الحجر
Al-Hijr
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
الٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ وَقُرۡءَانٖ مُّبِينٖ
Open ayah 15:1Alif Laam Raa tun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti.
رُّبَمَا يَوَدُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡ كَانُواْ مُسۡلِمِينَ
Open ayah 15:2Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu!
ذَرۡهُمۡ يَأۡكُلُواْ وَيَتَمَتَّعُواْ وَيُلۡهِهِمُ ٱلۡأَمَلُۖ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
Open ayah 15:3Isaan dhiisi Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu, (Itti gala isaanii) fuula duratti ni beeku.
وَمَآ أَهۡلَكۡنَا مِن قَرۡيَةٍ إِلَّا وَلَهَا كِتَابٞ مَّعۡلُومٞ
Open ayah 15:4(Warra) gandaa tokkollee hin balleessine beellamni beekamaan isheef jiraatu malee .
مَّا تَسۡبِقُ مِنۡ أُمَّةٍ أَجَلَهَا وَمَا يَسۡتَـٔۡخِرُونَ
Open ayah 15:5Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu.
وَقَالُواْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِي نُزِّلَ عَلَيۡهِ ٱلذِّكۡرُ إِنَّكَ لَمَجۡنُونٞ
Open ayah 15:6Nijedhan “Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha”.
لَّوۡ مَا تَأۡتِينَا بِٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ
Open ayah 15:7Maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate?” (jedhan).
مَا نُنَزِّلُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَمَا كَانُوٓاْ إِذٗا مُّنظَرِينَ
Open ayah 15:8Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnu, Yoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane.
إِنَّا نَحۡنُ نَزَّلۡنَا ٱلذِّكۡرَ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ
Open ayah 15:9Nuti Zikrii (Qur'aana) Numatu buuse, Numatu isaaf tiksoodha.
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ فِي شِيَعِ ٱلۡأَوَّلِينَ
Open ayah 15:10Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra.
وَمَا يَأۡتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Open ayah 15:11Ergamaan tokkos isatti dhufee kan isatti qishinan ta’anii malee hintaane.
كَذَٰلِكَ نَسۡلُكُهُۥ فِي قُلُوبِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ
Open ayah 15:12Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna.
لَا يُؤۡمِنُونَ بِهِۦ وَقَدۡ خَلَتۡ سُنَّةُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Open ayah 15:13Isatti hin amananu, Dhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa).
وَلَوۡ فَتَحۡنَا عَلَيۡهِم بَابٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ فَظَلُّواْ فِيهِ يَعۡرُجُونَ
Open ayah 15:14Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii;
لَقَالُوٓاْ إِنَّمَا سُكِّرَتۡ أَبۡصَٰرُنَا بَلۡ نَحۡنُ قَوۡمٞ مَّسۡحُورُونَ
Open ayah 15:15Silaa nijedhan “ijootuma keenyatu cufame, Inumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha”.
وَلَقَدۡ جَعَلۡنَا فِي ٱلسَّمَآءِ بُرُوجٗا وَزَيَّنَّٰهَا لِلنَّٰظِرِينَ
Open ayah 15:16Nuti dhugumatti samii keessatti urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra.
وَحَفِظۡنَٰهَا مِن كُلِّ شَيۡطَٰنٖ رَّجِيمٍ
Open ayah 15:17Sheyxaana darbatamaa hunda irraa ishee tiiksine.
إِلَّا مَنِ ٱسۡتَرَقَ ٱلسَّمۡعَ فَأَتۡبَعَهُۥ شِهَابٞ مُّبِينٞ
Open ayah 15:18Isa dhageettii hatee malee qaanqee mul'ataatu isa hordofe.
وَٱلۡأَرۡضَ مَدَدۡنَٰهَا وَأَلۡقَيۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ وَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ شَيۡءٖ مَّوۡزُونٖ
Open ayah 15:19Dachii Nuti ishee diriirsinee jirra, Gaarreen ishee keessati goonee jirra, Wanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra.
وَجَعَلۡنَا لَكُمۡ فِيهَا مَعَٰيِشَ وَمَن لَّسۡتُمۡ لَهُۥ بِرَٰزِقِينَ
Open ayah 15:20Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone.
وَإِن مِّن شَيۡءٍ إِلَّا عِندَنَا خَزَآئِنُهُۥ وَمَا نُنَزِّلُهُۥٓ إِلَّا بِقَدَرٖ مَّعۡلُومٖ
Open ayah 15:21Wanti tokkos hin taane;Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male, Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu.
وَأَرۡسَلۡنَا ٱلرِّيَٰحَ لَوَٰقِحَ فَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَسۡقَيۡنَٰكُمُوهُ وَمَآ أَنتُمۡ لَهُۥ بِخَٰزِنِينَ
Open ayah 15:22Bubbeewwan ergine Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee, Samii irraa bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra, (Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane.
وَإِنَّا لَنَحۡنُ نُحۡيِۦ وَنُمِيتُ وَنَحۡنُ ٱلۡوَٰرِثُونَ
Open ayah 15:23Nuti dhugumatti (lubbuu) Numatu jiraachisee ajjeesa, Numatu dhaaltota.
وَلَقَدۡ عَلِمۡنَا ٱلۡمُسۡتَقۡدِمِينَ مِنكُمۡ وَلَقَدۡ عَلِمۡنَا ٱلۡمُسۡتَـٔۡخِرِينَ
Open ayah 15:24Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerra, Warren boodaas dhugumatti beeknee jirra.
وَإِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَحۡشُرُهُمۡۚ إِنَّهُۥ حَكِيمٌ عَلِيمٞ
Open ayah 15:25Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha.
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن صَلۡصَٰلٖ مِّنۡ حَمَإٖ مَّسۡنُونٖ
Open ayah 15:26Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne.
وَٱلۡجَآنَّ خَلَقۡنَٰهُ مِن قَبۡلُ مِن نَّارِ ٱلسَّمُومِ
Open ayah 15:27Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne.
وَإِذۡ قَالَ رَبُّكَ لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ إِنِّي خَٰلِقُۢ بَشَرٗا مِّن صَلۡصَٰلٖ مِّنۡ حَمَإٖ مَّسۡنُونٖ
Open ayah 15:28Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha.
فَإِذَا سَوَّيۡتُهُۥ وَنَفَخۡتُ فِيهِ مِن رُّوحِي فَقَعُواْ لَهُۥ سَٰجِدِينَ
Open ayah 15:29Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, sujuuddota ta’aatii isaaf kufaa.
فَسَجَدَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ كُلُّهُمۡ أَجۡمَعُونَ
Open ayah 15:30Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an.
إِلَّآ إِبۡلِيسَ أَبَىٰٓ أَن يَكُونَ مَعَ ٱلسَّٰجِدِينَ
Open ayah 15:31Ibliis malee inni warra sujuuda bu’an wajji ta’uu dide.
قَالَ يَٰٓإِبۡلِيسُ مَا لَكَ أَلَّا تَكُونَ مَعَ ٱلسَّٰجِدِينَ
Open ayah 15:32(Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an wajji ta’uu didde?” jedheen.
قَالَ لَمۡ أَكُن لِّأَسۡجُدَ لِبَشَرٍ خَلَقۡتَهُۥ مِن صَلۡصَٰلٖ مِّنۡ حَمَإٖ مَّسۡنُونٖ
Open ayah 15:33[Inni] nijedhe “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef kan sujuudu hintaane”.
قَالَ فَٱخۡرُجۡ مِنۡهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٞ
Open ayah 15:34(Rabbiinis)nijedheen “ishee irraa ba’i; Ati darbamaadha.
وَإِنَّ عَلَيۡكَ ٱللَّعۡنَةَ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلدِّينِ
Open ayah 15:35Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirratti jiraata.”
قَالَ رَبِّ فَأَنظِرۡنِيٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ
Open ayah 15:36“Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe.
قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ ٱلۡمُنظَرِينَ
Open ayah 15:37(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe.
إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡوَقۡتِ ٱلۡمَعۡلُومِ
Open ayah 15:38“Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.”
قَالَ رَبِّ بِمَآ أَغۡوَيۡتَنِي لَأُزَيِّنَنَّ لَهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَأُغۡوِيَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Open ayah 15:39(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen hunda isaanii isaan jallisa.
إِلَّا عِبَادَكَ مِنۡهُمُ ٱلۡمُخۡلَصِينَ
Open ayah 15:40isaan irraa Gabroota kee qulqulleeffamoota malee.
قَالَ هَٰذَا صِرَٰطٌ عَلَيَّ مُسۡتَقِيمٌ
Open ayah 15:41(Rabbiin) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha.
إِنَّ عِبَادِي لَيۡسَ لَكَ عَلَيۡهِمۡ سُلۡطَٰنٌ إِلَّا مَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلۡغَاوِينَ
Open ayah 15:42Dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru. Jallattoota irraa warra si hordofan malee.
وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمَوۡعِدُهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Open ayah 15:43Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) beellamamaa isaan hundaati.
لَهَا سَبۡعَةُ أَبۡوَٰبٖ لِّكُلِّ بَابٖ مِّنۡهُمۡ جُزۡءٞ مَّقۡسُومٌ
Open ayah 15:44Isheedhaaf balbala torbatu jira. Tokko tokkoo balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٍ
Open ayah 15:45Warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru.
ٱدۡخُلُوهَا بِسَلَٰمٍ ءَامِنِينَ
Open ayah 15:46“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan).
وَنَزَعۡنَا مَا فِي صُدُورِهِم مِّنۡ غِلٍّ إِخۡوَٰنًا عَلَىٰ سُرُرٖ مُّتَقَٰبِلِينَ
Open ayah 15:47Jibbaa irraa waan qomoota isaanii keessa jiru baafne, Obboleeyyan sireewwan irratti walitti garagaggalan ta’an.
لَا يَمَسُّهُمۡ فِيهَا نَصَبٞ وَمَا هُم مِّنۡهَا بِمُخۡرَجِينَ
Open ayah 15:48Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuqu. Isaan ishee irraa baafamoo hintaane.
۞نَبِّئۡ عِبَادِيٓ أَنِّيٓ أَنَا ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
Open ayah 15:49Gabroota kiyyatti odeessi Ani Anumatu araaramaa, rahmata godhaadhaa.
وَأَنَّ عَذَابِي هُوَ ٱلۡعَذَابُ ٱلۡأَلِيمُ
Open ayah 15:50“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi.)
وَنَبِّئۡهُمۡ عَن ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ
Open ayah 15:51Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi
إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمٗا قَالَ إِنَّا مِنكُمۡ وَجِلُونَ
Open ayah 15:52Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen.
قَالُواْ لَا تَوۡجَلۡ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٖ
Open ayah 15:53“Hin sodaatin, Nuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan.
قَالَ أَبَشَّرۡتُمُونِي عَلَىٰٓ أَن مَّسَّنِيَ ٱلۡكِبَرُ فَبِمَ تُبَشِّرُونَ
Open ayah 15:54“Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen.
قَالُواْ بَشَّرۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ فَلَا تَكُن مِّنَ ٱلۡقَٰنِطِينَ
Open ayah 15:55“(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin.
قَالَ وَمَن يَقۡنَطُ مِن رَّحۡمَةِ رَبِّهِۦٓ إِلَّا ٱلضَّآلُّونَ
Open ayah 15:56“Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii murata?” jedhe.
قَالَ فَمَا خَطۡبُكُمۡ أَيُّهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ
Open ayah 15:57“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen.
قَالُوٓاْ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمٖ مُّجۡرِمِينَ
Open ayah 15:58“Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan.
إِلَّآ ءَالَ لُوطٍ إِنَّا لَمُنَجُّوهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Open ayah 15:59“Maatii Luux malee dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”
إِلَّا ٱمۡرَأَتَهُۥ قَدَّرۡنَآ إِنَّهَا لَمِنَ ٱلۡغَٰبِرِينَ
Open ayah 15:60“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”
فَلَمَّا جَآءَ ءَالَ لُوطٍ ٱلۡمُرۡسَلُونَ
Open ayah 15:61Yeroma ergamtoonni maatii Luuxitti dhufanu.
قَالَ إِنَّكُمۡ قَوۡمٞ مُّنكَرُونَ
Open ayah 15:62“Isin ummata wallaalamoodha” jedhe.
قَالُواْ بَلۡ جِئۡنَٰكَ بِمَا كَانُواْ فِيهِ يَمۡتَرُونَ
Open ayah 15:63“nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan.
وَأَتَيۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ وَإِنَّا لَصَٰدِقُونَ
Open ayah 15:64“Dhugaadhaan sitti dhufne, Dhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.
فَأَسۡرِ بِأَهۡلِكَ بِقِطۡعٖ مِّنَ ٱلَّيۡلِ وَٱتَّبِعۡ أَدۡبَٰرَهُمۡ وَلَا يَلۡتَفِتۡ مِنكُمۡ أَحَدٞ وَٱمۡضُواْ حَيۡثُ تُؤۡمَرُونَ
Open ayah 15:65Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duubaawwan isaanii hordofi, Isin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtanii deemaa.”
وَقَضَيۡنَآ إِلَيۡهِ ذَٰلِكَ ٱلۡأَمۡرَ أَنَّ دَابِرَ هَٰٓؤُلَآءِ مَقۡطُوعٞ مُّصۡبِحِينَ
Open ayah 15:66Ajaja sanas "xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii muramaadha” jechuun gara isaatti murteessine.
وَجَآءَ أَهۡلُ ٱلۡمَدِينَةِ يَسۡتَبۡشِرُونَ
Open ayah 15:67Jiraattonni magaalaa kan wal gammachiisan ta’anii dhufan.
قَالَ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ ضَيۡفِي فَلَا تَفۡضَحُونِ
Open ayah 15:68(Luuxis ni jedhe): “isaan kun keessumoota kiyyaa, nan xiqqeessinaa” jedhe.
وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلَا تُخۡزُونِ
Open ayah 15:69“Rabbiin sodaadhaa; nan xiqqeessinaa.”
قَالُوٓاْ أَوَلَمۡ نَنۡهَكَ عَنِ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 15:70(Namoonni magaalattii) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan.
قَالَ هَٰٓؤُلَآءِ بَنَاتِيٓ إِن كُنتُمۡ فَٰعِلِينَ
Open ayah 15:71(Luux) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”
لَعَمۡرُكَ إِنَّهُمۡ لَفِي سَكۡرَتِهِمۡ يَعۡمَهُونَ
Open ayah 15:72(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.
فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ مُشۡرِقِينَ
Open ayah 15:73Iyyattiin isaan qabatte aduu baasifatootahanii.
فَجَعَلۡنَا عَٰلِيَهَا سَافِلَهَا وَأَمۡطَرۡنَا عَلَيۡهِمۡ حِجَارَةٗ مِّن سِجِّيلٍ
Open ayah 15:74Gubbaa ishee jala ishee taasifnee (gara galchine), dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine.
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّلۡمُتَوَسِّمِينَ
Open ayah 15:75Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira.
وَإِنَّهَا لَبِسَبِيلٖ مُّقِيمٍ
Open ayah 15:76Isheen (magaalattiin) daandii (guddaa) qajeelaa irra jirti.
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 15:77Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti.
وَإِن كَانَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡأَيۡكَةِ لَظَٰلِمِينَ
Open ayah 15:78warri eeykaa (bosonaa) dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an.[1]
- isaan ummata nabi shu'eybi itti ergameedha.
فَٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡ وَإِنَّهُمَا لَبِإِمَامٖ مُّبِينٖ
Open ayah 15:79Haaloo isaan irraa ba’anne. Dhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru.
وَلَقَدۡ كَذَّبَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡحِجۡرِ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Open ayah 15:80Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru.[1]
- warra laga hijrii jiraatu. isaan samuud jedhaman, nabi saalihtu itti ergame. nikijibsiisan.
وَءَاتَيۡنَٰهُمۡ ءَايَٰتِنَا فَكَانُواْ عَنۡهَا مُعۡرِضِينَ
Open ayah 15:81Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an.
وَكَانُواْ يَنۡحِتُونَ مِنَ ٱلۡجِبَالِ بُيُوتًا ءَامِنِينَ
Open ayah 15:82Of amanoo ta’anii gaarreen irraa manneen isaanii urataa turan.
فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ مُصۡبِحِينَ
Open ayah 15:83Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte
فَمَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Open ayah 15:84Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne.
وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَآ إِلَّا بِٱلۡحَقِّۗ وَإِنَّ ٱلسَّاعَةَ لَأٓتِيَةٞۖ فَٱصۡفَحِ ٱلصَّفۡحَ ٱلۡجَمِيلَ
Open ayah 15:85Samiileef dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumne. Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha. Irraa gara galuu gaarii ta’e gara gali.
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ ٱلۡخَلَّٰقُ ٱلۡعَلِيمُ
Open ayah 15:86Rabbiin kee isatu akkaan uumaa, beekaadha
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَٰكَ سَبۡعٗا مِّنَ ٱلۡمَثَانِي وَٱلۡقُرۡءَانَ ٱلۡعَظِيمَ
Open ayah 15:87Dhugumatti Nuti dorban deddeebi'aa fii Qur’aana guddaa siif kenninee jirra.
لَا تَمُدَّنَّ عَيۡنَيۡكَ إِلَىٰ مَا مَتَّعۡنَا بِهِۦٓ أَزۡوَٰجٗا مِّنۡهُمۡ وَلَا تَحۡزَنۡ عَلَيۡهِمۡ وَٱخۡفِضۡ جَنَاحَكَ لِلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 15:88Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irratti hin gaddin; kooluu kee Mu’uminootaaf gadi qabi.
وَقُلۡ إِنِّيٓ أَنَا ٱلنَّذِيرُ ٱلۡمُبِينُ
Open ayah 15:89“Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi.
كَمَآ أَنزَلۡنَا عَلَى ٱلۡمُقۡتَسِمِينَ
Open ayah 15:90Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne.
ٱلَّذِينَ جَعَلُواْ ٱلۡقُرۡءَانَ عِضِينَ
Open ayah 15:91Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran).
فَوَرَبِّكَ لَنَسۡـَٔلَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Open ayah 15:92Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna.
عَمَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Open ayah 15:93Waan isaan dalagaa turan irraa.
فَٱصۡدَعۡ بِمَا تُؤۡمَرُ وَأَعۡرِضۡ عَنِ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
Open ayah 15:94Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraa garagali.
إِنَّا كَفَيۡنَٰكَ ٱلۡمُسۡتَهۡزِءِينَ
Open ayah 15:95Nuti qishnitoota siif geenyeerra.
ٱلَّذِينَ يَجۡعَلُونَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۚ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
Open ayah 15:96(Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku.
وَلَقَدۡ نَعۡلَمُ أَنَّكَ يَضِيقُ صَدۡرُكَ بِمَا يَقُولُونَ
Open ayah 15:97Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomti kee rakkachuu ni beekna.
فَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ وَكُن مِّنَ ٱلسَّٰجِدِينَ
Open ayah 15:98Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessi, Warra sujuudan irraa ta’i.
وَٱعۡبُدۡ رَبَّكَ حَتَّىٰ يَأۡتِيَكَ ٱلۡيَقِينُ
Open ayah 15:99Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari.