النازعات
An-Naazi'aat
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
وَٱلنَّٰزِعَٰتِ غَرۡقٗا
Open ayah 79:1[Maleykaa lubbuu kaafiraa] humnaan buttuunin (kakadha).
وَٱلنَّٰشِطَٰتِ نَشۡطٗا
Open ayah 79:2[Kan lubbuu mu’uminaa] luqqisuu suuta luqqiftuunis.
وَٱلسَّٰبِحَٰتِ سَبۡحٗا
Open ayah 79:3[Kan ajaja Rabbii geessuuf] adeemuu demaniinis.
فَٱلسَّٰبِقَٰتِ سَبۡقٗا
Open ayah 79:4Maleykota] dorgommii wal dorgomaniinis.
فَٱلۡمُدَبِّرَٰتِ أَمۡرٗا
Open ayah 79:5(Kan) ajaja Rabbii gara dachii geessaniininis (nan kakadha).
يَوۡمَ تَرۡجُفُ ٱلرَّاجِفَةُ
Open ayah 79:6Guyyaa sochootuun [afuuffiin xurumbaa nama] sochooftu;
تَتۡبَعُهَا ٱلرَّادِفَةُ
Open ayah 79:7Hordoftuutu (afuuffii biraatu) ishee hordofa.
قُلُوبٞ يَوۡمَئِذٖ وَاجِفَةٌ
Open ayah 79:8Onneewwan guyyaa san rifattuudha.
أَبۡصَٰرُهَا خَٰشِعَةٞ
Open ayah 79:9Ijji ishee salphattuudha.
يَقُولُونَ أَءِنَّا لَمَرۡدُودُونَ فِي ٱلۡحَافِرَةِ
Open ayah 79:10Ni jedhu: "sila nuti dhugumatti haala jireenya duriitti ni deebifamnaa?
أَءِذَا كُنَّا عِظَٰمٗا نَّخِرَةٗ
Open ayah 79:11Sila erga lafee dhumte taanee moo?
قَالُواْ تِلۡكَ إِذٗا كَرَّةٌ خَاسِرَةٞ
Open ayah 79:12Yoo akkas ta'e sun deebii hoongooti" jedhan.
فَإِنَّمَا هِيَ زَجۡرَةٞ وَٰحِدَةٞ
Open ayah 79:13Isheen iyya (afuuffii) tokko qofa.
فَإِذَا هُم بِٱلسَّاهِرَةِ
Open ayah 79:14Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti ta'u.
هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ مُوسَىٰٓ
Open ayah 79:15Sila haasofni waa’ee Muusaa sitti dhufee?
إِذۡ نَادَىٰهُ رَبُّهُۥ بِٱلۡوَادِ ٱلۡمُقَدَّسِ طُوًى
Open ayah 79:16Yeroo Gooftaan isaa laga qulqulleffamaa "Xuwaa" jedhamu keessatti isatti lallabe.
ٱذۡهَبۡ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ
Open ayah 79:17Gara Fir'awn deemi; inni daangaa darbee jira.
فَقُلۡ هَل لَّكَ إِلَىٰٓ أَن تَزَكَّىٰ
Open ayah 79:18Jedhiin: "sila gara (shirkii irraa) qulqulleffachuutti fedha qabdaa?
وَأَهۡدِيَكَ إِلَىٰ رَبِّكَ فَتَخۡشَىٰ
Open ayah 79:19Akka sodaattuuf gara Gooftaa keetii si qajeelchutti (fedha qabdaa)."
فَأَرَىٰهُ ٱلۡأٓيَةَ ٱلۡكُبۡرَىٰ
Open ayah 79:20[Muusan] mallattoo guddaa isa (Fir'awniin) agarsiise.
فَكَذَّبَ وَعَصَىٰ
Open ayah 79:21Inni (Fir’awn) sobsiisee faallesse.
ثُمَّ أَدۡبَرَ يَسۡعَىٰ
Open ayah 79:22Ergasii ariifataa gara gale.
فَحَشَرَ فَنَادَىٰ
Open ayah 79:23Sana booda walitti qabee lallabe:
فَقَالَ أَنَا۠ رَبُّكُمُ ٱلۡأَعۡلَىٰ
Open ayah 79:24“Ani gooftaa keessan isa ol aanaadha” jedhe.
فَأَخَذَهُ ٱللَّهُ نَكَالَ ٱلۡأٓخِرَةِ وَٱلۡأُولَىٰٓ
Open ayah 79:25Sana booda Rabbiin adabbii [badii] boodaatiifi jalqabaatiifis isa qabe.
إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَعِبۡرَةٗ لِّمَن يَخۡشَىٰٓ
Open ayah 79:26Dugumatti, kana keessa nama Rabbiin sodaatuuf gorsatu jira.
ءَأَنتُمۡ أَشَدُّ خَلۡقًا أَمِ ٱلسَّمَآءُۚ بَنَىٰهَا
Open ayah 79:27Sila uumaa keessantu irra jabaata moo samii dha? Inni (Rabbiin) ishee ni ijaare.
رَفَعَ سَمۡكَهَا فَسَوَّىٰهَا
Open ayah 79:28Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse.
وَأَغۡطَشَ لَيۡلَهَا وَأَخۡرَجَ ضُحَىٰهَا
Open ayah 79:29Halkan ishee dukkaneessee guyyaa ishee ibse.
وَٱلۡأَرۡضَ بَعۡدَ ذَٰلِكَ دَحَىٰهَآ
Open ayah 79:30Dachii sana booda sirreesse.
أَخۡرَجَ مِنۡهَا مَآءَهَا وَمَرۡعَىٰهَا
Open ayah 79:31Ishee irraa bishaan isheetiifi biqiltuu ishee ni baase.
وَٱلۡجِبَالَ أَرۡسَىٰهَا
Open ayah 79:32Gaarreenis dachii irra ni dhaabe.
مَتَٰعٗا لَّكُمۡ وَلِأَنۡعَٰمِكُمۡ
Open ayah 79:33Isiniifi beelladoota keessan qanansiisuuf [kana godhe].
فَإِذَا جَآءَتِ ٱلطَّآمَّةُ ٱلۡكُبۡرَىٰ
Open ayah 79:34Yeroo balaan guddoon (Qiyaamaan) dhufte,
يَوۡمَ يَتَذَكَّرُ ٱلۡإِنسَٰنُ مَا سَعَىٰ
Open ayah 79:35Guyyaa namni waan hojjate hunda yaadatu,
وَبُرِّزَتِ ٱلۡجَحِيمُ لِمَن يَرَىٰ
Open ayah 79:36(Guyyaa) ibiddi jahannam namuma arguuf mul'atte,
فَأَمَّا مَن طَغَىٰ
Open ayah 79:37Namni daangaa dabree,
وَءَاثَرَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا
Open ayah 79:38Jireenya addunyaa kanaa filate,
فَإِنَّ ٱلۡجَحِيمَ هِيَ ٱلۡمَأۡوَىٰ
Open ayah 79:39Dhugumatti, jahannam teesson isaa.
وَأَمَّا مَنۡ خَافَ مَقَامَ رَبِّهِۦ وَنَهَى ٱلنَّفۡسَ عَنِ ٱلۡهَوَىٰ
Open ayah 79:40Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee, lubbuu isaa waan isheen hawwitu irraa dhorge,
فَإِنَّ ٱلۡجَنَّةَ هِيَ ٱلۡمَأۡوَىٰ
Open ayah 79:41Dhugumatti, jannanni bakka qubannaa isaati.
يَسۡـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلسَّاعَةِ أَيَّانَ مُرۡسَىٰهَا
Open ayah 79:42[Yaa Muhammad SAW!] Qiyaamaa irraa, yoom argamtii ishee si gaafatu.
فِيمَ أَنتَ مِن ذِكۡرَىٰهَآ
Open ayah 79:43Ati beekumsa ishee irraa maal keessa jirta?
إِلَىٰ رَبِّكَ مُنتَهَىٰهَآ
Open ayah 79:44Beekumsi ishee kan dhumaa garuma Gooftaa keetiiti.
إِنَّمَآ أَنتَ مُنذِرُ مَن يَخۡشَىٰهَا
Open ayah 79:45Ati akeekkachiisaa nama ishee sodaatuuti.
كَأَنَّهُمۡ يَوۡمَ يَرَوۡنَهَا لَمۡ يَلۡبَثُوٓاْ إِلَّا عَشِيَّةً أَوۡ ضُحَىٰهَا
Open ayah 79:46Isaan guyyaa ishee argan akka waan isaan galgala tokko yookiin ganama tokko malee (addunyaa irra) hin turin itti fakkaata.