نوح
Nooh
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦٓ أَنۡ أَنذِرۡ قَوۡمَكَ مِن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Open ayah 71:1Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun.
قَالَ يَٰقَوۡمِ إِنِّي لَكُمۡ نَذِيرٞ مُّبِينٌ
Open ayah 71:2(Nuuhis) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱتَّقُوهُ وَأَطِيعُونِ
Open ayah 71:3Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun.
يَغۡفِرۡ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمۡ وَيُؤَخِّرۡكُمۡ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمًّىۚ إِنَّ أَجَلَ ٱللَّهِ إِذَا جَآءَ لَا يُؤَخَّرُۚ لَوۡ كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
Open ayah 71:4"Diliilee keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaa'eettis isin tursiisa. Beellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamu. Odoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu).
قَالَ رَبِّ إِنِّي دَعَوۡتُ قَوۡمِي لَيۡلٗا وَنَهَارٗا
Open ayah 71:5(Nuuhiin) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan waame.
فَلَمۡ يَزِدۡهُمۡ دُعَآءِيٓ إِلَّا فِرَارٗا
Open ayah 71:6Waamichi kiyya (dhugaa irraa) baqa malee homaa isaaniif hin daballe.
وَإِنِّي كُلَّمَا دَعَوۡتُهُمۡ لِتَغۡفِرَ لَهُمۡ جَعَلُوٓاْ أَصَٰبِعَهُمۡ فِيٓ ءَاذَانِهِمۡ وَٱسۡتَغۡشَوۡاْ ثِيَابَهُمۡ وَأَصَرُّواْ وَٱسۡتَكۡبَرُواْ ٱسۡتِكۡبَارٗا
Open ayah 71:7Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurroowwan isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan.
ثُمَّ إِنِّي دَعَوۡتُهُمۡ جِهَارٗا
Open ayah 71:8Ergasii ani lallabeen isaan waame.
ثُمَّ إِنِّيٓ أَعۡلَنتُ لَهُمۡ وَأَسۡرَرۡتُ لَهُمۡ إِسۡرَارٗا
Open ayah 71:9Achi boodas ani ifan isaaniif godhe; hasaasuus isaanittin hasaase.
فَقُلۡتُ ٱسۡتَغۡفِرُواْ رَبَّكُمۡ إِنَّهُۥ كَانَ غَفَّارٗا
Open ayah 71:10Nin jedhe ‘Gooftaa keessan araarama kadhaa; Inni Akkaan Araaramaadhan’.
يُرۡسِلِ ٱلسَّمَآءَ عَلَيۡكُم مِّدۡرَارٗا
Open ayah 71:11Rooba baay'ee deddeebi'aa isin irratti erga. (rooba guddaa isiniif roobsa).
وَيُمۡدِدۡكُم بِأَمۡوَٰلٖ وَبَنِينَ وَيَجۡعَل لَّكُمۡ جَنَّٰتٖ وَيَجۡعَل لَّكُمۡ أَنۡهَٰرٗا
Open ayah 71:12Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabala. Ashaakiltii isiniif godha laggeenis isiniif taasisa.
مَّا لَكُمۡ لَا تَرۡجُونَ لِلَّهِ وَقَارٗا
Open ayah 71:13Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne?
وَقَدۡ خَلَقَكُمۡ أَطۡوَارًا
Open ayah 71:14Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera.
أَلَمۡ تَرَوۡاْ كَيۡفَ خَلَقَ ٱللَّهُ سَبۡعَ سَمَٰوَٰتٖ طِبَاقٗا
Open ayah 71:15Sila isin hin arginee akkamitti Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti akka uume ?
وَجَعَلَ ٱلۡقَمَرَ فِيهِنَّ نُورٗا وَجَعَلَ ٱلشَّمۡسَ سِرَاجٗا
Open ayah 71:16Isaan keessatti ji'a ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi ho'aa (siraaja) taasise.
وَٱللَّهُ أَنۢبَتَكُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ نَبَاتٗا
Open ayah 71:17Rabbiin biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche.
ثُمَّ يُعِيدُكُمۡ فِيهَا وَيُخۡرِجُكُمۡ إِخۡرَاجٗا
Open ayah 71:18Ergasii ishee keessatti isin deebisa, baasuus isin baasa.
وَٱللَّهُ جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ بِسَاطٗا
Open ayah 71:19Rabbiin dachii afata isiniif godhe.
لِّتَسۡلُكُواْ مِنۡهَا سُبُلٗا فِجَاجٗا
Open ayah 71:20Akka isin ishee irraa karaalee babal'aa seentaniif.
قَالَ نُوحٞ رَّبِّ إِنَّهُمۡ عَصَوۡنِي وَٱتَّبَعُواْ مَن لَّمۡ يَزِدۡهُ مَالُهُۥ وَوَلَدُهُۥٓ إِلَّا خَسَارٗا
Open ayah 71:21Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan.
وَمَكَرُواْ مَكۡرٗا كُبَّارٗا
Open ayah 71:22Shira gurguddaa shiran.
وَقَالُواْ لَا تَذَرُنَّ ءَالِهَتَكُمۡ وَلَا تَذَرُنَّ وَدّٗا وَلَا سُوَاعٗا وَلَا يَغُوثَ وَيَعُوقَ وَنَسۡرٗا
Open ayah 71:23‘Gabbaramtoota keessan hin dhiisinaa; waddi, suwaa'i, yaghuus, ya'uuqiifi nasriinis hin dhiisinaa' (waliin) jedhan.
وَقَدۡ أَضَلُّواْ كَثِيرٗاۖ وَلَا تَزِدِ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا ضَلَٰلٗا
Open ayah 71:24Dhugumatti, (namoota) baay'ee jallisaniiru. Miidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.”
مِّمَّا خَطِيٓـَٰٔتِهِمۡ أُغۡرِقُواْ فَأُدۡخِلُواْ نَارٗا فَلَمۡ يَجِدُواْ لَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ أَنصَارٗا
Open ayah 71:25Diliiwwan isaanii irraa kan ka'e, bishaaniin nyaachifaman, ibidda seensifaman. Rabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne.
وَقَالَ نُوحٞ رَّبِّ لَا تَذَرۡ عَلَى ٱلۡأَرۡضِ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ دَيَّارًا
Open ayah 71:26Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin.
إِنَّكَ إِن تَذَرۡهُمۡ يُضِلُّواْ عِبَادَكَ وَلَا يَلِدُوٓاْ إِلَّا فَاجِرٗا كَفَّارٗا
Open ayah 71:27Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira ta'e malees hin dhalan (hin horan).
رَّبِّ ٱغۡفِرۡ لِي وَلِوَٰلِدَيَّ وَلِمَن دَخَلَ بَيۡتِيَ مُؤۡمِنٗا وَلِلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِۖ وَلَا تَزِدِ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا تَبَارَۢا
Open ayah 71:28Gooftaa kiyya! Anaaf, araarami abbaafi haadha kiyyaafis, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneefis, mu'uminootaafi mu'umintittiifis (araarami). Kaafirootaaf badii malee hin dabalin.”