الملك
Al-Mulk
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
تَبَٰرَكَ ٱلَّذِي بِيَدِهِ ٱلۡمُلۡكُ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٌ
Open ayah 67:1(Rabbiin) Inni mootummaan (waan hundaa) harka Isaa jiru tolli isaa baay'ate. Inni waan hunda irratti danda'aadha.
ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلۡمَوۡتَ وَٱلۡحَيَوٰةَ لِيَبۡلُوَكُمۡ أَيُّكُمۡ أَحۡسَنُ عَمَلٗاۚ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡغَفُورُ
Open ayah 67:2(Rabbiin) Isa du'aafi jireenya uumeedha eenyuu keessantu irra toltuu akka hojjatu isin qoruuf jecha. Inni injifataa, araaramaadha.
ٱلَّذِي خَلَقَ سَبۡعَ سَمَٰوَٰتٖ طِبَاقٗاۖ مَّا تَرَىٰ فِي خَلۡقِ ٱلرَّحۡمَٰنِ مِن تَفَٰوُتٖۖ فَٱرۡجِعِ ٱلۡبَصَرَ هَلۡ تَرَىٰ مِن فُطُورٖ
Open ayah 67:3(Rabbiin) Isa samii torba wal jalaa gubbaan uumeedha; uumaa Rahmaan keessatti wal dhabbii irraa homaa hin argitu. Mee agartuu kee (gara samii) deebisii dhoohaa irraa waan ta'e ni argitaa?
ثُمَّ ٱرۡجِعِ ٱلۡبَصَرَ كَرَّتَيۡنِ يَنقَلِبۡ إِلَيۡكَ ٱلۡبَصَرُ خَاسِئٗا وَهُوَ حَسِيرٞ
Open ayah 67:4Ergasii yeroo baay'ee ija deddeebisi; ijji (kee) hoonga'aa dadhabaa ta'ee gara kee deebi'a.
وَلَقَدۡ زَيَّنَّا ٱلسَّمَآءَ ٱلدُّنۡيَا بِمَصَٰبِيحَ وَجَعَلۡنَٰهَا رُجُومٗا لِّلشَّيَٰطِينِۖ وَأَعۡتَدۡنَا لَهُمۡ عَذَابَ ٱلسَّعِيرِ
Open ayah 67:5Dhugumatti, samii addunyaa ibsaawwaniin (urjiiwwaniin) miidhagsineerra. Sheyxaanotaafis furguuggee ishee goone. Isaaniif adabbii ibidda boba'aa qopheessineerra.
وَلِلَّذِينَ كَفَرُواْ بِرَبِّهِمۡ عَذَابُ جَهَنَّمَۖ وَبِئۡسَ ٱلۡمَصِيرُ
Open ayah 67:6Isaan Gooftaa isaaniitti kafaraniif adabbii jahannamtu jira. Deebi’ichi waa fokkate!
إِذَآ أُلۡقُواْ فِيهَا سَمِعُواْ لَهَا شَهِيقٗا وَهِيَ تَفُورُ
Open ayah 67:7Yeroo ishee keessatti darbaman isheedhaaf (sagalee akka) halaaka harree dhaga'u,haala isheen danfuutti jirtuun.
تَكَادُ تَمَيَّزُ مِنَ ٱلۡغَيۡظِۖ كُلَّمَآ أُلۡقِيَ فِيهَا فَوۡجٞ سَأَلَهُمۡ خَزَنَتُهَآ أَلَمۡ يَأۡتِكُمۡ نَذِيرٞ
Open ayah 67:8Dallansuu irraa kan ka'e ciccituutti dhihaatti; dhawaata gareen wahii ishee keessatti darbamuun waardiyyaan ishee "sila akeekkachiisaan (nabiyyiin) isinitti hin dhufnee?" (jechuun) isaan gaafata.
قَالُواْ بَلَىٰ قَدۡ جَآءَنَا نَذِيرٞ فَكَذَّبۡنَا وَقُلۡنَا مَا نَزَّلَ ٱللَّهُ مِن شَيۡءٍ إِنۡ أَنتُمۡ إِلَّا فِي ضَلَٰلٖ كَبِيرٖ
Open ayah 67:9Nijedhu "Eeyyeen; dhugumatti akeekkachiisaan nutti dhufeera; sobsiifneeti 'Rabbiin homaa hin buufne; isin jallina guddaa keessa jirtu' jenneen".
وَقَالُواْ لَوۡ كُنَّا نَسۡمَعُ أَوۡ نَعۡقِلُ مَا كُنَّا فِيٓ أَصۡحَٰبِ ٱلسَّعِيرِ
Open ayah 67:10Nijedhan "Odoo kan dhageenyu yookiin kan xiinxallinu taanee, silaa warra ibidda boba'aa keessaa hin taanu turre".
فَٱعۡتَرَفُواْ بِذَنۢبِهِمۡ فَسُحۡقٗا لِّأَصۡحَٰبِ ٱلسَّعِيرِ
Open ayah 67:11Dilii isaanii ni amanan. Warra ibidda (boba'aa)tiif (rahmata Rabbii irraa) fagaachuun haa tahu!
إِنَّ ٱلَّذِينَ يَخۡشَوۡنَ رَبَّهُم بِٱلۡغَيۡبِ لَهُم مَّغۡفِرَةٞ وَأَجۡرٞ كَبِيرٞ
Open ayah 67:12Warra Gooftaa isaanii fagootti sodaataniif araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
وَأَسِرُّواْ قَوۡلَكُمۡ أَوِ ٱجۡهَرُواْ بِهِۦٓۖ إِنَّهُۥ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Open ayah 67:13Haasa'a keessan gadi qabaa yookiin ol qabaa; Inni beekaa waan qoma keessaati.
أَلَا يَعۡلَمُ مَنۡ خَلَقَ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلۡخَبِيرُ
Open ayah 67:14Sila Inni uumee (iccitii isaanii) hin beekuu! inni keessa argaafi beekaadha.
هُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ ذَلُولٗا فَٱمۡشُواْ فِي مَنَاكِبِهَا وَكُلُواْ مِن رِّزۡقِهِۦۖ وَإِلَيۡهِ ٱلنُّشُورُ
Open ayah 67:15Inni Isa dachii laaffifamtuu isiniif godheedha; naannoo ishee keessa deemaatii soorata Isaa irraas nyaadhaa. Deebiin garuma Isaatti.
ءَأَمِنتُم مَّن فِي ٱلسَّمَآءِ أَن يَخۡسِفَ بِكُمُ ٱلۡأَرۡضَ فَإِذَا هِيَ تَمُورُ
Open ayah 67:16Sila isa samii olii sodaa dhabdanii? dachii isiniin cichisiisuu, achumaan isheen sossooti.
أَمۡ أَمِنتُم مَّن فِي ٱلسَّمَآءِ أَن يُرۡسِلَ عَلَيۡكُمۡ حَاصِبٗاۖ فَسَتَعۡلَمُونَ كَيۡفَ نَذِيرِ
Open ayah 67:17mmoo isa samii olii sodaa dhabdanii? bubbee cirracha qabu isin irratti erguu. Akeekkachiisni Kiyya akkam akka ta'e beekuuf jirtu.
وَلَقَدۡ كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَكَيۡفَ كَانَ نَكِيرِ
Open ayah 67:18Dhugumatti, warri isaaniin duraa sobsiisaniiru; (adabbiin) najibbuu akkam tureree!
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَى ٱلطَّيۡرِ فَوۡقَهُمۡ صَٰٓفَّٰتٖ وَيَقۡبِضۡنَۚ مَا يُمۡسِكُهُنَّ إِلَّا ٱلرَّحۡمَٰنُۚ إِنَّهُۥ بِكُلِّ شَيۡءِۭ بَصِيرٌ
Open ayah 67:19Sila gara simbirroota gubbaa isaaniitti koola (qoochoo) isaanii babal'isanii walitti dachaasanii hin ilaalanuu? Rahmaaniin malee homtuu isaan hin qabu. Inni waan hunda argaadha.
أَمَّنۡ هَٰذَا ٱلَّذِي هُوَ جُندٞ لَّكُمۡ يَنصُرُكُم مِّن دُونِ ٱلرَّحۡمَٰنِۚ إِنِ ٱلۡكَٰفِرُونَ إِلَّا فِي غُرُورٍ
Open ayah 67:20Sila innin sun ka Rahmaaniin achitti waraanaa isiniif ta'ee isin tumsuu eenyuma? Kaafiroonni gowwummaa keessatti malee hintaane.
أَمَّنۡ هَٰذَا ٱلَّذِي يَرۡزُقُكُمۡ إِنۡ أَمۡسَكَ رِزۡقَهُۥۚ بَل لَّجُّواْ فِي عُتُوّٖ وَنُفُورٍ
Open ayah 67:21Inni isin sooru sun eenyu Odoo Inni soorata Isaa (isinirraa) qabee? Dhugumatti, isaan diddaafi (haqa) irraa baqachuu itti fufan.
أَفَمَن يَمۡشِي مُكِبًّا عَلَىٰ وَجۡهِهِۦٓ أَهۡدَىٰٓ أَمَّن يَمۡشِي سَوِيًّا عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Open ayah 67:22Sila nama fuula isaa irratti gonbifamee deemu moo isa dhaabbatee karaa qajeelaa irra deemutu irra qajeelaadha?
قُلۡ هُوَ ٱلَّذِيٓ أَنشَأَكُمۡ وَجَعَلَ لَكُمُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَٱلۡأَفۡـِٔدَةَۚ قَلِيلٗا مَّا تَشۡكُرُونَ
Open ayah 67:23Jedhi: "Inni Isa isin uumee dhageettii, agartuuwwaniifi onneewwan isiniif godheedha; hangi isin galatoomfattan waa xiqqaate!"
قُلۡ هُوَ ٱلَّذِي ذَرَأَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَإِلَيۡهِ تُحۡشَرُونَ
Open ayah 67:24Jedhi: "Inni Isa dachii keessa isin facaaseedha; garuma Isaatti oofamtus."
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡوَعۡدُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Open ayah 67:25Nijedhu "Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beellamni kun yoomi?".
قُلۡ إِنَّمَا ٱلۡعِلۡمُ عِندَ ٱللَّهِ وَإِنَّمَآ أَنَا۠ نَذِيرٞ مُّبِينٞ
Open ayah 67:26Jedhi: "Dhugumatti, beekumsi isaa Rabbiin bira qofa jira. Ani immoo akeekkachiisaa ifa galaa qofa."
فَلَمَّا رَأَوۡهُ زُلۡفَةٗ سِيٓـَٔتۡ وُجُوهُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَقِيلَ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تَدَّعُونَ
Open ayah 67:27Yeroma dhihoo ta'ee isa (beellamicha) argan fuulleen warra kafaranii fokkatte "Inni kun isa waammataa turtanii dha" jedhame
قُلۡ أَرَءَيۡتُمۡ إِنۡ أَهۡلَكَنِيَ ٱللَّهُ وَمَن مَّعِيَ أَوۡ رَحِمَنَا فَمَن يُجِيرُ ٱلۡكَٰفِرِينَ مِنۡ عَذَابٍ أَلِيمٖ
Open ayah 67:28Jedhi "Mee naaf himaa! yoo Rabbiin anaafi nama ana wajjin jiru balleesse yookiin rahmata nuuf godhe, namni kaafiroota adabbii laalessaa irraa baraaru eenyu?".
قُلۡ هُوَ ٱلرَّحۡمَٰنُ ءَامَنَّا بِهِۦ وَعَلَيۡهِ تَوَكَّلۡنَاۖ فَسَتَعۡلَمُونَ مَنۡ هُوَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
Open ayah 67:29Jedhi "Inni Rahmaani Isatti amanne; Isa irrattis hirkanne. Namni jallina ifa ta'e keessa jiru eenyu akka ta'e beekuuf jirtu".
قُلۡ أَرَءَيۡتُمۡ إِنۡ أَصۡبَحَ مَآؤُكُمۡ غَوۡرٗا فَمَن يَأۡتِيكُم بِمَآءٖ مَّعِينِۭ
Open ayah 67:30Jedhi: "Mee naaf himaa! odoo bishaan keessan dachii keessa gadi lixaa ta'ee eenyu bishaan yaa'u isiniif fida?"