محمد
Muhammad
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَصَدُّواْ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ أَضَلَّ أَعۡمَٰلَهُمۡ
Open ayah 47:1Warra kafaranii, karaa Rabbii irraa [namoota] deebisan [Rabbiin] hojiiwwan isaanii balleesseera.
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَءَامَنُواْ بِمَا نُزِّلَ عَلَىٰ مُحَمَّدٖ وَهُوَ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّهِمۡ كَفَّرَ عَنۡهُمۡ سَيِّـَٔاتِهِمۡ وَأَصۡلَحَ بَالَهُمۡ
Open ayah 47:2Warra amananii, dalagaa gaggaarii hojjatanii, waan Muhammad irratti buufametti amanan, ‘inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e’ , (Rabbiin) diliilee isaanii isaan irraa haqe, haala isaaniis tolche.
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ ٱتَّبَعُواْ ٱلۡبَٰطِلَ وَأَنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّبَعُواْ ٱلۡحَقَّ مِن رَّبِّهِمۡۚ كَذَٰلِكَ يَضۡرِبُ ٱللَّهُ لِلنَّاسِ أَمۡثَٰلَهُمۡ
Open ayah 47:3Kun waan warri kafaran dhara (bu’ura hin qabne) hordofaniifi, warri amanan immoo dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e hordofaniifi. Akka kanatti Rabbiin fakkeenyota isaanii ilma namaatiif ibsa.
فَإِذَا لَقِيتُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فَضَرۡبَ ٱلرِّقَابِ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَثۡخَنتُمُوهُمۡ فَشُدُّواْ ٱلۡوَثَاقَ فَإِمَّا مَنَّۢا بَعۡدُ وَإِمَّا فِدَآءً حَتَّىٰ تَضَعَ ٱلۡحَرۡبُ أَوۡزَارَهَاۚ ذَٰلِكَۖ وَلَوۡ يَشَآءُ ٱللَّهُ لَٱنتَصَرَ مِنۡهُمۡ وَلَٰكِن لِّيَبۡلُوَاْ بَعۡضَكُم بِبَعۡضٖۗ وَٱلَّذِينَ قُتِلُواْ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ فَلَن يُضِلَّ أَعۡمَٰلَهُمۡ
Open ayah 47:4Yeroo warra kafare qunnamtan mormoota dhawaa. hanga yeroo isaan dadhabsiiftanitti (isaan baay’ee ajjeeftanitti), hidhaa jabeessaa. Sana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa). Dubbiin kana, Rabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahata. Garuu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jecha. Warra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu.
سَيَهۡدِيهِمۡ وَيُصۡلِحُ بَالَهُمۡ
Open ayah 47:5Fuulduratti isaan ni qajeelcha; haala isaaniis ni tolcha.
وَيُدۡخِلُهُمُ ٱلۡجَنَّةَ عَرَّفَهَا لَهُمۡ
Open ayah 47:6Jannata isaan seensisa; ishee isaanitti beeksisa.
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِن تَنصُرُواْ ٱللَّهَ يَنصُرۡكُمۡ وَيُثَبِّتۡ أَقۡدَامَكُمۡ
Open ayah 47:7Yaa warra amantan! Yoo (diin) Rabbii tumsitan, Inni isinii tumsa. Faannaan keessanis gadi dhaaba.
وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فَتَعۡسٗا لَّهُمۡ وَأَضَلَّ أَعۡمَٰلَهُمۡ
Open ayah 47:8Warri kafaran badiin isaaniif ta’aadha. (Rabbiin) dalagaalee (hojii) isaanii ni balleessa.
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ كَرِهُواْ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ فَأَحۡبَطَ أَعۡمَٰلَهُمۡ
Open ayah 47:9Kun waan isaan waan Rabbiin buuse (Qur’aana) jibbaniifi. Kanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii balleesse.
۞أَفَلَمۡ يَسِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَيَنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡۖ دَمَّرَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمۡۖ وَلِلۡكَٰفِرِينَ أَمۡثَٰلُهَا
Open ayah 47:10Sila dachii keessa deemanii hin ilaallee booddeen warra isaan duraa akkam akka ta’e? Rabbiin isaan barbadeesse. Kaafirootaaf fakkaattuun ishee taatuudha.
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ مَوۡلَى ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَأَنَّ ٱلۡكَٰفِرِينَ لَا مَوۡلَىٰ لَهُمۡ
Open ayah 47:11Kun waan Allaahn gargaaraa warra amananii ta’eefi kaafiroonni immoo gargaaraan isaaniif hinjiru.
إِنَّ ٱللَّهَ يُدۡخِلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۖ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ يَتَمَتَّعُونَ وَيَأۡكُلُونَ كَمَا تَأۡكُلُ ٱلۡأَنۡعَٰمُ وَٱلنَّارُ مَثۡوٗى لَّهُمۡ
Open ayah 47:12Rabbiin warra amananii, hojiiwwan gaggaarii hojjatan jannatoowwan laggeen ishee keessa yaa’u seensisa. Warri kafaran immoo (addunyaa irratti) qanani’aniiti, akkuma beelladoonni nyaatanitti nyaachaa (jiraatan). Ibiddi bakka jireenya isaaniiti.
وَكَأَيِّن مِّن قَرۡيَةٍ هِيَ أَشَدُّ قُوَّةٗ مِّن قَرۡيَتِكَ ٱلَّتِيٓ أَخۡرَجَتۡكَ أَهۡلَكۡنَٰهُمۡ فَلَا نَاصِرَ لَهُمۡ
Open ayah 47:13Baay’ee magaalotaa, kan magaalaa tee ishee (of irraa) si baafte (Makkaan) irra ciccimoo ta’an balleessinee jirra. Homaa tumsaan isaaniif hin jiru.
أَفَمَن كَانَ عَلَىٰ بَيِّنَةٖ مِّن رَّبِّهِۦ كَمَن زُيِّنَ لَهُۥ سُوٓءُ عَمَلِهِۦ وَٱتَّبَعُوٓاْ أَهۡوَآءَهُم
Open ayah 47:14Sila inni ragaa (ifa ba’aa) Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru akka nama dalagaan hamtuun isaa isaaf miidhagfamee nitahee? kan fedha lubbuu isaanii hordofan.
مَّثَلُ ٱلۡجَنَّةِ ٱلَّتِي وُعِدَ ٱلۡمُتَّقُونَۖ فِيهَآ أَنۡهَٰرٞ مِّن مَّآءٍ غَيۡرِ ءَاسِنٖ وَأَنۡهَٰرٞ مِّن لَّبَنٖ لَّمۡ يَتَغَيَّرۡ طَعۡمُهُۥ وَأَنۡهَٰرٞ مِّنۡ خَمۡرٖ لَّذَّةٖ لِّلشَّٰرِبِينَ وَأَنۡهَٰرٞ مِّنۡ عَسَلٖ مُّصَفّٗىۖ وَلَهُمۡ فِيهَا مِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ وَمَغۡفِرَةٞ مِّن رَّبِّهِمۡۖ كَمَنۡ هُوَ خَٰلِدٞ فِي ٱلنَّارِ وَسُقُواْ مَآءً حَمِيمٗا فَقَطَّعَ أَمۡعَآءَهُمۡ
Open ayah 47:15Fakkeenyi jannata warra Rabbiin sodaatan waadaa galamanii (akka kana): ishee keessa laggeen bishaan hin xiraahin irraa ta’etu jira, (akkasuma) laggeen aannan dhandhamni isaa hin jijjiiramin irraa ta’e, laggeen daadhii namoota dhuganiif mi’aayaa ta’e irraa ta’eefi laggeen damma qulqulleeffame (nadhii) irraa (ta’etu jira). Ammas isaaniif ishee (jannata) keessa fuduraalee hundaafi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira. (Sila isaan kun) akka namoota ibidda keessa yeroo hunda jiraataniifi bishaan danfaa obaafamanii, inni marrimaan isaanii cicciruutii? (lakki jarru sun akka jara kanaatii miti).
وَمِنۡهُم مَّن يَسۡتَمِعُ إِلَيۡكَ حَتَّىٰٓ إِذَا خَرَجُواْ مِنۡ عِندِكَ قَالُواْ لِلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡعِلۡمَ مَاذَا قَالَ ءَانِفًاۚ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ طَبَعَ ٱللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ وَٱتَّبَعُوٓاْ أَهۡوَآءَهُمۡ
Open ayah 47:16Isaan irraa namoota si dhaggeeffatee hanga yeroo si biraa gadi bahanii nijedhan warra beekkumsa kennamaniin “reefu maal jedhe?”. Isaan sun warra qalbiilee isaanii irratti Rabbiin cufee, fedhiilee isaanii hordofan.
وَٱلَّذِينَ ٱهۡتَدَوۡاْ زَادَهُمۡ هُدٗى وَءَاتَىٰهُمۡ تَقۡوَىٰهُمۡ
Open ayah 47:17Isaan qajeelan (Rabbiin) qajeeluma isaaniif dabalee, sodaa isaanii isaaniif kenne.
فَهَلۡ يَنظُرُونَ إِلَّا ٱلسَّاعَةَ أَن تَأۡتِيَهُم بَغۡتَةٗۖ فَقَدۡ جَآءَ أَشۡرَاطُهَاۚ فَأَنَّىٰ لَهُمۡ إِذَا جَآءَتۡهُمۡ ذِكۡرَىٰهُمۡ
Open ayah 47:18Sila ni eeganii Qiyaaman tasa isaanitti dhufuu malee? Mallattooleen ishee dhufe. Yeroo isheen isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a?
فَٱعۡلَمۡ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ وَٱسۡتَغۡفِرۡ لِذَنۢبِكَ وَلِلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِۗ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ مُتَقَلَّبَكُمۡ وَمَثۡوَىٰكُمۡ
Open ayah 47:19Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa hinjiruu beeki; dilii teetiif araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu). Rabbiin sochii keessaniifi qubannoota keessanis ni beeka.
وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَوۡلَا نُزِّلَتۡ سُورَةٞۖ فَإِذَآ أُنزِلَتۡ سُورَةٞ مُّحۡكَمَةٞ وَذُكِرَ فِيهَا ٱلۡقِتَالُ رَأَيۡتَ ٱلَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٞ يَنظُرُونَ إِلَيۡكَ نَظَرَ ٱلۡمَغۡشِيِّ عَلَيۡهِ مِنَ ٱلۡمَوۡتِۖ فَأَوۡلَىٰ لَهُمۡ
Open ayah 47:20Warri amanan “odoo suuraan (jihaada ajajju) buufamtee maal qaba?” jedhu. Yeroo Suuraan heera tumtu buufamtee ishee keessatti lolli dubbatame, warra onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru - ilaalcha nama machii du’aa isa gaggabsee- kan gara kee ilaalan argita. Badiin isaaniif haa ta’u.
طَاعَةٞ وَقَوۡلٞ مَّعۡرُوفٞۚ فَإِذَا عَزَمَ ٱلۡأَمۡرُ فَلَوۡ صَدَقُواْ ٱللَّهَ لَكَانَ خَيۡرٗا لَّهُمۡ
Open ayah 47:21Ajaja fudhachuufi jecha gaariitu (isaaniif caala). Yeroo dhimmichi murtaa’e odoo Rabbitti dhugaa haasa’anii irra isaaniif caala ture.
فَهَلۡ عَسَيۡتُمۡ إِن تَوَلَّيۡتُمۡ أَن تُفۡسِدُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَتُقَطِّعُوٓاْ أَرۡحَامَكُمۡ
Open ayah 47:22Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii?
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَعَنَهُمُ ٱللَّهُ فَأَصَمَّهُمۡ وَأَعۡمَىٰٓ أَبۡصَٰرَهُمۡ
Open ayah 47:23Isaan sun warra Rabbiin isaan abaaree gurra isaaniis duuchee ijoowwan isaanii jaamseedha.
أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ ٱلۡقُرۡءَانَ أَمۡ عَلَىٰ قُلُوبٍ أَقۡفَالُهَآ
Open ayah 47:24Sila Qur’aana hin xiinxalanii? Moo onneewwan isaanii irra cufaa isheetu jira?
إِنَّ ٱلَّذِينَ ٱرۡتَدُّواْ عَلَىٰٓ أَدۡبَٰرِهِم مِّنۢ بَعۡدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمُ ٱلۡهُدَى ٱلشَّيۡطَٰنُ سَوَّلَ لَهُمۡ وَأَمۡلَىٰ لَهُمۡ
Open ayah 47:25Isaan duubatti garagalan erga karaan qajeelaan isaaniif ibsame booda, sheyxaanatu (hojii gadhee) isaanitti bareechee hamilee isaanitti godhe.
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَالُواْ لِلَّذِينَ كَرِهُواْ مَا نَزَّلَ ٱللَّهُ سَنُطِيعُكُمۡ فِي بَعۡضِ ٱلۡأَمۡرِۖ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ إِسۡرَارَهُمۡ
Open ayah 47:26Kun waan isaan warra waan Rabbiin buuse jibbaniin “dhimma garii keessatti ajaja keessan fudhanna” jedhaniif. Rabbiin iccitii isaanii ni beeka.
فَكَيۡفَ إِذَا تَوَفَّتۡهُمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ يَضۡرِبُونَ وُجُوهَهُمۡ وَأَدۡبَٰرَهُمۡ
Open ayah 47:27Akkam tahuu taa’an Yeroo maleeykonni isaan ajjeeftu, fuulleen isaaniitiifi dugdowwan isaanii tumaadhaa?
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمُ ٱتَّبَعُواْ مَآ أَسۡخَطَ ٱللَّهَ وَكَرِهُواْ رِضۡوَٰنَهُۥ فَأَحۡبَطَ أَعۡمَٰلَهُمۡ
Open ayah 47:28Kun waan isaan waan Rabbiin dallansiisu hordofaniifii jaalala Isaa (Rabbii) jibbaniifi. (Rabbiin) dalagaalee isaanii balleesse.
أَمۡ حَسِبَ ٱلَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٌ أَن لَّن يُخۡرِجَ ٱللَّهُ أَضۡغَٰنَهُمۡ
Open ayah 47:29Sila warri onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru Rabbiin jibbansa (garaa isaanii keessa jiru) hin baasuu yaadanii?
وَلَوۡ نَشَآءُ لَأَرَيۡنَٰكَهُمۡ فَلَعَرَفۡتَهُم بِسِيمَٰهُمۡۚ وَلَتَعۡرِفَنَّهُمۡ فِي لَحۡنِ ٱلۡقَوۡلِۚ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ أَعۡمَٰلَكُمۡ
Open ayah 47:30Odoo feenee isaan sitti argisiifneeti, mallattoolee isaanitiin isaan beekta. Ergaa jechootaatiinis isaan ni beekta. Rabbiin dalagaalee keessan ni beeka.
وَلَنَبۡلُوَنَّكُمۡ حَتَّىٰ نَعۡلَمَ ٱلۡمُجَٰهِدِينَ مِنكُمۡ وَٱلصَّٰبِرِينَ وَنَبۡلُوَاْ أَخۡبَارَكُمۡ
Open ayah 47:31Isin mokkorra Hanga beeknutti (adda baafnutti) nqabsaa’otaafi obsitoota isin irraa tahan. oduulee keessanis nimokkorra (adda baafna).
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَصَدُّواْ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَشَآقُّواْ ٱلرَّسُولَ مِنۢ بَعۡدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمُ ٱلۡهُدَىٰ لَن يَضُرُّواْ ٱللَّهَ شَيۡـٔٗا وَسَيُحۡبِطُ أَعۡمَٰلَهُمۡ
Open ayah 47:32Isaan kafaranii karaa Rabbii irraa (nama) dhorgan, erga karaan qajeelaan isaaniif ifa ta’e booda ergamaa (Rabbii) didan, homaa Rabbiin hin miidhanu (Rabbiin) dalagaalee isaanii balleessuuf jira.
۞يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُواْ ٱلرَّسُولَ وَلَا تُبۡطِلُوٓاْ أَعۡمَٰلَكُمۡ
Open ayah 47:33Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamaa (Isaatifis) ajajamaa; dalagaawwan keessan hin balleessinaa.
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَصَدُّواْ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ ثُمَّ مَاتُواْ وَهُمۡ كُفَّارٞ فَلَن يَغۡفِرَ ٱللَّهُ لَهُمۡ
Open ayah 47:34Isaan kafaranii (namoota) karaa Rabbii irraa dhorgan, ergasii kafaroo ta’anii du’an, Rabbiin isaaniif hin araaramu.
فَلَا تَهِنُواْ وَتَدۡعُوٓاْ إِلَى ٱلسَّلۡمِ وَأَنتُمُ ٱلۡأَعۡلَوۡنَ وَٱللَّهُ مَعَكُمۡ وَلَن يَتِرَكُمۡ أَعۡمَٰلَكُمۡ
Open ayah 47:35Hin dadhabinaa; gara araaramaatti hin waaminaa. isintu injifatoodha. Rabbiin isin waliin jira; dalagaalee keessan isin irraa hin hir’isu.
إِنَّمَا ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَا لَعِبٞ وَلَهۡوٞۚ وَإِن تُؤۡمِنُواْ وَتَتَّقُواْ يُؤۡتِكُمۡ أُجُورَكُمۡ وَلَا يَسۡـَٔلۡكُمۡ أَمۡوَٰلَكُمۡ
Open ayah 47:36Jireenyi addunyaa taphaafi dagduudha, Yoo amantanii Rabbiin sodaattan mindaalee keessan isiniif kenna; qabeenya keessan isin hin gaafatu.
إِن يَسۡـَٔلۡكُمُوهَا فَيُحۡفِكُمۡ تَبۡخَلُواْ وَيُخۡرِجۡ أَضۡغَٰنَكُمۡ
Open ayah 47:37Yoo ishee isin gaafatee (gaafii) isinitti bay’ise isin ni dhorgattu turtan; Innis (Rabbiinis) gadoo keessan ni baasa.
هَٰٓأَنتُمۡ هَٰٓؤُلَآءِ تُدۡعَوۡنَ لِتُنفِقُواْ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ فَمِنكُم مَّن يَبۡخَلُۖ وَمَن يَبۡخَلۡ فَإِنَّمَا يَبۡخَلُ عَن نَّفۡسِهِۦۚ وَٱللَّهُ ٱلۡغَنِيُّ وَأَنتُمُ ٱلۡفُقَرَآءُۚ وَإِن تَتَوَلَّوۡاْ يَسۡتَبۡدِلۡ قَوۡمًا غَيۡرَكُمۡ ثُمَّ لَا يَكُونُوٓاْ أَمۡثَٰلَكُم
Open ayah 47:38Isin warri kun dhaga’aa! Karaa Rabbii keessatti arjoomuuf waamamtu. Isin irraa nama doynoomuutu jira. Namni doynoome kan inni dooynoomu lubbuma isaa irratti. Rabbiin dureessa; isin hiyyeeyyiidha. Yoo garagaltan, (Rabbiin) namoota biraa kan isin hin ta’in bakka keessan buusa. Isaan ergasii akka keessan hin ta’an.