المرسلات
Al-Mursalaat
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
وَٱلۡمُرۡسَلَٰتِ عُرۡفٗا
Open ayah 77:1(Maleykota) wal hordoftuu ta'anii ergamaniinin kakadha.
فَٱلۡعَٰصِفَٰتِ عَصۡفٗا
Open ayah 77:2(Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis;
وَٱلنَّٰشِرَٰتِ نَشۡرٗا
Open ayah 77:3(Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis;
فَٱلۡفَٰرِقَٰتِ فَرۡقٗا
Open ayah 77:4(Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis;
فَٱلۡمُلۡقِيَٰتِ ذِكۡرًا
Open ayah 77:5(Malaykota) ergaa buuftotattis;
عُذۡرًا أَوۡ نُذۡرًا
Open ayah 77:6Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha).
إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَوَٰقِعٞ
Open ayah 77:7Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha.
فَإِذَا ٱلنُّجُومُ طُمِسَتۡ
Open ayah 77:8Yeroo urjiiwwan (ifti ishee irraa) haqamte,
وَإِذَا ٱلسَّمَآءُ فُرِجَتۡ
Open ayah 77:9Yeroo samiileenis babbanamte;
وَإِذَا ٱلۡجِبَالُ نُسِفَتۡ
Open ayah 77:10Yeroo gaarreenis (bakka irraa) bubuqqifamte,
وَإِذَا ٱلرُّسُلُ أُقِّتَتۡ
Open ayah 77:11Yeroo Ergamoonnis beellamaan walitii qabamte;
لِأَيِّ يَوۡمٍ أُجِّلَتۡ
Open ayah 77:12Guyyaa kamiif beellamaman?
لِيَوۡمِ ٱلۡفَصۡلِ
Open ayah 77:13Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman).
وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا يَوۡمُ ٱلۡفَصۡلِ
Open ayah 77:14Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka ta'e maaltu si beeksise?
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 77:15Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
أَلَمۡ نُهۡلِكِ ٱلۡأَوَّلِينَ
Open ayah 77:16Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee?
ثُمَّ نُتۡبِعُهُمُ ٱلۡأٓخِرِينَ
Open ayah 77:17Ergasiis warra boodaa isaan hordofsiifna.
كَذَٰلِكَ نَفۡعَلُ بِٱلۡمُجۡرِمِينَ
Open ayah 77:18Yakkamtootas akkanuma goona.
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 77:19Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
أَلَمۡ نَخۡلُقكُّم مِّن مَّآءٖ مَّهِينٖ
Open ayah 77:20Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee?
فَجَعَلۡنَٰهُ فِي قَرَارٖ مَّكِينٍ
Open ayah 77:21Bakka mijaa'aa keessas isa goone.
إِلَىٰ قَدَرٖ مَّعۡلُومٖ
Open ayah 77:22Hanga yeroo beekamaatti.
فَقَدَرۡنَا فَنِعۡمَ ٱلۡقَٰدِرُونَ
Open ayah 77:23Ni shallagnes; nuti shallagdoota akkaan tole.
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 77:24Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ كِفَاتًا
Open ayah 77:25Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee?
أَحۡيَآءٗ وَأَمۡوَٰتٗا
Open ayah 77:26Jiraafi du'aas (walitti qabdi)?
وَجَعَلۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ شَٰمِخَٰتٖ وَأَسۡقَيۡنَٰكُم مَّآءٗ فُرَاتٗا
Open ayah 77:27Gaarreen ragga'oo dhedheeraa ishee keessatti goone. Bishaan mi'aawaas isin obaafne.
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 77:28Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
ٱنطَلِقُوٓاْ إِلَىٰ مَا كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ
Open ayah 77:29(Isaaniin ni jedhama): "gara waan sobsiisaa turtanii deemaa.
ٱنطَلِقُوٓاْ إِلَىٰ ظِلّٖ ذِي ثَلَٰثِ شُعَبٖ
Open ayah 77:30Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa."
لَّا ظَلِيلٖ وَلَا يُغۡنِي مِنَ ٱللَّهَبِ
Open ayah 77:31Gaaddiseessaa miti; boba'aa ibiddaa irraas hin duroomsu.
إِنَّهَا تَرۡمِي بِشَرَرٖ كَٱلۡقَصۡرِ
Open ayah 77:32Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti.
كَأَنَّهُۥ جِمَٰلَتٞ صُفۡرٞ
Open ayah 77:33Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata.
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 77:34Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
هَٰذَا يَوۡمُ لَا يَنطِقُونَ
Open ayah 77:35Kun Guyyaa isaan hin dubbanneedha.
وَلَا يُؤۡذَنُ لَهُمۡ فَيَعۡتَذِرُونَ
Open ayah 77:36Rakkoo haa himataniif isaaniif hin eeyyamamu.
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 77:37Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
هَٰذَا يَوۡمُ ٱلۡفَصۡلِۖ جَمَعۡنَٰكُمۡ وَٱلۡأَوَّلِينَ
Open ayah 77:38Kun guyyaa adda foo'amiinsaati; Isiniifi warra duraas walitti qabne.
فَإِن كَانَ لَكُمۡ كَيۡدٞ فَكِيدُونِ
Open ayah 77:39Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa.
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 77:40Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي ظِلَٰلٖ وَعُيُونٖ
Open ayah 77:41Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan keessa jiraatu.
وَفَوَٰكِهَ مِمَّا يَشۡتَهُونَ
Open ayah 77:42Asheeta irraa waan fedhan (keessa taa'u).
كُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ هَنِيٓـَٔۢا بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Open ayah 77:43"Sababaa waan dalagaa turtaniitiif gammachuun nyaadhaa; dhugaa" (jedhamu).
إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Open ayah 77:44Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina.
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 77:45Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
كُلُواْ وَتَمَتَّعُواْ قَلِيلًا إِنَّكُم مُّجۡرِمُونَ
Open ayah 77:46(Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qanani'aa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama).
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 77:47Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ٱرۡكَعُواْ لَا يَرۡكَعُونَ
Open ayah 77:48Yeroo ‘salaataa’ isaaniin jedhames hin salaatanu.
وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ
Open ayah 77:49Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
فَبِأَيِّ حَدِيثِۭ بَعۡدَهُۥ يُؤۡمِنُونَ
Open ayah 77:50Isaan ala haasawa kamitti amanu ree?