طه
Taa-Haa
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
Xaa haa.
مَآ أَنزَلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡقُرۡءَانَ لِتَشۡقَىٰٓ
Open ayah 20:2(Yaa Muhammad!) Nuti Qur’aana akka ati rakkattuuf sirratti hin buufne.
إِلَّا تَذۡكِرَةٗ لِّمَن يَخۡشَىٰ
Open ayah 20:3Nama Rabbiin sodaatu yaadachiisuuf malee.
تَنزِيلٗا مِّمَّنۡ خَلَقَ ٱلۡأَرۡضَ وَٱلسَّمَٰوَٰتِ ٱلۡعُلَى
Open ayah 20:4Isa dachiifi samiilee ol fuudhamoo uume irraa buufamaadha.
ٱلرَّحۡمَٰنُ عَلَى ٱلۡعَرۡشِ ٱسۡتَوَىٰ
Open ayah 20:5Rahmaan Arshii irratti (ol ta’iinsa Isaaf malu) ol ta’eera.
لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا وَمَا تَحۡتَ ٱلثَّرَىٰ
Open ayah 20:6Wanti samiilee, dachiifi gidduu isaan lamaanii jiruufi wanti biyyee jala jiru hundi kan Isaati.
وَإِن تَجۡهَرۡ بِٱلۡقَوۡلِ فَإِنَّهُۥ يَعۡلَمُ ٱلسِّرَّ وَأَخۡفَى
Open ayah 20:7Jecha yoo ol fuutes, dhugumatti Inni (Rabbiin) iccitiifi waan isa caalaa dhokates ni beeka.
ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ لَهُ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰ
Open ayah 20:8Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Maqoonni babbareedoon isaaf tahe.
وَهَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ مُوسَىٰٓ
Open ayah 20:9Sila oduun Muusaa sitti dhufeeraa?
إِذۡ رَءَا نَارٗا فَقَالَ لِأَهۡلِهِ ٱمۡكُثُوٓاْ إِنِّيٓ ءَانَسۡتُ نَارٗا لَّعَلِّيٓ ءَاتِيكُم مِّنۡهَا بِقَبَسٍ أَوۡ أَجِدُ عَلَى ٱلنَّارِ هُدٗى
Open ayah 20:10Yeroo Ibidda argee maatii isaatin jedhe “as taa’aa ani ibiddaan argee, waan irraa qabsiifatanin isii irraa isinii fida. yookiin ibidda biraa nama (karaa irratti) na qajeelchu argachuun kajeelaa”.
فَلَمَّآ أَتَىٰهَا نُودِيَ يَٰمُوسَىٰٓ
Open ayah 20:11Yeroma gara ishee dhaqe “Yaa Muusaa!” (jechuun) itti lallabamee.
إِنِّيٓ أَنَا۠ رَبُّكَ فَٱخۡلَعۡ نَعۡلَيۡكَ إِنَّكَ بِٱلۡوَادِ ٱلۡمُقَدَّسِ طُوٗى
Open ayah 20:12“Ani anumaatu Gooftaa keeti; kophee tee lamaan baafadhu, ati laga qulqulleeffamaa, Xuwaa keessa jirtaa.
وَأَنَا ٱخۡتَرۡتُكَ فَٱسۡتَمِعۡ لِمَا يُوحَىٰٓ
Open ayah 20:13Ani si filadheeraa waan (sitti) beeysifamu dhageeffadhu.
إِنَّنِيٓ أَنَا ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعۡبُدۡنِي وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكۡرِيٓ
Open ayah 20:14Ani anumaatu Allaahdha; dhugaan gabbaramaan hin jiru Ana malee! Ana gabbari. Yaadannoo kiyyaaf salaata seeraan salaati.
إِنَّ ٱلسَّاعَةَ ءَاتِيَةٌ أَكَادُ أُخۡفِيهَا لِتُجۡزَىٰ كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا تَسۡعَىٰ
Open ayah 20:15Dhugumatti, Qiyaamaan dhuftuudha. akka lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtuuf jecha. ishee dhoksuuttin dhihaadha.
فَلَا يَصُدَّنَّكَ عَنۡهَا مَن لَّا يُؤۡمِنُ بِهَا وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ فَتَرۡدَىٰ
Open ayah 20:16Ishee irraa gara si hin galchin Namni isheetti hin amanin, kan fedhii isaa hordofe, (Yoo isa hordofte) ni badda.”
وَمَا تِلۡكَ بِيَمِينِكَ يَٰمُوسَىٰ
Open ayah 20:17Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?”
قَالَ هِيَ عَصَايَ أَتَوَكَّؤُاْ عَلَيۡهَا وَأَهُشُّ بِهَا عَلَىٰ غَنَمِي وَلِيَ فِيهَا مَـَٔارِبُ أُخۡرَىٰ
Open ayah 20:18(Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee tiyya; ishee irrattin hirkadha; Re’ee tiyyaaf isheenin (baala mukaa) harcaasa. Ishee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira” .
قَالَ أَلۡقِهَا يَٰمُوسَىٰ
Open ayah 20:19(Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.”
فَأَلۡقَىٰهَا فَإِذَا هِيَ حَيَّةٞ تَسۡعَىٰ
Open ayah 20:20Ishee ni darbeYeroma san bofa fiigdu taate.
قَالَ خُذۡهَا وَلَا تَخَفۡۖ سَنُعِيدُهَا سِيرَتَهَا ٱلۡأُولَىٰ
Open ayah 20:21(Rabbiin) ni jedhe: “Ishee qabi; hin sodaatin; haala ishee kan jalqabaatti ishee deebifnaa.
وَٱضۡمُمۡ يَدَكَ إِلَىٰ جَنَاحِكَ تَخۡرُجۡ بَيۡضَآءَ مِنۡ غَيۡرِ سُوٓءٍ ءَايَةً أُخۡرَىٰ
Open ayah 20:22Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi, adii taatee baati dhibee (tokko) malee, Mallattoo biraati.
لِنُرِيَكَ مِنۡ ءَايَٰتِنَا ٱلۡكُبۡرَى
Open ayah 20:23Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa si agarsiisuufi.
ٱذۡهَبۡ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ
Open ayah 20:24Gara Fir’awnaa deemi, inni daangaa dabree jira.
قَالَ رَبِّ ٱشۡرَحۡ لِي صَدۡرِي
Open ayah 20:25(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma kiyya naaf bal’isi.
وَيَسِّرۡ لِيٓ أَمۡرِي
Open ayah 20:26Hojii kiyyaas naaf laaffisi.
وَٱحۡلُلۡ عُقۡدَةٗ مِّن لِّسَانِي
Open ayah 20:27Hidhaa (Cabaqa) arraba kiyya irraa hiiki.
يَفۡقَهُواْ قَوۡلِي
Open ayah 20:28Jecha kiyya haa hubatanii.
وَٱجۡعَل لِّي وَزِيرٗا مِّنۡ أَهۡلِي
Open ayah 20:29Maatii kiyya irraa gargaaraa (qondaala) naaf godhi.
هَٰرُونَ أَخِي
Open ayah 20:30Haaruun obboleessa kiyya.
ٱشۡدُدۡ بِهِۦٓ أَزۡرِي
Open ayah 20:31Isaan irree kiyya cimsi.
وَأَشۡرِكۡهُ فِيٓ أَمۡرِي
Open ayah 20:32Dhimma kiyya keessattis isa hirmaachisi.
كَيۡ نُسَبِّحَكَ كَثِيرٗا
Open ayah 20:33Akka baay’ee si faarsinuuf.
وَنَذۡكُرَكَ كَثِيرًا
Open ayah 20:34Akka baay’inaanis si yaadannuuf.
إِنَّكَ كُنتَ بِنَا بَصِيرٗا
Open ayah 20:35Dhugumatti, Ati nu argaa taateetta.”
قَالَ قَدۡ أُوتِيتَ سُؤۡلَكَ يَٰمُوسَىٰ
Open ayah 20:36(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta.
وَلَقَدۡ مَنَنَّا عَلَيۡكَ مَرَّةً أُخۡرَىٰٓ
Open ayah 20:37Dhugumatti, yeroo biraas si qanansiifnee turre.
إِذۡ أَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰٓ أُمِّكَ مَا يُوحَىٰٓ
Open ayah 20:38Yeroo waan beeksifamu gara haadha teetii (wahyii) beeysifne.
أَنِ ٱقۡذِفِيهِ فِي ٱلتَّابُوتِ فَٱقۡذِفِيهِ فِي ٱلۡيَمِّ فَلۡيُلۡقِهِ ٱلۡيَمُّ بِٱلسَّاحِلِ يَأۡخُذۡهُ عَدُوّٞ لِّي وَعَدُوّٞ لَّهُۥۚ وَأَلۡقَيۡتُ عَلَيۡكَ مَحَبَّةٗ مِّنِّي وَلِتُصۡنَعَ عَلَىٰ عَيۡنِيٓ
Open ayah 20:39Sanduuqa keessa isa (daa’ima) kaayi; laga keessatti isa darbi; Lagichi moggaatti isa darbeeti diinni kiyyaafi diinni isaas isa fudhata. Jaalala Ana biraa ta’e si irratti darbeera; argaa ija tiyyaa (tika kiyya) irratti akka guddattuuf.
إِذۡ تَمۡشِيٓ أُخۡتُكَ فَتَقُولُ هَلۡ أَدُلُّكُمۡ عَلَىٰ مَن يَكۡفُلُهُۥۖ فَرَجَعۡنَٰكَ إِلَىٰٓ أُمِّكَ كَيۡ تَقَرَّ عَيۡنُهَا وَلَا تَحۡزَنَۚ وَقَتَلۡتَ نَفۡسٗا فَنَجَّيۡنَٰكَ مِنَ ٱلۡغَمِّ وَفَتَنَّٰكَ فُتُونٗاۚ فَلَبِثۡتَ سِنِينَ فِيٓ أَهۡلِ مَدۡيَنَ ثُمَّ جِئۡتَ عَلَىٰ قَدَرٖ يَٰمُوسَىٰ
Open ayah 20:40(Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin tee deemtee ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen [yaadadhu], gara haadha keetiitti si deebifne Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha. Lubbuu ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa jalaa si baraarree, mokkora cimaas si mokkorree jirra. Ergasii waggoota (baay’ee) warra Madyan keessa turtee jirta. Sana booda yeroo Ani siif murteessetti (bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa!
وَٱصۡطَنَعۡتُكَ لِنَفۡسِي
Open ayah 20:41lubbuu tiyyaaf si filadheera.
ٱذۡهَبۡ أَنتَ وَأَخُوكَ بِـَٔايَٰتِي وَلَا تَنِيَا فِي ذِكۡرِي
Open ayah 20:42Atiifi obboleessi keetis mallattoolee kiyyaan deemaa; zikrii kiyya keessattis isin lachanuu hin laafinaa.
ٱذۡهَبَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ
Open ayah 20:43Isin lamaanuu gara Fir’awni deemaa; dhugumatti, inni daangaa dabree jira.
فَقُولَا لَهُۥ قَوۡلٗا لَّيِّنٗا لَّعَلَّهُۥ يَتَذَكَّرُ أَوۡ يَخۡشَىٰ
Open ayah 20:44Jecha laafaa (gaarii) isaan jedhaa. akka gorfamuuf yookiin akka sodaatuuf jecha”
قَالَا رَبَّنَآ إِنَّنَا نَخَافُ أَن يَفۡرُطَ عَلَيۡنَآ أَوۡ أَن يَطۡغَىٰ
Open ayah 20:45Isaan lamaan ni jedhan: “Gooftaa keenya! nuti adabbii cimaa nu adabuu; yookiin (nurratti) daangaa darbuu sodaanna”
قَالَ لَا تَخَافَآۖ إِنَّنِي مَعَكُمَآ أَسۡمَعُ وَأَرَىٰ
Open ayah 20:46(Rabbiin) ni jedhe: “Hin sodaatinaa, Dhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas.
فَأۡتِيَاهُ فَقُولَآ إِنَّا رَسُولَا رَبِّكَ فَأَرۡسِلۡ مَعَنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَلَا تُعَذِّبۡهُمۡۖ قَدۡ جِئۡنَٰكَ بِـَٔايَةٖ مِّن رَّبِّكَۖ وَٱلسَّلَٰمُ عَلَىٰ مَنِ ٱتَّبَعَ ٱلۡهُدَىٰٓ
Open ayah 20:47Isin lachanuu isa bira dhaqaa isaan jedhaa ‘Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; ilmaan Israa’iil nu waliin ergi; isaan hin adabin; dhugumatti, nuti mallattoon Gooftaa keetirraa sitti dhufne. Nageenyi nama qajeelfama (Rabbii) hordofe irratti taha.
إِنَّا قَدۡ أُوحِيَ إِلَيۡنَآ أَنَّ ٱلۡعَذَابَ عَلَىٰ مَن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ
Open ayah 20:48“nuti gara keenyatti wahyiin godhameera, adabbiin nama sobsiisee garagale irratti tahaadha”
قَالَ فَمَن رَّبُّكُمَا يَٰمُوسَىٰ
Open ayah 20:49(Fir’awn) “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe.
قَالَ رَبُّنَا ٱلَّذِيٓ أَعۡطَىٰ كُلَّ شَيۡءٍ خَلۡقَهُۥ ثُمَّ هَدَىٰ
Open ayah 20:50(Muusaan) ni jedhe: “Gooftaan keenya Isa (waan hunda) akkaataa uumama isaa isaaf kennee sana, eegasii isa qajeelcheedha.”
قَالَ فَمَا بَالُ ٱلۡقُرُونِ ٱلۡأُولَىٰ
Open ayah 20:51(Fir’awn) ni jedhe: “Haalli ummatoota darbanii hoo akkam ta’a?”
قَالَ عِلۡمُهَا عِندَ رَبِّي فِي كِتَٰبٖۖ لَّا يَضِلُّ رَبِّي وَلَا يَنسَى
Open ayah 20:52(Muusaanis) ni jedhe: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jira, Gooftaan kiyya hin dogoggoru; hin irranfatus”
ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ مَهۡدٗا وَسَلَكَ لَكُمۡ فِيهَا سُبُلٗا وَأَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَخۡرَجۡنَا بِهِۦٓ أَزۡوَٰجٗا مِّن نَّبَاتٖ شَتَّىٰ
Open ayah 20:53(Inni) Isa dachii afata isiniif godhee, ishee keessatti karaalee isiniif laaffisee, samii irraa bishaan buuse sani, Isaan (bokkaan) akaakuu biqiltuulee adda addaa irraa taate ni baafne (nimagarsine).
كُلُواْ وَٱرۡعَوۡاْ أَنۡعَٰمَكُمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّأُوْلِي ٱلنُّهَىٰ
Open ayah 20:54(Isa irraa) nyaadhaa; beyladoota keessanis dheechisaa, Dhugumatti, kana keessa namoota qalbiilee (sammuu) qabaniif mallattoleetu jira.
۞مِنۡهَا خَلَقۡنَٰكُمۡ وَفِيهَا نُعِيدُكُمۡ وَمِنۡهَا نُخۡرِجُكُمۡ تَارَةً أُخۡرَىٰ
Open ayah 20:55Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti isin deebifna; yeroo biraas ishee irraa isin baafna.
وَلَقَدۡ أَرَيۡنَٰهُ ءَايَٰتِنَا كُلَّهَا فَكَذَّبَ وَأَبَىٰ
Open ayah 20:56Dhugumatti, mallattoolee keenya hunda ishee isatti (Fir’awnitti) argisiifneerra; innis ni sobsiisee; ni dides.
قَالَ أَجِئۡتَنَا لِتُخۡرِجَنَا مِنۡ أَرۡضِنَا بِسِحۡرِكَ يَٰمُوسَىٰ
Open ayah 20:57(Fir’awn) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Sila ati dachii teenya irraa sihrii teetiin nu baasuuf nutti dhuftee?
فَلَنَأۡتِيَنَّكَ بِسِحۡرٖ مِّثۡلِهِۦ فَٱجۡعَلۡ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَكَ مَوۡعِدٗا لَّا نُخۡلِفُهُۥ نَحۡنُ وَلَآ أَنتَ مَكَانٗا سُوٗى
Open ayah 20:58Nutis sihrii fakkaataa isaatiin siif dhufna, gidduu keenyaafi gidduu keetti beellama godhi. kan nutiifi atis irraa hin hafne, iddoo giddu galeessa ta’etti”
قَالَ مَوۡعِدُكُمۡ يَوۡمُ ٱلزِّينَةِ وَأَن يُحۡشَرَ ٱلنَّاسُ ضُحٗى
Open ayah 20:59(Muusaanis) ni jedhe: “Beellamni keessan guyyaa ayyaanaati; namoonnis waaree walitti qabamuudha”
فَتَوَلَّىٰ فِرۡعَوۡنُ فَجَمَعَ كَيۡدَهُۥ ثُمَّ أَتَىٰ
Open ayah 20:60Fir’awni gara galee, deemee dhara isaa walitti qabee eegasii dhufe.
قَالَ لَهُم مُّوسَىٰ وَيۡلَكُمۡ لَا تَفۡتَرُواْ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبٗا فَيُسۡحِتَكُم بِعَذَابٖۖ وَقَدۡ خَابَ مَنِ ٱفۡتَرَىٰ
Open ayah 20:61Muusaan isaaniin nijedhe “Yaa badii keessan! Rabbi irratti soba hin odeessinaa; adabbiidhaan isin balleessa, Dhugumatti, namni (Rabbi irratti) soba odeesse hoonga’ee jira”.
فَتَنَٰزَعُوٓاْ أَمۡرَهُم بَيۡنَهُمۡ وَأَسَرُّواْ ٱلنَّجۡوَىٰ
Open ayah 20:62Dubbii isaanii irratti gidduu isaaniitti wal falman, maqoo isaaniis dhokfatan.
قَالُوٓاْ إِنۡ هَٰذَٰنِ لَسَٰحِرَٰنِ يُرِيدَانِ أَن يُخۡرِجَاكُم مِّنۡ أَرۡضِكُم بِسِحۡرِهِمَا وَيَذۡهَبَا بِطَرِيقَتِكُمُ ٱلۡمُثۡلَىٰ
Open ayah 20:63Ni jedhan: “Jarri lamaan kun falfaltoota, falfala isaanitiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhan, karaa keessan ishee caaltuu taate dhabamsiisuu (fedhu).
فَأَجۡمِعُواْ كَيۡدَكُمۡ ثُمَّ ٱئۡتُواْ صَفّٗاۚ وَقَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡيَوۡمَ مَنِ ٱسۡتَعۡلَىٰ
Open ayah 20:64Tooftaa keessan walitti qabadhaa; sana booda hiriiraan koottaa, Dhugumatti, namni hardha irra aane (mo’ate) milkaa’eera.
قَالُواْ يَٰمُوسَىٰٓ إِمَّآ أَن تُلۡقِيَ وَإِمَّآ أَن نَّكُونَ أَوَّلَ مَنۡ أَلۡقَىٰ
Open ayah 20:65Yaa Muusaa! Ati darbachuu yookiin jalqaba nama darbuu nuti ta’uu (filadhu)” jedhaniin.
قَالَ بَلۡ أَلۡقُواْۖ فَإِذَا حِبَالُهُمۡ وَعِصِيُّهُمۡ يُخَيَّلُ إِلَيۡهِ مِن سِحۡرِهِمۡ أَنَّهَا تَسۡعَىٰ
Open ayah 20:66(Muusaanis) “Lakkisaa; isinummaan darbaa!” jedhe, yoggus haadoowwan isaaniifi uleewwann isaaniis falfala isaanii irraa kan ka'e waan fiigdu (bofa) itti fakkeeffama.
فَأَوۡجَسَ فِي نَفۡسِهِۦ خِيفَةٗ مُّوسَىٰ
Open ayah 20:67Muusaan lubbuu isaa keessatti sodaan itti dhaga’ame.
قُلۡنَا لَا تَخَفۡ إِنَّكَ أَنتَ ٱلۡأَعۡلَىٰ
Open ayah 20:68“Hin sodaatin! Dhugumatti, ati sumatu ol'aanaa” jenneen.
وَأَلۡقِ مَا فِي يَمِينِكَ تَلۡقَفۡ مَا صَنَعُوٓاْۖ إِنَّمَا صَنَعُواْ كَيۡدُ سَٰحِرٖۖ وَلَا يُفۡلِحُ ٱلسَّاحِرُ حَيۡثُ أَتَىٰ
Open ayah 20:69“Waan mirga kee keessa jiru darbi! Waan isaan dalagan ni liqimsiti, Wanti isaan dalagan (hundi) toftaa nama falfala hojjatuuti, Falfalaan bakkuma dhufe (hunda)ttuu hin milkaa’u”
فَأُلۡقِيَ ٱلسَّحَرَةُ سُجَّدٗا قَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِرَبِّ هَٰرُونَ وَمُوسَىٰ
Open ayah 20:70Ergasii warri falfala hojjatan sujuuda bu’anii “Gooftaa Haaruniifi Muusaatti amanne” jedhan.
قَالَ ءَامَنتُمۡ لَهُۥ قَبۡلَ أَنۡ ءَاذَنَ لَكُمۡۖ إِنَّهُۥ لَكَبِيرُكُمُ ٱلَّذِي عَلَّمَكُمُ ٱلسِّحۡرَۖ فَلَأُقَطِّعَنَّ أَيۡدِيَكُمۡ وَأَرۡجُلَكُم مِّنۡ خِلَٰفٖ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمۡ فِي جُذُوعِ ٱلنَّخۡلِ وَلَتَعۡلَمُنَّ أَيُّنَآ أَشَدُّ عَذَابٗا وَأَبۡقَىٰ
Open ayah 20:71(Fir’awn) ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, inni guddaa keessan kan falfala isin barsiiseedha, harkowwaniifii miillan keessan wal faallessee mura. jirma muka timiraa irrattin isin fannisa, Isinis (yoos) eenyu keenya (anamoo Gooftaa Muusaatu) adabbiin isaa irra cimaafi turaa akka ta’e beekuuf jirtu.”
قَالُواْ لَن نُّؤۡثِرَكَ عَلَىٰ مَا جَآءَنَا مِنَ ٱلۡبَيِّنَٰتِ وَٱلَّذِي فَطَرَنَاۖ فَٱقۡضِ مَآ أَنتَ قَاضٍۖ إِنَّمَا تَقۡضِي هَٰذِهِ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَآ
Open ayah 20:72Ni jedhan: “Waan nutti dhufe kan ragaawwan ifa bahan irraa ta’eefi Isa nu uume irra si hin caalchifannu, waan murteessitu murteessi! Wanti ati murteessitus jiruma addunyaa kana qofa.
إِنَّآ ءَامَنَّا بِرَبِّنَا لِيَغۡفِرَ لَنَا خَطَٰيَٰنَا وَمَآ أَكۡرَهۡتَنَا عَلَيۡهِ مِنَ ٱلسِّحۡرِۗ وَٱللَّهُ خَيۡرٞ وَأَبۡقَىٰٓ
Open ayah 20:73“Nuti Gooftaa keenyatti amannee jirra, Akka dogoggora keenyaafi falfala irraas waan ati isatti nu dirqisiifte nuuf araaramuuf, Rabbitu caalaafi hafaadha.
إِنَّهُۥ مَن يَأۡتِ رَبَّهُۥ مُجۡرِمٗا فَإِنَّ لَهُۥ جَهَنَّمَ لَا يَمُوتُ فِيهَا وَلَا يَحۡيَىٰ
Open ayah 20:74Namni badii hojjataa ta’ee gara Rabbii isaa dhufe, isaaf dhugumatti, jahannamtu jira; ishee keessatti hin du’u, hin jiraatus.
وَمَن يَأۡتِهِۦ مُؤۡمِنٗا قَدۡ عَمِلَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَأُوْلَٰٓئِكَ لَهُمُ ٱلدَّرَجَٰتُ ٱلۡعُلَىٰ
Open ayah 20:75Namni Mu’umina ta’ee, dhugumaan hojiilee gaarii hojjataa gara Isaa dhufe isaan sun isaaniif sadarkaalee ol ta’aatu jira.
جَنَّٰتُ عَدۡنٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ وَذَٰلِكَ جَزَآءُ مَن تَزَكَّىٰ
Open ayah 20:76Jannatoowwan qubsumaa tan jala ishee laggeen yaatutu (isaanif jira); ishee keessa yeroo hunda jiraatu, Kun mindaa nama qulqulleeffateeti.
وَلَقَدۡ أَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَسۡرِ بِعِبَادِي فَٱضۡرِبۡ لَهُمۡ طَرِيقٗا فِي ٱلۡبَحۡرِ يَبَسٗا لَّا تَخَٰفُ دَرَكٗا وَلَا تَخۡشَىٰ
Open ayah 20:77Dhugumatti, gara Muusaa beeysifne “Gabroota kiyyaan halkaniin deemi! Isaaniif galaana keessatti karaa gogaa taasisi; (Fir’awn) si dhaqqabuufi (bishaaniin nyaatamuu) hin sodaattu” jechuudhaan.
فَأَتۡبَعَهُمۡ فِرۡعَوۡنُ بِجُنُودِهِۦ فَغَشِيَهُم مِّنَ ٱلۡيَمِّ مَا غَشِيَهُمۡ
Open ayah 20:78Fir’awni waraana isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraa wanti isaan haguuge isaan haguuge.
وَأَضَلَّ فِرۡعَوۡنُ قَوۡمَهُۥ وَمَا هَدَىٰ
Open ayah 20:79Fir’awni ummata isaa ni jallise (isaan) hin qajeelchine.
يَٰبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ قَدۡ أَنجَيۡنَٰكُم مِّنۡ عَدُوِّكُمۡ وَوَٰعَدۡنَٰكُمۡ جَانِبَ ٱلطُّورِ ٱلۡأَيۡمَنَ وَنَزَّلۡنَا عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَنَّ وَٱلسَّلۡوَىٰ
Open ayah 20:80Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee, moggaa mirga gaara Xuur irratti waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattii isin irratti buufnee jirra.
كُلُواْ مِن طَيِّبَٰتِ مَا رَزَقۡنَٰكُمۡ وَلَا تَطۡغَوۡاْ فِيهِ فَيَحِلَّ عَلَيۡكُمۡ غَضَبِيۖ وَمَن يَحۡلِلۡ عَلَيۡهِ غَضَبِي فَقَدۡ هَوَىٰ
Open ayah 20:81Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa, isa keessattis daangaa hin dabrinaa (hinjallatinaa); (yoo jallattan) dallansuu kiyyatu isin irratti bu’a, Namni dallansuun kiyya isa irratti bu’e, dhugumatti, bade.
وَإِنِّي لَغَفَّارٞ لِّمَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا ثُمَّ ٱهۡتَدَىٰ
Open ayah 20:82Ani akkaan araaramaadha nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda (hanga du’utti) karaa qajeelaa qabateef
۞وَمَآ أَعۡجَلَكَ عَن قَوۡمِكَ يَٰمُوسَىٰ
Open ayah 20:83“Ummata kee biraa maaltu si jarjarse? Yaa Muusaa!” (jedheen).
قَالَ هُمۡ أُوْلَآءِ عَلَىٰٓ أَثَرِي وَعَجِلۡتُ إِلَيۡكَ رَبِّ لِتَرۡضَىٰ
Open ayah 20:84(Muusaan) ni jedhe: “Kuunnoo isaan faana kiyya irra jiru, Yaa Gooftaa kiyya! Akka Ati (na irraa) jaallattuufiin gara kee jarjare.”
قَالَ فَإِنَّا قَدۡ فَتَنَّا قَوۡمَكَ مِنۢ بَعۡدِكَ وَأَضَلَّهُمُ ٱلسَّامِرِيُّ
Open ayah 20:85(Rabbiin) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, ummata kee siboodaa (bakka ati hin jirretti) mokkorree jirra; Saamiriyyichis isaan jallise.”
فَرَجَعَ مُوسَىٰٓ إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ غَضۡبَٰنَ أَسِفٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ أَلَمۡ يَعِدۡكُمۡ رَبُّكُمۡ وَعۡدًا حَسَنًاۚ أَفَطَالَ عَلَيۡكُمُ ٱلۡعَهۡدُ أَمۡ أَرَدتُّمۡ أَن يَحِلَّ عَلَيۡكُمۡ غَضَبٞ مِّن رَّبِّكُمۡ فَأَخۡلَفۡتُم مَّوۡعِدِي
Open ayah 20:86Muusaan gara ummata isaa, dallanaa, gaddaa deebi’ee nijedhe “Yaa ummata kiyya! Sila Rabbiin keessan waadaa gaarii isiniif hin seennee? (Yeroo) beellamichaatu isinitti dheeratemoo? Dallansuun gooftaa keessan irraa isinitti bu’uu feetaniiti waadaa kiyya diigdanii?”
قَالُواْ مَآ أَخۡلَفۡنَا مَوۡعِدَكَ بِمَلۡكِنَا وَلَٰكِنَّا حُمِّلۡنَآ أَوۡزَارٗا مِّن زِينَةِ ٱلۡقَوۡمِ فَقَذَفۡنَٰهَا فَكَذَٰلِكَ أَلۡقَى ٱلسَّامِرِيُّ
Open ayah 20:87[Isaan] ni jedhan: “Waadaa siif seenne fedha keenyaan hin diigne, Garuu nuti ba’aa (faaya) bareedumaa kan warra (Fir’awn) baachifamneeti, (ibidda keessatti) ishee darbine, Akkuma nuti darbinetti, Saamiriyyichis darbe.”
فَأَخۡرَجَ لَهُمۡ عِجۡلٗا جَسَدٗا لَّهُۥ خُوَارٞ فَقَالُواْ هَٰذَآ إِلَٰهُكُمۡ وَإِلَٰهُ مُوسَىٰ فَنَسِيَ
Open ayah 20:88Qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf jiru isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan.
أَفَلَا يَرَوۡنَ أَلَّا يَرۡجِعُ إِلَيۡهِمۡ قَوۡلٗا وَلَا يَمۡلِكُ لَهُمۡ ضَرّٗا وَلَا نَفۡعٗا
Open ayah 20:89Sila kan inni jecha tokkos isaaniif deebisuu dhabuufi isaan miidhuus ta’ee fayyaduu hin dandeenye ta’uu hin arganii?
وَلَقَدۡ قَالَ لَهُمۡ هَٰرُونُ مِن قَبۡلُ يَٰقَوۡمِ إِنَّمَا فُتِنتُم بِهِۦۖ وَإِنَّ رَبَّكُمُ ٱلرَّحۡمَٰنُ فَٱتَّبِعُونِي وَأَطِيعُوٓاْ أَمۡرِي
Open ayah 20:90Dhugumatti, sana dura Haaruun isaaniin jedhee ture.“Yaa ummata kiyya! Inni (kun) waan isin ittiin mokkoramtaniidha, Gooftaan keessan immoo Rahmaani; na hordofaa; ajaja kiyyas tole jedhaa”
قَالُواْ لَن نَّبۡرَحَ عَلَيۡهِ عَٰكِفِينَ حَتَّىٰ يَرۡجِعَ إِلَيۡنَا مُوسَىٰ
Open ayah 20:91[Isaan] “ Nuti isa (Jibicha) gabbaruu irraa hin deemnu Hanga Muusaan gara keenya deebi’utti” jedhan.
قَالَ يَٰهَٰرُونُ مَا مَنَعَكَ إِذۡ رَأَيۡتَهُمۡ ضَلُّوٓاْ
Open ayah 20:92(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite maaltu si dhorge?
أَلَّا تَتَّبِعَنِۖ أَفَعَصَيۡتَ أَمۡرِي
Open ayah 20:93Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?”
قَالَ يَبۡنَؤُمَّ لَا تَأۡخُذۡ بِلِحۡيَتِي وَلَا بِرَأۡسِيٓۖ إِنِّي خَشِيتُ أَن تَقُولَ فَرَّقۡتَ بَيۡنَ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَلَمۡ تَرۡقُبۡ قَوۡلِي
Open ayah 20:94(Haaruunis) nijedhe “Yaa ilma harmee tiyyaa! Areeda kiyyas ta’ee mataa kiyya na hin qabin, ‘Ati gidduu ilmaan Israa’iil addaan baafte; jecha kiyyas hin eegdu (naan) jettaan sodaadhe”.
قَالَ فَمَا خَطۡبُكَ يَٰسَٰمِرِيُّ
Open ayah 20:95(Muusaan) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate?”
قَالَ بَصُرۡتُ بِمَا لَمۡ يَبۡصُرُواْ بِهِۦ فَقَبَضۡتُ قَبۡضَةٗ مِّنۡ أَثَرِ ٱلرَّسُولِ فَنَبَذۡتُهَا وَكَذَٰلِكَ سَوَّلَتۡ لِي نَفۡسِي
Open ayah 20:96(Saamiriyyiin) nijedhe “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbe akka kana Lubbuun tiyya naaf miidhagsite”.
قَالَ فَٱذۡهَبۡ فَإِنَّ لَكَ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ أَن تَقُولَ لَا مِسَاسَۖ وَإِنَّ لَكَ مَوۡعِدٗا لَّن تُخۡلَفَهُۥۖ وَٱنظُرۡ إِلَىٰٓ إِلَٰهِكَ ٱلَّذِي ظَلۡتَ عَلَيۡهِ عَاكِفٗاۖ لَّنُحَرِّقَنَّهُۥ ثُمَّ لَنَنسِفَنَّهُۥ فِي ٱلۡيَمِّ نَسۡفًا
Open ayah 20:97(Muusaanis) ni jedhe: “Deemi jireenya keessatti ‘Nan tuqinaa jechaa jiraachuun siif tahaadha.’ ammas siif beellama ati hin hanbifamnetu siif jira. Gara gabbaramaa kee isa gabbaraa turtee ilaali, Nuti dhugumatti, isa gubna; eegasii (caccabaa isaa) galaana keessatti facaasinsa facaafna.”
إِنَّمَآ إِلَٰهُكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۚ وَسِعَ كُلَّ شَيۡءٍ عِلۡمٗا
Open ayah 20:98Rabbiin keessan Allaah kan Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofa. Inni waan hunda beekumsaan bal'ateera.
كَذَٰلِكَ نَقُصُّ عَلَيۡكَ مِنۡ أَنۢبَآءِ مَا قَدۡ سَبَقَۚ وَقَدۡ ءَاتَيۡنَٰكَ مِن لَّدُنَّا ذِكۡرٗا
Open ayah 20:99Akkuma oduu (warra Fir’awn) kanatti waan dur dabre irraa sitti odeessina, Nuti dhugumatti, nu biraa yaadannoo (Qur’aana) siif kenninee jirra.
مَّنۡ أَعۡرَضَ عَنۡهُ فَإِنَّهُۥ يَحۡمِلُ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وِزۡرًا
Open ayah 20:100Namni isa (Qur’aana) irraa garagale, dhugumatti, inni Guyyaa Qiyaamaa ba’aa (dilii) baadhata.
خَٰلِدِينَ فِيهِۖ وَسَآءَ لَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ حِمۡلٗا
Open ayah 20:101Yeroo hunda isa (adaba ba’aa kanaa) keessa jiraatan, Guyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii ta’uun waa fokkate!
يَوۡمَ يُنفَخُ فِي ٱلصُّورِۚ وَنَحۡشُرُ ٱلۡمُجۡرِمِينَ يَوۡمَئِذٖ زُرۡقٗا
Open ayah 20:102Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu (dubbadhu), Guyyaa san badii raawwattoota (ija) cuquliisa (jaamaa) taasifnee walitti qabna.
يَتَخَٰفَتُونَ بَيۡنَهُمۡ إِن لَّبِثۡتُمۡ إِلَّا عَشۡرٗا
Open ayah 20:103Gidduu isaaniitti “Isin (guyyoota) kudhan malee (addunyaa irra) hin turre” jechuun walitti hasaasu.
نَّحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَا يَقُولُونَ إِذۡ يَقُولُ أَمۡثَلُهُمۡ طَرِيقَةً إِن لَّبِثۡتُمۡ إِلَّا يَوۡمٗا
Open ayah 20:104Nuti waan isaan jedhan beekna yeroo mala irra beekaan isaanii “isin guyyaa tokko malee hin teenye” jedhu .
وَيَسۡـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلۡجِبَالِ فَقُلۡ يَنسِفُهَا رَبِّي نَسۡفٗا
Open ayah 20:105Gaarreen irraas si gaafatu, “Gooftaan kiyya faffacaasuu ishee faffacaasa” jedhiin.
فَيَذَرُهَا قَاعٗا صَفۡصَفٗا
Open ayah 20:106“Lafa wal qixxaa’aa dirree taasisee ishee dhiisa.
لَّا تَرَىٰ فِيهَا عِوَجٗا وَلَآ أَمۡتٗا
Open ayah 20:107Ishee keessatti bu’aa bahiis hin argitu.”
يَوۡمَئِذٖ يَتَّبِعُونَ ٱلدَّاعِيَ لَا عِوَجَ لَهُۥۖ وَخَشَعَتِ ٱلۡأَصۡوَاتُ لِلرَّحۡمَٰنِ فَلَا تَسۡمَعُ إِلَّا هَمۡسٗا
Open ayah 20:108Guyyaa san lallabaa jallinni isaaf hinjirre hordofu; Sagaleewwan Rahmaaniif cal jetti, Shokomsaa malee homaa hin dhageessu.
يَوۡمَئِذٖ لَّا تَنفَعُ ٱلشَّفَٰعَةُ إِلَّا مَنۡ أَذِنَ لَهُ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَرَضِيَ لَهُۥ قَوۡلٗا
Open ayah 20:109Guyyaa san manguddummaan homaa hin fayyaddu; nama Rahmaan isaaf hayyameefi jecha isaas irraa jaallateef malee.
يَعۡلَمُ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡ وَلَا يُحِيطُونَ بِهِۦ عِلۡمٗا
Open ayah 20:110Inni waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniitis beeka, Isaan immoo beekumsaan isa hin marsine
۞وَعَنَتِ ٱلۡوُجُوهُ لِلۡحَيِّ ٱلۡقَيُّومِۖ وَقَدۡ خَابَ مَنۡ حَمَلَ ظُلۡمٗا
Open ayah 20:111Fuulli (Rabbii) jiraataa, waan hundaan dhaabatuuf gadi jette, Dhugumatti, namni miidhaa baadhate hoonga’e.
وَمَن يَعۡمَلۡ مِنَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَهُوَ مُؤۡمِنٞ فَلَا يَخَافُ ظُلۡمٗا وَلَا هَضۡمٗا
Open ayah 20:112Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, miidhaa (hamtuu irratti dabaluu)s ta’ee hirdhina (mindaa isaa) hin sodaatu.
وَكَذَٰلِكَ أَنزَلۡنَٰهُ قُرۡءَانًا عَرَبِيّٗا وَصَرَّفۡنَا فِيهِ مِنَ ٱلۡوَعِيدِ لَعَلَّهُمۡ يَتَّقُونَ أَوۡ يُحۡدِثُ لَهُمۡ ذِكۡرٗا
Open ayah 20:113Akkanatti qur'aana Afaan Arabaa goonee isa (Qur’aana) buufne; isa keessatti akeekkachiisa irraa addeessine. akka isaan sodaataniif yookiin akka gorsa isaaniif haaromsuuf
فَتَعَٰلَى ٱللَّهُ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡحَقُّۗ وَلَا تَعۡجَلۡ بِٱلۡقُرۡءَانِ مِن قَبۡلِ أَن يُقۡضَىٰٓ إِلَيۡكَ وَحۡيُهُۥۖ وَقُل رَّبِّ زِدۡنِي عِلۡمٗا
Open ayah 20:114Egaa Allaahn, mootiin dhugaa, ol ta’eera, Odoo wahyiin isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana (dubbisuutti) hin jarjarin, “(Yaa) Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali” jedhi.
وَلَقَدۡ عَهِدۡنَآ إِلَىٰٓ ءَادَمَ مِن قَبۡلُ فَنَسِيَ وَلَمۡ نَجِدۡ لَهُۥ عَزۡمٗا
Open ayah 20:115Dhugumatti, sana dura Aadamitti beeksisa goonee, dagatee ture, Nuti kutannoo isaaf hin argine.
وَإِذۡ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ أَبَىٰ
Open ayah 20:116Yeroo maleykotaan “Aadamiif sujuuda bu’aa” jenne [yaadadhu]. Ibliisa malee sujuuda bu’an. Inni ni dide.
فَقُلۡنَا يَٰٓـَٔادَمُ إِنَّ هَٰذَا عَدُوّٞ لَّكَ وَلِزَوۡجِكَ فَلَا يُخۡرِجَنَّكُمَا مِنَ ٱلۡجَنَّةِ فَتَشۡقَىٰٓ
Open ayah 20:117Ni jenne: “Yaa Aadam! Dhugumatti, kun diina keetiifi (diina) niitii teetiiti, Jannata keessaa akka isin lamaanuu hin baafne; (yoo jannataa baate) ni rakkatta.
إِنَّ لَكَ أَلَّا تَجُوعَ فِيهَا وَلَا تَعۡرَىٰ
Open ayah 20:118Dhugumatti, ati ishee (jannata) keessatti beela’uu dhabuufi daaruu dhabuunis siif jira.
وَأَنَّكَ لَا تَظۡمَؤُاْ فِيهَا وَلَا تَضۡحَىٰ
Open ayah 20:119Ammas ati ishee keessatti dheebochuu dhabuufi aduun gubachuu dhabuunis siif jira.”
فَوَسۡوَسَ إِلَيۡهِ ٱلشَّيۡطَٰنُ قَالَ يَٰٓـَٔادَمُ هَلۡ أَدُلُّكَ عَلَىٰ شَجَرَةِ ٱلۡخُلۡدِ وَمُلۡكٖ لَّا يَبۡلَىٰ
Open ayah 20:120Sheyxaanni gara isaatti hasaasee: nijedhe “Yaa Aadam! Gara muka (as keessa) turiinsaatiifi mootummaa hin dhabamne irratti si qajeelchuu?”[1]
- hiikkaan muka yoo isa nyaatte zalaalam jannata keessa teessu, mootummaa hindhumne mootuu sigarsiisuu? jedheen sheyxaanni aadamiin.
فَأَكَلَا مِنۡهَا فَبَدَتۡ لَهُمَا سَوۡءَٰتُهُمَا وَطَفِقَا يَخۡصِفَانِ عَلَيۡهِمَا مِن وَرَقِ ٱلۡجَنَّةِۚ وَعَصَىٰٓ ءَادَمُ رَبَّهُۥ فَغَوَىٰ
Open ayah 20:121Isaan lamaan ishee irraa nyaatani; qaamni saalaa isaanii isaaniif mul’atte; baala jannataa irraa of irratti maxxansuu eegalan, Aadam (ajaja) Gooftaa isaa didee dogoggore.
ثُمَّ ٱجۡتَبَٰهُ رَبُّهُۥ فَتَابَ عَلَيۡهِ وَهَدَىٰ
Open ayah 20:122Eegasii Rabbiin isaa isa filatee, isaaf tawbaa qeebalee isa qajeelche.
قَالَ ٱهۡبِطَا مِنۡهَا جَمِيعَۢاۖ بَعۡضُكُمۡ لِبَعۡضٍ عَدُوّٞۖ فَإِمَّا يَأۡتِيَنَّكُم مِّنِّي هُدٗى فَمَنِ ٱتَّبَعَ هُدَايَ فَلَا يَضِلُّ وَلَا يَشۡقَىٰ
Open ayah 20:123(Rabbiin) ni jedhe: “ isin lamaanuu waliin ishee (jannata) irraa (gara dachii) gadi bu’aa, Gariin keessan gariif diina ta’aatii, Ergasii yoo Ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus.
وَمَنۡ أَعۡرَضَ عَن ذِكۡرِي فَإِنَّ لَهُۥ مَعِيشَةٗ ضَنكٗا وَنَحۡشُرُهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ أَعۡمَىٰ
Open ayah 20:124Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphootu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna.”
قَالَ رَبِّ لِمَ حَشَرۡتَنِيٓ أَعۡمَىٰ وَقَدۡ كُنتُ بَصِيرٗا
Open ayah 20:125“Gooftaa kiyya! Odoon (addunyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (har’a) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha.
قَالَ كَذَٰلِكَ أَتَتۡكَ ءَايَٰتُنَا فَنَسِيتَهَاۖ وَكَذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمَ تُنسَىٰ
Open ayah 20:126(Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatte, Atis hardha akkuma kanatti dagatamta.”
وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي مَنۡ أَسۡرَفَ وَلَمۡ يُؤۡمِنۢ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦۚ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَشَدُّ وَأَبۡقَىٰٓ
Open ayah 20:127Akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin galata galchina, azaaba Aakhiraatu irra cimaafi irra hafaadha.
أَفَلَمۡ يَهۡدِ لَهُمۡ كَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّنَ ٱلۡقُرُونِ يَمۡشُونَ فِي مَسَٰكِنِهِمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّأُوْلِي ٱلنُّهَىٰ
Open ayah 20:128Sila isaaniif adda hin baanee dhaloota isaaniin duraa irraa meeqaatama akka balleessine, kan isaan manneen isaanii keessa deemaa jiran, Dhugumatti kana keessa abbootii sammuutiif mallattooleetu jira.
وَلَوۡلَا كَلِمَةٞ سَبَقَتۡ مِن رَّبِّكَ لَكَانَ لِزَامٗا وَأَجَلٞ مُّسَمّٗى
Open ayah 20:129Odoo jechattiin Gooftaa kee irraa dabarteefi beellamni murtaa’e jiraachu baatee, silaa (adabni aaddunyaatti) isaan qabaa ta’a ture.
فَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ قَبۡلَ طُلُوعِ ٱلشَّمۡسِ وَقَبۡلَ غُرُوبِهَاۖ وَمِنۡ ءَانَآيِٕ ٱلَّيۡلِ فَسَبِّحۡ وَأَطۡرَافَ ٱلنَّهَارِ لَعَلَّكَ تَرۡضَىٰ
Open ayah 20:130Waan isaan jedhan irratti obsi, Gooftaa kee galatoomfataa faarsi baha biiftuu duraafi lixa ishee dura. Yeroo halkaniitiifi qarqara guyyaa irraas (Isa) qulqulleessi, (Kunis mindaa inni siif kennu) akka jaallattuufi.
وَلَا تَمُدَّنَّ عَيۡنَيۡكَ إِلَىٰ مَا مَتَّعۡنَا بِهِۦٓ أَزۡوَٰجٗا مِّنۡهُمۡ زَهۡرَةَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا لِنَفۡتِنَهُمۡ فِيهِۚ وَرِزۡقُ رَبِّكَ خَيۡرٞ وَأَبۡقَىٰ
Open ayah 20:131Ija kee lamaan hin diriirsin gara waan Nuti isaaniin qananiifnee, gareewwan adda addaa isaan irraa ta’an.kan miidhagina jireenya addunyaa ta’ee, akka isa keessatti isaan mokkoruuf jecha, Kennaa Rabbii keetiitu caalaafi irra hafaadha.
وَأۡمُرۡ أَهۡلَكَ بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱصۡطَبِرۡ عَلَيۡهَاۖ لَا نَسۡـَٔلُكَ رِزۡقٗاۖ نَّحۡنُ نَرۡزُقُكَۗ وَٱلۡعَٰقِبَةُ لِلتَّقۡوَىٰ
Open ayah 20:132Maatii kee salaatatti ajaji; ishee irrattis obsi, Nuti hiree si hin gaafannu, Nutu si soora. Booddeen (gaariin) warra Rabbi sodaatuufi.
وَقَالُواْ لَوۡلَا يَأۡتِينَا بِـَٔايَةٖ مِّن رَّبِّهِۦٓۚ أَوَلَمۡ تَأۡتِهِم بَيِّنَةُ مَا فِي ٱلصُّحُفِ ٱلۡأُولَىٰ
Open ayah 20:133Ni jedhan: “Maaliif Gooftaa isaa irraa mallattoon nutti hin dhufne?” Sila ragaan ifa taate kan kitaabota durii keessa jirtu isaanitti hin dhufnee?
وَلَوۡ أَنَّآ أَهۡلَكۡنَٰهُم بِعَذَابٖ مِّن قَبۡلِهِۦ لَقَالُواْ رَبَّنَا لَوۡلَآ أَرۡسَلۡتَ إِلَيۡنَا رَسُولٗا فَنَتَّبِعَ ءَايَٰتِكَ مِن قَبۡلِ أَن نَّذِلَّ وَنَخۡزَىٰ
Open ayah 20:134Odoo Nuti isa (Rasuula -SAW) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni jedhu turan: “Gooftaa keenya! Odoo ergamaa gara keenyatti ergitee, silaa odoo salphinaafi xiqqeenyi nu hin mudatin dura keeyyattoota kee hordofna turre.”
قُلۡ كُلّٞ مُّتَرَبِّصٞ فَتَرَبَّصُواْۖ فَسَتَعۡلَمُونَ مَنۡ أَصۡحَٰبُ ٱلصِّرَٰطِ ٱلسَّوِيِّ وَمَنِ ٱهۡتَدَىٰ
Open ayah 20:135(Yaa Muhammad!): jedhi “Hunduu eegaadha, Isinis eegaa, Namni warra karaa sirrii ta’eefi namni qajeele (nuufii isin keessaa) eenyuun akka ta’e beekuuf jirtu”.