الذاريات
Adh-Dhaariyat
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
وَٱلذَّٰرِيَٰتِ ذَرۡوٗا
Open ayah 51:1(Qilleensa) bubbisiinsa bubbiftuunin kakadha.
فَٱلۡحَٰمِلَٰتِ وِقۡرٗا
Open ayah 51:2(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis.
فَٱلۡجَٰرِيَٰتِ يُسۡرٗا
Open ayah 51:3(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis.
فَٱلۡمُقَسِّمَٰتِ أَمۡرًا
Open ayah 51:4(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis.
إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَصَادِقٞ
Open ayah 51:5Wanti isin beellamamtan dhugaadha.
وَإِنَّ ٱلدِّينَ لَوَٰقِعٞ
Open ayah 51:6Murtiin argamaadha.
وَٱلسَّمَآءِ ذَاتِ ٱلۡحُبُكِ
Open ayah 51:7Samii abbaa miidhaginaatiin 9karaa urjiitiin) kakadhe.
إِنَّكُمۡ لَفِي قَوۡلٖ مُّخۡتَلِفٖ
Open ayah 51:8Isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu.
يُؤۡفَكُ عَنۡهُ مَنۡ أُفِكَ
Open ayah 51:9Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha.
قُتِلَ ٱلۡخَرَّٰصُونَ
Open ayah 51:10Sobdoonni abaaramaniiru.
ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي غَمۡرَةٖ سَاهُونَ
Open ayah 51:11Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha.
يَسۡـَٔلُونَ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلدِّينِ
Open ayah 51:12“Guyyaan galataa yoomi?” (jechuun) gaafatu.
يَوۡمَ هُمۡ عَلَى ٱلنَّارِ يُفۡتَنُونَ
Open ayah 51:13(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamanii (qoratamaniidha).
ذُوقُواْ فِتۡنَتَكُمۡ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تَسۡتَعۡجِلُونَ
Open ayah 51:14“Adaba keessan dhandhamaa, kun ka isa jarjarsiifachaa turtani ” (isaaniin jedhama).
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٍ
Open ayah 51:15Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu.
ءَاخِذِينَ مَآ ءَاتَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُحۡسِنِينَ
Open ayah 51:16Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhatoodha, Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan.
كَانُواْ قَلِيلٗا مِّنَ ٱلَّيۡلِ مَا يَهۡجَعُونَ
Open ayah 51:17Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan.
وَبِٱلۡأَسۡحَارِ هُمۡ يَسۡتَغۡفِرُونَ
Open ayah 51:18Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhatan.
وَفِيٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ حَقّٞ لِّلسَّآئِلِ وَٱلۡمَحۡرُومِ
Open ayah 51:19qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jira.
وَفِي ٱلۡأَرۡضِ ءَايَٰتٞ لِّلۡمُوقِنِينَ
Open ayah 51:20Dachii keessa mu'imintootaaf mallattooleetu jiru.
وَفِيٓ أَنفُسِكُمۡۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ
Open ayah 51:21Lubbuulee keessan keessas (akkasuma), Sila hin argitanuu?
وَفِي ٱلسَّمَآءِ رِزۡقُكُمۡ وَمَا تُوعَدُونَ
Open ayah 51:22Samii keessa jira Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis.
فَوَرَبِّ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ إِنَّهُۥ لَحَقّٞ مِّثۡلَ مَآ أَنَّكُمۡ تَنطِقُونَ
Open ayah 51:23Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti.
هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلۡمُكۡرَمِينَ
Open ayah 51:24Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa?
إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمٗاۖ قَالَ سَلَٰمٞ قَوۡمٞ مُّنكَرُونَ
Open ayah 51:25Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan. [Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); ummata wallaalamoo” jedheen.
فَرَاغَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ فَجَآءَ بِعِجۡلٖ سَمِينٖ
Open ayah 51:26Gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe.
فَقَرَّبَهُۥٓ إِلَيۡهِمۡ قَالَ أَلَا تَأۡكُلُونَ
Open ayah 51:27Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe.
فَأَوۡجَسَ مِنۡهُمۡ خِيفَةٗۖ قَالُواْ لَا تَخَفۡۖ وَبَشَّرُوهُ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٖ
Open ayah 51:28Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabe. Isaan “hin sodaatin” jedhaniin. Ilma beekumsa qabuunis isa gammachiisan.
فَأَقۡبَلَتِ ٱمۡرَأَتُهُۥ فِي صَرَّةٖ فَصَكَّتۡ وَجۡهَهَا وَقَالَتۡ عَجُوزٌ عَقِيمٞ
Open ayah 51:29Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufte. Fuula ishee dhooyte “Ani dullattii maseena hoo (akkamittin daha)!” jette.
قَالُواْ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡعَلِيمُ
Open ayah 51:30(Maleykonni) ni jedhan: akka kana Rabbiin kee jedhe inni isaatu ogeessa beekaadha.
۞قَالَ فَمَا خَطۡبُكُمۡ أَيُّهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ
Open ayah 51:31(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! dubbiin keessan maali?”
قَالُوٓاْ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمٖ مُّجۡرِمِينَ
Open ayah 51:32[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne.
لِنُرۡسِلَ عَلَيۡهِمۡ حِجَارَةٗ مِّن طِينٖ
Open ayah 51:33Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).”
مُّسَوَّمَةً عِندَ رَبِّكَ لِلۡمُسۡرِفِينَ
Open ayah 51:34Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan milikitoomfamte haala taateen.
فَأَخۡرَجۡنَا مَن كَانَ فِيهَا مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 51:35Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne.
فَمَا وَجَدۡنَا فِيهَا غَيۡرَ بَيۡتٖ مِّنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
Open ayah 51:36ishee keessatti homaa hin argine Mana Muslimtootaa irraa ta’e tokko malee.
وَتَرَكۡنَا فِيهَآ ءَايَةٗ لِّلَّذِينَ يَخَافُونَ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ
Open ayah 51:37Warra adabbii laalessaa sodaataniif ishee keessatti mallattoo hambifnee jirra.
وَفِي مُوسَىٰٓ إِذۡ أَرۡسَلۡنَٰهُ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ بِسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٖ
Open ayah 51:38(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra).
فَتَوَلَّىٰ بِرُكۡنِهِۦ وَقَالَ سَٰحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونٞ
Open ayah 51:39(Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee, “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe.
فَأَخَذۡنَٰهُ وَجُنُودَهُۥ فَنَبَذۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡيَمِّ وَهُوَ مُلِيمٞ
Open ayah 51:40Isaafi waraana isaas qabnee. galaana keessatti isaan darbine haala inni komatamaa ta’een.
وَفِي عَادٍ إِذۡ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمُ ٱلرِّيحَ ٱلۡعَقِيمَ
Open ayah 51:41(Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira).
مَا تَذَرُ مِن شَيۡءٍ أَتَتۡ عَلَيۡهِ إِلَّا جَعَلَتۡهُ كَٱلرَّمِيمِ
Open ayah 51:42Waan isa irra dhufte tokkoyyuu akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu.
وَفِي ثَمُودَ إِذۡ قِيلَ لَهُمۡ تَمَتَّعُواْ حَتَّىٰ حِينٖ
Open ayah 51:43(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira).
فَعَتَوۡاْ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِمۡ فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّٰعِقَةُ وَهُمۡ يَنظُرُونَ
Open ayah 51:44Ajaja Gooftaa isaanii irraa ni boonan. iyyansi (dhumti) isaan qabatte Odoo isaan ilaalanuu .
فَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ مِن قِيَامٖ وَمَا كَانُواْ مُنتَصِرِينَ
Open ayah 51:45Ergasii dhaabbachuu hin dandeenye; tumsamoos hin taane.
وَقَوۡمَ نُوحٖ مِّن قَبۡلُۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمٗا فَٰسِقِينَ
Open ayah 51:46Ummata Nuuhis san dura (ballessinee jirra). isaan ummata finciltoota turan.
وَٱلسَّمَآءَ بَنَيۡنَٰهَا بِأَيۡيْدٖ وَإِنَّا لَمُوسِعُونَ
Open ayah 51:47Samiis humnaan ishee ijaarre. Dhugumatti, Nuti (ishee) bal’isoodha.
وَٱلۡأَرۡضَ فَرَشۡنَٰهَا فَنِعۡمَ ٱلۡمَٰهِدُونَ
Open ayah 51:48Dachiis diriirsinee jirra; (Nuti) diriirsitoonni waa tolle!
وَمِن كُلِّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَا زَوۡجَيۡنِ لَعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ
Open ayah 51:49Akka isin gorfamtaniif waan hunda irraa qindiiwwan uumne.
فَفِرُّوٓاْ إِلَى ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٞ مُّبِينٞ
Open ayah 51:50Gara Rabbii baqadhaa. Ani Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.
وَلَا تَجۡعَلُواْ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٞ مُّبِينٞ
Open ayah 51:51Allaah wajjini gabbaramaa biraa hin taasisinaa. Ani Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.
كَذَٰلِكَ مَآ أَتَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا قَالُواْ سَاحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونٌ
Open ayah 51:52Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee.
أَتَوَاصَوۡاْ بِهِۦۚ بَلۡ هُمۡ قَوۡمٞ طَاغُونَ
Open ayah 51:53Sila isa (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha.
فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ فَمَآ أَنتَ بِمَلُومٖ
Open ayah 51:54Isaan irraa garagali; ati komatamaa miti.
وَذَكِّرۡ فَإِنَّ ٱلذِّكۡرَىٰ تَنفَعُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 51:55Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii.
وَمَا خَلَقۡتُ ٱلۡجِنَّ وَٱلۡإِنسَ إِلَّا لِيَعۡبُدُونِ
Open ayah 51:56Jinniifi ilma namaa haa na gabbaraniif malee hin uumne.
مَآ أُرِيدُ مِنۡهُم مِّن رِّزۡقٖ وَمَآ أُرِيدُ أَن يُطۡعِمُونِ
Open ayah 51:57Hiree homaatuu isaan irraa hin fedhu. Akka Ana nyaachisanis hin fedhu.
إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلرَّزَّاقُ ذُو ٱلۡقُوَّةِ ٱلۡمَتِينُ
Open ayah 51:58Rabbiin Isatu akkaan hiree kennaa, abbaa humna cimaati.
فَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذَنُوبٗا مِّثۡلَ ذَنُوبِ أَصۡحَٰبِهِمۡ فَلَا يَسۡتَعۡجِلُونِ
Open ayah 51:59Miidhaa raawwattootaaf qooda adabaa kan akka adabbii fakkaattota isaaniitu jiraafii akka Nan jarjarfanne.
فَوَيۡلٞ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن يَوۡمِهِمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ
Open ayah 51:60Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera.