الواقعة
Al-Waaqia
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
إِذَا وَقَعَتِ ٱلۡوَاقِعَةُ
Open ayah 56:1Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) buute.
لَيۡسَ لِوَقۡعَتِهَا كَاذِبَةٌ
Open ayah 56:2Argama isheetiif kijibsiiftuun hin jirtu.
خَافِضَةٞ رَّافِعَةٌ
Open ayah 56:3Gadi qabduu, ol fuutuudha.
إِذَا رُجَّتِ ٱلۡأَرۡضُ رَجّٗا
Open ayah 56:4Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte.
وَبُسَّتِ ٱلۡجِبَالُ بَسّٗا
Open ayah 56:5(Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte,
فَكَانَتۡ هَبَآءٗ مُّنۢبَثّٗا
Open ayah 56:6Dhukkee facaafamtuu taate,
وَكُنتُمۡ أَزۡوَٰجٗا ثَلَٰثَةٗ
Open ayah 56:7(Yeroo) Isinis garee sadi taatan,
فَأَصۡحَٰبُ ٱلۡمَيۡمَنَةِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَيۡمَنَةِ
Open ayah 56:8(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)!
وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡمَشۡـَٔمَةِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَشۡـَٔمَةِ
Open ayah 56:9(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)!
وَٱلسَّٰبِقُونَ ٱلسَّٰبِقُونَ
Open ayah 56:10(toltutti) dursitoonni (jannatatti) surditoota.
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلۡمُقَرَّبُونَ
Open ayah 56:11Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota.
فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Open ayah 56:12Jannatoota qananii keessatti ta’u.
ثُلَّةٞ مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ
Open ayah 56:13Warra duraa irraa baay’eedha.
وَقَلِيلٞ مِّنَ ٱلۡأٓخِرِينَ
Open ayah 56:14Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha.
عَلَىٰ سُرُرٖ مَّوۡضُونَةٖ
Open ayah 56:15Sireewwan dhawamte irratti ta’u.
مُّتَّكِـِٔينَ عَلَيۡهَا مُتَقَٰبِلِينَ
Open ayah 56:16Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti irkatoo tahanii.
يَطُوفُ عَلَيۡهِمۡ وِلۡدَٰنٞ مُّخَلَّدُونَ
Open ayah 56:17Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a.
بِأَكۡوَابٖ وَأَبَارِيقَ وَكَأۡسٖ مِّن مَّعِينٖ
Open ayah 56:18Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een.
لَّا يُصَدَّعُونَ عَنۡهَا وَلَا يُنزِفُونَ
Open ayah 56:19Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis.
وَفَٰكِهَةٖ مِّمَّا يَتَخَيَّرُونَ
Open ayah 56:20Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u).
وَلَحۡمِ طَيۡرٖ مِّمَّا يَشۡتَهُونَ
Open ayah 56:21Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin.
وَحُورٌ عِينٞ
Open ayah 56:22Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira.)
كَأَمۡثَٰلِ ٱللُّؤۡلُوِٕ ٱلۡمَكۡنُونِ
Open ayah 56:23Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan.
جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Open ayah 56:24Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone).
لَا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوٗا وَلَا تَأۡثِيمًا
Open ayah 56:25Isii (jannata) keessatti wacaafi wal yakkuu hin dhaga’an.
إِلَّا قِيلٗا سَلَٰمٗا سَلَٰمٗا
Open ayah 56:26“Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an).
وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡيَمِينِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡيَمِينِ
Open ayah 56:27Warri mirgaa; warra mirgaa (waa’een isaanii akkam tola!).
فِي سِدۡرٖ مَّخۡضُودٖ
Open ayah 56:28(Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu.
وَطَلۡحٖ مَّنضُودٖ
Open ayah 56:29Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu).
وَظِلّٖ مَّمۡدُودٖ
Open ayah 56:30Gaaddisa diriirfamaa (keessa).
وَمَآءٖ مَّسۡكُوبٖ
Open ayah 56:31Bishaan dhangala’u (biratti).
وَفَٰكِهَةٖ كَثِيرَةٖ
Open ayah 56:32Fuduraalee baay’ee (keessa).
لَّا مَقۡطُوعَةٖ وَلَا مَمۡنُوعَةٖ
Open ayah 56:33Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa).
وَفُرُشٖ مَّرۡفُوعَةٍ
Open ayah 56:34Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.)
إِنَّآ أَنشَأۡنَٰهُنَّ إِنشَآءٗ
Open ayah 56:35Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne.
فَجَعَلۡنَٰهُنَّ أَبۡكَارًا
Open ayah 56:36Dubroota isaan goone.
عُرُبًا أَتۡرَابٗا
Open ayah 56:37Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone).
لِّأَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ
Open ayah 56:38Warreen mirgaatiif (qophaa’an).
ثُلَّةٞ مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ
Open ayah 56:39Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi.
وَثُلَّةٞ مِّنَ ٱلۡأٓخِرِينَ
Open ayah 56:40Warra boodaa irraahis baay’eedha.
وَأَصۡحَٰبُ ٱلشِّمَالِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلشِّمَالِ
Open ayah 56:41Warra bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu)!
فِي سَمُومٖ وَحَمِيمٖ
Open ayah 56:42Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu.
وَظِلّٖ مِّن يَحۡمُومٖ
Open ayah 56:43Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa.
لَّا بَارِدٖ وَلَا كَرِيمٍ
Open ayah 56:44(Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in.
إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُتۡرَفِينَ
Open ayah 56:45Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan.
وَكَانُواْ يُصِرُّونَ عَلَى ٱلۡحِنثِ ٱلۡعَظِيمِ
Open ayah 56:46Dilii guddaa itti fufu turan.
وَكَانُواْ يَقُولُونَ أَئِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ
Open ayah 56:47“Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan.
أَوَءَابَآؤُنَا ٱلۡأَوَّلُونَ
Open ayah 56:48“Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan).
قُلۡ إِنَّ ٱلۡأَوَّلِينَ وَٱلۡأٓخِرِينَ
Open ayah 56:49“(Yaa Muhammad!) jedhiin isaan jalqabaatii fii isaan boodaas (ni kaafamu)”.
لَمَجۡمُوعُونَ إِلَىٰ مِيقَٰتِ يَوۡمٖ مَّعۡلُومٖ
Open ayah 56:50Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru.
ثُمَّ إِنَّكُمۡ أَيُّهَا ٱلضَّآلُّونَ ٱلۡمُكَذِّبُونَ
Open ayah 56:51Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa!
لَأٓكِلُونَ مِن شَجَرٖ مِّن زَقُّومٖ
Open ayah 56:52Muka Zaqquum irraa nyaatoodha.
فَمَالِـُٔونَ مِنۡهَا ٱلۡبُطُونَ
Open ayah 56:53Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha.
فَشَٰرِبُونَ عَلَيۡهِ مِنَ ٱلۡحَمِيمِ
Open ayah 56:54Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha.
فَشَٰرِبُونَ شُرۡبَ ٱلۡهِيمِ
Open ayah 56:55Dhugaatii akka gaala dheebotee dhugdu.
هَٰذَا نُزُلُهُمۡ يَوۡمَ ٱلدِّينِ
Open ayah 56:56Kun keessummummaa isaanii kan guyyaa murtiiti.
نَحۡنُ خَلَقۡنَٰكُمۡ فَلَوۡلَا تُصَدِّقُونَ
Open ayah 56:57Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine?
أَفَرَءَيۡتُم مَّا تُمۡنُونَ
Open ayah 56:58Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa?
ءَأَنتُمۡ تَخۡلُقُونَهُۥٓ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡخَٰلِقُونَ
Open ayah 56:59Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha?
نَحۡنُ قَدَّرۡنَا بَيۡنَكُمُ ٱلۡمَوۡتَ وَمَا نَحۡنُ بِمَسۡبُوقِينَ
Open ayah 56:60Nutu du’a gidduu keessanitti murteesse. Nuti dadhabsiifamoo miti.
عَلَىٰٓ أَن نُّبَدِّلَ أَمۡثَٰلَكُمۡ وَنُنشِئَكُمۡ فِي مَا لَا تَعۡلَمُونَ
Open ayah 56:61Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti).
وَلَقَدۡ عَلِمۡتُمُ ٱلنَّشۡأَةَ ٱلۡأُولَىٰ فَلَوۡلَا تَذَكَّرُونَ
Open ayah 56:62Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne?
أَفَرَءَيۡتُم مَّا تَحۡرُثُونَ
Open ayah 56:63Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa!
ءَأَنتُمۡ تَزۡرَعُونَهُۥٓ أَمۡ نَحۡنُ ٱلزَّٰرِعُونَ
Open ayah 56:64Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha?
لَوۡ نَشَآءُ لَجَعَلۡنَٰهُ حُطَٰمٗا فَظَلۡتُمۡ تَفَكَّهُونَ
Open ayah 56:65Odoo feenee caccabaa goona. kan dinqisiifattan taatan.
إِنَّا لَمُغۡرَمُونَ
Open ayah 56:66“Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu).
بَلۡ نَحۡنُ مَحۡرُومُونَ
Open ayah 56:67“Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu).
أَفَرَءَيۡتُمُ ٱلۡمَآءَ ٱلَّذِي تَشۡرَبُونَ
Open ayah 56:68Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa?
ءَأَنتُمۡ أَنزَلۡتُمُوهُ مِنَ ٱلۡمُزۡنِ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡمُنزِلُونَ
Open ayah 56:69Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha?
لَوۡ نَشَآءُ جَعَلۡنَٰهُ أُجَاجٗا فَلَوۡلَا تَشۡكُرُونَ
Open ayah 56:70Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifna. Sila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne?
أَفَرَءَيۡتُمُ ٱلنَّارَ ٱلَّتِي تُورُونَ
Open ayah 56:71Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa?
ءَأَنتُمۡ أَنشَأۡتُمۡ شَجَرَتَهَآ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡمُنشِـُٔونَ
Open ayah 56:72Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha?
نَحۡنُ جَعَلۡنَٰهَا تَذۡكِرَةٗ وَمَتَٰعٗا لِّلۡمُقۡوِينَ
Open ayah 56:73Nuti isii (bidda tana) gorsaafi qananii imaltootaa goone.
فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ
Open ayah 56:74Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi.
۞فَلَآ أُقۡسِمُ بِمَوَٰقِعِ ٱلنُّجُومِ
Open ayah 56:75Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha.
وَإِنَّهُۥ لَقَسَمٞ لَّوۡ تَعۡلَمُونَ عَظِيمٌ
Open ayah 56:76Inni odoo beektanii kakuu guddaadha.
إِنَّهُۥ لَقُرۡءَانٞ كَرِيمٞ
Open ayah 56:77Inni Qur’aana kabajamaadha.
فِي كِتَٰبٖ مَّكۡنُونٖ
Open ayah 56:78Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira.
لَّا يَمَسُّهُۥٓ إِلَّا ٱلۡمُطَهَّرُونَ
Open ayah 56:79Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu.
تَنزِيلٞ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 56:80Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.
أَفَبِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ أَنتُم مُّدۡهِنُونَ
Open ayah 56:81Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan?
وَتَجۡعَلُونَ رِزۡقَكُمۡ أَنَّكُمۡ تُكَذِّبُونَ
Open ayah 56:82(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii?
فَلَوۡلَآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلۡحُلۡقُومَ
Open ayah 56:83sila Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)?
وَأَنتُمۡ حِينَئِذٖ تَنظُرُونَ
Open ayah 56:84Odoo yeroo san isin ilaaltanuu,
وَنَحۡنُ أَقۡرَبُ إِلَيۡهِ مِنكُمۡ وَلَٰكِن لَّا تُبۡصِرُونَ
Open ayah 56:85Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra garuu Isin hin argitan malee.
فَلَوۡلَآ إِن كُنتُمۡ غَيۡرَ مَدِينِينَ
Open ayah 56:86Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa).
تَرۡجِعُونَهَآ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Open ayah 56:87Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu?
فَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ
Open ayah 56:88Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e,
فَرَوۡحٞ وَرَيۡحَانٞ وَجَنَّتُ نَعِيمٖ
Open ayah 56:89(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira.
وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ
Open ayah 56:90Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo,
فَسَلَٰمٞ لَّكَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ
Open ayah 56:91Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)
وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡمُكَذِّبِينَ ٱلضَّآلِّينَ
Open ayah 56:92Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo,
فَنُزُلٞ مِّنۡ حَمِيمٖ
Open ayah 56:93Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira.
وَتَصۡلِيَةُ جَحِيمٍ
Open ayah 56:94Jahiim seenuutu isaaf jira.
إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ حَقُّ ٱلۡيَقِينِ
Open ayah 56:95Inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha.
فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ
Open ayah 56:96Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi).