مريم
Maryam
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
كٓهيعٓصٓ
Open ayah 19:1Kaaf Haa Yaa Ayn Saade
ذِكۡرُ رَحۡمَتِ رَبِّكَ عَبۡدَهُۥ زَكَرِيَّآ
Open ayah 19:2(Kun) rahmata gooftaan kee Gabricha Isaa Zakariyyaaf (godhe) dubbachuudha.
إِذۡ نَادَىٰ رَبَّهُۥ نِدَآءً خَفِيّٗا
Open ayah 19:3Yeroo inni Rabbii Isaa waamicha dhoksaa waame (dubbadhu).
قَالَ رَبِّ إِنِّي وَهَنَ ٱلۡعَظۡمُ مِنِّي وَٱشۡتَعَلَ ٱلرَّأۡسُ شَيۡبٗا وَلَمۡ أَكُنۢ بِدُعَآئِكَ رَبِّ شَقِيّٗا
Open ayah 19:4Nijedhe “Rabbii kiyya! Ani lafeen kiyya na laafe; mataan kiyyas Arrii makatee; Rabbii kiyya ani kadhaa keetiin hoonga’aa hin taane”.
وَإِنِّي خِفۡتُ ٱلۡمَوَٰلِيَ مِن وَرَآءِي وَكَانَتِ ٱمۡرَأَتِي عَاقِرٗا فَهَبۡ لِي مِن لَّدُنكَ وَلِيّٗا
Open ayah 19:5“Ani booda kootii firoota kiyya sodaadheen jira. Niitiin kiyyas maseentuudha. Suma biraa ilma naaf kenni.
يَرِثُنِي وَيَرِثُ مِنۡ ءَالِ يَعۡقُوبَۖ وَٱجۡعَلۡهُ رَبِّ رَضِيّٗا
Open ayah 19:6“Kan (amantii kiyya) na dhaaluufi kan sanyii Ya’aquub irraas dhaalu, Yaa Gooftaa kiyya! Jaallatamaa isa taasisi.”
يَٰزَكَرِيَّآ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَٰمٍ ٱسۡمُهُۥ يَحۡيَىٰ لَمۡ نَجۡعَل لَّهُۥ مِن قَبۡلُ سَمِيّٗا
Open ayah 19:7(Rabbiin ni jedhe): “Yaa Zakariyyaa! Nuti ilma maqaan isaa Yahyaa ta’een sigammachiifna. kan ammaan dura moggoo isaaf hingodhin (kan maqaa isaa namni biroo hinbaafatin)”
قَالَ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي غُلَٰمٞ وَكَانَتِ ٱمۡرَأَتِي عَاقِرٗا وَقَدۡ بَلَغۡتُ مِنَ ٱلۡكِبَرِ عِتِيّٗا
Open ayah 19:8(Zakariyyaan) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! akkamitti ilmi naaf ta’a? Odoo jaartiin too maseena taatee jirtuu, anis dulluma irraa hoonga ga’ee jiruu ?”
قَالَ كَذَٰلِكَ قَالَ رَبُّكَ هُوَ عَلَيَّ هَيِّنٞ وَقَدۡ خَلَقۡتُكَ مِن قَبۡلُ وَلَمۡ تَكُ شَيۡـٔٗا
Open ayah 19:9Ni jedhe “(Dhimmichi) akkuma kana, Rabbiin kee ‘Kun anarratti laafaadha jedhe. ani kana dura si’ii homaa hin turin si uumeen jira.”
قَالَ رَبِّ ٱجۡعَل لِّيٓ ءَايَةٗۖ قَالَ ءَايَتُكَ أَلَّا تُكَلِّمَ ٱلنَّاسَ ثَلَٰثَ لَيَالٖ سَوِيّٗا
Open ayah 19:10(Zakariyyaan) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Mallattoo naaf godhi.” (Rabbiin) ni jedhe: “Mallattoon kee halkan sadihiif (guyyaa sadihiif) odoo fayyaa qabduu (Zikrii malee) nama dubbisuu dhabuudha (dadhabuudha).”
فَخَرَجَ عَلَىٰ قَوۡمِهِۦ مِنَ ٱلۡمِحۡرَابِ فَأَوۡحَىٰٓ إِلَيۡهِمۡ أَن سَبِّحُواْ بُكۡرَةٗ وَعَشِيّٗا
Open ayah 19:11Mihraabarraa ummata isaa irratti gadi ba’ee, ganamaafi galgala Rabbiin qulqulleessuu (mallattoon) itti beeksise.
يَٰيَحۡيَىٰ خُذِ ٱلۡكِتَٰبَ بِقُوَّةٖۖ وَءَاتَيۡنَٰهُ ٱلۡحُكۡمَ صَبِيّٗا
Open ayah 19:12“Yaa Yahyaa! Kitaabicha ciminaan qabadhu” (jenneen). Beekumsa (ogummaa) ijoollummaan isaaf kennine.
وَحَنَانٗا مِّن لَّدُنَّا وَزَكَوٰةٗۖ وَكَانَ تَقِيّٗا
Open ayah 19:13Mararfannaa Nu biraa ta’eefi qulqullinas (isaaf kenninee jirra). Inni (Rabbiin) sodaataa ta’eera.
وَبَرَّۢا بِوَٰلِدَيۡهِ وَلَمۡ يَكُن جَبَّارًا عَصِيّٗا
Open ayah 19:14Haadhaafi abbaa isaatiifis tola oolaa ta’eera, Of tuulaa, dilaawaa hin taane.
وَسَلَٰمٌ عَلَيۡهِ يَوۡمَ وُلِدَ وَيَوۡمَ يَمُوتُ وَيَوۡمَ يُبۡعَثُ حَيّٗا
Open ayah 19:15Nageenyi isarratti haajiraatu, guyyaa inni dhalate, guyyaa inni du’uufi guyyaa inni jiraataa tahee kaafamus.
وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مَرۡيَمَ إِذِ ٱنتَبَذَتۡ مِنۡ أَهۡلِهَا مَكَانٗا شَرۡقِيّٗا
Open ayah 19:16Kitaabicha (Qur’aana) keessatti Maryamiin yeroo maatii ishee irraa iddoo gara bahaatti achi baate dubbadhu.
فَٱتَّخَذَتۡ مِن دُونِهِمۡ حِجَابٗا فَأَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهَا رُوحَنَا فَتَمَثَّلَ لَهَا بَشَرٗا سَوِيّٗا
Open ayah 19:17Isaan irraa haguuggaa godhattee, ergamaa keenya (Jibriiliin) gara isiitti eregine, Inni nama (uumaan isaa) guutuu isiitti fakkaate.
قَالَتۡ إِنِّيٓ أَعُوذُ بِٱلرَّحۡمَٰنِ مِنكَ إِن كُنتَ تَقِيّٗا
Open ayah 19:18Ni jette: “Ani sirraa Rahmaanitti maganfadha. Yoo kan (Rabbiin) sodaattu taateef (naa tuqin)”
قَالَ إِنَّمَآ أَنَا۠ رَسُولُ رَبِّكِ لِأَهَبَ لَكِ غُلَٰمٗا زَكِيّٗا
Open ayah 19:19(Jibriil) nijedhe “Ani ergamaa Rabbii keetiiti; ilma qulqulluu siif kennuuf (Rabbiin na erge)”.
قَالَتۡ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي غُلَٰمٞ وَلَمۡ يَمۡسَسۡنِي بَشَرٞ وَلَمۡ أَكُ بَغِيّٗا
Open ayah 19:20Ni jette: “akkamitti ilmi naaf ta’a Odoo namni tokko nan tuqin; sagaagaltuus odoon hin ta’in?”
قَالَ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِ هُوَ عَلَيَّ هَيِّنٞۖ وَلِنَجۡعَلَهُۥٓ ءَايَةٗ لِّلنَّاسِ وَرَحۡمَةٗ مِّنَّاۚ وَكَانَ أَمۡرٗا مَّقۡضِيّٗا
Open ayah 19:21Innis ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kana, Gooftaan kee ‘kuni narratti laafaadha; Namootaaf raajiifi rahmata Nu irraa ta’es isa godhuufi” jedhe. (Kun) dhimma murtaa’e ta’eera.
۞فَحَمَلَتۡهُ فَٱنتَبَذَتۡ بِهِۦ مَكَانٗا قَصِيّٗا
Open ayah 19:22Isa ulfoofte; kophaa ishee gara bakka fagoo isaan deemte.
فَأَجَآءَهَا ٱلۡمَخَاضُ إِلَىٰ جِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ قَالَتۡ يَٰلَيۡتَنِي مِتُّ قَبۡلَ هَٰذَا وَكُنتُ نَسۡيٗا مَّنسِيّٗا
Open ayah 19:23Ciniinsuun gara gufuu timiraa ishee maqse, Ni jette: “Yaa gaabbii kiyya! Odoo kana dura du’ee, wan dagatamee hafe ta’ee maal qaba!”
فَنَادَىٰهَا مِن تَحۡتِهَآ أَلَّا تَحۡزَنِي قَدۡ جَعَلَ رَبُّكِ تَحۡتَكِ سَرِيّٗا
Open ayah 19:24Ishee jalaa “Hin gaddin; dhugumatti, Gooftaan kee jala keetti laga xiqqoo taasiseera” jechuun isheetti lallabe.
وَهُزِّيٓ إِلَيۡكِ بِجِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ تُسَٰقِطۡ عَلَيۡكِ رُطَبٗا جَنِيّٗا
Open ayah 19:25“Muka timiraa gara keetti hurgufi; asheeta timira bilchaataa ta’e sirratti harcaafti.
فَكُلِي وَٱشۡرَبِي وَقَرِّي عَيۡنٗاۖ فَإِمَّا تَرَيِنَّ مِنَ ٱلۡبَشَرِ أَحَدٗا فَقُولِيٓ إِنِّي نَذَرۡتُ لِلرَّحۡمَٰنِ صَوۡمٗا فَلَنۡ أُكَلِّمَ ٱلۡيَوۡمَ إِنسِيّٗا
Open ayah 19:26Nyaadhu, dhugii; ijaanis itti gammadi. Yoo ilma namarraa tokko argite jedhiin ‘ani Rahmaaniif callisuu qodhaa (nazrii) galeen jira, hardha nama tokkos hin dubbisu”.
فَأَتَتۡ بِهِۦ قَوۡمَهَا تَحۡمِلُهُۥۖ قَالُواْ يَٰمَرۡيَمُ لَقَدۡ جِئۡتِ شَيۡـٔٗا فَرِيّٗا
Open ayah 19:27Isa baadhattee gara ummata ishee dhufte, [Isaan] ni jedhan: “Yaa Maryam! Dhugumatti ati waan akkaan hamtuu hojjatte.
يَٰٓأُخۡتَ هَٰرُونَ مَا كَانَ أَبُوكِ ٱمۡرَأَ سَوۡءٖ وَمَا كَانَتۡ أُمُّكِ بَغِيّٗا
Open ayah 19:28Yaa obboleettii Haaruun! Abbaan kee nama badaa hin turre; haati teetis sagaagaltuu hin turre.”
فَأَشَارَتۡ إِلَيۡهِۖ قَالُواْ كَيۡفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِي ٱلۡمَهۡدِ صَبِيّٗا
Open ayah 19:29(Isiinis) gara isaatti akeekte, [Isaan] nijedhan “Akkamitti daaima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?”.
قَالَ إِنِّي عَبۡدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِيَ ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلَنِي نَبِيّٗا
Open ayah 19:30(daa’imichi) ni jedhe: “ ani gabricha Rabbiiti, Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.
وَجَعَلَنِي مُبَارَكًا أَيۡنَ مَا كُنتُ وَأَوۡصَٰنِي بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ مَا دُمۡتُ حَيّٗا
Open ayah 19:31essalee jiraadhu barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naatti dhaamee jira.
وَبَرَّۢا بِوَٰلِدَتِي وَلَمۡ يَجۡعَلۡنِي جَبَّارٗا شَقِيّٗا
Open ayah 19:32Haadha tiyyaaf tola oolaa (na godhe); of tuulaa hoonga’aa, nan taasifne.
وَٱلسَّلَٰمُ عَلَيَّ يَوۡمَ وُلِدتُّ وَيَوۡمَ أَمُوتُ وَيَوۡمَ أُبۡعَثُ حَيّٗا
Open ayah 19:33Nageenyi narratti jiraata Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uufi guyyaa ani kaafamuus ”.
ذَٰلِكَ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَۖ قَوۡلَ ٱلۡحَقِّ ٱلَّذِي فِيهِ يَمۡتَرُونَ
Open ayah 19:34(kan waayee isaarraa dubbatame kun) Kun Iisaa ilma Maryami; inni jecha dhugaa kan isaan isa keessatti shakkaniidha.
مَا كَانَ لِلَّهِ أَن يَتَّخِذَ مِن وَلَدٖۖ سُبۡحَٰنَهُۥٓۚ إِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرٗا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ
Open ayah 19:35Rabbiif ilma taasifachuun hin malu, Inni qulqullaa’e, Yeroo dhimma tokko murteesse, wanti Inni jedhu “ta’i” jechuu qofa; innis yoosuu ta’a.
وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّي وَرَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٞ مُّسۡتَقِيمٞ
Open ayah 19:36(Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani, Kanaaf Isa qofa gabbaraa, kun karaa qajeelaadha”(jedhe.)
فَٱخۡتَلَفَ ٱلۡأَحۡزَابُ مِنۢ بَيۡنِهِمۡۖ فَوَيۡلٞ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن مَّشۡهَدِ يَوۡمٍ عَظِيمٍ
Open ayah 19:37Gareewwan (yahuudaafi nasaaraa) gidduu isaaniitti (waa’ee Iisaa irratti) wal dhaban; warra kafaraniif halaakni tahe wal gayii guyyaa guddaa (Qiyaamaa) san keessatti.
أَسۡمِعۡ بِهِمۡ وَأَبۡصِرۡ يَوۡمَ يَأۡتُونَنَا لَٰكِنِ ٱلظَّٰلِمُونَ ٱلۡيَوۡمَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
Open ayah 19:38Maaltu akkaan dhaga’oo argoo isaan taasise, (Kaafiroonni) guyyaa isaan Nutti dhufan. Garuu hardha miidhaa raawwattoonni jallina ifaa ta’e keessa jiru.
وَأَنذِرۡهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡحَسۡرَةِ إِذۡ قُضِيَ ٱلۡأَمۡرُ وَهُمۡ فِي غَفۡلَةٖ وَهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ
Open ayah 19:39Guyyaa Gaabbii san isaan sodaachisi, yeroo dhimmichi murtaa’u Haala isaan daguu keessatti ta’aniin isaanII hin amanin.
إِنَّا نَحۡنُ نَرِثُ ٱلۡأَرۡضَ وَمَنۡ عَلَيۡهَا وَإِلَيۡنَا يُرۡجَعُونَ
Open ayah 19:40Nuti Numatu dachiifi waan ishee irra jiru dhaala; garuma keenya deebifamus.
وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ إِبۡرَٰهِيمَۚ إِنَّهُۥ كَانَ صِدِّيقٗا نَّبِيًّا
Open ayah 19:41Kitaaba keessatti Ibraahiim dubbadhu, inni nama akkaan dhugaa dubbataa, nabiyyii ture.
إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ يَٰٓأَبَتِ لِمَ تَعۡبُدُ مَا لَا يَسۡمَعُ وَلَا يُبۡصِرُ وَلَا يُغۡنِي عَنكَ شَيۡـٔٗا
Open ayah 19:42Yeroo inni abbaa isaatiin jedhe “Yaa abbaa kiyya! Maaliif waan hin dhageenye, hin argineefi homaa sirraa deebisuu hin dandeenye gabbarta?”(dubbadhu).
يَٰٓأَبَتِ إِنِّي قَدۡ جَآءَنِي مِنَ ٱلۡعِلۡمِ مَا لَمۡ يَأۡتِكَ فَٱتَّبِعۡنِيٓ أَهۡدِكَ صِرَٰطٗا سَوِيّٗا
Open ayah 19:43“Yaa abbaa koo! Dhugumatti, ani beekumsa irraa wanti sitti hin dhufin natti dhufee jira. na hordofi; ani karaa sirraawaan si qajeelcha.
يَٰٓأَبَتِ لَا تَعۡبُدِ ٱلشَّيۡطَٰنَۖ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ كَانَ لِلرَّحۡمَٰنِ عَصِيّٗا
Open ayah 19:44Yaa abbaa koo! Sheyxaana hin gabbarin; sheyxaanni Rahmaanitti fincilaa ta’eera.
يَٰٓأَبَتِ إِنِّيٓ أَخَافُ أَن يَمَسَّكَ عَذَابٞ مِّنَ ٱلرَّحۡمَٰنِ فَتَكُونَ لِلشَّيۡطَٰنِ وَلِيّٗا
Open ayah 19:45Yaa abbaa koo! ani Rahmaan irraa adabbiin si tuquun sodaadha, atis sheyxaanaaf jaalallee ta’uu keen (sodaadha)”.
قَالَ أَرَاغِبٌ أَنتَ عَنۡ ءَالِهَتِي يَٰٓإِبۡرَٰهِيمُۖ لَئِن لَّمۡ تَنتَهِ لَأَرۡجُمَنَّكَۖ وَٱهۡجُرۡنِي مَلِيّٗا
Open ayah 19:46(Abbaan isaa) nijedhe “Yaa Ibraahiim! Ati gabbaramtoota kiyya (jibbitee) irraa garagaltaa? Yoo hin dhorgamne, ani dhagaaniin si tuma (si cafaqa), Yeroo dheeraaf narraa fagaadhu”.
قَالَ سَلَٰمٌ عَلَيۡكَۖ سَأَسۡتَغۡفِرُ لَكَ رَبِّيٓۖ إِنَّهُۥ كَانَ بِي حَفِيّٗا
Open ayah 19:47(Ibraahiim) nijedhe “Nageenyi sirra haa jiraatu! Ani Rabbii kiyyan araarama siif kadha, Inni akkaan rahmata naaf godhaa ta’eera”.
وَأَعۡتَزِلُكُمۡ وَمَا تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَأَدۡعُواْ رَبِّي عَسَىٰٓ أَلَّآ أَكُونَ بِدُعَآءِ رَبِّي شَقِيّٗا
Open ayah 19:48“Isiniifi wantoota isin Rabbiin gaditti gabbartan irraan fagaadha. Gooftaa kiyya qofan gabbara, kadhaa gooftaa kiyyaatiin hoonga’aa ta’uu dhabuu koon abdadha”.
فَلَمَّا ٱعۡتَزَلَهُمۡ وَمَا يَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَهَبۡنَا لَهُۥٓ إِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَۖ وَكُلّٗا جَعَلۡنَا نَبِيّٗا
Open ayah 19:49Yeroma inni isaaniifi waan isaan Rabbii gaditti gabbaran irraa fagaatu, Isihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennine, Hunda isaanii nabiyyii taasifne.
وَوَهَبۡنَا لَهُم مِّن رَّحۡمَتِنَا وَجَعَلۡنَا لَهُمۡ لِسَانَ صِدۡقٍ عَلِيّٗا
Open ayah 19:50Rahmata keenya irraas isaaniif kennine, Gaariin dubbatamuu (faaruu) ol fuudhamaas isaaniif goone.
وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مُوسَىٰٓۚ إِنَّهُۥ كَانَ مُخۡلَصٗا وَكَانَ رَسُولٗا نَّبِيّٗا
Open ayah 19:51Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Muusaa dubbadhu, inni filatamaa ta’ee jira; ergamaa, nabiyyii ta’eera.
وَنَٰدَيۡنَٰهُ مِن جَانِبِ ٱلطُّورِ ٱلۡأَيۡمَنِ وَقَرَّبۡنَٰهُ نَجِيّٗا
Open ayah 19:52Nuti moggaa mirga (gaara) Xuur irraa isatti lallabnee, maqoo itti haasa’uunis (of itti) isa dhiheessine!
وَوَهَبۡنَا لَهُۥ مِن رَّحۡمَتِنَآ أَخَاهُ هَٰرُونَ نَبِيّٗا
Open ayah 19:53Tola keenya irraa obboleessa isaa Haaruuniin nabiyyii (taasifnee) isaaf kennine.
وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ إِسۡمَٰعِيلَۚ إِنَّهُۥ كَانَ صَادِقَ ٱلۡوَعۡدِ وَكَانَ رَسُولٗا نَّبِيّٗا
Open ayah 19:54Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Ismaa’iil dubbadhu, inni beellama kabajaa ta’ee jira, Ergamaa, nabiyyii ta’ee jira.
وَكَانَ يَأۡمُرُ أَهۡلَهُۥ بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ وَكَانَ عِندَ رَبِّهِۦ مَرۡضِيّٗا
Open ayah 19:55Maatii (ummata) isaas salaatafi zakaatti kan ajaju ture. Gooftaa isaa biratti jaallatamaa ture.
وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ إِدۡرِيسَۚ إِنَّهُۥ كَانَ صِدِّيقٗا نَّبِيّٗا
Open ayah 19:56Kitaaba keessatti Idriisiin dubbadhu, inni dhugaa dubbataa, nabiyyii ture.
وَرَفَعۡنَٰهُ مَكَانًا عَلِيًّا
Open ayah 19:57Iddoo ol aanaattis ol isa fuunee jirra.
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ مِن ذُرِّيَّةِ ءَادَمَ وَمِمَّنۡ حَمَلۡنَا مَعَ نُوحٖ وَمِن ذُرِّيَّةِ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡرَٰٓءِيلَ وَمِمَّنۡ هَدَيۡنَا وَٱجۡتَبَيۡنَآۚ إِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُ ٱلرَّحۡمَٰنِ خَرُّواْۤ سُجَّدٗاۤ وَبُكِيّٗا۩
Open ayah 19:58Isaan sun warra Rabbiin isaan irratti tola oole; nabiyyoota ilmaan Aadam irraa ta’anii, warra Nuuhii wajjiin (doonii irratti) yaabbachiifne irraa ta’anii, ilmaan Ibraahiimiifi Israa’iil irraas ta’anii, warra Nuti qajeelchinee filanne irraas kan ta’aniidha, Kan yeroo keeyyattoonni Rahmaan isaan irratti dubbifamtu sujuudaafi booyaa kufaniidha.[1]
- asittis sujuuda qaraatiittu (tilaawaattu) barbaachisa.
۞فَخَلَفَ مِنۢ بَعۡدِهِمۡ خَلۡفٌ أَضَاعُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَٱتَّبَعُواْ ٱلشَّهَوَٰتِۖ فَسَوۡفَ يَلۡقَوۡنَ غَيًّا
Open ayah 19:59Isaan boodaas bakka bu’oota (gadhee)tu bakka bu'e. kan salaata miidhaniifi fedhaalee lubbuu isaanii hordofan. Hallayyaa jahannam quunnamuuf jiru.
إِلَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا فَأُوْلَٰٓئِكَ يَدۡخُلُونَ ٱلۡجَنَّةَ وَلَا يُظۡلَمُونَ شَيۡـٔٗا
Open ayah 19:60Nama tawbatee, amanee, gaarii hojjate malee Warri sun jannata seenu; homaa hin miidhamanu.
جَنَّٰتِ عَدۡنٍ ٱلَّتِي وَعَدَ ٱلرَّحۡمَٰنُ عِبَادَهُۥ بِٱلۡغَيۡبِۚ إِنَّهُۥ كَانَ وَعۡدُهُۥ مَأۡتِيّٗا
Open ayah 19:61Jannatoowwan qubsumaa ishee Rahmaan gabroota Isaatiif fagootti waadaa gale (seenu). Inni waadaan Isaa dhufamaa ta’eera
لَّا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوًا إِلَّا سَلَٰمٗاۖ وَلَهُمۡ رِزۡقُهُمۡ فِيهَا بُكۡرَةٗ وَعَشِيّٗا
Open ayah 19:62Nagaa (wal gaafachuu) malee ishee keessatti haasa’a fokkataa hin dhagayan. Ishee keessatti isaaniif sooranni isaanii ganamaafi galgala jira.
تِلۡكَ ٱلۡجَنَّةُ ٱلَّتِي نُورِثُ مِنۡ عِبَادِنَا مَن كَانَ تَقِيّٗا
Open ayah 19:63Jannatni sun ishee gabroota keenya irraa namoota Rabbiin sodaatan dhaalchifnuudha.
وَمَا نَتَنَزَّلُ إِلَّا بِأَمۡرِ رَبِّكَۖ لَهُۥ مَا بَيۡنَ أَيۡدِينَا وَمَا خَلۡفَنَا وَمَا بَيۡنَ ذَٰلِكَۚ وَمَا كَانَ رَبُّكَ نَسِيّٗا
Open ayah 19:64Nuti (maleykonni) ajaja Gooftaa keetiitiin ala hin buunu, Wanti fuuldura keenyaa, wanti duuba keenyaafi wanti gidduu sana jirus kan Isaati, Gooftaan kee dagataa hin taane.
رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا فَٱعۡبُدۡهُ وَٱصۡطَبِرۡ لِعِبَٰدَتِهِۦۚ هَلۡ تَعۡلَمُ لَهُۥ سَمِيّٗا
Open ayah 19:65(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii jiraniiti. Isa (qofa) gabbari; gabbartii isaarratti obsi. Sila Isaaf moggoo (fakkaataa) wahii ni beektaa?
وَيَقُولُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَءِذَا مَا مِتُّ لَسَوۡفَ أُخۡرَجُ حَيًّا
Open ayah 19:66Namni nijedha “Sila ani ergan du’ee lubbuun jiraadhee (qabrii) baafamaa?”.
أَوَلَا يَذۡكُرُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَنَّا خَلَقۡنَٰهُ مِن قَبۡلُ وَلَمۡ يَكُ شَيۡـٔٗا
Open ayah 19:67Sila namni hin yaadatuu akka Nuti kanaan dura isa uumne, ka waa argamaa hintahin?
فَوَرَبِّكَ لَنَحۡشُرَنَّهُمۡ وَٱلشَّيَٰطِينَ ثُمَّ لَنُحۡضِرَنَّهُمۡ حَوۡلَ جَهَنَّمَ جِثِيّٗا
Open ayah 19:68Gooftaa keetiin kakannee! Dhugumatti, isaaniifi sheyxaanota walitti qabna, ergasii moggaa jahannamitti jilbeenfatoo taasifnee isaan fidna.
ثُمَّ لَنَنزِعَنَّ مِن كُلِّ شِيعَةٍ أَيُّهُمۡ أَشَدُّ عَلَى ٱلرَّحۡمَٰنِ عِتِيّٗا
Open ayah 19:69Eegasii garee hunda irraa isaan Rahmaan irratti jallinatti irra cimoo ta’an ni baafna.
ثُمَّ لَنَحۡنُ أَعۡلَمُ بِٱلَّذِينَ هُمۡ أَوۡلَىٰ بِهَا صِلِيّٗا
Open ayah 19:70Ergasii, dhugumatti, Nuti (isaan irraa) warra ishee (Ibidda) seenuu qaban ni beekna.
وَإِن مِّنكُمۡ إِلَّا وَارِدُهَاۚ كَانَ عَلَىٰ رَبِّكَ حَتۡمٗا مَّقۡضِيّٗا
Open ayah 19:71Isin irraa eenyulleen ishee bu'u malee hin hafu, Dirqama Rabbii keetiin murteeffameedha.[1]
- kuni hiikkaan isaa hundi namaa riqicha siraax jedhamu kan hallayyaa ibiddaarra diriirfame irra ceha jechuudha. namni badii hinqabne ibidda hinseenu waan taheef.
ثُمَّ نُنَجِّي ٱلَّذِينَ ٱتَّقَواْ وَّنَذَرُ ٱلظَّٰلِمِينَ فِيهَا جِثِيّٗا
Open ayah 19:72Sana booda warra Rabbiin sodaatan nagaa baafna; warra miidhaa hojjatan immoo ishee keessatti jilbiiffatoo taasifnee (isaan) dhiifna.
وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٖ قَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَيُّ ٱلۡفَرِيقَيۡنِ خَيۡرٞ مَّقَامٗا وَأَحۡسَنُ نَدِيّٗا
Open ayah 19:73Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifaman kaafiroonni mu’uminootaan nijedhan “Garee lamaan keessaa isa kamtu caalmaa sadarkaatiifi miidhagina teessoo qaba?”.
وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّن قَرۡنٍ هُمۡ أَحۡسَنُ أَثَٰثٗا وَرِءۡيٗا
Open ayah 19:74Isaaniin dura dhaloota heddu kan meeshaa mana keessaatiifi argaa ijaattis isaan caalaa babbareedoo ta’an balleessinee jirra?
قُلۡ مَن كَانَ فِي ٱلضَّلَٰلَةِ فَلۡيَمۡدُدۡ لَهُ ٱلرَّحۡمَٰنُ مَدًّاۚ حَتَّىٰٓ إِذَا رَأَوۡاْ مَا يُوعَدُونَ إِمَّا ٱلۡعَذَابَ وَإِمَّا ٱلسَّاعَةَ فَسَيَعۡلَمُونَ مَنۡ هُوَ شَرّٞ مَّكَانٗا وَأَضۡعَفُ جُندٗا
Open ayah 19:75Jedhi (Yaa Muhammad!-SAW): “Nama jallina keessa jiru Rahmaan (jallina inni filate) akkaan isaaf haa dabalu; hanga waan waadaa isaaniif galame, adabbii yookiin Qiyaamaa argan, nama iddoon isaa irra badaafi raayyaa waraanaatti irra dadhabaa ta’e fuulduratti ni beeku.
وَيَزِيدُ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ٱهۡتَدَوۡاْ هُدٗىۗ وَٱلۡبَٰقِيَٰتُ ٱلصَّٰلِحَٰتُ خَيۡرٌ عِندَ رَبِّكَ ثَوَابٗا وَخَيۡرٞ مَّرَدًّا
Open ayah 19:76Rabbiin warra qajeelaniif qajeeluma dabala, Hojiiwwan gaggaarii haftuu taateetu Rabbii kee biratti mindaadhaan caalaadha; deebiidhaanis isatu (irra) caalaadha.
أَفَرَءَيۡتَ ٱلَّذِي كَفَرَ بِـَٔايَٰتِنَا وَقَالَ لَأُوتَيَنَّ مَالٗا وَوَلَدًا
Open ayah 19:77Sila isa keeyyattoota keenyatti kafaree hinarginee ati? kan “Ani dhugumatti, qabeenyaafi ilmaan kennamuufin jira” jedhe.
أَطَّلَعَ ٱلۡغَيۡبَ أَمِ ٱتَّخَذَ عِندَ ٱلرَّحۡمَٰنِ عَهۡدٗا
Open ayah 19:78Sila (iccitii) fagoo irratti mul’atemoo Rahmaan biratti waadaa wahii godhate?
كَلَّاۚ سَنَكۡتُبُ مَا يَقُولُ وَنَمُدُّ لَهُۥ مِنَ ٱلۡعَذَابِ مَدّٗا
Open ayah 19:79Lakki; (kun hin ta’u) Nuti waan inni jedhu ni barreessina; azaabarraa dabaltii (isaaf malu) isaaf daballa.
وَنَرِثُهُۥ مَا يَقُولُ وَيَأۡتِينَا فَرۡدٗا
Open ayah 19:80Waan inni (qaba) jedhu (hunda) irraa dhaalla; inni kophaa isaa Nutti dhufa.
وَٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ ءَالِهَةٗ لِّيَكُونُواْ لَهُمۡ عِزّٗا
Open ayah 19:81Rabbii achitti gabbaramtoota godhatan Akka humnaafi kabajaa isaaniif ta’aniif jecha.
كَلَّاۚ سَيَكۡفُرُونَ بِعِبَادَتِهِمۡ وَيَكُونُونَ عَلَيۡهِمۡ ضِدًّا
Open ayah 19:82Lakkisaa; (kun waan ta’uu miti) isaan fuulduratti gabbaruu isaanii ni mormu; isaan irrattis faallaa tahu.
أَلَمۡ تَرَ أَنَّآ أَرۡسَلۡنَا ٱلشَّيَٰطِينَ عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ تَؤُزُّهُمۡ أَزّٗا
Open ayah 19:83Sila ati hinarginee akka Nuti kaafiroota irratti sheyxaanota erginee (badii irratti) kakaasiinsa isaan kakaafti.
فَلَا تَعۡجَلۡ عَلَيۡهِمۡۖ إِنَّمَا نَعُدُّ لَهُمۡ عَدّٗا
Open ayah 19:84Isaan (adabamuu) irratti hin jerjerin; Nuti lakkoofsa (guyyootaa) isaaniif lakkooyna.
يَوۡمَ نَحۡشُرُ ٱلۡمُتَّقِينَ إِلَى ٱلرَّحۡمَٰنِ وَفۡدٗا
Open ayah 19:85Guyyaa warra Rabbiin sodaatan gara Rahmaanitti jiila (garee kabajamoo) taasifnee isaan walitti qabnu [yaadadhu].
وَنَسُوقُ ٱلۡمُجۡرِمِينَ إِلَىٰ جَهَنَّمَ وِرۡدٗا
Open ayah 19:86Badii raawwattoota immoo dheebotoo taasifnee gara Jahannam oofna.
لَّا يَمۡلِكُونَ ٱلشَّفَٰعَةَ إِلَّا مَنِ ٱتَّخَذَ عِندَ ٱلرَّحۡمَٰنِ عَهۡدٗا
Open ayah 19:87Nama Rahmaan biraa waadaa qabate malee araarsaa argachuu hin danda’anu.
وَقَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَلَدٗا
Open ayah 19:88“Rahmaan ilma godhate” jedhan.
لَّقَدۡ جِئۡتُمۡ شَيۡـًٔا إِدّٗا
Open ayah 19:89Dhugumatti, isin waan fokkataa fiddaniirtu.
تَكَادُ ٱلسَّمَٰوَٰتُ يَتَفَطَّرۡنَ مِنۡهُ وَتَنشَقُّ ٱلۡأَرۡضُ وَتَخِرُّ ٱلۡجِبَالُ هَدًّا
Open ayah 19:90(Kana) irraa samiileen babbaqaquu, dachiin dhodhooyuufi gaarreen caccabanii kufuuf dhiaatu (fiddan).
أَن دَعَوۡاْ لِلرَّحۡمَٰنِ وَلَدٗا
Open ayah 19:91Rahmaaniif ilma moggaasuu irraa (babbaqaqutti dhiaatu).
وَمَا يَنۢبَغِي لِلرَّحۡمَٰنِ أَن يَتَّخِذَ وَلَدًا
Open ayah 19:92Rahmaan ilma godhachuun isaaf hin malu.
إِن كُلُّ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ إِلَّآ ءَاتِي ٱلرَّحۡمَٰنِ عَبۡدٗا
Open ayah 19:93Wanti samiileefi dachii keessa jiran hundi gabra (Isaa) qofa ta’anii gara Rahmaan dhufanu malee hin hafan.
لَّقَدۡ أَحۡصَىٰهُمۡ وَعَدَّهُمۡ عَدّٗا
Open ayah 19:94Dhugumatti, Inni tokko tokkoon isaan beeka; lakkoofsa guutuu ta’es isaan lakkaa’eera.
وَكُلُّهُمۡ ءَاتِيهِ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فَرۡدًا
Open ayah 19:95Hundi isaanii Guyyaa Qiyaamaa kophaa isaanii gara Isaatti (Rahmaanitti) dhufu.
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ سَيَجۡعَلُ لَهُمُ ٱلرَّحۡمَٰنُ وُدّٗا
Open ayah 19:96Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Rahmaan jaalala isaaniif taasisa.
فَإِنَّمَا يَسَّرۡنَٰهُ بِلِسَانِكَ لِتُبَشِّرَ بِهِ ٱلۡمُتَّقِينَ وَتُنذِرَ بِهِۦ قَوۡمٗا لُّدّٗا
Open ayah 19:97Wanti Nuti arraba kee irratti isa (Qur’aana kana) sii laaffifneef akka warra Rabbiin sodaatan ittiin gammachiiftee, ummata akkaan mormitoota ta’an immoo ittiin sodaachiftuufi.
وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّن قَرۡنٍ هَلۡ تُحِسُّ مِنۡهُم مِّنۡ أَحَدٍ أَوۡ تَسۡمَعُ لَهُمۡ رِكۡزَۢا
Open ayah 19:98Isaan dura dhaloota irraa meeqaatama balleessinee jirra! Sila isaan irraa tokkos argitaa? Yookiin hasaasa (qilixii) isaaniif ni dhageessaa?