jirra. gidduu namootaatti dhugaan murteessi. fedha lubbuu hin hordofin karaa Rabbii irraa si jallisaa. Dhugumatti, isaan karaa Rabbii irraa jallatan, waan guyyaa herregaa dagataniif isaaniif adabbii cimaa ta’etu jira.
وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَآءَ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا بَٰطِلٗاۚ ذَٰلِكَ ظَنُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۚ فَوَيۡلٞ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنَ ٱلنَّارِ
Open ayah 38:27Samii, dachiifi wantoota gidduu lamaan isaanii jiran, taphaaf hin uumne. Sun sehaa warra kafaraniiti. Isaan kafaraniif laga ibidda irraa ta’etu jira.
أَمۡ نَجۡعَلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ كَٱلۡمُفۡسِدِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِ أَمۡ نَجۡعَلُ ٱلۡمُتَّقِينَ كَٱلۡفُجَّارِ
Open ayah 38:28Sila isaan amananii, toltuuwwan dalagan akka warra dachii keessatti balleessa dalaganii ni goonaa? Moo Warra Allaah sodaatan akka warra yakkamoo ni taasifnaa?
كِتَٰبٌ أَنزَلۡنَٰهُ إِلَيۡكَ مُبَٰرَكٞ لِّيَدَّبَّرُوٓاْ ءَايَٰتِهِۦ وَلِيَتَذَكَّرَ أُوْلُواْ ٱلۡأَلۡبَٰبِ
Open ayah 38:29(Kun) kitaaba gara keetti isa buufneedha. Barakeeffamaadha. akka isaan keeyyattoota isaa xiinxalaniifi akka warri sammuulee qaban ittiin gorfamuuf jecha.
وَوَهَبۡنَا لِدَاوُۥدَ سُلَيۡمَٰنَۚ نِعۡمَ ٱلۡعَبۡدُ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٌ
Open ayah 38:30Daawuudiif Suleeymaaniin kennine. Gabricha akkam tole! Inni akkaan tawbataadha.
إِذۡ عُرِضَ عَلَيۡهِ بِٱلۡعَشِيِّ ٱلصَّٰفِنَٰتُ ٱلۡجِيَادُ
Open ayah 38:31Waaree booda faradoon leenjifamoon, fiigichatti cimoo ta’an yeroo isa irra fidaman (dubbadhu).
فَقَالَ إِنِّيٓ أَحۡبَبۡتُ حُبَّ ٱلۡخَيۡرِ عَن ذِكۡرِ رَبِّي حَتَّىٰ تَوَارَتۡ بِٱلۡحِجَابِ
Open ayah 38:32Ni jedhe: “ani jaalala qabeenyaa (fardaa) yaadannoo Gooftaa kiyyaa caalaa jaaladhe. hanga aduun (dukkana halkaniitiin) dhokattutti.
رُدُّوهَا عَلَيَّۖ فَطَفِقَ مَسۡحَۢا بِٱلسُّوقِ وَٱلۡأَعۡنَاقِ
Open ayah 38:33Isaan kana gara kiyya deebisaa” (jedhee), battalumatti lukaafi morma isaanii mummuruutti seene.
وَلَقَدۡ فَتَنَّا سُلَيۡمَٰنَ وَأَلۡقَيۡنَا عَلَىٰ كُرۡسِيِّهِۦ جَسَدٗا ثُمَّ أَنَابَ
Open ayah 38:34Dhugumatti Suleeymaaniin mokkorre. Siree isaa irratti qaama (laafaa) darbine. Eegasii ( tawbaa) deebi’e.
قَالَ رَبِّ ٱغۡفِرۡ لِي وَهَبۡ لِي مُلۡكٗا لَّا يَنۢبَغِي لِأَحَدٖ مِّنۢ بَعۡدِيٓۖ إِنَّكَ أَنتَ ٱلۡوَهَّابُ
Open ayah 38:35Ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Naaf araarami; aangoo ana booda eenyuufillee hin malles naaf kenni. Dhugumatti, Ati situ akkaan kennaadha.”
فَسَخَّرۡنَا لَهُ ٱلرِّيحَ تَجۡرِي بِأَمۡرِهِۦ رُخَآءً حَيۡثُ أَصَابَ
Open ayah 38:36Qilleensa isaaf laaffifnee, ajaja isaatiin laaftuu taatee gara inni fedhetti deemti.
وَٱلشَّيَٰطِينَ كُلَّ بَنَّآءٖ وَغَوَّاصٖ
Open ayah 38:37Shayxaanotas isaan akkaan ijaaraniifi bishaan keessa akkaan lixan hunda (isaaf laaffifne).
وَءَاخَرِينَ مُقَرَّنِينَ فِي ٱلۡأَصۡفَادِ
Open ayah 38:38Warri biroos kan diriin walitti hidhaman (isaaf laaffifne).
هَٰذَا عَطَآؤُنَا فَٱمۡنُنۡ أَوۡ أَمۡسِكۡ بِغَيۡرِ حِسَابٖ
Open ayah 38:39“Kun kennaa keenyaa, kenni! yookiin dhorgadhu! Herreegaan maletti” (janneen).
وَإِنَّ لَهُۥ عِندَنَا لَزُلۡفَىٰ وَحُسۡنَ مَـَٔابٖ
Open ayah 38:40Dhugumatti, isaaf Nu bira dhihaannaafi deebii gaarii ta’etu jira.
وَٱذۡكُرۡ عَبۡدَنَآ أَيُّوبَ إِذۡ نَادَىٰ رَبَّهُۥٓ أَنِّي مَسَّنِيَ ٱلشَّيۡطَٰنُ بِنُصۡبٖ وَعَذَابٍ
Open ayah 38:41Gabricha keenya Ayyuubiin dubbadhu yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “shayxaanni rakkinaafi adabaan na tuqee jira” (jedhe).
ٱرۡكُضۡ بِرِجۡلِكَۖ هَٰذَا مُغۡتَسَلُۢ بَارِدٞ وَشَرَابٞ
Open ayah 38:42(Rabbiin): “Dachii miila keetiin rukuti, Kun (bishaan) qabbanaa’aa dhiqataafi dhugaatiif oolu” (jedheen).
وَوَهَبۡنَا لَهُۥٓ أَهۡلَهُۥ وَمِثۡلَهُم مَّعَهُمۡ رَحۡمَةٗ مِّنَّا وَذِكۡرَىٰ لِأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِ
Open ayah 38:43Maatii isaa (deebifnee) isaaf kenninee, fakkaataa isaaniis (isaaf daballe). Rahmata nubiraa taheefii, gorsa warra sammuu qabaniif jecha.
وَخُذۡ بِيَدِكَ ضِغۡثٗا فَٱضۡرِب بِّهِۦ وَلَا تَحۡنَثۡۗ إِنَّا وَجَدۡنَٰهُ صَابِرٗاۚ نِّعۡمَ ٱلۡعَبۡدُ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٞ
Open ayah 38:44“Harka keetiinis harcummee qabii (niitii kee) isaan rukuti; Waadaa (kee) hin cabsin” (jenneen). (isa mokkorreeti) obsaa ta’uu isa agarre. Gabricha akkam gaarii ta’e! inni akkaan tawbaa deebi’aadha.
وَٱذۡكُرۡ عِبَٰدَنَآ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَ أُوْلِي ٱلۡأَيۡدِي وَٱلۡأَبۡصَٰرِ
Open ayah 38:45Gabroota keenya Ibraahiim, Is-haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu.
إِنَّآ أَخۡلَصۡنَٰهُم بِخَالِصَةٖ ذِكۡرَى ٱلدَّارِ
Open ayah 38:46Dhugumatti, Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine. (Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha.
وَإِنَّهُمۡ عِندَنَا لَمِنَ ٱلۡمُصۡطَفَيۡنَ ٱلۡأَخۡيَارِ
Open ayah 38:47Dhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi.
وَٱذۡكُرۡ إِسۡمَٰعِيلَ وَٱلۡيَسَعَ وَذَا ٱلۡكِفۡلِۖ وَكُلّٞ مِّنَ ٱلۡأَخۡيَارِ
Open ayah 38:48Ismaa’il, Yasa’iifi Zulkifliinis dubbadhu; (isaan) hunduu filatamtoota irraayi.
هَٰذَا ذِكۡرٞۚ وَإِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ لَحُسۡنَ مَـَٔابٖ
Open ayah 38:49Kuni (isaaniif) faaruudha. Isaan Rabbiin sodaataniif deebii gaariitu jira.
جَنَّٰتِ عَدۡنٖ مُّفَتَّحَةٗ لَّهُمُ ٱلۡأَبۡوَٰبُ
Open ayah 38:50Jannata qubsumaa kan balballoonni isaaniif banaa ta’antu jira.
مُتَّكِـِٔينَ فِيهَا يَدۡعُونَ فِيهَا بِفَٰكِهَةٖ كَثِيرَةٖ وَشَرَابٖ
Open ayah 38:51Ishee keessa (siree irratti) hirkatanii jiraatu. Ishee keessatti fuduraalee baay’eefi dhugaatiis ni waammatu.
۞وَعِندَهُمۡ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرۡفِ أَتۡرَابٌ
Open ayah 38:52Dubartoota (nama biraa ilaaluu irraa) ija gabaabsan, kan umriin isaanii wal qixa ta’etu isaan bira jira.
هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِيَوۡمِ ٱلۡحِسَابِ
Open ayah 38:53Kun waan guyyaa herregaatiif beellama godhamtaniidha.
إِنَّ هَٰذَا لَرِزۡقُنَا مَا لَهُۥ مِن نَّفَادٍ
Open ayah 38:54Kun kennaa keenyaa, dhumti isaaf hin jiru.
هَٰذَاۚ وَإِنَّ لِلطَّٰغِينَ لَشَرَّ مَـَٔابٖ
Open ayah 38:55Kun (kan mu’uminootaati) Daangaa dabartootaaf immoo deebii hamaa ta’etu jira.
جَهَنَّمَ يَصۡلَوۡنَهَا فَبِئۡسَ ٱلۡمِهَادُ
Open ayah 38:56Jahannama ishee seenantu jira. Afatichi waa fokkate!
هَٰذَا فَلۡيَذُوقُوهُ حَمِيمٞ وَغَسَّاقٞ
Open ayah 38:57Kuni bishaan danfaafi malaadhaa, haa dhandhamanu.
وَءَاخَرُ مِن شَكۡلِهِۦٓ أَزۡوَٰجٌ
Open ayah 38:58[Adabbiin] biraa fakkaataa isaa [kan duraa] ta’e gosa baay’eetu jira.
هَٰذَا فَوۡجٞ مُّقۡتَحِمٞ مَّعَكُمۡ لَا مَرۡحَبَۢا بِهِمۡۚ إِنَّهُمۡ صَالُواْ ٱلنَّارِ
Open ayah 38:59Kuni garee isinii waliin ibidda seenaniidha” (maleykaan jettiin) “Simannaan gaariin isaaniif hin ta’in, isaanis (numaa waliin) ibidda seenoodha” (matootiin jedhan).
قَالُواْ بَلۡ أَنتُمۡ لَا مَرۡحَبَۢا بِكُمۡۖ أَنتُمۡ قَدَّمۡتُمُوهُ لَنَاۖ فَبِئۡسَ ٱلۡقَرَارُ
Open ayah 38:60(Hordoftoonnis) ni jedhu: “Isinis simannaan gaariin isiniif hin godhamin. Isintu karaa kan nuuf godhee (isin hordofne).” Iddoon teessumaa waa fokkatee!
قَالُواْ رَبَّنَا مَن قَدَّمَ لَنَا هَٰذَا فَزِدۡهُ عَذَابٗا ضِعۡفٗا فِي ٱلنَّارِ
Open ayah 38:61Ni jedhu: “Gooftaa keenya! nama kana karaa nuuf godhe ibidda keessatti adabbii dachaa ta’e isaaf dabali.”
وَقَالُواْ مَا لَنَا لَا نَرَىٰ رِجَالٗا كُنَّا نَعُدُّهُم مِّنَ ٱلۡأَشۡرَارِ
Open ayah 38:62(Matootiin warra ibiddaa) Ni jedhu: “Maaliif namoota (duniyatti) warra baay’ee badii hojjatan irraa lakkaa’aa turre (asitti) hin argine?
أَتَّخَذۡنَٰهُمۡ سِخۡرِيًّا أَمۡ زَاغَتۡ عَنۡهُمُ ٱلۡأَبۡصَٰرُ
Open ayah 38:63(Nutu) qishnaa isaan godhate moo, ijoowantu isaan irraa nu dabe?”
إِنَّ ذَٰلِكَ لَحَقّٞ تَخَاصُمُ أَهۡلِ ٱلنَّارِ
Open ayah 38:64Dhugumatti, sun dhugaadha; (inni) wal mormii warra ibiddaati.
قُلۡ إِنَّمَآ أَنَا۠ مُنذِرٞۖ وَمَا مِنۡ إِلَٰهٍ إِلَّا ٱللَّهُ ٱلۡوَٰحِدُ ٱلۡقَهَّارُ
Open ayah 38:65“Ani akeekkachiisaadha; Rabbii tokkicha injifataa ta’e malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jedhi.
رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡغَفَّٰرُ
Open ayah 38:66Gooftaa samiilee, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiruu, injifataa, araaramaa ta’e malee.
قُلۡ هُوَ نَبَؤٌاْ عَظِيمٌ
Open ayah 38:67Jedhi: “inni (Qur’aanni ) oduu guddaadha.
أَنتُمۡ عَنۡهُ مُعۡرِضُونَ
Open ayah 38:68Isin isa irraa garagaltani.
مَا كَانَ لِيَ مِنۡ عِلۡمِۭ بِٱلۡمَلَإِ ٱلۡأَعۡلَىٰٓ إِذۡ يَخۡتَصِمُونَ
Open ayah 38:69Yeroo isaan (waa’ee Aadam keessatti) falman ani waa’ee jiraattoota olii (maleykotaa) irraa beekumsa hin qabu.
إِن يُوحَىٰٓ إِلَيَّ إِلَّآ أَنَّمَآ أَنَا۠ نَذِيرٞ مُّبِينٌ
Open ayah 38:70Ani sodaachisaa ifa galaa ta’uu malee beeksifni (biraa) gara kiyya hin godhamu.”
إِذۡ قَالَ رَبُّكَ لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ إِنِّي خَٰلِقُۢ بَشَرٗا مِّن طِينٖ
Open ayah 38:71Yeroo Gooftaan kee malaykotaan “Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe [yaadadhu].
فَإِذَا سَوَّيۡتُهُۥ وَنَفَخۡتُ فِيهِ مِن رُّوحِي فَقَعُواْ لَهُۥ سَٰجِدِينَ
Open ayah 38:72“yeroo isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani uume) irraa isa keessatti afuufe isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen).
فَسَجَدَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ كُلُّهُمۡ أَجۡمَعُونَ
Open ayah 38:73Malaykonni hundi isaanii sujuuda bu’an.
إِلَّآ إِبۡلِيسَ ٱسۡتَكۡبَرَ وَكَانَ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ
Open ayah 38:74Ibliis malee (sujuuda dide) boonee, kaafiroota irraa ta’e.
قَالَ يَٰٓإِبۡلِيسُ مَا مَنَعَكَ أَن تَسۡجُدَ لِمَا خَلَقۡتُ بِيَدَيَّۖ أَسۡتَكۡبَرۡتَ أَمۡ كُنتَ مِنَ ٱلۡعَالِينَ
Open ayah 38:75(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Ibliis! Waan Ani harka kiyyaan uumeef sujuuduu maaltu si dhorge? Ni boonte moo, of tuultota irraa taate?”
قَالَ أَنَا۠ خَيۡرٞ مِّنۡهُ خَلَقۡتَنِي مِن نَّارٖ وَخَلَقۡتَهُۥ مِن طِينٖ
Open ayah 38:76(Ibliis) ni jedhe: “Anatu isarra caala; ana ibidda irraa na uumte, isa immoo suphee (horofa) irraa isa uumte.”
قَالَ فَٱخۡرُجۡ مِنۡهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٞ
Open ayah 38:77(Rabbiin) ni jedhe: “ishee irraa ba’i; ati (rahmata irraa) fageeffamaadha.
وَإِنَّ عَلَيۡكَ لَعۡنَتِيٓ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلدِّينِ
Open ayah 38:78Hanga guyyaa murtiitti abaarsi kiyya sirra haa jiraatu.”
قَالَ رَبِّ فَأَنظِرۡنِيٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ
Open ayah 38:79(Ibliis) ni jedhe: “hanga guyyaa (du’a irraa) kaafamaniitti na tursiisi.”
قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ ٱلۡمُنظَرِينَ
Open ayah 38:80(Rabbiinis) “dhugumatti, ati warra tursiifaman irraayi” jedheen.
إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡوَقۡتِ ٱلۡمَعۡلُومِ
Open ayah 38:81“Hanga guyyaa yeroo beekamaatti.”
قَالَ فَبِعِزَّتِكَ لَأُغۡوِيَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Open ayah 38:82(Ibliis) ni jedhe: “jabeenya keetiin kakadhee! Isaan hunda nan jallisa.
إِلَّا عِبَادَكَ مِنۡهُمُ ٱلۡمُخۡلَصِينَ
Open ayah 38:83Gabroota kee irraa isaan qulqulleefamoo malee.”
قَالَ فَٱلۡحَقُّ وَٱلۡحَقَّ أَقُولُ
Open ayah 38:84(Rabbiin) ni jedhe: “Egaa dhugaan (Ana irraayi), Ani dhugumaan jedha.
لَأَمۡلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنكَ وَمِمَّن تَبِعَكَ مِنۡهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Open ayah 38:85Jahannamiin siifi isaan irraa namoota si hordofan hundaaniin guuta.”
قُلۡ مَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٖ وَمَآ أَنَا۠ مِنَ ٱلۡمُتَكَلِّفِينَ
Open ayah 38:86(Yaa Muhammad!) jedhi: “(Qur’aana) kana irratti mindaa isin hin gaafadhu. Ani warra of dirqan irraayis miti.
إِنۡ هُوَ إِلَّا ذِكۡرٞ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 38:87Inni gorsa aalama hundaati malee waanbiraa miti.
وَلَتَعۡلَمُنَّ نَبَأَهُۥ بَعۡدَ حِينِۭ
Open ayah 38:88Dhugumatti, oduu isaa yeroo booda beekuuf jirtu.”