الطور
At-Tur
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
وَٱلطُّورِ
Open ayah 52:1(Gaara) Xuuriin kakadhe.[1]
- gaarri xuur kuni gaara Rabbiin nabi muusaa irratti dubbise.
وَكِتَٰبٖ مَّسۡطُورٖ
Open ayah 52:2Kitaaba barreeffamaanis.
فِي رَقّٖ مَّنشُورٖ
Open ayah 52:3Xalaayaa bal’ifamaa keessatti.
وَٱلۡبَيۡتِ ٱلۡمَعۡمُورِ
Open ayah 52:4Mana jiraachifamaanis.[1]
- inni mana samii keessatti tahe. malaaykaan isatti xawaafti.
وَٱلسَّقۡفِ ٱلۡمَرۡفُوعِ
Open ayah 52:5Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis.[1]
- kana jechuun samii duniyaati.
وَٱلۡبَحۡرِ ٱلۡمَسۡجُورِ
Open ayah 52:6Galaana bishaaniin guutameenis.
إِنَّ عَذَابَ رَبِّكَ لَوَٰقِعٞ
Open ayah 52:7Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha.
مَّا لَهُۥ مِن دَافِعٖ
Open ayah 52:8Deebisaan tokkolleen isaaf hintaane.
يَوۡمَ تَمُورُ ٱلسَّمَآءُ مَوۡرٗا
Open ayah 52:9Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu.
وَتَسِيرُ ٱلۡجِبَالُ سَيۡرٗا
Open ayah 52:10(Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu.
فَوَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 52:11Warra kijibsiisaniif guyyaa san ibiddaatu jira.
ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي خَوۡضٖ يَلۡعَبُونَ
Open ayah 52:12(Isaan) warra soba keessa taphataniidha.
يَوۡمَ يُدَعُّونَ إِلَىٰ نَارِ جَهَنَّمَ دَعًّا
Open ayah 52:13Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman.
هَٰذِهِ ٱلنَّارُ ٱلَّتِي كُنتُم بِهَا تُكَذِّبُونَ
Open ayah 52:14(Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha.
أَفَسِحۡرٌ هَٰذَآ أَمۡ أَنتُمۡ لَا تُبۡصِرُونَ
Open ayah 52:15Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu?!
ٱصۡلَوۡهَا فَٱصۡبِرُوٓاْ أَوۡ لَا تَصۡبِرُواْ سَوَآءٌ عَلَيۡكُمۡۖ إِنَّمَا تُجۡزَوۡنَ مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Open ayah 52:16Ishee seenaa (dhandhamaa); obsaa yookaan hin obsinaa isinirratti waluma qixa. Wanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman).
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٖ وَنَعِيمٖ
Open ayah 52:17Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannatootaafi qananii keessa jiraatu.
فَٰكِهِينَ بِمَآ ءَاتَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡ وَوَقَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡ عَذَابَ ٱلۡجَحِيمِ
Open ayah 52:18Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaanii azaaba gubaa jalaa isaan baraarse.
كُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ هَنِيٓـَٔۢا بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Open ayah 52:19“Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama).
مُتَّكِـِٔينَ عَلَىٰ سُرُرٖ مَّصۡفُوفَةٖۖ وَزَوَّجۡنَٰهُم بِحُورٍ عِينٖ
Open ayah 52:20Sireewwan tarree galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu). Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna.
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَٱتَّبَعَتۡهُمۡ ذُرِّيَّتُهُم بِإِيمَٰنٍ أَلۡحَقۡنَا بِهِمۡ ذُرِّيَّتَهُمۡ وَمَآ أَلَتۡنَٰهُم مِّنۡ عَمَلِهِم مِّن شَيۡءٖۚ كُلُّ ٱمۡرِيِٕۭ بِمَا كَسَبَ رَهِينٞ
Open ayah 52:21Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna (Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnu. Namni hunduu waan hojjateen qabamaadha.
وَأَمۡدَدۡنَٰهُم بِفَٰكِهَةٖ وَلَحۡمٖ مِّمَّا يَشۡتَهُونَ
Open ayah 52:22Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa.
يَتَنَٰزَعُونَ فِيهَا كَأۡسٗا لَّا لَغۡوٞ فِيهَا وَلَا تَأۡثِيمٞ
Open ayah 52:23Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) walitti daddabarsu (waliif kennu) ishee keessa sobaafi diliin hin jiru.
۞وَيَطُوفُ عَلَيۡهِمۡ غِلۡمَانٞ لَّهُمۡ كَأَنَّهُمۡ لُؤۡلُؤٞ مَّكۡنُونٞ
Open ayah 52:24Isaan irra naanna’u Ijoollee dhiiraa isaanii. (bareedinni isaanii) akka waan isaan faaya eegamaati.
وَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ يَتَسَآءَلُونَ
Open ayah 52:25Gariin isaanii garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu.
قَالُوٓاْ إِنَّا كُنَّا قَبۡلُ فِيٓ أَهۡلِنَا مُشۡفِقِينَ
Open ayah 52:26Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre.
فَمَنَّ ٱللَّهُ عَلَيۡنَا وَوَقَىٰنَا عَذَابَ ٱلسَّمُومِ
Open ayah 52:27Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse.
إِنَّا كُنَّا مِن قَبۡلُ نَدۡعُوهُۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡبَرُّ ٱلرَّحِيمُ
Open ayah 52:28Nuti kana dura Isa kadhataa turre. Inni Isumatu tola oolaa, mararfataadha.
فَذَكِّرۡ فَمَآ أَنتَ بِنِعۡمَتِ رَبِّكَ بِكَاهِنٖ وَلَا مَجۡنُونٍ
Open ayah 52:29Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti.
أَمۡ يَقُولُونَ شَاعِرٞ نَّتَرَبَّصُ بِهِۦ رَيۡبَ ٱلۡمَنُونِ
Open ayah 52:30Moo “Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhanii?
قُلۡ تَرَبَّصُواْ فَإِنِّي مَعَكُم مِّنَ ٱلۡمُتَرَبِّصِينَ
Open ayah 52:31“Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin.
أَمۡ تَأۡمُرُهُمۡ أَحۡلَٰمُهُم بِهَٰذَآۚ أَمۡ هُمۡ قَوۡمٞ طَاغُونَ
Open ayah 52:32Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata jallatoodha.
أَمۡ يَقُولُونَ تَقَوَّلَهُۥۚ بَل لَّا يُؤۡمِنُونَ
Open ayah 52:33Moo Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu?” lakkii, isaan hin amanan.
فَلۡيَأۡتُواْ بِحَدِيثٖ مِّثۡلِهِۦٓ إِن كَانُواْ صَٰدِقِينَ
Open ayah 52:34haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu Yoo kan dhugaa dubbatan ta’an.
أَمۡ خُلِقُواْ مِنۡ غَيۡرِ شَيۡءٍ أَمۡ هُمُ ٱلۡخَٰلِقُونَ
Open ayah 52:35Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman? moo isaanumatu uumoo dha?
أَمۡ خَلَقُواْ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَۚ بَل لَّا يُوقِنُونَ
Open ayah 52:36Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu.
أَمۡ عِندَهُمۡ خَزَآئِنُ رَبِّكَ أَمۡ هُمُ ٱلۡمُصَۜيۡطِرُونَ
Open ayah 52:37Moo Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira, moo isaantu injifattoota?
أَمۡ لَهُمۡ سُلَّمٞ يَسۡتَمِعُونَ فِيهِۖ فَلۡيَأۡتِ مُسۡتَمِعُهُم بِسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٍ
Open ayah 52:38Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu.
أَمۡ لَهُ ٱلۡبَنَٰتُ وَلَكُمُ ٱلۡبَنُونَ
Open ayah 52:39Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru?
أَمۡ تَسۡـَٔلُهُمۡ أَجۡرٗا فَهُم مِّن مَّغۡرَمٖ مُّثۡقَلُونَ
Open ayah 52:40Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate?
أَمۡ عِندَهُمُ ٱلۡغَيۡبُ فَهُمۡ يَكۡتُبُونَ
Open ayah 52:41Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan?
أَمۡ يُرِيدُونَ كَيۡدٗاۖ فَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ هُمُ ٱلۡمَكِيدُونَ
Open ayah 52:42Lakkii! Tooftaa baasuu fedhani, Warri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu.
أَمۡ لَهُمۡ إِلَٰهٌ غَيۡرُ ٱللَّهِۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Open ayah 52:43Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e.
وَإِن يَرَوۡاْ كِسۡفٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ سَاقِطٗا يَقُولُواْ سَحَابٞ مَّرۡكُومٞ
Open ayah 52:44Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu.
فَذَرۡهُمۡ حَتَّىٰ يُلَٰقُواْ يَوۡمَهُمُ ٱلَّذِي فِيهِ يُصۡعَقُونَ
Open ayah 52:45Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi.
يَوۡمَ لَا يُغۡنِي عَنۡهُمۡ كَيۡدُهُمۡ شَيۡـٔٗا وَلَا هُمۡ يُنصَرُونَ
Open ayah 52:46Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti).
وَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ عَذَابٗا دُونَ ذَٰلِكَ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Open ayah 52:47Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jira. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
وَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ فَإِنَّكَ بِأَعۡيُنِنَاۖ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ حِينَ تَقُومُ
Open ayah 52:48Murtii Gooftaa keetiitiif obsi. Ati tika keenya jala jirta. Yeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi.
وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَسَبِّحۡهُ وَإِدۡبَٰرَ ٱلنُّجُومِ
Open ayah 52:49Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi).