المعارج
Al-Ma'aarij
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
سَأَلَ سَآئِلُۢ بِعَذَابٖ وَاقِعٖ
Open ayah 70:1Adaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e kadhataan kadhate.
لِّلۡكَٰفِرِينَ لَيۡسَ لَهُۥ دَافِعٞ
Open ayah 70:2Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru.
مِّنَ ٱللَّهِ ذِي ٱلۡمَعَارِجِ
Open ayah 70:3Rabbii Abbaa kortoowwanii ta'e irraa (argama).
تَعۡرُجُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ وَٱلرُّوحُ إِلَيۡهِ فِي يَوۡمٖ كَانَ مِقۡدَارُهُۥ خَمۡسِينَ أَلۡفَ سَنَةٖ
Open ayah 70:4Malaykonniifi Jibiriil gara Isaa ol koru guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti.
فَٱصۡبِرۡ صَبۡرٗا جَمِيلًا
Open ayah 70:5Obsa gaarii obsi.
إِنَّهُمۡ يَرَوۡنَهُۥ بَعِيدٗا
Open ayah 70:6Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu.
وَنَرَىٰهُ قَرِيبٗا
Open ayah 70:7Nuti immoo dhihootti isa argina.
يَوۡمَ تَكُونُ ٱلسَّمَآءُ كَٱلۡمُهۡلِ
Open ayah 70:8Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu.
وَتَكُونُ ٱلۡجِبَالُ كَٱلۡعِهۡنِ
Open ayah 70:9(Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu.
وَلَا يَسۡـَٔلُ حَمِيمٌ حَمِيمٗا
Open ayah 70:10(Guyyaa) firri fira hin gaafanne.
يُبَصَّرُونَهُمۡۚ يَوَدُّ ٱلۡمُجۡرِمُ لَوۡ يَفۡتَدِي مِنۡ عَذَابِ يَوۡمِئِذِۭ بِبَنِيهِ
Open ayah 70:11Isaan agarsiifamu Namni dilaawaan odoo ilmaan isaatiin adabbii guyyaa sanii uffuree jaalata.
وَصَٰحِبَتِهِۦ وَأَخِيهِ
Open ayah 70:12Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata);
وَفَصِيلَتِهِ ٱلَّتِي تُـٔۡوِيهِ
Open ayah 70:13Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis;
وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗا ثُمَّ يُنجِيهِ
Open ayah 70:14Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata).
كَلَّآۖ إِنَّهَا لَظَىٰ
Open ayah 70:15Dhorgamaa! isheen lazaadha (maqaa hulaa ibiddaati).
نَزَّاعَةٗ لِّلشَّوَىٰ
Open ayah 70:16Buqqiftuu gogaa sammuuti.
تَدۡعُواْ مَنۡ أَدۡبَرَ وَتَوَلَّىٰ
Open ayah 70:17Nama (amantii irraa) duubatti deebi'ee, gara gale ni waamti.
وَجَمَعَ فَأَوۡعَىٰٓ
Open ayah 70:18(Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti).
۞إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ خُلِقَ هَلُوعًا
Open ayah 70:19Dhugumatti, namni obsa dhabeessa ta'ee uumame.
إِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ جَزُوعٗا
Open ayah 70:20Yeroo hamtuun isa tuqe mufataa (gammachuu dhaba).
وَإِذَا مَسَّهُ ٱلۡخَيۡرُ مَنُوعًا
Open ayah 70:21Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha.
إِلَّا ٱلۡمُصَلِّينَ
Open ayah 70:22Warra sagadan malee;
ٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَاتِهِمۡ دَآئِمُونَ
Open ayah 70:23Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee);
وَٱلَّذِينَ فِيٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ حَقّٞ مَّعۡلُومٞ
Open ayah 70:24Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru,
لِّلسَّآئِلِ وَٱلۡمَحۡرُومِ
Open ayah 70:25Hiyyeessa Kadhataafi kan hin kadhanneef,
وَٱلَّذِينَ يُصَدِّقُونَ بِيَوۡمِ ٱلدِّينِ
Open ayah 70:26Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan,
وَٱلَّذِينَ هُم مِّنۡ عَذَابِ رَبِّهِم مُّشۡفِقُونَ
Open ayah 70:27Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha).
إِنَّ عَذَابَ رَبِّهِمۡ غَيۡرُ مَأۡمُونٖ
Open ayah 70:28Adabbiin Gooftaa isaanii (nama tuquu dhabuun isaa) amanamaa miti.
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِفُرُوجِهِمۡ حَٰفِظُونَ
Open ayah 70:29Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan,
إِلَّا عَلَىٰٓ أَزۡوَٰجِهِمۡ أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُهُمۡ فَإِنَّهُمۡ غَيۡرُ مَلُومِينَ
Open ayah 70:30Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; (kanarratti) isaan komatamoo miti.
فَمَنِ ٱبۡتَغَىٰ وَرَآءَ ذَٰلِكَ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡعَادُونَ
Open ayah 70:31Namni sanaan ala (fedhii guutachuu) barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha.
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِأَمَٰنَٰتِهِمۡ وَعَهۡدِهِمۡ رَٰعُونَ
Open ayah 70:32Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan,
وَٱلَّذِينَ هُم بِشَهَٰدَٰتِهِمۡ قَآئِمُونَ
Open ayah 70:33Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan,
وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَاتِهِمۡ يُحَافِظُونَ
Open ayah 70:34Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan.
أُوْلَٰٓئِكَ فِي جَنَّٰتٖ مُّكۡرَمُونَ
Open ayah 70:35Warri sun jannata keessatti kabajamoodha.
فَمَالِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ قِبَلَكَ مُهۡطِعِينَ
Open ayah 70:36Warra kafareef maaltu jiraayi sirratti xiyyeefatu?
عَنِ ٱلۡيَمِينِ وَعَنِ ٱلشِّمَالِ عِزِينَ
Open ayah 70:37Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii.
أَيَطۡمَعُ كُلُّ ٱمۡرِيٕٖ مِّنۡهُمۡ أَن يُدۡخَلَ جَنَّةَ نَعِيمٖ
Open ayah 70:38Sila namni isaan irraa ta'e hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa?
كَلَّآۖ إِنَّا خَلَقۡنَٰهُم مِّمَّا يَعۡلَمُونَ
Open ayah 70:39Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne.
فَلَآ أُقۡسِمُ بِرَبِّ ٱلۡمَشَٰرِقِ وَٱلۡمَغَٰرِبِ إِنَّا لَقَٰدِرُونَ
Open ayah 70:40Gooftaa Bahootaatiifi Dhihootaatiin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha.
عَلَىٰٓ أَن نُّبَدِّلَ خَيۡرٗا مِّنۡهُمۡ وَمَا نَحۡنُ بِمَسۡبُوقِينَ
Open ayah 70:41Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (danda'oo dha). Nuti dadhabsiifamoo hin taane.
فَذَرۡهُمۡ يَخُوضُواْ وَيَلۡعَبُواْ حَتَّىٰ يُلَٰقُواْ يَوۡمَهُمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ
Open ayah 70:42Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi.
يَوۡمَ يَخۡرُجُونَ مِنَ ٱلۡأَجۡدَاثِ سِرَاعٗا كَأَنَّهُمۡ إِلَىٰ نُصُبٖ يُوفِضُونَ
Open ayah 70:43Guyyaa qabroota irraa arifataa ba'an isaan akka waan gara taabotootaatti dhangala'an fakkaatu.
خَٰشِعَةً أَبۡصَٰرُهُمۡ تَرۡهَقُهُمۡ ذِلَّةٞۚ ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمُ ٱلَّذِي كَانُواْ يُوعَدُونَ
Open ayah 70:44Ijjoonni isaanii xiqqaattuu salphinni isaan haguugdi. Sun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha.