عبس
Abasa
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
عَبَسَ وَتَوَلَّىٰٓ
Open ayah 80:1Fuula guuree gara gale.
أَن جَآءَهُ ٱلۡأَعۡمَىٰ
Open ayah 80:2Sababa jaamaan isatti dhufeef.
وَمَا يُدۡرِيكَ لَعَلَّهُۥ يَزَّكَّىٰٓ
Open ayah 80:3Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama.
أَوۡ يَذَّكَّرُ فَتَنفَعَهُ ٱلذِّكۡرَىٰٓ
Open ayah 80:4Yookiin gorfameeti gorsi isa fayyaddi.
أَمَّا مَنِ ٱسۡتَغۡنَىٰ
Open ayah 80:5Nama duroome immoo,
فَأَنتَ لَهُۥ تَصَدَّىٰ
Open ayah 80:6Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta.
وَمَا عَلَيۡكَ أَلَّا يَزَّكَّىٰ
Open ayah 80:7Haala qulqullaa'uu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen.
وَأَمَّا مَن جَآءَكَ يَسۡعَىٰ
Open ayah 80:8Nama fiigaa sitti dhufe immoo,
وَهُوَ يَخۡشَىٰ
Open ayah 80:9Kan Rabbiin sodaatu ta’ee,
فَأَنتَ عَنۡهُ تَلَهَّىٰ
Open ayah 80:10Ati isa irraa dagatta.
كَلَّآ إِنَّهَا تَذۡكِرَةٞ
Open ayah 80:11Dhorgami! Isheen gorsa.
فَمَن شَآءَ ذَكَرَهُۥ
Open ayah 80:12Nama fedhetu isa (Qur'aana) yaadata.
فِي صُحُفٖ مُّكَرَّمَةٖ
Open ayah 80:13Galmeewwan kabajamtuu keessa jira.
مَّرۡفُوعَةٖ مُّطَهَّرَةِۭ
Open ayah 80:14Ol fuudhamtuu, qulqulleeffamtuu (keessa jira).
بِأَيۡدِي سَفَرَةٖ
Open ayah 80:15Harka barressitootaa (maleykotaa) jira.
كِرَامِۭ بَرَرَةٖ
Open ayah 80:16Kabajamoo, ajajamtoota (harka jira).
قُتِلَ ٱلۡإِنسَٰنُ مَآ أَكۡفَرَهُۥ
Open ayah 80:17Namni abaarame! Sila maaltu isa kafarsiise?
مِنۡ أَيِّ شَيۡءٍ خَلَقَهُۥ
Open ayah 80:18(Rabbiin) waan akkamii irraa isa uume? (hin xiinxaluu?)
مِن نُّطۡفَةٍ خَلَقَهُۥ فَقَدَّرَهُۥ
Open ayah 80:19Bishaan saalaa irraa isa uumeeti, ergasii isa sirreesse.
ثُمَّ ٱلسَّبِيلَ يَسَّرَهُۥ
Open ayah 80:20Ergasii karaa (inni ittiin dhalatu) isaaf laaffise.
ثُمَّ أَمَاتَهُۥ فَأَقۡبَرَهُۥ
Open ayah 80:21Ergasii isa ajjeeseti isa awwaalchise.
ثُمَّ إِذَا شَآءَ أَنشَرَهُۥ
Open ayah 80:22Ergasii yeroo fedhe isa kaasa.
كَلَّا لَمَّا يَقۡضِ مَآ أَمَرَهُۥ
Open ayah 80:23Dhugumatti, (namni) waan Rabbiin isa ajaje ammallee hin raawwanne.
فَلۡيَنظُرِ ٱلۡإِنسَٰنُ إِلَىٰ طَعَامِهِۦٓ
Open ayah 80:24Namni gara nyaata isaa haa ilaalu.
أَنَّا صَبَبۡنَا ٱلۡمَآءَ صَبّٗا
Open ayah 80:25Nuti bishaan buusiinsa baay’inaan buufne.
ثُمَّ شَقَقۡنَا ٱلۡأَرۡضَ شَقّٗا
Open ayah 80:26Ergasii dachii dhodhoosiinsa dhodhoofne.
فَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا حَبّٗا
Open ayah 80:27Achumaan Ishee keessatti firii magarsine.
وَعِنَبٗا وَقَضۡبٗا
Open ayah 80:28Inabaafi margas,
وَزَيۡتُونٗا وَنَخۡلٗا
Open ayah 80:29Zeytunaafi muka timiraas,
وَحَدَآئِقَ غُلۡبٗا
Open ayah 80:30Ashaakiltiilee muka baay’atanis,
وَفَٰكِهَةٗ وَأَبّٗا
Open ayah 80:31Fuduraafi kaloo [akka nuti uumne haa ilaalu].
مَّتَٰعٗا لَّكُمۡ وَلِأَنۡعَٰمِكُمۡ
Open ayah 80:32Isiniifi beylada keessanis qanansiisuuf.
فَإِذَا جَآءَتِ ٱلصَّآخَّةُ
Open ayah 80:33Yeroo gurra duuchituun (Qiyaamaan) dhufte,
يَوۡمَ يَفِرُّ ٱلۡمَرۡءُ مِنۡ أَخِيهِ
Open ayah 80:34Guyyaa namni obboleessa isaa irraa dheessu,
وَأُمِّهِۦ وَأَبِيهِ
Open ayah 80:35Haadha isaatiifi abbaa isaa irraas,
وَصَٰحِبَتِهِۦ وَبَنِيهِ
Open ayah 80:36Niitii isaatiifi ijoollee isaa irraas (baqatu san dhufti).
لِكُلِّ ٱمۡرِيٕٖ مِّنۡهُمۡ يَوۡمَئِذٖ شَأۡنٞ يُغۡنِيهِ
Open ayah 80:37Nama Isaan irraa ta’e hundaaf guyyaa sana dhimma isa duroomsutu jira.
وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ مُّسۡفِرَةٞ
Open ayah 80:38Fuulli gariin guyyaa san ni ifti.
ضَاحِكَةٞ مُّسۡتَبۡشِرَةٞ
Open ayah 80:39Kolfituu, gammadduudha.
وَوُجُوهٞ يَوۡمَئِذٍ عَلَيۡهَا غَبَرَةٞ
Open ayah 80:40Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu (quttootu) irra jira.
تَرۡهَقُهَا قَتَرَةٌ
Open ayah 80:41Gurraachinni ishee haguuga.
أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡكَفَرَةُ ٱلۡفَجَرَةُ
Open ayah 80:42Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessa hojjataniidha.