القلم
Al-Qalam
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
نٓۚ وَٱلۡقَلَمِ وَمَا يَسۡطُرُونَ
Open ayah 68:1Nuun Qalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha.
مَآ أَنتَ بِنِعۡمَةِ رَبِّكَ بِمَجۡنُونٖ
Open ayah 68:2Ati ni'imaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane.
وَإِنَّ لَكَ لَأَجۡرًا غَيۡرَ مَمۡنُونٖ
Open ayah 68:3Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira.
وَإِنَّكَ لَعَلَىٰ خُلُقٍ عَظِيمٖ
Open ayah 68:4Ati amala (naamusa) guddaa irra jirta.
فَسَتُبۡصِرُ وَيُبۡصِرُونَ
Open ayah 68:5Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru.
بِأَييِّكُمُ ٱلۡمَفۡتُونُ
Open ayah 68:6Eenyuu keessanitti maraattummaan jirtii (arguuf jirtu).
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعۡلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعۡلَمُ بِٱلۡمُهۡتَدِينَ
Open ayah 68:7Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; qajeeltotas inni beekaadha.
فَلَا تُطِعِ ٱلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 68:8Kijibsiiftotaaf hin ajajamin.
وَدُّواْ لَوۡ تُدۡهِنُ فَيُدۡهِنُونَ
Open ayah 68:9Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu.
وَلَا تُطِعۡ كُلَّ حَلَّافٖ مَّهِينٍ
Open ayah 68:10Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin.
هَمَّازٖ مَّشَّآءِۭ بِنَمِيمٖ
Open ayah 68:11Akkaan hamataa, faradaan akkaan deemaa kan ta'eef (hin ajajamin).
مَّنَّاعٖ لِّلۡخَيۡرِ مُعۡتَدٍ أَثِيمٍ
Open ayah 68:12Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis.
عُتُلِّۭ بَعۡدَ ذَٰلِكَ زَنِيمٍ
Open ayah 68:13Gara jabeessa, sana booda immoo diqaalaa kan ta'eef (hin ajajamin).
أَن كَانَ ذَا مَالٖ وَبَنِينَ
Open ayah 68:14Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii ta'eef (boonee kafare).
إِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ءَايَٰتُنَا قَالَ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Open ayah 68:15Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe.
سَنَسِمُهُۥ عَلَى ٱلۡخُرۡطُومِ
Open ayah 68:16Funyaan irratti isa mallatteessina.
إِنَّا بَلَوۡنَٰهُمۡ كَمَا بَلَوۡنَآ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ إِذۡ أَقۡسَمُواْ لَيَصۡرِمُنَّهَا مُصۡبِحِينَ
Open ayah 68:17Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra.
وَلَا يَسۡتَثۡنُونَ
Open ayah 68:18Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan).
فَطَافَ عَلَيۡهَا طَآئِفٞ مِّن رَّبِّكَ وَهُمۡ نَآئِمُونَ
Open ayah 68:19Odoo isaan rafanuu, naanna'aan (adabbiin) Rabbii kee biraa ta'e ishee irra naanna'e.
فَأَصۡبَحَتۡ كَٱلصَّرِيمِ
Open ayah 68:20Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte.
فَتَنَادَوۡاْ مُصۡبِحِينَ
Open ayah 68:21Bariidhaan walitti lallaban.
أَنِ ٱغۡدُواْ عَلَىٰ حَرۡثِكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰرِمِينَ
Open ayah 68:22"Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan).
فَٱنطَلَقُواْ وَهُمۡ يَتَخَٰفَتُونَ
Open ayah 68:23Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman.
أَن لَّا يَدۡخُلَنَّهَا ٱلۡيَوۡمَ عَلَيۡكُم مِّسۡكِينٞ
Open ayah 68:24"Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan).
وَغَدَوۡاْ عَلَىٰ حَرۡدٖ قَٰدِرِينَ
Open ayah 68:25(Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan.
فَلَمَّا رَأَوۡهَا قَالُوٓاْ إِنَّا لَضَآلُّونَ
Open ayah 68:26Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha.
بَلۡ نَحۡنُ مَحۡرُومُونَ
Open ayah 68:27Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha."
قَالَ أَوۡسَطُهُمۡ أَلَمۡ أَقُل لَّكُمۡ لَوۡلَا تُسَبِّحُونَ
Open ayah 68:28Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe.
قَالُواْ سُبۡحَٰنَ رَبِّنَآ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
Open ayah 68:29"Gooftaan keenya qulqullaa'e; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan.
فَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ يَتَلَٰوَمُونَ
Open ayah 68:30Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale.
قَالُواْ يَٰوَيۡلَنَآ إِنَّا كُنَّا طَٰغِينَ
Open ayah 68:31Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota.
عَسَىٰ رَبُّنَآ أَن يُبۡدِلَنَا خَيۡرٗا مِّنۡهَآ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا رَٰغِبُونَ
Open ayah 68:32Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeella. Nuti gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan).
كَذَٰلِكَ ٱلۡعَذَابُۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَكۡبَرُۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ
Open ayah 68:33Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadha Odoo kan beekan tahanii (irraa of tiksu turan).
إِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمۡ جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Open ayah 68:34Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira.
أَفَنَجۡعَلُ ٱلۡمُسۡلِمِينَ كَٱلۡمُجۡرِمِينَ
Open ayah 68:35Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa?
مَا لَكُمۡ كَيۡفَ تَحۡكُمُونَ
Open ayah 68:36Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu!
أَمۡ لَكُمۡ كِتَٰبٞ فِيهِ تَدۡرُسُونَ
Open ayah 68:37Dhugumatti, kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa?
إِنَّ لَكُمۡ فِيهِ لَمَا تَخَيَّرُونَ
Open ayah 68:38Kan isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)?
أَمۡ لَكُمۡ أَيۡمَٰنٌ عَلَيۡنَا بَٰلِغَةٌ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ إِنَّ لَكُمۡ لَمَا تَحۡكُمُونَ
Open ayah 68:39Sila kakuulee nurratti taheetu kan Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun?
سَلۡهُمۡ أَيُّهُم بِذَٰلِكَ زَعِيمٌ
Open ayah 68:40Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu.
أَمۡ لَهُمۡ شُرَكَآءُ فَلۡيَأۡتُواْ بِشُرَكَآئِهِمۡ إِن كَانُواْ صَٰدِقِينَ
Open ayah 68:41Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu)tu isaaniif tahee? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu.
يَوۡمَ يُكۡشَفُ عَن سَاقٖ وَيُدۡعَوۡنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ فَلَا يَسۡتَطِيعُونَ
Open ayah 68:42Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu].
خَٰشِعَةً أَبۡصَٰرُهُمۡ تَرۡهَقُهُمۡ ذِلَّةٞۖ وَقَدۡ كَانُواْ يُدۡعَوۡنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ وَهُمۡ سَٰلِمُونَ
Open ayah 68:43Ijjoonni isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguuga. Dhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan.
فَذَرۡنِي وَمَن يُكَذِّبُ بِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِۖ سَنَسۡتَدۡرِجُهُم مِّنۡ حَيۡثُ لَا يَعۡلَمُونَ
Open ayah 68:44Anaafi nama haasa'a (Qur'aana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna.
وَأُمۡلِي لَهُمۡۚ إِنَّ كَيۡدِي مَتِينٌ
Open ayah 68:45Yeroon isaaniif kenna. Tooftaan Kiyya cimaadha.
أَمۡ تَسۡـَٔلُهُمۡ أَجۡرٗا فَهُم مِّن مَّغۡرَمٖ مُّثۡقَلُونَ
Open ayah 68:46Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)?
أَمۡ عِندَهُمُ ٱلۡغَيۡبُ فَهُمۡ يَكۡتُبُونَ
Open ayah 68:47Sila (iccitii) fagoottu isaan biratti tahee, kan isaan barreessan?
فَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ وَلَا تَكُن كَصَاحِبِ ٱلۡحُوتِ إِذۡ نَادَىٰ وَهُوَ مَكۡظُومٞ
Open ayah 68:48Murtii Gooftaa keetiitiif obsi. Akka saahiba qurxummii hintahin yeroo lallabe inni dallansuun guutame.
لَّوۡلَآ أَن تَدَٰرَكَهُۥ نِعۡمَةٞ مِّن رَّبِّهِۦ لَنُبِذَ بِٱلۡعَرَآءِ وَهُوَ مَذۡمُومٞ
Open ayah 68:49Odoo ni'imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta'eeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture.
فَٱجۡتَبَٰهُ رَبُّهُۥ فَجَعَلَهُۥ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Open ayah 68:50Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe.
وَإِن يَكَادُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَيُزۡلِقُونَكَ بِأَبۡصَٰرِهِمۡ لَمَّا سَمِعُواْ ٱلذِّكۡرَ وَيَقُولُونَ إِنَّهُۥ لَمَجۡنُونٞ
Open ayah 68:51Isaan kafaran ijoowwan isaaniitiin lafaan si dhahuutti dhihaatan. yeroo yaadachiisa dhaga'an "inni maraataa dha" (siin)jedhan.
وَمَا هُوَ إِلَّا ذِكۡرٞ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 68:52Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane.