الزمر
Az-Zumar
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ
Open ayah 39:1Buufamuun kitaabichaa Rabbii injifataa, ogessa ta’e irraayi.
إِنَّآ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ فَٱعۡبُدِ ٱللَّهَ مُخۡلِصٗا لَّهُ ٱلدِّينَ
Open ayah 39:2Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra. Rabbiin gabbari amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii.
أَلَا لِلَّهِ ٱلدِّينُ ٱلۡخَالِصُۚ وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ مَا نَعۡبُدُهُمۡ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَآ إِلَى ٱللَّهِ زُلۡفَىٰٓ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ فِي مَا هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ كَٰذِبٞ كَفَّارٞ
Open ayah 39:3Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofa. Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu) Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.
لَّوۡ أَرَادَ ٱللَّهُ أَن يَتَّخِذَ وَلَدٗا لَّٱصۡطَفَىٰ مِمَّا يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُۚ سُبۡحَٰنَهُۥۖ هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡوَٰحِدُ ٱلۡقَهَّارُ
Open ayah 39:4Rabbiin odoo ilma godhachuu fedhee, silaa waan ofii uumu gidduu kan fedhe filata ture. Qulqullina isaaf malu (sana irraa) qulqullaa’e Inni Allaah tokkicha hunda mo’ataadha.
خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّۖ يُكَوِّرُ ٱلَّيۡلَ عَلَى ٱلنَّهَارِ وَيُكَوِّرُ ٱلنَّهَارَ عَلَى ٱلَّيۡلِۖ وَسَخَّرَ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَۖ كُلّٞ يَجۡرِي لِأَجَلٖ مُّسَمًّىۗ أَلَا هُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡغَفَّٰرُ
Open ayah 39:5Samiifi dachii dhugaan uume. Halkan guyyaa irratti mara; guyyaas halkan irratti mara. Aduufi baatiis ni laaffise. Hunduu yeroo murtaa’eef deemu. Dhaga’aa! Inni injifataa, araaramaadha.
خَلَقَكُم مِّن نَّفۡسٖ وَٰحِدَةٖ ثُمَّ جَعَلَ مِنۡهَا زَوۡجَهَا وَأَنزَلَ لَكُم مِّنَ ٱلۡأَنۡعَٰمِ ثَمَٰنِيَةَ أَزۡوَٰجٖۚ يَخۡلُقُكُمۡ فِي بُطُونِ أُمَّهَٰتِكُمۡ خَلۡقٗا مِّنۢ بَعۡدِ خَلۡقٖ فِي ظُلُمَٰتٖ ثَلَٰثٖۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡ لَهُ ٱلۡمُلۡكُۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ فَأَنَّىٰ تُصۡرَفُونَ
Open ayah 39:6Lubbuu tokko irraa isin uumee, ergasii ishee irraa cimdii ishee taasisee; beeyladoota irraas cimdiiwwan saddeet isiniif buuse; Garaa haadha keessanii keessatti uumama boodaan uumama godhee dukkana sadi keessatti isin uuma. Kun Rabbii gabbaramaa keessan ta’eedha. Mootummaan kan Isaatii. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Akkamumatti (Isarraa) gara galfamturee?
إِن تَكۡفُرُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَنِيٌّ عَنكُمۡۖ وَلَا يَرۡضَىٰ لِعِبَادِهِ ٱلۡكُفۡرَۖ وَإِن تَشۡكُرُواْ يَرۡضَهُ لَكُمۡۗ وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٞ وِزۡرَ أُخۡرَىٰۚ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُم مَّرۡجِعُكُمۡ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَۚ إِنَّهُۥ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Open ayah 39:7Yoo kafartanis, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa. Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu. Yoo (Isa) galateeffattan isa isiniif ni jaallata. (Lubbuun) dilii hojjattu tokko dilii (nama) biraa hin baadhattu. Ergasii deebiin keessan gara Gooftaa keessaniiti. Inni waan isin dalagaa turtan isinitti odeessa. Inni beekaa waan qoma keessaati.
۞وَإِذَا مَسَّ ٱلۡإِنسَٰنَ ضُرّٞ دَعَا رَبَّهُۥ مُنِيبًا إِلَيۡهِ ثُمَّ إِذَا خَوَّلَهُۥ نِعۡمَةٗ مِّنۡهُ نَسِيَ مَا كَانَ يَدۡعُوٓاْ إِلَيۡهِ مِن قَبۡلُ وَجَعَلَ لِلَّهِ أَندَادٗا لِّيُضِلَّ عَن سَبِيلِهِۦۚ قُلۡ تَمَتَّعۡ بِكُفۡرِكَ قَلِيلًا إِنَّكَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلنَّارِ
Open ayah 39:8Ilmi namaa yoo rakkoon wahii isa tuqe, gara Isaa deebi’uun Gooftaa isaa kadhata. Ergasii yeroo (Rabbiin) ni’imaa Isa biraa ta’e isaaf kenne, Isa (Rabbii) dura kadhachaa ture irraanfata, karaa Isaa irraa (namoota) jallisuuf jecha Rabbiif hiriyaa taasisa. “Kufrii keetti xiqqo bashannani; dhugumatti ati warra ibiddaa irraayi” jedhiin.
أَمَّنۡ هُوَ قَٰنِتٌ ءَانَآءَ ٱلَّيۡلِ سَاجِدٗا وَقَآئِمٗا يَحۡذَرُ ٱلۡأٓخِرَةَ وَيَرۡجُواْ رَحۡمَةَ رَبِّهِۦۗ قُلۡ هَلۡ يَسۡتَوِي ٱلَّذِينَ يَعۡلَمُونَ وَٱلَّذِينَ لَا يَعۡلَمُونَۗ إِنَّمَا يَتَذَكَّرُ أُوْلُواْ ٱلۡأَلۡبَٰبِ
Open ayah 39:9Sila namni Rabbiif jecha yeroo halkanii sujuudaafi (salaataaf) dhaabbataa, Aakhiraa sodaataa, rahmata Rabbii isaa kajeelaa (Rabbiif) ajajamu (isa hin amanneen wal qixxaataa?) Jedhi: “sila isaan beekaniifi isaan hin beekne wal qixxaatuu?” isaan gorfaman warra sammuu qaban qofa.
قُلۡ يَٰعِبَادِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّقُواْ رَبَّكُمۡۚ لِلَّذِينَ أَحۡسَنُواْ فِي هَٰذِهِ ٱلدُّنۡيَا حَسَنَةٞۗ وَأَرۡضُ ٱللَّهِ وَٰسِعَةٌۗ إِنَّمَا يُوَفَّى ٱلصَّٰبِرُونَ أَجۡرَهُم بِغَيۡرِ حِسَابٖ
Open ayah 39:10Jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan amantan! Gooftaa keessan sodaadhaa. Isaan addunyaa kana keessatti toltuu hojjataniif (Aakhiratti) toltuun (qophaa’ee) jira. Dachiin Rabbii bal’oodha. Warri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.”
قُلۡ إِنِّيٓ أُمِرۡتُ أَنۡ أَعۡبُدَ ٱللَّهَ مُخۡلِصٗا لَّهُ ٱلدِّينَ
Open ayah 39:11“Ani amantii Isaaf qulqulleessee, Rabbi gabbaruuttin ajajame” jedhi.
وَأُمِرۡتُ لِأَنۡ أَكُونَ أَوَّلَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
Open ayah 39:12“Jalqaba Muslimtootaa ta’uttis nin ajajame.”
قُلۡ إِنِّيٓ أَخَافُ إِنۡ عَصَيۡتُ رَبِّي عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٖ
Open ayah 39:13“Ani yoon ajaja Gooftaa kiyyaa dide adabbii guyyaa guddaan sodaadha” jedhi.
قُلِ ٱللَّهَ أَعۡبُدُ مُخۡلِصٗا لَّهُۥ دِينِي
Open ayah 39:14Jedhi: “Ani Rabbuma qofaan, amantii kiyya Isaaf qulqulleessaa ta’ee gabbara.”
فَٱعۡبُدُواْ مَا شِئۡتُم مِّن دُونِهِۦۗ قُلۡ إِنَّ ٱلۡخَٰسِرِينَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ وَأَهۡلِيهِمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۗ أَلَا ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡخُسۡرَانُ ٱلۡمُبِينُ
Open ayah 39:15Isaan ala waan feetan gabbaraa“warri hoonga’an isaan Guyyaa Qiyaamaa lubbuulee isaaniitiifii maatii isaaniis hoonga’aniidha. Dhagayaa kun isumatu hoongoo ifa galaadha.”
لَهُم مِّن فَوۡقِهِمۡ ظُلَلٞ مِّنَ ٱلنَّارِ وَمِن تَحۡتِهِمۡ ظُلَلٞۚ ذَٰلِكَ يُخَوِّفُ ٱللَّهُ بِهِۦ عِبَادَهُۥۚ يَٰعِبَادِ فَٱتَّقُونِ
Open ayah 39:16Isaaniif gubbaa isaanii irraa haguuggaa ibidda irraa ta’eetu jira; jala isaanii irrallee haguuggaa (ibiddaatu jira) Sana Rabbiin gabroota Isaa ittiin sodaachisa“Yaa gabroota kiyya! Anuma qofa sodaadhaa.”
وَٱلَّذِينَ ٱجۡتَنَبُواْ ٱلطَّٰغُوتَ أَن يَعۡبُدُوهَا وَأَنَابُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِ لَهُمُ ٱلۡبُشۡرَىٰۚ فَبَشِّرۡ عِبَادِ
Open ayah 39:17Isaan gabbaramoota sobaa ishee gabbaruu irraa fagaatanii, gara Rabbii deebi’an, isaaniif gammachuutu jira. Gabroota kiyya gammachiisi.
ٱلَّذِينَ يَسۡتَمِعُونَ ٱلۡقَوۡلَ فَيَتَّبِعُونَ أَحۡسَنَهُۥٓۚ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ هَدَىٰهُمُ ٱللَّهُۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمۡ أُوْلُواْ ٱلۡأَلۡبَٰبِ
Open ayah 39:18(Isaan) warra jecha dhageeffatanii, ergasii irra bareedaa isaa hordofaniidha. Isaan sun warra Rabbiin isaan qajeelche. Isaan sun isaanumatu warra qalbiiwwan qabaniidha..
أَفَمَنۡ حَقَّ عَلَيۡهِ كَلِمَةُ ٱلۡعَذَابِ أَفَأَنتَ تُنقِذُ مَن فِي ٱلنَّارِ
Open ayah 39:19Sila namni jechi adabbii isa irratti mirkanaa’e (nama hamtuu irraa fagaate waliin wal qixaa)? Sila ati nama ibidda keessa jiru ni baraartaa?
لَٰكِنِ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوۡاْ رَبَّهُمۡ لَهُمۡ غُرَفٞ مِّن فَوۡقِهَا غُرَفٞ مَّبۡنِيَّةٞ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۖ وَعۡدَ ٱللَّهِ لَا يُخۡلِفُ ٱللَّهُ ٱلۡمِيعَادَ
Open ayah 39:20Garuu warra Rabbii isaanii sodaatan, isaaniif kutaalee isaan gubbaa kutaaleen (biraa) ijaaramtuun jirtu, kan isaan jala laggeen dhangalaatutu jira. Waadaa Rabbiiti Rabbiin waadaa Isaa hin diigu.
أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَسَلَكَهُۥ يَنَٰبِيعَ فِي ٱلۡأَرۡضِ ثُمَّ يُخۡرِجُ بِهِۦ زَرۡعٗا مُّخۡتَلِفًا أَلۡوَٰنُهُۥ ثُمَّ يَهِيجُ فَتَرَىٰهُ مُصۡفَرّٗا ثُمَّ يَجۡعَلُهُۥ حُطَٰمًاۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَذِكۡرَىٰ لِأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِ
Open ayah 39:21Sila Rabbiin bishaan (rooba) samii irraa buusee, ergasii burqaalee godhee dachii keessa gadi isa liccisiise hin agarree? Ergasii isaan (bishaaniin) midhaan bifti isaa gara garaa biqilchee, ergasii goggogee daalacha ta’u argita. Ergasii caccabaa godha. Dhugumatti, kana keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jira.
أَفَمَن شَرَحَ ٱللَّهُ صَدۡرَهُۥ لِلۡإِسۡلَٰمِ فَهُوَ عَلَىٰ نُورٖ مِّن رَّبِّهِۦۚ فَوَيۡلٞ لِّلۡقَٰسِيَةِ قُلُوبُهُم مِّن ذِكۡرِ ٱللَّهِۚ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ
Open ayah 39:22Sila namni Rabbiin qoma isaa Islaamaaf bal’isee, ifaa (beekumsa) Gooftaa isaa irraa ta’erra jiru (akka nama Islaama’uu dideetii)? Yaa badii namoota onneen isaanii zikrii Rabbii irraa gogdee! Isaan sun jallina ifa ta’e keessa jiru.
ٱللَّهُ نَزَّلَ أَحۡسَنَ ٱلۡحَدِيثِ كِتَٰبٗا مُّتَشَٰبِهٗا مَّثَانِيَ تَقۡشَعِرُّ مِنۡهُ جُلُودُ ٱلَّذِينَ يَخۡشَوۡنَ رَبَّهُمۡ ثُمَّ تَلِينُ جُلُودُهُمۡ وَقُلُوبُهُمۡ إِلَىٰ ذِكۡرِ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ هُدَى ٱللَّهِ يَهۡدِي بِهِۦ مَن يَشَآءُۚ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِنۡ هَادٍ
Open ayah 39:23Rabbiin haasawa gaarii, kitaaba (miidhagina keessatti) wal fakkaatu, kan oduun isaa lama lamaan deemtu, kan isa irraa gogaaleen warra Gooftaa isaanii sodaatanii suukannooftu, ergasii gogaaleen isaaniitiifi onneewwan isaanii gara yaadannoo Rabbiitti laafu buusee jira. Kun qajeelfama Rabbiiti; isaan nama fedhe qajeelcha. Nama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.
أَفَمَن يَتَّقِي بِوَجۡهِهِۦ سُوٓءَ ٱلۡعَذَابِ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ وَقِيلَ لِلظَّٰلِمِينَ ذُوقُواْ مَا كُنتُمۡ تَكۡسِبُونَ
Open ayah 39:24Sila namni Guyyaa Qiyaamaa fuula isaatiin adabbii hamaa san (qaama) isaa irraa eegu (akka nama jannata seenuutii?) Miidhaa dalagtootaan ni jedhama: “Waan oomishaa turtan dhandhamaa.”
كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَأَتَىٰهُمُ ٱلۡعَذَابُ مِنۡ حَيۡثُ لَا يَشۡعُرُونَ
Open ayah 39:25Warri isaaniin duraa sobsiisaniiti, adabbiin gara isaan hin beekneen isaanitti dhufe.
فَأَذَاقَهُمُ ٱللَّهُ ٱلۡخِزۡيَ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَكۡبَرُۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ
Open ayah 39:26Rabbiin jiruu addunyaa keessatti salphina isaan dhandhamsiise. Adabbii Aakhiraatu irra guddaadha odoo beekanii.
وَلَقَدۡ ضَرَبۡنَا لِلنَّاسِ فِي هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ مِن كُلِّ مَثَلٖ لَّعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ
Open ayah 39:27Dhugumatti, Nuti namaaf Qur’aana kana keessatti fakkeenya hunda irraa goone akka isaan gorfamaniif.
قُرۡءَانًا عَرَبِيًّا غَيۡرَ ذِي عِوَجٖ لَّعَلَّهُمۡ يَتَّقُونَ
Open ayah 39:28Qur’aana afaan Arabaa haala ta’een, kan jallinna tokko hin qabne ta’ee akka Rabbiin sodaataniif jecha (isaanif buufne).
ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلٗا رَّجُلٗا فِيهِ شُرَكَآءُ مُتَشَٰكِسُونَ وَرَجُلٗا سَلَمٗا لِّرَجُلٍ هَلۡ يَسۡتَوِيَانِ مَثَلًاۚ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Open ayah 39:29Rabbiin ‘nama tokko kan shariikkan (isa irratti) wal hin taane waliin qabaniifi kan namni tokko qofti qabu fakkeenya godhe Isaan kun lamaan fakkeenyaaf walqixaa? Faaruun hundi kan Rabbiiti. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
إِنَّكَ مَيِّتٞ وَإِنَّهُم مَّيِّتُونَ
Open ayah 39:30Dhugumatti, (Yaa Muhammad) ati ni duuta; isaanis ni du’u!
ثُمَّ إِنَّكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ عِندَ رَبِّكُمۡ تَخۡتَصِمُونَ
Open ayah 39:31Ergasii isin (hunduu) Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa keessan biratti wal mormitu.
۞فَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّن كَذَبَ عَلَى ٱللَّهِ وَكَذَّبَ بِٱلصِّدۡقِ إِذۡ جَآءَهُۥٓۚ أَلَيۡسَ فِي جَهَنَّمَ مَثۡوٗى لِّلۡكَٰفِرِينَ
Open ayah 39:32Sila nama Rabbi irratti sobe, kan yeroo dhugaan isatti dhufu sobsiise irra namni miidhaa hojjate ni jiraa? Sila teessoon kaafirootaa jahannam keessa hin taanee?
وَٱلَّذِي جَآءَ بِٱلصِّدۡقِ وَصَدَّقَ بِهِۦٓ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُتَّقُونَ
Open ayah 39:33Inni dhugaan dhufeefi kan isa dhugoomses, isaan sun isaanuma warra Rabbiin sodaatu.
لَهُم مَّا يَشَآءُونَ عِندَ رَبِّهِمۡۚ ذَٰلِكَ جَزَآءُ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Open ayah 39:34Isaaniif waan isaan fedhantu Rabbii isaanii bira jira. Sun galata warra toltuu hojjataniiti.
لِيُكَفِّرَ ٱللَّهُ عَنۡهُمۡ أَسۡوَأَ ٱلَّذِي عَمِلُواْ وَيَجۡزِيَهُمۡ أَجۡرَهُم بِأَحۡسَنِ ٱلَّذِي كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Open ayah 39:35Akka Rabbiin hamtuu waan dalaganii isaan irraa haqee mindaa isaanii gaarii waan isaan hojjatanii isaanii galata galchuuf (isaaniif laaffise).
أَلَيۡسَ ٱللَّهُ بِكَافٍ عَبۡدَهُۥۖ وَيُخَوِّفُونَكَ بِٱلَّذِينَ مِن دُونِهِۦۚ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِنۡ هَادٖ
Open ayah 39:36Sila Rabbiin gabricha Isaatiif ga’aa mitii? Warra Rabbii gaditti (gabbaraniin) si sodaachisu. Nama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.
وَمَن يَهۡدِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِن مُّضِلٍّۗ أَلَيۡسَ ٱللَّهُ بِعَزِيزٖ ذِي ٱنتِقَامٖ
Open ayah 39:37Nama Rabbiin qajeelches wanti isa jallisu hin jiru. Sila Rabbiin injifataa, haaloo baafataa hin taanee?
وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّنۡ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُۚ قُلۡ أَفَرَءَيۡتُم مَّا تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ إِنۡ أَرَادَنِيَ ٱللَّهُ بِضُرٍّ هَلۡ هُنَّ كَٰشِفَٰتُ ضُرِّهِۦٓ أَوۡ أَرَادَنِي بِرَحۡمَةٍ هَلۡ هُنَّ مُمۡسِكَٰتُ رَحۡمَتِهِۦۚ قُلۡ حَسۡبِيَ ٱللَّهُۖ عَلَيۡهِ يَتَوَكَّلُ ٱلۡمُتَوَكِّلُونَ
Open ayah 39:38“Samiileefi dachii eenyutu uume?” (jettee) odoo isaan gaafattee “Rabbuma” jedhu. “Mee naaf odeessaa? Wanti isin Rabbiin ala waammattan (gabbartan) odoo Rabbiin hamtuu naan fedhee, sila isaan (na) rakkisuu isaa san ni deebisuu? Yookiin odoo rahmataan na fedhee, isaan rahmata Isaa qabuu ni danda’uu?” jedhiin: “Rabbumatu naaf ga’a; warri hirkatan Isa irratti hirkatu.”
قُلۡ يَٰقَوۡمِ ٱعۡمَلُواْ عَلَىٰ مَكَانَتِكُمۡ إِنِّي عَٰمِلٞۖ فَسَوۡفَ تَعۡلَمُونَ
Open ayah 39:39“Yaa ummata kiyya! Karaa irra jirtan irratti dalagaa; anis dalagaadha. Fuulduratti beekuuf jirtu” jedhiin.
مَن يَأۡتِيهِ عَذَابٞ يُخۡزِيهِ وَيَحِلُّ عَلَيۡهِ عَذَابٞ مُّقِيمٌ
Open ayah 39:40“Nama adabbiin isa xiqqeessu itti dhufuufi kan adabbiin dhaabbataan isa irratti bu’u eenyu akka ta’e (beekuuf jirtu).”
إِنَّآ أَنزَلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ لِلنَّاسِ بِٱلۡحَقِّۖ فَمَنِ ٱهۡتَدَىٰ فَلِنَفۡسِهِۦۖ وَمَن ضَلَّ فَإِنَّمَا يَضِلُّ عَلَيۡهَاۖ وَمَآ أَنتَ عَلَيۡهِم بِوَكِيلٍ
Open ayah 39:41Nuti namootaaf kitaaba (Qur’aana) dhugaan sirratti buufne. Namni qajeele lubbuma isaatiifi. Namni jallates isheedhuma irratti jallata. Ati isaan irratti dirqama (qajeelchuu) hin qabdu.
ٱللَّهُ يَتَوَفَّى ٱلۡأَنفُسَ حِينَ مَوۡتِهَا وَٱلَّتِي لَمۡ تَمُتۡ فِي مَنَامِهَاۖ فَيُمۡسِكُ ٱلَّتِي قَضَىٰ عَلَيۡهَا ٱلۡمَوۡتَ وَيُرۡسِلُ ٱلۡأُخۡرَىٰٓ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمًّىۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ
Open ayah 39:42Rabbiin lubbuu yeroo du’a isheetti ni ajjeesa; ishee duuti hin ga’inis hirriiba ishee keessatti (ajjeesa). Ergasii ishee du’a itti murteesse ni qaba. Ishee biraa (kan du’a itti hin murteessin) hanga beellama beekamaatti gadi dhiisa. Dhugumatti, kana keessa warra xiinxalaniif mallattooleetu jira.
أَمِ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ شُفَعَآءَۚ قُلۡ أَوَلَوۡ كَانُواْ لَا يَمۡلِكُونَ شَيۡـٔٗا وَلَا يَعۡقِلُونَ
Open ayah 39:43Sila Rabbii gadittii manguddoota godhatanii? “Odoma isaan homaa hin qabneefi sammuus hin qabne (godhatanii?)” jedhi.
قُل لِّلَّهِ ٱلشَّفَٰعَةُ جَمِيعٗاۖ لَّهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ ثُمَّ إِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
Open ayah 39:44“Araarri hunduu kanuma Rabbiiti. Mootummaan samiifi dachii kan Isaati. Ergasii gara Isaatti deebifamtu” jedhiin.
وَإِذَا ذُكِرَ ٱللَّهُ وَحۡدَهُ ٱشۡمَأَزَّتۡ قُلُوبُ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِۖ وَإِذَا ذُكِرَ ٱلَّذِينَ مِن دُونِهِۦٓ إِذَا هُمۡ يَسۡتَبۡشِرُونَ
Open ayah 39:45Yeroo Rabbiin kophaa Isaa faarfamu onneewwan warra Aakhiratti hin amannee ni sunturroofti. Yeroo warri Isaan (Rabbiin) alaa faarfaman yeruma san gammadu.
قُلِ ٱللَّهُمَّ فَاطِرَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ عَٰلِمَ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ أَنتَ تَحۡكُمُ بَيۡنَ عِبَادِكَ فِي مَا كَانُواْ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ
Open ayah 39:46Jedhi: “Yaa Rabbii uumaa samiileefi dachii! Beekaa fagoofi dhihoo! Ati nimurteeysita gidduu gabroota keetiitti waan isaan irratti wal dhabaa turan keessatti”
وَلَوۡ أَنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ مَا فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗا وَمِثۡلَهُۥ مَعَهُۥ لَٱفۡتَدَوۡاْ بِهِۦ مِن سُوٓءِ ٱلۡعَذَابِ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ وَبَدَا لَهُم مِّنَ ٱللَّهِ مَا لَمۡ يَكُونُواْ يَحۡتَسِبُونَ
Open ayah 39:47Odoo wanti dachii keessa jiru hundi isaan miidhaa dalaganiif ta’ee fakkaataan isaas isaa waliin (isaanif ta’e), adabbii Guyyaa Qiyaamaa hamaa san irraa isaan of bitu turan. Waan isaan hin yaadintu Rabbi irraa isaaniif mul’ate.
وَبَدَا لَهُمۡ سَيِّـَٔاتُ مَا كَسَبُواْ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Open ayah 39:48Hamtuuwwan waan isaan hojjatanii isaaniif mul’ate. Wanti isaan itti qishnaa turanis isaanitti marse.
فَإِذَا مَسَّ ٱلۡإِنسَٰنَ ضُرّٞ دَعَانَا ثُمَّ إِذَا خَوَّلۡنَٰهُ نِعۡمَةٗ مِّنَّا قَالَ إِنَّمَآ أُوتِيتُهُۥ عَلَىٰ عِلۡمِۭۚ بَلۡ هِيَ فِتۡنَةٞ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Open ayah 39:49Namni yeroo rakkoon isa tuqe nu kadhata. Ergasii yeroo Nuti ni’imaa Nu biraa ta’e isaaf kennine, “beekumsuma kiyyaafiin kenname” jedha. Lakkisaa! isheen sun mokkora. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
قَدۡ قَالَهَا ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَمَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Open ayah 39:50Warri isaaniin duraas ishema jedhanii jiru. Wanti isaan hojjachaa turan homaa isaan irraa hin deebifne.
فَأَصَابَهُمۡ سَيِّـَٔاتُ مَا كَسَبُواْۚ وَٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ مِنۡ هَٰٓؤُلَآءِ سَيُصِيبُهُمۡ سَيِّـَٔاتُ مَا كَسَبُواْ وَمَا هُم بِمُعۡجِزِينَ
Open ayah 39:51(Galata) hamtuuwwan isaan hojjataniitu isaan tuqe. Kanneen irraa warri miidhaa dalaganis hamtuuwwan waan isaan dalaganii isaan tuquuf jira. Isaan Rabbi duraa hin bahan.
أَوَلَمۡ يَعۡلَمُوٓاْ أَنَّ ٱللَّهَ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
Open ayah 39:52Sila akka Rabbiin nama fedheef kenna bal’isee, (kan fedhetti immoo) dhiphisu hin beekanuu? Dhugumatti, kana keessa ummata amananiif mallattooleetu jira.
۞قُلۡ يَٰعِبَادِيَ ٱلَّذِينَ أَسۡرَفُواْ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمۡ لَا تَقۡنَطُواْ مِن رَّحۡمَةِ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ يَغۡفِرُ ٱلذُّنُوبَ جَمِيعًاۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
Open ayah 39:53(Yaa Muhammad!) jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan lubbuulee isaanii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessa hundaa ni araarama. Inni araaramaa, rahmata godhaadha.
وَأَنِيبُوٓاْ إِلَىٰ رَبِّكُمۡ وَأَسۡلِمُواْ لَهُۥ مِن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَكُمُ ٱلۡعَذَابُ ثُمَّ لَا تُنصَرُونَ
Open ayah 39:54Gara Rabbii keessanii deebi’aa, Isaafis ajajamaa. Odoo adabbiin isinitti hindhufin dura, Sana booda hin tumsamtanu.
وَٱتَّبِعُوٓاْ أَحۡسَنَ مَآ أُنزِلَ إِلَيۡكُم مِّن رَّبِّكُم مِّن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَكُمُ ٱلۡعَذَابُ بَغۡتَةٗ وَأَنتُمۡ لَا تَشۡعُرُونَ
Open ayah 39:55Irra gaarii waan Goftaa keessan irraa gara keessanitti buufamee hordofaa, azaabni tasa odoo isin hinbeekin isinitti dhufuu dura.
أَن تَقُولَ نَفۡسٞ يَٰحَسۡرَتَىٰ عَلَىٰ مَا فَرَّطتُ فِي جَنۢبِ ٱللَّهِ وَإِن كُنتُ لَمِنَ ٱلسَّٰخِرِينَ
Open ayah 39:56Lubbuun “Yaa sheenaa kiyya kanin karaa Rabbii keessatti daangaa dabree, warra qishinan irraa ta’ee!” akka hin jenneef (hordofaa).
أَوۡ تَقُولَ لَوۡ أَنَّ ٱللَّهَ هَدَىٰنِي لَكُنتُ مِنَ ٱلۡمُتَّقِينَ
Open ayah 39:57Yookiin “odoo Rabbiin na qajeelchee sila warra Rabbiin sodaatan irraan ta’a ture” akka hin jenneef.
أَوۡ تَقُولَ حِينَ تَرَى ٱلۡعَذَابَ لَوۡ أَنَّ لِي كَرَّةٗ فَأَكُونَ مِنَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Open ayah 39:58Yookaan yeroo adabbii (Rabbii) argite, “carraan (addunyaatti deebi’uu) tokko odoo naaf ta’ee, toltuu dalagdoota irraan ta’a ture” akka hin jenneef.
بَلَىٰ قَدۡ جَآءَتۡكَ ءَايَٰتِي فَكَذَّبۡتَ بِهَا وَٱسۡتَكۡبَرۡتَ وَكُنتَ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ
Open ayah 39:59Lakkii; dhugumatti keeyyattooleen kiyya sitti dhufaniiti, ati isaan sobsiiftee, boontee, kaafiroota irraa taate.
وَيَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ تَرَى ٱلَّذِينَ كَذَبُواْ عَلَى ٱللَّهِ وُجُوهُهُم مُّسۡوَدَّةٌۚ أَلَيۡسَ فِي جَهَنَّمَ مَثۡوٗى لِّلۡمُتَكَبِّرِينَ
Open ayah 39:60Guyyaa Qiyaamaa warra Rabbi irratti soban kan fuulleen isaanii gurracha ta’e argita. Sila warra boonaniif teessoon jahannam keessa hin taanee?
وَيُنَجِّي ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوۡاْ بِمَفَازَتِهِمۡ لَا يَمَسُّهُمُ ٱلسُّوٓءُ وَلَا هُمۡ يَحۡزَنُونَ
Open ayah 39:61Rabbiin warra Isa sodaatan milkii isaaniitiin (jahannam irraa) isaan baraara; hamtuun isaan hin tuqu; isaan hin gaddanus.
ٱللَّهُ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءٖۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ وَكِيلٞ
Open ayah 39:62Rabbiin uumaa waan hundaati. Inni waan hunda irrattis tiksaadha.
لَّهُۥ مَقَالِيدُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۗ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡخَٰسِرُونَ
Open ayah 39:63Furtuuwwan samiileefii dachii kan Isaati. Isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaran, isaan sun hoonga’oon isaanuma.
قُلۡ أَفَغَيۡرَ ٱللَّهِ تَأۡمُرُوٓنِّيٓ أَعۡبُدُ أَيُّهَا ٱلۡجَٰهِلُونَ
Open ayah 39:64(Yaa Muhammad!) “Yaa wallaaltotaa! Sila Rabbiin ala (waan biraa) gabbaruutti na ajajjuu?” jedhi.
وَلَقَدۡ أُوحِيَ إِلَيۡكَ وَإِلَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكَ لَئِنۡ أَشۡرَكۡتَ لَيَحۡبَطَنَّ عَمَلُكَ وَلَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ
Open ayah 39:65Dhugamatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbii wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera.
بَلِ ٱللَّهَ فَٱعۡبُدۡ وَكُن مِّنَ ٱلشَّٰكِرِينَ
Open ayah 39:66Rabbiin qofa gabbari; galateeffattoota irraas ta’i.
وَمَا قَدَرُواْ ٱللَّهَ حَقَّ قَدۡرِهِۦ وَٱلۡأَرۡضُ جَمِيعٗا قَبۡضَتُهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَٱلسَّمَٰوَٰتُ مَطۡوِيَّٰتُۢ بِيَمِينِهِۦۚ سُبۡحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Open ayah 39:67Isaan Rabbiin guddina isaaf malu hin guddifne. Guyyaa Qiyaamaa dachiin guutuun qabaa Isaa keessa taati; samiileenis mirga Isaatiin maramtuudha. Inni qulqullaa’e; waan isaan Isa waliin gabbaran irraas ol ta’e.
وَنُفِخَ فِي ٱلصُّورِ فَصَعِقَ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ إِلَّا مَن شَآءَ ٱللَّهُۖ ثُمَّ نُفِخَ فِيهِ أُخۡرَىٰ فَإِذَا هُمۡ قِيَامٞ يَنظُرُونَ
Open ayah 39:68Garrii (Xurumbaa) keessatti ni afuufama. Warri samiilee keessaatiifi warri dachii keessaa hunduu, kaneen Allaahn (hafuu isaanii) fedhe malee, (rifannootaan) ni dhumu. Ergasii yeroo biraas isa keessatti afuufama. Yeroma san isaan dhaabbatanii ilaaloo ta’u.
وَأَشۡرَقَتِ ٱلۡأَرۡضُ بِنُورِ رَبِّهَا وَوُضِعَ ٱلۡكِتَٰبُ وَجِاْيٓءَ بِٱلنَّبِيِّـۧنَ وَٱلشُّهَدَآءِ وَقُضِيَ بَيۡنَهُم بِٱلۡحَقِّ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ
Open ayah 39:69Dachiin ifa Gooftaa isiitiin ifti. kitaabban ni kaayamu. Nabiyyootaafi ragooleenis ni fidamu. Gidduu isaaniitti haqaan murteeffama isaan hinmiidhamanu.
وَوُفِّيَتۡ كُلُّ نَفۡسٖ مَّا عَمِلَتۡ وَهُوَ أَعۡلَمُ بِمَا يَفۡعَلُونَ
Open ayah 39:70Lubbuun hundi waanuma hojjate galata galfamti. Inni waan isaan hojjatan akkaan beekaadha.
وَسِيقَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِلَىٰ جَهَنَّمَ زُمَرًاۖ حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءُوهَا فُتِحَتۡ أَبۡوَٰبُهَا وَقَالَ لَهُمۡ خَزَنَتُهَآ أَلَمۡ يَأۡتِكُمۡ رُسُلٞ مِّنكُمۡ يَتۡلُونَ عَلَيۡكُمۡ ءَايَٰتِ رَبِّكُمۡ وَيُنذِرُونَكُمۡ لِقَآءَ يَوۡمِكُمۡ هَٰذَاۚ قَالُواْ بَلَىٰ وَلَٰكِنۡ حَقَّتۡ كَلِمَةُ ٱلۡعَذَابِ عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ
Open ayah 39:71Isaan kafaran gara jahannam gareen ta’anii oofamu; hanga ishee bira ga’anii balballeen ishee banamteeti, waardiyoonni ishee “sila ergamtoonni isinitti hin dhufnee kan isin irraa ta’an kan keeyyattoota Gooftaa keessanii isin irratti dubbisaniifi wal ga’ii guyyaa keessanii kana kan isin sodaachisan?” isaaniin jedhan. [Isaan] “eeyyee (dhufaniiru), garuu jecha adabaatu kaafiroota irratti mirkanaa’e” jedhan.
قِيلَ ٱدۡخُلُوٓاْ أَبۡوَٰبَ جَهَنَّمَ خَٰلِدِينَ فِيهَاۖ فَبِئۡسَ مَثۡوَى ٱلۡمُتَكَبِّرِينَ
Open ayah 39:72“Balbaloota jahannam ishee keessatti hafoo ta’aatii seenaa” jedhama. Teessoon warra boonanii akkam fokkataa dha!
وَسِيقَ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوۡاْ رَبَّهُمۡ إِلَى ٱلۡجَنَّةِ زُمَرًاۖ حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءُوهَا وَفُتِحَتۡ أَبۡوَٰبُهَا وَقَالَ لَهُمۡ خَزَنَتُهَا سَلَٰمٌ عَلَيۡكُمۡ طِبۡتُمۡ فَٱدۡخُلُوهَا خَٰلِدِينَ
Open ayah 39:73Warri Rabbii isaanii sodaatan gareedhaan gara jannataatti oofamu. hanga isaan isitti dhufanii balballoowwan isii banamteetti, waardiyoonni isii “nageenyi isin irra haa jiraatu; toltan;isii seenaa keessatti hafoo ta’aatii ” isaanin jetti (isii seenan).
وَقَالُواْ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي صَدَقَنَا وَعۡدَهُۥ وَأَوۡرَثَنَا ٱلۡأَرۡضَ نَتَبَوَّأُ مِنَ ٱلۡجَنَّةِ حَيۡثُ نَشَآءُۖ فَنِعۡمَ أَجۡرُ ٱلۡعَٰمِلِينَ
Open ayah 39:74Ni jedhan: “faaruun hundi kan Rabbii Isa waadaa Isaa dhugaa nuuf godhee, dachii (jannataas) nu dhaalchiseeti. Jannata keessaa iddoo barbaanne qubanna. Mindaan hojjattootaa waa tole!”
وَتَرَى ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ حَآفِّينَ مِنۡ حَوۡلِ ٱلۡعَرۡشِ يُسَبِّحُونَ بِحَمۡدِ رَبِّهِمۡۚ وَقُضِيَ بَيۡنَهُم بِٱلۡحَقِّۚ وَقِيلَ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 39:75Maleykota kan naannoo Arshii marsanii, faaruu Gooftaa isaanii waliin Isa qulqulleessan argita. Gidduu isaaniitti (uumamaatti) dhugaan murteeffama. “faaruun kan Rabbii Gooftaa aalamaati” jedhame.