القيامة
Al-Qiyaama
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
لَآ أُقۡسِمُ بِيَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ
Open ayah 75:1Miti Guyyaa Qiyaamaatiinin kakadha.
وَلَآ أُقۡسِمُ بِٱلنَّفۡسِ ٱللَّوَّامَةِ
Open ayah 75:2Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu).
أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَلَّن نَّجۡمَعَ عِظَامَهُۥ
Open ayah 75:3Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa?
بَلَىٰ قَٰدِرِينَ عَلَىٰٓ أَن نُّسَوِّيَ بَنَانَهُۥ
Open ayah 75:4Eeyyeen (walitti ni qabna) (Nuti) qubbeen isaatuu (akka turanitti deebifnee) sirreessuu irratti danda'oodha.
بَلۡ يُرِيدُ ٱلۡإِنسَٰنُ لِيَفۡجُرَ أَمَامَهُۥ
Open ayah 75:5Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha.
يَسۡـَٔلُ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلۡقِيَٰمَةِ
Open ayah 75:6"Guyyaan Qiyaamaa yoomii?"gaafata.
فَإِذَا بَرِقَ ٱلۡبَصَرُ
Open ayah 75:7(Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu.
وَخَسَفَ ٱلۡقَمَرُ
Open ayah 75:8(Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u)
وَجُمِعَ ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ
Open ayah 75:9Aduufi jiinis walitti qabamu.
يَقُولُ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذٍ أَيۡنَ ٱلۡمَفَرُّ
Open ayah 75:10Guyyaa san namni "bakki baqaa eessa?" jedha.
كَلَّا لَا وَزَرَ
Open ayah 75:11Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru.
إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمُسۡتَقَرُّ
Open ayah 75:12Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti.
يُنَبَّؤُاْ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذِۭ بِمَا قَدَّمَ وَأَخَّرَ
Open ayah 75:13Namni guyyaa san wanti inni durseefii booda aanse itti himama.
بَلِ ٱلۡإِنسَٰنُ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦ بَصِيرَةٞ
Open ayah 75:14Dhugumatti, namni lubbuu isaa irratti ragaadha.
وَلَوۡ أَلۡقَىٰ مَعَاذِيرَهُۥ
Open ayah 75:15Odoma rakkoo adda addaa dhiyeeffateeyyuu.
لَا تُحَرِّكۡ بِهِۦ لِسَانَكَ لِتَعۡجَلَ بِهِۦٓ
Open ayah 75:16Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin.
إِنَّ عَلَيۡنَا جَمۡعَهُۥ وَقُرۡءَانَهُۥ
Open ayah 75:17Isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira.
فَإِذَا قَرَأۡنَٰهُ فَٱتَّبِعۡ قُرۡءَانَهُۥ
Open ayah 75:18Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi.
ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا بَيَانَهُۥ
Open ayah 75:19Ergasii isa ibsuun Nurra jira.
كَلَّا بَلۡ تُحِبُّونَ ٱلۡعَاجِلَةَ
Open ayah 75:20Miti isin ariifattuu (duuniyaa) jaalattu.
وَتَذَرُونَ ٱلۡأٓخِرَةَ
Open ayah 75:21Aakhiraa ni dhiiftu.
وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ نَّاضِرَةٌ
Open ayah 75:22Fuulleen gariin Guyyaa san iftuudha.
إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٞ
Open ayah 75:23Gara Gooftaa ishee ilaaltuudha.
وَوُجُوهٞ يَوۡمَئِذِۭ بَاسِرَةٞ
Open ayah 75:24Fuulli gariin Guyyaa san akkaan suntuurtuudha.
تَظُنُّ أَن يُفۡعَلَ بِهَا فَاقِرَةٞ
Open ayah 75:25Balaan guddaan ishee irratti raawwatamuu yaaddi.
كَلَّآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلتَّرَاقِيَ
Open ayah 75:26Miti Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun ba'uuf) kokkee geesse,
وَقِيلَ مَنۡۜ رَاقٖ
Open ayah 75:27(Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame,
وَظَنَّ أَنَّهُ ٱلۡفِرَاقُ
Open ayah 75:28(Namni du'aa jiru sun) inni (addunyaa kana irraa) adda ba'uu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate;
وَٱلۡتَفَّتِ ٱلسَّاقُ بِٱلسَّاقِ
Open ayah 75:29(Yeroo) mogoleen mogoleetti maramte.
إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمَسَاقُ
Open ayah 75:30Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiiti.
فَلَا صَدَّقَ وَلَا صَلَّىٰ
Open ayah 75:31Hin amanne; hin salaanne.
وَلَٰكِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ
Open ayah 75:32Garuu kijibsiisee irraa gara gale.
ثُمَّ ذَهَبَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ يَتَمَطَّىٰٓ
Open ayah 75:33Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme.
أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰ
Open ayah 75:34Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!
ثُمَّ أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰٓ
Open ayah 75:35Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!
أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَن يُتۡرَكَ سُدًى
Open ayah 75:36Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa?
أَلَمۡ يَكُ نُطۡفَةٗ مِّن مَّنِيّٖ يُمۡنَىٰ
Open ayah 75:37Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa ta'ee hin turree?
ثُمَّ كَانَ عَلَقَةٗ فَخَلَقَ فَسَوَّىٰ
Open ayah 75:38Ergasii dhiiga ititaa ta'eeti (nama godhee) uumee guute.
فَجَعَلَ مِنۡهُ ٱلزَّوۡجَيۡنِ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ
Open ayah 75:39Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise.
أَلَيۡسَ ذَٰلِكَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحۡـِۧيَ ٱلۡمَوۡتَىٰ
Open ayah 75:40Sila (Rabbiin akkas godhe) sun du'aa jiraachisuu irratti danda'aa mitii?