يونس
Yunus
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
الٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡحَكِيمِ
Open ayah 10:1Alif Laam Raa Sunniin keeyyattoota kitaabicha ogummaan guutameeti.
أَكَانَ لِلنَّاسِ عَجَبًا أَنۡ أَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ رَجُلٖ مِّنۡهُمۡ أَنۡ أَنذِرِ ٱلنَّاسَ وَبَشِّرِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَنَّ لَهُمۡ قَدَمَ صِدۡقٍ عِندَ رَبِّهِمۡۗ قَالَ ٱلۡكَٰفِرُونَ إِنَّ هَٰذَا لَسَٰحِرٞ مُّبِينٌ
Open ayah 10:2Sila gara nama isaan irraa ta’ee “nama akeekkachiisi; warra amanes toltuun dabre Rabbii isaanii bira isaaniif jiraachuudhaan gammachiisi” jechuun wahyii godhuun keenya namootatti dinqii ta’eeraa? Kaafirtoonni: “Dhugumatti, inni kun falfalaa ifa bahaadha” jedhan
إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ يُدَبِّرُ ٱلۡأَمۡرَۖ مَا مِن شَفِيعٍ إِلَّا مِنۢ بَعۡدِ إِذۡنِهِۦۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُوهُۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ
Open ayah 10:3Dhugumatti, Gooftaan keessan Allaah Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Waan hundaa garagaggalcha. Araarsaan homaatuu hayyama Isaatiin booda malee hin jiru. Kun Rabbi Gooftaa keessani. aKanaafuu Isa qofa gabbaraa. Sila isin hin gorfamtanuu?
إِلَيۡهِ مَرۡجِعُكُمۡ جَمِيعٗاۖ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقًّاۚ إِنَّهُۥ يَبۡدَؤُاْ ٱلۡخَلۡقَ ثُمَّ يُعِيدُهُۥ لِيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ بِٱلۡقِسۡطِۚ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَهُمۡ شَرَابٞ مِّنۡ حَمِيمٖ وَعَذَابٌ أَلِيمُۢ بِمَا كَانُواْ يَكۡفُرُونَ
Open ayah 10:4Deebiin hunda keessanii gara Isaati. Waadaa Rabbiin (beellamee dha)Dhugaa gochuus (isa godhe). Isatu uumuu jalqabee, ergasiis isa deebisa. Isaan amananii, toltuu dalaganiif haqaan mindaa isaaniif kennuuf (akkas godhe). Isaan kafaran waan kafaraniif jecha isaanif dhugaatii danfaa irraa ta’eefi adabbii laalessaatu jira.
هُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ ٱلشَّمۡسَ ضِيَآءٗ وَٱلۡقَمَرَ نُورٗا وَقَدَّرَهُۥ مَنَازِلَ لِتَعۡلَمُواْ عَدَدَ ٱلسِّنِينَ وَٱلۡحِسَابَۚ مَا خَلَقَ ٱللَّهُ ذَٰلِكَ إِلَّا بِٱلۡحَقِّۚ يُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ لِقَوۡمٖ يَعۡلَمُونَ
Open ayah 10:5Inni Isa aduu madda ifaa, baatiis ifa taasisee, akka lakkoofsa waggootaafi herregaa beektaniif jecha bakka isaaf (Ji’aaf) godheedha. Rabbiin kana dhugaan malee hin uumne. (Rabbiin) keeyyattoota namoota beekaniif addeessa.
إِنَّ فِي ٱخۡتِلَٰفِ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ وَمَا خَلَقَ ٱللَّهُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَّقُونَ
Open ayah 10:6Dhugumatti, bakka wal bu’uu halkaniifi guyyaa keessa, waan Rabbiin samiileefi dachii keessatti uume keessaas namoota (Rabbiin) sodaataniif mallattooleetu jira
إِنَّ ٱلَّذِينَ لَا يَرۡجُونَ لِقَآءَنَا وَرَضُواْ بِٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَٱطۡمَأَنُّواْ بِهَا وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَنۡ ءَايَٰتِنَا غَٰفِلُونَ
Open ayah 10:7Dhugumatti, isaan qunnamtii keenya hin sodaanne, kan jireenya addunyaa qofa fedhanii, isheetti gammadaniifi isaan keeyyattoota keenya irraa dagatoo ta’an,
أُوْلَٰٓئِكَ مَأۡوَىٰهُمُ ٱلنَّارُ بِمَا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Open ayah 10:8Isaan sun waan hojjachaa turaniif jecha teessoon isaanii ibidda.
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ يَهۡدِيهِمۡ رَبُّهُم بِإِيمَٰنِهِمۡۖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهِمُ ٱلۡأَنۡهَٰرُ فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Open ayah 10:9Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan Gooftaan isaanii iimaana isaanitiin isaan qajeelcha. Jannatoota qananii keessa laggeen isaan jala yaati.
دَعۡوَىٰهُمۡ فِيهَا سُبۡحَٰنَكَ ٱللَّهُمَّ وَتَحِيَّتُهُمۡ فِيهَا سَلَٰمٞۚ وَءَاخِرُ دَعۡوَىٰهُمۡ أَنِ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 10:10Kadhaan isaanii ishee keessatti (yeroo waan tokko fedhan) “yaa Allaah! Qulqulliini keeti” jechuudha. Kabajaan isaaniis ishee keessatti “nagayaa” jechuudha. Kadhaan isaanii kan boodaas “faaruun hundi kan Rabbii gooftaa aalamaati” jechuudha.
۞وَلَوۡ يُعَجِّلُ ٱللَّهُ لِلنَّاسِ ٱلشَّرَّ ٱسۡتِعۡجَالَهُم بِٱلۡخَيۡرِ لَقُضِيَ إِلَيۡهِمۡ أَجَلُهُمۡۖ فَنَذَرُ ٱلَّذِينَ لَا يَرۡجُونَ لِقَآءَنَا فِي طُغۡيَٰنِهِمۡ يَعۡمَهُونَ
Open ayah 10:11Odoo Rabbiin namaaf akka isaan gaarii (argachuuf) jerjerfatanitti hamtuu isaaniif jerjersee, silaa beellamni (adabbii) isaanii, isaaniif raawwatama ture. Isaan wal ga’ii keenya hin sodaanne, jallina isaanii keessa dhama’oo taasifnee isaan dhiifna.
وَإِذَا مَسَّ ٱلۡإِنسَٰنَ ٱلضُّرُّ دَعَانَا لِجَنۢبِهِۦٓ أَوۡ قَاعِدًا أَوۡ قَآئِمٗا فَلَمَّا كَشَفۡنَا عَنۡهُ ضُرَّهُۥ مَرَّ كَأَن لَّمۡ يَدۡعُنَآ إِلَىٰ ضُرّٖ مَّسَّهُۥۚ كَذَٰلِكَ زُيِّنَ لِلۡمُسۡرِفِينَ مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Open ayah 10:12Ilmi namaa yeroo rakkinni wahii isa tuqe, cinaacha isaa irratti yookiin taa’eetis yookiin dhaabbateetis Nu kadhata. Yeroo Nuti rakkina isaa isa irraa fuune akka waan rakkina isa tuqeef Nu hin kadhatiniitti (kufrii isaa) itti fufa. Akka kanatti daangaa dabartootaaf wanti isaan hojjachaa turan miidhagfame.
وَلَقَدۡ أَهۡلَكۡنَا ٱلۡقُرُونَ مِن قَبۡلِكُمۡ لَمَّا ظَلَمُواْ وَجَآءَتۡهُمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ وَمَا كَانُواْ لِيُؤۡمِنُواْۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلۡمُجۡرِمِينَ
Open ayah 10:13Dhugumatti, dhaloota isin duraa irraa, yeroo isaan lubbuu isaanii miidhanii, ergamtoonni isaanii raajii dirree taa’uun isaanitti dhufanii hin amanin balleessinee jirraAkka kanatti ummata badii raawwattoota ta’aniif galata galchina.
ثُمَّ جَعَلۡنَٰكُمۡ خَلَٰٓئِفَ فِي ٱلۡأَرۡضِ مِنۢ بَعۡدِهِمۡ لِنَنظُرَ كَيۡفَ تَعۡمَلُونَ
Open ayah 10:14Ergasii isaan booda akkam akka dalagdan ilaaluuf jecha dachii keessatti bakka bu’oota isin taasifne.
وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَاتُنَا بَيِّنَٰتٖ قَالَ ٱلَّذِينَ لَا يَرۡجُونَ لِقَآءَنَا ٱئۡتِ بِقُرۡءَانٍ غَيۡرِ هَٰذَآ أَوۡ بَدِّلۡهُۚ قُلۡ مَا يَكُونُ لِيٓ أَنۡ أُبَدِّلَهُۥ مِن تِلۡقَآيِٕ نَفۡسِيٓۖ إِنۡ أَتَّبِعُ إِلَّا مَا يُوحَىٰٓ إِلَيَّۖ إِنِّيٓ أَخَافُ إِنۡ عَصَيۡتُ رَبِّي عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٖ
Open ayah 10:15Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifaman, isaan qunnamtii keenya hin sodaanne “Qur’aana kana hin ta’iniin nutti kottu; yookiin isa jijjiiri” jedhu. “Ani of biraa isa jijjiiruun naaf hin ta’u. Waan gara kiyyatti wahyii godhamu malee hin hordofu. Dhugumatti, ani yoon ajaja Gooftaa kiyyaa dide, adabbii guyyaa guddaan sodaadha” jedhi.
قُل لَّوۡ شَآءَ ٱللَّهُ مَا تَلَوۡتُهُۥ عَلَيۡكُمۡ وَلَآ أَدۡرَىٰكُم بِهِۦۖ فَقَدۡ لَبِثۡتُ فِيكُمۡ عُمُرٗا مِّن قَبۡلِهِۦٓۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
Open ayah 10:16“Odoo Rabbiin fedhee, silaa ani isa isin irratti hin dubbisu. Innis (Rabbis) isa isin hin beeksisu. Dhugumatti, ani isa duras yeroo dheeraa isin keessa jiraadheera. Sila isin sammuu hin qabdanii?” jedhiin.
فَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّنِ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أَوۡ كَذَّبَ بِـَٔايَٰتِهِۦٓۚ إِنَّهُۥ لَا يُفۡلِحُ ٱلۡمُجۡرِمُونَ
Open ayah 10:17Nama Rabbi irratti kijiba uume yookiin kan keeyyattoota Isaa sobsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Dhugumatti, badii raawwattoonni hin milkaa’anu.
وَيَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَضُرُّهُمۡ وَلَا يَنفَعُهُمۡ وَيَقُولُونَ هَٰٓؤُلَآءِ شُفَعَٰٓؤُنَا عِندَ ٱللَّهِۚ قُلۡ أَتُنَبِّـُٔونَ ٱللَّهَ بِمَا لَا يَعۡلَمُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَلَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ سُبۡحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Open ayah 10:18Rabbiin ala waan isaan hin miineefi hin fayyadne gabbaranii “Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya” jedhu. “Sila isin waan Inni samiifi dachii keessatti hin beekne Rabbitti himtuu? Inni (Rabbiin) waan isaan Isa waliin gabbaran irraa qulqullaa’e, olis ta’ee jira” jedhi.
وَمَا كَانَ ٱلنَّاسُ إِلَّآ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ فَٱخۡتَلَفُواْۚ وَلَوۡلَا كَلِمَةٞ سَبَقَتۡ مِن رَّبِّكَ لَقُضِيَ بَيۡنَهُمۡ فِيمَا فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ
Open ayah 10:19Ilmi namaa ummata tokko malee hin turre. Booda irra wal dhaban. Odoo jechi Gooftaa kee irraa ta’e dursee dabruu baatee, silaa waan isaan irratti wal dhaban keessatti gidduu isaaniitti ni murteeffama ture.
وَيَقُولُونَ لَوۡلَآ أُنزِلَ عَلَيۡهِ ءَايَةٞ مِّن رَّبِّهِۦۖ فَقُلۡ إِنَّمَا ٱلۡغَيۡبُ لِلَّهِ فَٱنتَظِرُوٓاْ إِنِّي مَعَكُم مِّنَ ٱلۡمُنتَظِرِينَ
Open ayah 10:20“Mallattoon Gooftaa isaa irraa maaliif isa irratti hin buufamin?” jedhu. “Wanti fagoo hundi Rabbumaafi. Isinis eegaa; Anis isin wajjin warra eegan irraayi” jedhiin.
وَإِذَآ أَذَقۡنَا ٱلنَّاسَ رَحۡمَةٗ مِّنۢ بَعۡدِ ضَرَّآءَ مَسَّتۡهُمۡ إِذَا لَهُم مَّكۡرٞ فِيٓ ءَايَاتِنَاۚ قُلِ ٱللَّهُ أَسۡرَعُ مَكۡرًاۚ إِنَّ رُسُلَنَا يَكۡتُبُونَ مَا تَمۡكُرُونَ
Open ayah 10:21Yeroo namoota erga rakkoon isaan tuqee booda rahmata isaan dhandhamsiifne, yeroma san keeyyattoota keenya keessatti shira baasuun isaaniif ta’aadha. “Rabbitu tooftaatti isaan irra akkaan jarjaraadha” jedhi. Dhugumatti, ergamtoonni keenya (maleykonni) shira isin baaftan ni barreessu.
هُوَ ٱلَّذِي يُسَيِّرُكُمۡ فِي ٱلۡبَرِّ وَٱلۡبَحۡرِۖ حَتَّىٰٓ إِذَا كُنتُمۡ فِي ٱلۡفُلۡكِ وَجَرَيۡنَ بِهِم بِرِيحٖ طَيِّبَةٖ وَفَرِحُواْ بِهَا جَآءَتۡهَا رِيحٌ عَاصِفٞ وَجَآءَهُمُ ٱلۡمَوۡجُ مِن كُلِّ مَكَانٖ وَظَنُّوٓاْ أَنَّهُمۡ أُحِيطَ بِهِمۡ دَعَوُاْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ لَئِنۡ أَنجَيۡتَنَا مِنۡ هَٰذِهِۦ لَنَكُونَنَّ مِنَ ٱلشَّٰكِرِينَ
Open ayah 10:22Inni Isa dachiifi bishaan keessas isin deemsisu. Yeroo dooniwwan keessatti taatanii qilleensa gaarii keessa isaaniin deemanii, isheetti gammadan, qilleensi bubbisaan isitti dhufa; danbaliin bakka hunda irraa isaanitti dhufa; isaanitti marfamuu yaadan. Rabbiin qofa kadhatan, ibaadaa Isaaf qulqulleessanii, "Yoo Ati (balaa) kana irraa nagaa nu baafte, nuti dhugumatti, warra (si) galateeffatan irraa taana” (jedhan).
فَلَمَّآ أَنجَىٰهُمۡ إِذَا هُمۡ يَبۡغُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّۗ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّمَا بَغۡيُكُمۡ عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمۖ مَّتَٰعَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ ثُمَّ إِلَيۡنَا مَرۡجِعُكُمۡ فَنُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Open ayah 10:23Yeroma Inni nagaa isaan baase, isaan yoosuu haqaan ala dachii keessatti daangaa dabru. Yaa namootaa! Daangaa dabriinsi keessan lubbuulee keessan irratti. Qananii jireenya addunyaa (xiqqoo qananiitu), Sana booda deebiin keessan gara keenyattii, Nuti waan isin dalagaa turtan isinitti himna.
إِنَّمَا مَثَلُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا كَمَآءٍ أَنزَلۡنَٰهُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ فَٱخۡتَلَطَ بِهِۦ نَبَاتُ ٱلۡأَرۡضِ مِمَّا يَأۡكُلُ ٱلنَّاسُ وَٱلۡأَنۡعَٰمُ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَخَذَتِ ٱلۡأَرۡضُ زُخۡرُفَهَا وَٱزَّيَّنَتۡ وَظَنَّ أَهۡلُهَآ أَنَّهُمۡ قَٰدِرُونَ عَلَيۡهَآ أَتَىٰهَآ أَمۡرُنَا لَيۡلًا أَوۡ نَهَارٗا فَجَعَلۡنَٰهَا حَصِيدٗا كَأَن لَّمۡ تَغۡنَ بِٱلۡأَمۡسِۚ كَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ لِقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ
Open ayah 10:24Dhugumatti, fakkeenyi jireenya addunyaa, akka bishaan Nuti samii irraa isa buufnee, ergasii biqiltuuwwan dachii kan waan ilmi namaatiifi horiin nyaatan irraa ta’an isaan wal makamanii, yeroo dachiin faaya ishee qabattee, miidhagdee, abbootiin ishee ishee irratti danda’oo ta’uu yaadan, adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isheetti dhufee, akka waan kaleessa achitti hin ta’iniitti (hin jirreetti) haamamaa ishee goone. Akka kanatti mallattoolee ummata xiinxalaniif adda baafna.
وَٱللَّهُ يَدۡعُوٓاْ إِلَىٰ دَارِ ٱلسَّلَٰمِ وَيَهۡدِي مَن يَشَآءُ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Open ayah 10:25Rabbiin gara mana nagayaatti waama. Nama fedhe gara karaa qajeelaati qajeelcha.
۞لِّلَّذِينَ أَحۡسَنُواْ ٱلۡحُسۡنَىٰ وَزِيَادَةٞۖ وَلَا يَرۡهَقُ وُجُوهَهُمۡ قَتَرٞ وَلَا ذِلَّةٌۚ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Open ayah 10:26Isaan toltuu hojjataniif (mindaa) gaariifi dabalataatu jira. Gurraachinniifi salphinni homaatuu fuula isaanii hin haguugu. Isaan sun warra jannataati. Isaan ishee keessatti hafoodha.
وَٱلَّذِينَ كَسَبُواْ ٱلسَّيِّـَٔاتِ جَزَآءُ سَيِّئَةِۭ بِمِثۡلِهَا وَتَرۡهَقُهُمۡ ذِلَّةٞۖ مَّا لَهُم مِّنَ ٱللَّهِ مِنۡ عَاصِمٖۖ كَأَنَّمَآ أُغۡشِيَتۡ وُجُوهُهُمۡ قِطَعٗا مِّنَ ٱلَّيۡلِ مُظۡلِمًاۚ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Open ayah 10:27Isaan hamtuu hojjatan mindaan hamtuu fakkaatuma isheetiin ta’a. Salphinni isaan haguugdi. Rabbi irraa wanti isaan tiksu isaaniif hin jiru. Fuulli isaanii akka waan kutaa halkan dukkaneessaa ta’e irraa ta’een hagoogamanii fakkaatti. Isaan sun warra ibiddaati. Isaan ishee keessatti hafoodha.
وَيَوۡمَ نَحۡشُرُهُمۡ جَمِيعٗا ثُمَّ نَقُولُ لِلَّذِينَ أَشۡرَكُواْ مَكَانَكُمۡ أَنتُمۡ وَشُرَكَآؤُكُمۡۚ فَزَيَّلۡنَا بَيۡنَهُمۡۖ وَقَالَ شُرَكَآؤُهُم مَّا كُنتُمۡ إِيَّانَا تَعۡبُدُونَ
Open ayah 10:28Guyyaa isaan hunda walitti qabnus, (dubbadhu). Ergasii isaan Nutti qindeessaniin ni jenna: “Isiniifi warri isin Nu waliin gabbaraa turtanis iddoo jirtan dhaabadhaa!” Sana booda gidduu isaanii addaan baafne. Warri isaan Nu waliin gabbaraa turaniis: “Isin nu gabbaraa hin turre” jedhu.
فَكَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدَۢا بَيۡنَنَا وَبَيۡنَكُمۡ إِن كُنَّا عَنۡ عِبَادَتِكُمۡ لَغَٰفِلِينَ
Open ayah 10:29Rabbumatu ga’aadha. ragaa ta’uuf “Gidduu keenyaafi gidduu keessanitti Dhugumatti, nuti isin gabbaruu irraa dagatoo taanee turre.”
هُنَالِكَ تَبۡلُواْ كُلُّ نَفۡسٖ مَّآ أَسۡلَفَتۡۚ وَرُدُّوٓاْ إِلَى ٱللَّهِ مَوۡلَىٰهُمُ ٱلۡحَقِّۖ وَضَلَّ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَفۡتَرُونَ
Open ayah 10:30Achitti lubbuun hundi waan dabarsite ni beekkatti, Gara Rabbii Gooftaa isaanii kan dhugaa deebifamu. Sobni isaan uummachaa turan isaan irraa bada.
قُلۡ مَن يَرۡزُقُكُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ أَمَّن يَمۡلِكُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَمَن يُخۡرِجُ ٱلۡحَيَّ مِنَ ٱلۡمَيِّتِ وَيُخۡرِجُ ٱلۡمَيِّتَ مِنَ ٱلۡحَيِّ وَمَن يُدَبِّرُ ٱلۡأَمۡرَۚ فَسَيَقُولُونَ ٱللَّهُۚ فَقُلۡ أَفَلَا تَتَّقُونَ
Open ayah 10:31jedhiin “Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora? Yookiin dhageettiifi argituulee eenyutu dhuunfata? Ammas eenyutu jiraataa du’aarraa baasa, du’aa jiraatarraa baasa? Eenyutu waan hunda gara gaggalchas?” (jedhi). ‘Rabbuma’ jedhu. “Sila Rabbiin hin sodaattanii?” jedhiin.
فَذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمُ ٱلۡحَقُّۖ فَمَاذَا بَعۡدَ ٱلۡحَقِّ إِلَّا ٱلضَّلَٰلُۖ فَأَنَّىٰ تُصۡرَفُونَ
Open ayah 10:32Sun Allaah, Gooftaa keessan, kan dhugaati. Dhugaa booda jallina malee maaltu jira? Akkamitti irraa gara galfamtu?
كَذَٰلِكَ حَقَّتۡ كَلِمَتُ رَبِّكَ عَلَى ٱلَّذِينَ فَسَقُوٓاْ أَنَّهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ
Open ayah 10:33Akka kanatti jechi Gooftaa keetii, warra fincilan irratti mirkanoofte. isaan hin amanana.
قُلۡ هَلۡ مِن شُرَكَآئِكُم مَّن يَبۡدَؤُاْ ٱلۡخَلۡقَ ثُمَّ يُعِيدُهُۥۚ قُلِ ٱللَّهُ يَبۡدَؤُاْ ٱلۡخَلۡقَ ثُمَّ يُعِيدُهُۥۖ فَأَنَّىٰ تُؤۡفَكُونَ
Open ayah 10:34Jedhi.“Sila warra isin Rabbii wajjiin gabbartan irraa warri uumama jalqabee, ergasii isa deebisu jiraa?”. jedhi “Rabbiin uumama jalqabeeti, ergasiis deebisa. Akkamumatti gara galfamtu?”
قُلۡ هَلۡ مِن شُرَكَآئِكُم مَّن يَهۡدِيٓ إِلَى ٱلۡحَقِّۚ قُلِ ٱللَّهُ يَهۡدِي لِلۡحَقِّۗ أَفَمَن يَهۡدِيٓ إِلَى ٱلۡحَقِّ أَحَقُّ أَن يُتَّبَعَ أَمَّن لَّا يَهِدِّيٓ إِلَّآ أَن يُهۡدَىٰۖ فَمَا لَكُمۡ كَيۡفَ تَحۡكُمُونَ
Open ayah 10:35Jedhi.“Sila warra isin Rabbii wajjin gabbartan irraa warri gara haqaatti qajeelchu jiraa?”. jedhi Rabbiin gara haqaatti qajeelcha. Sila Isa gara haqaatti qajeelchutu hordofamuu haqa godhatamoo isa yoo qajeelfame malee, qajeeluu hin dandeenyee dha? Sila isin maaltu isinii jiraaf akkuma feetan murteessitu?
وَمَا يَتَّبِعُ أَكۡثَرُهُمۡ إِلَّا ظَنًّاۚ إِنَّ ٱلظَّنَّ لَا يُغۡنِي مِنَ ٱلۡحَقِّ شَيۡـًٔاۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمُۢ بِمَا يَفۡعَلُونَ
Open ayah 10:36Irra hedduun isaanii shakkii malee hin hordofan, shakkiin dhugaa irraa homaa hin duroomsu, Rabbiin beekaa waan isaan hojjataniiti.
وَمَا كَانَ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانُ أَن يُفۡتَرَىٰ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَلَٰكِن تَصۡدِيقَ ٱلَّذِي بَيۡنَ يَدَيۡهِ وَتَفۡصِيلَ ٱلۡكِتَٰبِ لَا رَيۡبَ فِيهِ مِن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 10:37Qur’aanni kun Rabbii gaditti sobaan kan uumamu hin taane. Garuu dhugoomsaa (kitaabota) isa dura turaniitiifi addeessaa (seeraati) kitaabaati, mamiin isa keessa hin jiru, Gooftaa aalamaarraa irraayi.
أَمۡ يَقُولُونَ ٱفۡتَرَىٰهُۖ قُلۡ فَأۡتُواْ بِسُورَةٖ مِّثۡلِهِۦ وَٱدۡعُواْ مَنِ ٱسۡتَطَعۡتُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Open ayah 10:38Moo sila isaan “isatu (Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhu? jedhi suuraa tokko kan isa fakkaattu fidaa, Rabbii gaditti nama dandeessan (gargaarsaaf) waamadhaa, Yoo kan dhugaa dubbattan taatan (jedhi).
بَلۡ كَذَّبُواْ بِمَا لَمۡ يُحِيطُواْ بِعِلۡمِهِۦ وَلَمَّا يَأۡتِهِمۡ تَأۡوِيلُهُۥۚ كَذَٰلِكَ كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡۖ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلظَّٰلِمِينَ
Open ayah 10:39Garuu isaan waan beekumsa isaatiin hin marsiniifi waan hiikkaan isaa amma dura itti hin dhufiniyyi kijibsiisu, Warri isaan duraas akkuma kanatti kijibsiisan, Booddeen miidhaa raawwattootaa akkam akka ta’e ilaali.
وَمِنۡهُم مَّن يُؤۡمِنُ بِهِۦ وَمِنۡهُم مَّن لَّا يُؤۡمِنُ بِهِۦۚ وَرَبُّكَ أَعۡلَمُ بِٱلۡمُفۡسِدِينَ
Open ayah 10:40Isaan irraa namoota isatti amanantu jira. Isaan irraas namoota isatti hin amannetu jira. Gooftaan kee badii hojjattoota akkaan beekaadha.
وَإِن كَذَّبُوكَ فَقُل لِّي عَمَلِي وَلَكُمۡ عَمَلُكُمۡۖ أَنتُم بَرِيٓـُٔونَ مِمَّآ أَعۡمَلُ وَأَنَا۠ بَرِيٓءٞ مِّمَّا تَعۡمَلُونَ
Open ayah 10:41Yoo si kijibsiisan jedhi.“Anaaf dalagaa kiyyatu jira; isiniif dalagaa keessantu jira. Isin waan ani dalagu irraa qulqullaa’oodha; anis waan isin dalagdan irraa qulqulluudha”.
وَمِنۡهُم مَّن يَسۡتَمِعُونَ إِلَيۡكَۚ أَفَأَنتَ تُسۡمِعُ ٱلصُّمَّ وَلَوۡ كَانُواْ لَا يَعۡقِلُونَ
Open ayah 10:42Isaan irraa namoota gara kee dhageeffatantu jira. Sila ati namoota gurri duude,dhageessiftaa? odoo isaan sammuu hin qabnellee.
وَمِنۡهُم مَّن يَنظُرُ إِلَيۡكَۚ أَفَأَنتَ تَهۡدِي ٱلۡعُمۡيَ وَلَوۡ كَانُواْ لَا يُبۡصِرُونَ
Open ayah 10:43Isaan irraas namoota gara kee ilaalantu jira. Sila ati jaamaa qajeelchitaa? odoo isaan hin argine tahanillee.
إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَظۡلِمُ ٱلنَّاسَ شَيۡـٔٗا وَلَٰكِنَّ ٱلنَّاسَ أَنفُسَهُمۡ يَظۡلِمُونَ
Open ayah 10:44Rabbiin namoota homaa hin miidhu, Garuu namoonni ofiif lubbuulee isaanii miidhu.
وَيَوۡمَ يَحۡشُرُهُمۡ كَأَن لَّمۡ يَلۡبَثُوٓاْ إِلَّا سَاعَةٗ مِّنَ ٱلنَّهَارِ يَتَعَارَفُونَ بَيۡنَهُمۡۚ قَدۡ خَسِرَ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِلِقَآءِ ٱللَّهِ وَمَا كَانُواْ مُهۡتَدِينَ
Open ayah 10:45Guyyaa (Rabbiin) walitti isaan qabu [yaadadhu]. Haala akka waan sa'aa takka guyyarraa taate malee hin turin itti fakkaatuun, gidduu isaaniitti wal beekan. Dhugumatti, warri qunnamtii Rabbii sobsiisan hoonga’aniiru; qajeeloo hin taane.
وَإِمَّا نُرِيَنَّكَ بَعۡضَ ٱلَّذِي نَعِدُهُمۡ أَوۡ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِلَيۡنَا مَرۡجِعُهُمۡ ثُمَّ ٱللَّهُ شَهِيدٌ عَلَىٰ مَا يَفۡعَلُونَ
Open ayah 10:46Garii waan waadaa isaaniif gallee yoo sitti argisiifne (toleera); yookiin yoo si ajjeefnes deebiin isaanii garuma keenya ta’a. Ergasii Rabbiin waan isaan dalagan irratti ragaadha.
وَلِكُلِّ أُمَّةٖ رَّسُولٞۖ فَإِذَا جَآءَ رَسُولُهُمۡ قُضِيَ بَيۡنَهُم بِٱلۡقِسۡطِ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ
Open ayah 10:47Ummata hundaaf ergamaan (ergamee) jira. Yeroo ergamaan isaanii dhufe jidduu isaaniitti haqaan murteeffama isaan hin miidhaman.
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡوَعۡدُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Open ayah 10:48Nijedhan “waadaan kun yoomi Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ?”.
قُل لَّآ أَمۡلِكُ لِنَفۡسِي ضَرّٗا وَلَا نَفۡعًا إِلَّا مَا شَآءَ ٱللَّهُۗ لِكُلِّ أُمَّةٍ أَجَلٌۚ إِذَا جَآءَ أَجَلُهُمۡ فَلَا يَسۡتَـٔۡخِرُونَ سَاعَةٗ وَلَا يَسۡتَقۡدِمُونَ
Open ayah 10:49Jedhi “ ani lubbuu kiyyaaf miidhaas ta’ee bu’aas fiduu hin danda’u Waan Rabbiin fedhe malee, Ummata hundaaf beellamatu jira. Yeroo beellamni isaanii dhufe, sa’aatii tokkos booda hin aanan; duras hin dabran.”
قُلۡ أَرَءَيۡتُمۡ إِنۡ أَتَىٰكُمۡ عَذَابُهُۥ بَيَٰتًا أَوۡ نَهَارٗا مَّاذَا يَسۡتَعۡجِلُ مِنۡهُ ٱلۡمُجۡرِمُونَ
Open ayah 10:50Jedhi “Mee naaf himaa! yoo adabbiin Isaa halkan yookiin guyyaa isinitti dhufe, badii raawwattoonni isa irraa maal jarjarfatu?”.
أَثُمَّ إِذَا مَا وَقَعَ ءَامَنتُم بِهِۦٓۚ ءَآلۡـَٰٔنَ وَقَدۡ كُنتُم بِهِۦ تَسۡتَعۡجِلُونَ
Open ayah 10:51“Sila ogga inni argamee booda isatti amantuu? Sila odoo duraan jarjarfataa turtanii amma amantuu?” (jedhamaan).
ثُمَّ قِيلَ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلۡخُلۡدِ هَلۡ تُجۡزَوۡنَ إِلَّا بِمَا كُنتُمۡ تَكۡسِبُونَ
Open ayah 10:52Ergasii isaan miidhaa hojjataniin ni jedhama: “Azaaba turaa dhandhamaa! Sila waan hojjataa turtaniin malee ni mindeeffamtuu?”
۞وَيَسۡتَنۢبِـُٔونَكَ أَحَقٌّ هُوَۖ قُلۡ إِي وَرَبِّيٓ إِنَّهُۥ لَحَقّٞۖ وَمَآ أَنتُم بِمُعۡجِزِينَ
Open ayah 10:53“Sila inni (Guyyaan Qiyaamaa) dhugaa dhaa?” (jechuun) si odeeffatu. “Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Inni dhugaadha, Isin (Rabbiin) dadhabsiisoo hintaane” jedhi.
وَلَوۡ أَنَّ لِكُلِّ نَفۡسٖ ظَلَمَتۡ مَا فِي ٱلۡأَرۡضِ لَٱفۡتَدَتۡ بِهِۦۗ وَأَسَرُّواْ ٱلنَّدَامَةَ لَمَّا رَأَوُاْ ٱلۡعَذَابَۖ وَقُضِيَ بَيۡنَهُم بِٱلۡقِسۡطِ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ
Open ayah 10:54Odoo lubbuu miidhaa raawwatte hundaaf wanti dachii keessa jiru (hundi) ta’eefii isaan of furti, Yeroo azaabicha argan sheenaa ni dhooyfatu, Gidduu isaaniitti haqaan murteeffama isaan hinmiidhaman.
أَلَآ إِنَّ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۗ أَلَآ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Open ayah 10:55Dhagayaa! Dhugumatti, wanti samiileefi dachii keessa jiru kan Rabbiiti. Dhagayaa! Dhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadha. Garuu irra baay’een isaanii hin beekan.
هُوَ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
Open ayah 10:56Inni ni jiraachisa; ni ajjeesas; gara Isaatitti deebifamtu.
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ قَدۡ جَآءَتۡكُم مَّوۡعِظَةٞ مِّن رَّبِّكُمۡ وَشِفَآءٞ لِّمَا فِي ٱلصُّدُورِ وَهُدٗى وَرَحۡمَةٞ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 10:57Yaa namootaa! Dhugumatti, gorsi Gooftaa keessan irraa taate isinitti dhufte, qorichi waan qomoowwan keessaas, qajeelfamaafi rahmanni mu’uminootaas.
قُلۡ بِفَضۡلِ ٱللَّهِ وَبِرَحۡمَتِهِۦ فَبِذَٰلِكَ فَلۡيَفۡرَحُواْ هُوَ خَيۡرٞ مِّمَّا يَجۡمَعُونَ
Open ayah 10:58Jedhi “Tola Rabbiitiifi rahmata Isaatiin (dhufte), isa sanitti haa gammadanu, Waan isaan walitti qaban irra isatu caalaa”.
قُلۡ أَرَءَيۡتُم مَّآ أَنزَلَ ٱللَّهُ لَكُم مِّن رِّزۡقٖ فَجَعَلۡتُم مِّنۡهُ حَرَامٗا وَحَلَٰلٗا قُلۡ ءَآللَّهُ أَذِنَ لَكُمۡۖ أَمۡ عَلَى ٱللَّهِ تَفۡتَرُونَ
Open ayah 10:59Mee naaf himaa jedhi “ waan Rabbiin isiniif buuse,Soorata irraa isin ergasii isa irraa dhorgamaafi hayyamamaa taasiftan san“, Sila Rabbitu isiniif hayyamemoo, Rabbi irratti kijiba uumtanii odeessitu?”
وَمَا ظَنُّ ٱلَّذِينَ يَفۡتَرُونَ عَلَى ٱللَّهِ ٱلۡكَذِبَ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَذُو فَضۡلٍ عَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَشۡكُرُونَ
Open ayah 10:60Sila isaan Rabbi irratti kijiba odeessan Guyyaa Qiyaamaa maal yaadu? Dhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tola (guddaa)ti. Garuu irra hedduun isaanii hin galateeffatanu.
وَمَا تَكُونُ فِي شَأۡنٖ وَمَا تَتۡلُواْ مِنۡهُ مِن قُرۡءَانٖ وَلَا تَعۡمَلُونَ مِنۡ عَمَلٍ إِلَّا كُنَّا عَلَيۡكُمۡ شُهُودًا إِذۡ تُفِيضُونَ فِيهِۚ وَمَا يَعۡزُبُ عَن رَّبِّكَ مِن مِّثۡقَالِ ذَرَّةٖ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا فِي ٱلسَّمَآءِ وَلَآ أَصۡغَرَ مِن ذَٰلِكَ وَلَآ أَكۡبَرَ إِلَّا فِي كِتَٰبٖ مُّبِينٍ
Open ayah 10:61(Yaa Muhammad!) Hojii kamillee keessatti hin taatu, Qur’aana irraas isa hin dubbiftu, dalagaa irraa waan tokkos hin hojjattan, yeroo isin isatti seentan Nuti isin irratti ragaalee taanu malee hin hafu. Wanti hanga atomii dachii keessattis ta’ee, samii keessattis Rabbii kee irraa hin fagaatu. Wanti san irra xiqqaas ta’ee guuddaan kitaaba addeessaa ta’e keessatti jiraatu malee hin hafu.
أَلَآ إِنَّ أَوۡلِيَآءَ ٱللَّهِ لَا خَوۡفٌ عَلَيۡهِمۡ وَلَا هُمۡ يَحۡزَنُونَ
Open ayah 10:62Dhagayaa! Dhugumatti, jaalalleewwan Rabbii sodaan isaan irra hin jiraatu; isaan hin gaddanis.
ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَكَانُواْ يَتَّقُونَ
Open ayah 10:63Isaan warra amananii, (Rabbiin) sodaachaa turaniidha.
لَهُمُ ٱلۡبُشۡرَىٰ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَفِي ٱلۡأٓخِرَةِۚ لَا تَبۡدِيلَ لِكَلِمَٰتِ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Open ayah 10:64Isaaniif jireenya addunyaa keessatti ta’ee kan Aakhiraa keessatti gammachuutu jira. Jechoota Rabbii jijjiiraan hin jiru. Sun isumatu milkii guddaadha.
وَلَا يَحۡزُنكَ قَوۡلُهُمۡۘ إِنَّ ٱلۡعِزَّةَ لِلَّهِ جَمِيعًاۚ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Open ayah 10:65Jechi isaanii si hin gaddisiisin. Dhugumatti, jabeenyi hunduu kan Rabbiiti. Inni dhaga’aa, beekaadha.
أَلَآ إِنَّ لِلَّهِ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِۗ وَمَا يَتَّبِعُ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ شُرَكَآءَۚ إِن يَتَّبِعُونَ إِلَّا ٱلظَّنَّ وَإِنۡ هُمۡ إِلَّا يَخۡرُصُونَ
Open ayah 10:66Dhagayaa! Dhugumatti, wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru kan Rabbiiti. Isaan Rabbiin ala wantoota biraa gabbaran, dhugaatti qindiifamoota hin hordofanu. hinhordofan mamii malee. isaan kijiba qofa uumanii odeessoo malee hintaane.
هُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيۡلَ لِتَسۡكُنُواْ فِيهِ وَٱلنَّهَارَ مُبۡصِرًاۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَسۡمَعُونَ
Open ayah 10:67Inni (Rabbiin) Isa halkan akka isa keessa boqattan, isiniif taasiseedha, guyyaas immoo kan ibsu. Dhugumatti, kana keessa namoota dhagayaniif mallattooleetu jira.
قَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ وَلَدٗاۗ سُبۡحَٰنَهُۥۖ هُوَ ٱلۡغَنِيُّۖ لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ إِنۡ عِندَكُم مِّن سُلۡطَٰنِۭ بِهَٰذَآۚ أَتَقُولُونَ عَلَى ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ
Open ayah 10:68“Rabbiin ilma godhate” jedhu. Inni (kana) irraa qulqullaa’ee jira. Inni durreessa, Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru kan Isaati, Kanatti ragaa homaatuu hin qabdan. Sila waan hin beekne Rabbi irratti jettuu?
قُلۡ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَفۡتَرُونَ عَلَى ٱللَّهِ ٱلۡكَذِبَ لَا يُفۡلِحُونَ
Open ayah 10:69“Dhugumatti, isaan Rabbi irratti kijiba uumanu hin milkaa’anu” jedhi.
مَتَٰعٞ فِي ٱلدُّنۡيَا ثُمَّ إِلَيۡنَا مَرۡجِعُهُمۡ ثُمَّ نُذِيقُهُمُ ٱلۡعَذَابَ ٱلشَّدِيدَ بِمَا كَانُواْ يَكۡفُرُونَ
Open ayah 10:70(Kun) qananii addunyaa keessatti taateedha. Ergasii deebiin isaanii gara keenyatti qofa ta’a, Ergasii waan isaan kafaraa turaniif adabbii cimaa isaan dhandhamsiifna.
۞وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ نُوحٍ إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِۦ يَٰقَوۡمِ إِن كَانَ كَبُرَ عَلَيۡكُم مَّقَامِي وَتَذۡكِيرِي بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ فَعَلَى ٱللَّهِ تَوَكَّلۡتُ فَأَجۡمِعُوٓاْ أَمۡرَكُمۡ وَشُرَكَآءَكُمۡ ثُمَّ لَا يَكُنۡ أَمۡرُكُمۡ عَلَيۡكُمۡ غُمَّةٗ ثُمَّ ٱقۡضُوٓاْ إِلَيَّ وَلَا تُنظِرُونِ
Open ayah 10:71Oduu Nuuh isaan irratti dubbisi, Yeroo inni ummata isaatiin jedhe “yaa ummata kiyya! Yoo (isin waliin) turuun kiyyaafi keeyyattoota Rabbiitiin (isin) yaadachiisuun kiyya isinitti guddate, ani Rabbi irratti hirkadhee, tooftaalee keessaniifi qindeeffamoota keessan walitti qabadhaa; ergasii dharti keessan isin irraa dhokataa hin ta’in; ergasii narratti raawwadhaa yeroo naaf hin kenninaatii ”(jedhe).
فَإِن تَوَلَّيۡتُمۡ فَمَا سَأَلۡتُكُم مِّنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِۖ وَأُمِرۡتُ أَنۡ أَكُونَ مِنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
Open ayah 10:72“Yoo gara galtan, mindaa homaatuu isin hin gaafadhu. Mindaan kiyya Rabbi irratti malee hin taane. Ani Muslimtoota irraa ta’uuttiin ajajame.”(jedhi).
فَكَذَّبُوهُ فَنَجَّيۡنَٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ فِي ٱلۡفُلۡكِ وَجَعَلۡنَٰهُمۡ خَلَٰٓئِفَ وَأَغۡرَقۡنَا ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَاۖ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُنذَرِينَ
Open ayah 10:73Isaan isa kijibsiisani, ergasii Nuti isaafi namoota isaa waliin jiranis doonii keessatti nagaya baafne. Bakka bu’oo isaan gooneeti warra keeyyattoota keenya sobsiisan bishaaniin dhidhimsiifne. Booddeen dinniinamtootaa akkam akka ta’e ilaali.
ثُمَّ بَعَثۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِۦ رُسُلًا إِلَىٰ قَوۡمِهِمۡ فَجَآءُوهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَمَا كَانُواْ لِيُؤۡمِنُواْ بِمَا كَذَّبُواْ بِهِۦ مِن قَبۡلُۚ كَذَٰلِكَ نَطۡبَعُ عَلَىٰ قُلُوبِ ٱلۡمُعۡتَدِينَ
Open ayah 10:74Ergasii isa booda ergamtoota gara ummata isaanii ni erginee, mallattoowwan ifa ta’aniin isaanitti dhufan. Isaan waan san dura kijibsiisan sanatti kan amanan hin taane. Akka kanatti onnee daangaa dabritootaa irratti cufna.
ثُمَّ بَعَثۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِم مُّوسَىٰ وَهَٰرُونَ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ بِـَٔايَٰتِنَا فَٱسۡتَكۡبَرُواْ وَكَانُواْ قَوۡمٗا مُّجۡرِمِينَ
Open ayah 10:75Ergasii isaan booda Muusaafi Haaruuniin gara Fir’awnaafi qondaalota isaa aayatoota keenyaan erginee jirra. Isaan boonaniiti, badii raawwattoota irraa ta’an.
فَلَمَّا جَآءَهُمُ ٱلۡحَقُّ مِنۡ عِندِنَا قَالُوٓاْ إِنَّ هَٰذَا لَسِحۡرٞ مُّبِينٞ
Open ayah 10:76Yeroo dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “dhugumatti, kun falfala ifa ba’aadha” jedhan.
قَالَ مُوسَىٰٓ أَتَقُولُونَ لِلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَكُمۡۖ أَسِحۡرٌ هَٰذَا وَلَا يُفۡلِحُ ٱلسَّٰحِرُونَ
Open ayah 10:77Muusaan ni jedhe “sila dhugaan isinitti dhufnaan (kana) jettuu? Sila inni kun falfalaa? Falfaltoonni hin milkaa’an.”
قَالُوٓاْ أَجِئۡتَنَا لِتَلۡفِتَنَا عَمَّا وَجَدۡنَا عَلَيۡهِ ءَابَآءَنَا وَتَكُونَ لَكُمَا ٱلۡكِبۡرِيَآءُ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا نَحۡنُ لَكُمَا بِمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 10:78Isaan ni jedhan: “Sila ati waan abbootii keenya isa irratti argine irraa nu garagalchitee ol aantummaanis dachii keessatti akka isin lamaaniif taatuuf nutti dhuftee? Nuti isin lamaaniif hin amannu.
وَقَالَ فِرۡعَوۡنُ ٱئۡتُونِي بِكُلِّ سَٰحِرٍ عَلِيمٖ
Open ayah 10:79Fir’awna ni jedhe: “Cufa falfalaa beekaatiin natti koottaa.”
فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلۡقُواْ مَآ أَنتُم مُّلۡقُونَ
Open ayah 10:80Yeroo falfaltoonni dhufan, Muusaan isaaniin ni jedhe: “isin Waan darbitan darbaa.”
فَلَمَّآ أَلۡقَوۡاْ قَالَ مُوسَىٰ مَا جِئۡتُم بِهِ ٱلسِّحۡرُۖ إِنَّ ٱللَّهَ سَيُبۡطِلُهُۥٓ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُصۡلِحُ عَمَلَ ٱلۡمُفۡسِدِينَ
Open ayah 10:81Yeroo isaan darban Muusaan ni jedhe: “Wanti isin isaan dhuftan falfalaa, dhugumatti, Rabbiin isa balleessuuf jira. Dhugumatti, Rabbiin dalagaa badii hojjattootaa hin tolchu.
وَيُحِقُّ ٱللَّهُ ٱلۡحَقَّ بِكَلِمَٰتِهِۦ وَلَوۡ كَرِهَ ٱلۡمُجۡرِمُونَ
Open ayah 10:82Odoo badii raawwattoonni jibbanillee, Rabbiin dhugaa jechoota Isaatiin mirkaneessa.”
فَمَآ ءَامَنَ لِمُوسَىٰٓ إِلَّا ذُرِّيَّةٞ مِّن قَوۡمِهِۦ عَلَىٰ خَوۡفٖ مِّن فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِمۡ أَن يَفۡتِنَهُمۡۚ وَإِنَّ فِرۡعَوۡنَ لَعَالٖ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَإِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ
Open ayah 10:83Muusaaf hin amanne, Dhaloota ummata isaa irraa ta’e malee, Fir’awnaafi qondaaltonni isaa isaan jallisuu sodaachuun wajji, Dhugumatti, Fir’awn dachii keessatti of tuulaadha. Ammas inni daanga dabritoota irraayi.
وَقَالَ مُوسَىٰ يَٰقَوۡمِ إِن كُنتُمۡ ءَامَنتُم بِٱللَّهِ فَعَلَيۡهِ تَوَكَّلُوٓاْ إِن كُنتُم مُّسۡلِمِينَ
Open ayah 10:84Muusaanis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Yoo kan Rabbitti amantan taatan, Isuma irratti hirkadhaa; yoo Muslimoota taatan.”
فَقَالُواْ عَلَى ٱللَّهِ تَوَكَّلۡنَا رَبَّنَا لَا تَجۡعَلۡنَا فِتۡنَةٗ لِّلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Open ayah 10:85Isaanis ni jedhan: “Nuti Rabbi irratti hirkannee jirra. Yaa Gooftaa keenya! Ummata miidhaa raawwattootaaf sababaa jallinnaa nu hin taasisin.
وَنَجِّنَا بِرَحۡمَتِكَ مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡكَٰفِرِينَ
Open ayah 10:86Namoota kaafirootaa jalaas Rahmata keetiin nagaa nu baasi.”
وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰ وَأَخِيهِ أَن تَبَوَّءَا لِقَوۡمِكُمَا بِمِصۡرَ بُيُوتٗا وَٱجۡعَلُواْ بُيُوتَكُمۡ قِبۡلَةٗ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَۗ وَبَشِّرِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 10:87Muusaafi obboleessa isaatti wahyii goone: “Isin lachanuu ummata keessaniif Misratti manneen qopheessaa; manneen keessan iddoo ibaadaa taasisaa; salaata dhaabaa; mu’uminoota gammachiisi” jechuun .
وَقَالَ مُوسَىٰ رَبَّنَآ إِنَّكَ ءَاتَيۡتَ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَأَهُۥ زِينَةٗ وَأَمۡوَٰلٗا فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا رَبَّنَا لِيُضِلُّواْ عَن سَبِيلِكَۖ رَبَّنَا ٱطۡمِسۡ عَلَىٰٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ وَٱشۡدُدۡ عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ فَلَا يُؤۡمِنُواْ حَتَّىٰ يَرَوُاْ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ
Open ayah 10:88Muusaanis ni jedhe: “Gooftaa keenya! Ati dhugumatti Fir’awniifi qondaalota isaatiif jireenya addunyaa keessatti miidhaginaafi qabeenya kennitee jirta, (yaa) Gooftaa keenya! Karaa kee irraa akka (namoota) jallisaniif jecha. Gooftaa keenya! Qabeenya isaanii mancaasi; onneewwan isaanii irratti jabeesi. Isaan hanga adabbii laalessaa arganitti hin amanan.”
قَالَ قَدۡ أُجِيبَت دَّعۡوَتُكُمَا فَٱسۡتَقِيمَا وَلَا تَتَّبِعَآنِّ سَبِيلَ ٱلَّذِينَ لَا يَعۡلَمُونَ
Open ayah 10:89(Rabbiin) ni jedhe: “Dhugumatti, kadhaan keessan lamaanii qeebalamtee jirti, Karaa qajeelaa irratti gadi dhaabbadhaa; karaa warra hin beeknee hin hordofinaa.”
۞وَجَٰوَزۡنَا بِبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٱلۡبَحۡرَ فَأَتۡبَعَهُمۡ فِرۡعَوۡنُ وَجُنُودُهُۥ بَغۡيٗا وَعَدۡوًاۖ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَدۡرَكَهُ ٱلۡغَرَقُ قَالَ ءَامَنتُ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱلَّذِيٓ ءَامَنَتۡ بِهِۦ بَنُوٓاْ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَأَنَا۠ مِنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
Open ayah 10:90Ilmaan Israa’iil galaana ceesifneeti, Fir’awniifi waraanni isaas jibbaafi diinummaaf isaan hordofan; yeroo bishaaniin nyaatamuun isa dhaqqabu “dhugumatti, Isa Ilmaan Israa’iil itti amanan malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiruu amaneera. Ani Muslimtoota irraayi” jedhe.
ءَآلۡـَٰٔنَ وَقَدۡ عَصَيۡتَ قَبۡلُ وَكُنتَ مِنَ ٱلۡمُفۡسِدِينَ
Open ayah 10:91Sila odoo duraan dilooytee, balleessitoota irraa taatee jirtuu amma (amantaa)!
فَٱلۡيَوۡمَ نُنَجِّيكَ بِبَدَنِكَ لِتَكُونَ لِمَنۡ خَلۡفَكَ ءَايَةٗۚ وَإِنَّ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلنَّاسِ عَنۡ ءَايَٰتِنَا لَغَٰفِلُونَ
Open ayah 10:92Har’a qaama keetiin (reeffa kee) akka ati namoota si boodaatiif mallattoo taatuuf si baafna. Dhugumatti, hedduun namoota irraa ta’an mallattoolee keenya irraa dagatoodha.
وَلَقَدۡ بَوَّأۡنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ مُبَوَّأَ صِدۡقٖ وَرَزَقۡنَٰهُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ فَمَا ٱخۡتَلَفُواْ حَتَّىٰ جَآءَهُمُ ٱلۡعِلۡمُۚ إِنَّ رَبَّكَ يَقۡضِي بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فِيمَا كَانُواْ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ
Open ayah 10:93Nuti dhugumatti, Ilmaan Israa’iil iddoo kabajamaa (Shaamiifi Misraan keessa) isaan qubachiifnee jirra. Wantoota gaggaarii irraas soorata isaanif kenninee jirra. Hanga beekumsi isaanitti dhufutti wal hin dhabne. Dhugumatti, Gooftaan kee guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti ni murteessa, waan isaan keessatti wal dhabaa turan keessatti.
فَإِن كُنتَ فِي شَكّٖ مِّمَّآ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ فَسۡـَٔلِ ٱلَّذِينَ يَقۡرَءُونَ ٱلۡكِتَٰبَ مِن قَبۡلِكَۚ لَقَدۡ جَآءَكَ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكَ فَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُمۡتَرِينَ
Open ayah 10:94Yoo waan Nuti gara keetti buufne irraa shakkii keessa jiraatte, isaan si dura kitaaba dubbisaa turan gaafadhu. Dhugumatti, haqni Gooftaa kee irraa sitti dhufee jiraa, shakkitoota irraa hin ta’in.
وَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ فَتَكُونَ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ
Open ayah 10:95Isaan keeyyattoota Rabbii kijibsiisan irraas hin ta’in; hoongoftoota irraa taataa.
إِنَّ ٱلَّذِينَ حَقَّتۡ عَلَيۡهِمۡ كَلِمَتُ رَبِّكَ لَا يُؤۡمِنُونَ
Open ayah 10:96Dhugumatti, warri jechi Gooftaa keetii isaan irratti mirkanoofte hin amanan.
وَلَوۡ جَآءَتۡهُمۡ كُلُّ ءَايَةٍ حَتَّىٰ يَرَوُاْ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ
Open ayah 10:97Odoo mallattoon hundi isaanitti dhufanillee hanga adabbii laalessaa arganitti (hin amanan).
فَلَوۡلَا كَانَتۡ قَرۡيَةٌ ءَامَنَتۡ فَنَفَعَهَآ إِيمَٰنُهَآ إِلَّا قَوۡمَ يُونُسَ لَمَّآ ءَامَنُواْ كَشَفۡنَا عَنۡهُمۡ عَذَابَ ٱلۡخِزۡيِ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَمَتَّعۡنَٰهُمۡ إِلَىٰ حِينٖ
Open ayah 10:98Sila magaalaan (erga adabbii Rabbii argitee) amantee ergasii iimaanni ishee ishee fayyade ummata Yuunus malee maaliif hin jiraatini? (Hin jiru jechuu dha). Isaan amannaan jireenya addunyaa keessatti adabbii salphisaa ta’e isaan irraa saaqne, hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne.
وَلَوۡ شَآءَ رَبُّكَ لَأٓمَنَ مَن فِي ٱلۡأَرۡضِ كُلُّهُمۡ جَمِيعًاۚ أَفَأَنتَ تُكۡرِهُ ٱلنَّاسَ حَتَّىٰ يَكُونُواْ مُؤۡمِنِينَ
Open ayah 10:99Gooftaan kee odoo fedhee namni dachii keessa jiru hundi isaanii marti ni amana ture. Sila ati hanga isaan mu’uminoota ta’anitti namoota dirqisiiftaa?
وَمَا كَانَ لِنَفۡسٍ أَن تُؤۡمِنَ إِلَّا بِإِذۡنِ ٱللَّهِۚ وَيَجۡعَلُ ٱلرِّجۡسَ عَلَى ٱلَّذِينَ لَا يَعۡقِلُونَ
Open ayah 10:100Lubbuu kamiifuu hayyama Rabbiitiin ala amanuun hin taane. Isaan sammuu hin qabne irrattii najisa (adabbii) taasisa.
قُلِ ٱنظُرُواْ مَاذَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَمَا تُغۡنِي ٱلۡأٓيَٰتُ وَٱلنُّذُرُ عَن قَوۡمٖ لَّا يُؤۡمِنُونَ
Open ayah 10:101“Mee wantoota samiileefi dachii keessa jiran (hunda) ilaalaa” jedhi. Mallattooleefi akeekkachiiftonni namoota hin amanne irraa homaa hin deebisanu.
فَهَلۡ يَنتَظِرُونَ إِلَّا مِثۡلَ أَيَّامِ ٱلَّذِينَ خَلَوۡاْ مِن قَبۡلِهِمۡۚ قُلۡ فَٱنتَظِرُوٓاْ إِنِّي مَعَكُم مِّنَ ٱلۡمُنتَظِرِينَ
Open ayah 10:102Sila ni eeganii fakkaataa guyyoota warra isaan dura dabranii malee? “Egaa, anis isin waliin eegdota irraayi” jedhi.
ثُمَّ نُنَجِّي رُسُلَنَا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْۚ كَذَٰلِكَ حَقًّا عَلَيۡنَا نُنجِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 10:103Ergasii ergamtoota keenyaafi isaan amananis nagaa baafna! Akka kanatti mu’uminoota nagaa baasuun Nu irratti haqa.
قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِن كُنتُمۡ فِي شَكّٖ مِّن دِينِي فَلَآ أَعۡبُدُ ٱلَّذِينَ تَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَلَٰكِنۡ أَعۡبُدُ ٱللَّهَ ٱلَّذِي يَتَوَفَّىٰكُمۡۖ وَأُمِرۡتُ أَنۡ أَكُونَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 10:104“Yaa namootaa! Yoo amantii kiyya irraa shakkii keessa taatan, isaan isin Rabbii gaditti gabbartan san ani hin gabbaru; garuu Rabbii isa isin ajjeesun gabbara. Ani mu’uminoota irraa ta’uuttin ajajame” jedhi.
وَأَنۡ أَقِمۡ وَجۡهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفٗا وَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
Open ayah 10:105“Fuula kee qajeelaa taasisii guutumatti amantiitti gara galchi; mushrikoota irraa hin ta’in” (naanjedhame).
وَلَا تَدۡعُ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَنفَعُكَ وَلَا يَضُرُّكَۖ فَإِن فَعَلۡتَ فَإِنَّكَ إِذٗا مِّنَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Open ayah 10:106Rabbii gaditti waan si hin fayyadneefi si hin miine hin gabbarin. Yoo (akkas) hojjatte, dhugumatti ati yoos miidhaa hojjattoota irraa taata.”
وَإِن يَمۡسَسۡكَ ٱللَّهُ بِضُرّٖ فَلَا كَاشِفَ لَهُۥٓ إِلَّا هُوَۖ وَإِن يُرِدۡكَ بِخَيۡرٖ فَلَا رَآدَّ لِفَضۡلِهِۦۚ يُصِيبُ بِهِۦ مَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦۚ وَهُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
Open ayah 10:107Yoo Rabbiin rakkinaan si tuqe, Isa malee kan isa fuudhu hin jiru; yoo toltuun si fedhees, tola Isaa kan deebisu hin jiru. Isaan (tola saniin) gabroota Isaa irraa nama fedhe tuqa. Inni araaramaa, rahmata godhaadha.
قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ قَدۡ جَآءَكُمُ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكُمۡۖ فَمَنِ ٱهۡتَدَىٰ فَإِنَّمَا يَهۡتَدِي لِنَفۡسِهِۦۖ وَمَن ضَلَّ فَإِنَّمَا يَضِلُّ عَلَيۡهَاۖ وَمَآ أَنَا۠ عَلَيۡكُم بِوَكِيلٖ
Open ayah 10:108“Yaa namootaa! Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa dhugaan isinitti dhufee jira. namni qajeele, kan inni qajeelu lubbuma isaatiifi. Namni jallates, kan inni jallatu ishee irratti. Ani isin irratti ramadamaa miti” jedhi.
وَٱتَّبِعۡ مَا يُوحَىٰٓ إِلَيۡكَ وَٱصۡبِرۡ حَتَّىٰ يَحۡكُمَ ٱللَّهُۚ وَهُوَ خَيۡرُ ٱلۡحَٰكِمِينَ
Open ayah 10:109Waan gara keetti wahyii godhame hordofi. Hanga Rabbiin murteessutti obsi. Inni irra caalaa murteessitootaati.