الرحمن
Ar-Rahmaan
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
ٱلرَّحۡمَٰنُ
Open ayah 55:1Ar-Rahmaan.
عَلَّمَ ٱلۡقُرۡءَانَ
Open ayah 55:2Qur’aana barsiise.
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ
Open ayah 55:3Nama uume.
عَلَّمَهُ ٱلۡبَيَانَ
Open ayah 55:4Haasaawa isa barsiise.
ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ بِحُسۡبَانٖ
Open ayah 55:5Aduufi jiini qixa murtaa’een deemu.
وَٱلنَّجۡمُ وَٱلشَّجَرُ يَسۡجُدَانِ
Open ayah 55:6Urjiifii muknis (Allaahf) sujuudu.
وَٱلسَّمَآءَ رَفَعَهَا وَوَضَعَ ٱلۡمِيزَانَ
Open ayah 55:7Samii ol ishee fuudhe; miizaana ni kaaye.
أَلَّا تَطۡغَوۡاْ فِي ٱلۡمِيزَانِ
Open ayah 55:8Akka isin madaala keessatti daangaa hin dabrineef jecha.
وَأَقِيمُواْ ٱلۡوَزۡنَ بِٱلۡقِسۡطِ وَلَا تُخۡسِرُواْ ٱلۡمِيزَانَ
Open ayah 55:9Madaala sirriitti qajeelchaa; madaalamaa hin hir’isinaa.
وَٱلۡأَرۡضَ وَضَعَهَا لِلۡأَنَامِ
Open ayah 55:10Dachii uumama hundaaf ishee kaaye.
فِيهَا فَٰكِهَةٞ وَٱلنَّخۡلُ ذَاتُ ٱلۡأَكۡمَامِ
Open ayah 55:11Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira.
وَٱلۡحَبُّ ذُو ٱلۡعَصۡفِ وَٱلرَّيۡحَانُ
Open ayah 55:12Midhaan baalaafi urgaa qabantu jiru.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:13Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِن صَلۡصَٰلٖ كَٱلۡفَخَّارِ
Open ayah 55:14(Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (suphee) irraa uume.
وَخَلَقَ ٱلۡجَآنَّ مِن مَّارِجٖ مِّن نَّارٖ
Open ayah 55:15Jaannii immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uume.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:16Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
رَبُّ ٱلۡمَشۡرِقَيۡنِ وَرَبُّ ٱلۡمَغۡرِبَيۡنِ
Open ayah 55:17(Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:18Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
مَرَجَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ يَلۡتَقِيَانِ
Open ayah 55:19Galaanota lamaan gadi lakkise. wal qunnaman.
بَيۡنَهُمَا بَرۡزَخٞ لَّا يَبۡغِيَانِ
Open ayah 55:20Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin miidhan.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:21Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
يَخۡرُجُ مِنۡهُمَا ٱللُّؤۡلُؤُ وَٱلۡمَرۡجَانُ
Open ayah 55:22Isaan lamaan irraa faayaafi burjaanaatu baha.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:23Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
وَلَهُ ٱلۡجَوَارِ ٱلۡمُنشَـَٔاتُ فِي ٱلۡبَحۡرِ كَٱلۡأَعۡلَٰمِ
Open ayah 55:24Dooniiwwan tolfaman kan akka gaarreenii galaana keessa yaa’an kan Isaati.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:25Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
كُلُّ مَنۡ عَلَيۡهَا فَانٖ
Open ayah 55:26Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama.
وَيَبۡقَىٰ وَجۡهُ رَبِّكَ ذُو ٱلۡجَلَٰلِ وَٱلۡإِكۡرَامِ
Open ayah 55:27Fuulli Gooftaa keetii nihafa, kan saahiba guddinaafi ulfinaa tahe.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:28Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
يَسۡـَٔلُهُۥ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ كُلَّ يَوۡمٍ هُوَ فِي شَأۡنٖ
Open ayah 55:29Wanti samiileefi dachii keessa jiru hundi Isa kadhata. Guyyaa hunda Inni hojiitti jira.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:30Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
سَنَفۡرُغُ لَكُمۡ أَيُّهَ ٱلثَّقَلَانِ
Open ayah 55:31Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) fuulduratti isiniif raawwanna.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:32Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
يَٰمَعۡشَرَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِ إِنِ ٱسۡتَطَعۡتُمۡ أَن تَنفُذُواْ مِنۡ أَقۡطَارِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ فَٱنفُذُواْۚ لَا تَنفُذُونَ إِلَّا بِسُلۡطَٰنٖ
Open ayah 55:33Yaa garee jinniifi namaa! Yoo moggaawwan samiileefi dachii qaxxaamuruu dandeessan, qaxxaamuraa, Dandeettiin malee hin qaxxaamurtan. (dandeeytii ammoo hin qabdan).
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:34Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
يُرۡسَلُ عَلَيۡكُمَا شُوَاظٞ مِّن نَّارٖ وَنُحَاسٞ فَلَا تَنتَصِرَانِ
Open ayah 55:35Isin lamaan irratti boba’aa Ibidda irraa ta’eefi sibiila baqetu ergama. Ergasii waliif hintumsitan.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:36Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
فَإِذَا ٱنشَقَّتِ ٱلسَّمَآءُ فَكَانَتۡ وَرۡدَةٗ كَٱلدِّهَانِ
Open ayah 55:37Yeroo samiin dhodhootee diimtuu akka dhadhaa taate.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:38Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
فَيَوۡمَئِذٖ لَّا يُسۡـَٔلُ عَن ذَنۢبِهِۦٓ إِنسٞ وَلَا جَآنّٞ
Open ayah 55:39guyyaa san dilii isaa irraa hin gaafatamu Ilmi namaas ta’ee jinniin.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:40Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
يُعۡرَفُ ٱلۡمُجۡرِمُونَ بِسِيمَٰهُمۡ فَيُؤۡخَذُ بِٱلنَّوَٰصِي وَٱلۡأَقۡدَامِ
Open ayah 55:41Yakkamtoonni mallattoo isaaniitiin beekamu. Sammuuleefi miillan ni qabamu.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:42Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
هَٰذِهِۦ جَهَنَّمُ ٱلَّتِي يُكَذِّبُ بِهَا ٱلۡمُجۡرِمُونَ
Open ayah 55:43“Tun jahannam ishee yakkamtoonni sobsiisaa turaniidha” (jedhama).
يَطُوفُونَ بَيۡنَهَا وَبَيۡنَ حَمِيمٍ ءَانٖ
Open ayah 55:44Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:45Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
وَلِمَنۡ خَافَ مَقَامَ رَبِّهِۦ جَنَّتَانِ
Open ayah 55:46Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:47Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
ذَوَاتَآ أَفۡنَانٖ
Open ayah 55:48Kan dameewwan dhedheeroo qaban.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:49Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
فِيهِمَا عَيۡنَانِ تَجۡرِيَانِ
Open ayah 55:50Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:51Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
فِيهِمَا مِن كُلِّ فَٰكِهَةٖ زَوۡجَانِ
Open ayah 55:52Isaan lamaan keessa fuduraalee hunda irraa cimdiitu jira.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:53Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
مُتَّكِـِٔينَ عَلَىٰ فُرُشِۭ بَطَآئِنُهَا مِنۡ إِسۡتَبۡرَقٖۚ وَجَنَى ٱلۡجَنَّتَيۡنِ دَانٖ
Open ayah 55:54Afata hariira furdaan guutame irratti hirkatanii taa’u. Fuduraaleen jannata lamaanii dhihoodha.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:55Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
فِيهِنَّ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرۡفِ لَمۡ يَطۡمِثۡهُنَّ إِنسٞ قَبۡلَهُمۡ وَلَا جَآنّٞ
Open ayah 55:56Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii (dhirsa isaanii irratti) gabaabsan, kan isaansan dura namniifi jinniin hin tuqintu jira.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:57Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
كَأَنَّهُنَّ ٱلۡيَاقُوتُ وَٱلۡمَرۡجَانُ
Open ayah 55:58Faayaafi burjaana fakkaatu.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:59Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
هَلۡ جَزَآءُ ٱلۡإِحۡسَٰنِ إِلَّا ٱلۡإِحۡسَٰنُ
Open ayah 55:60Sila mindaan toltuu toltuu malee ni tahee?
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:61Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
وَمِن دُونِهِمَا جَنَّتَانِ
Open ayah 55:62Isaan lamaan malees jannata lamaatu jira.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:63Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
مُدۡهَآمَّتَانِ
Open ayah 55:64Magariisa gurraacha’aadha.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:65Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
فِيهِمَا عَيۡنَانِ نَضَّاخَتَانِ
Open ayah 55:66Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:67Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
فِيهِمَا فَٰكِهَةٞ وَنَخۡلٞ وَرُمَّانٞ
Open ayah 55:68Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:69Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
فِيهِنَّ خَيۡرَٰتٌ حِسَانٞ
Open ayah 55:70Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:71Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
حُورٞ مَّقۡصُورَٰتٞ فِي ٱلۡخِيَامِ
Open ayah 55:72Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru.
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:73Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
لَمۡ يَطۡمِثۡهُنَّ إِنسٞ قَبۡلَهُمۡ وَلَا جَآنّٞ
Open ayah 55:74Isaan dura namaafi jinniinis isaan hin tuqne
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:75Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
مُتَّكِـِٔينَ عَلَىٰ رَفۡرَفٍ خُضۡرٖ وَعَبۡقَرِيٍّ حِسَانٖ
Open ayah 55:76Afata magariisaafi boraatiiwwan babbareedoo irra hirkatanii (taa’u).
فَبِأَيِّ ءَالَآءِ رَبِّكُمَا تُكَذِّبَانِ
Open ayah 55:77Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
تَبَٰرَكَ ٱسۡمُ رَبِّكَ ذِي ٱلۡجَلَٰلِ وَٱلۡإِكۡرَامِ
Open ayah 55:78Maqaan Gooftaa keetii guddate, abbaa guddinnaafi ulfinaa (kan tahe).