الجاثية
Al-Jaathiya
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
حمٓ
Open ayah 45:1Haa Miim.
تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ
Open ayah 45:2Buufamiinsi kitaabaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, ogeessa ta’e irraayi.
إِنَّ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَأٓيَٰتٖ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ
Open ayah 45:3Samiileefi dachii keessa Dhugumatti mu’uminootaaf mallattooleetu jira.
وَفِي خَلۡقِكُمۡ وَمَا يَبُثُّ مِن دَآبَّةٍ ءَايَٰتٞ لِّقَوۡمٖ يُوقِنُونَ
Open ayah 45:4Uumama keessaniifi lubbu qabeeyyii irraa waan Inni (Rabbiin dachii keessa) facaasu keessas namoota dhugaan amananiif raajiiwwantu jiru.
وَٱخۡتِلَٰفِ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ وَمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مِن رِّزۡقٖ فَأَحۡيَا بِهِ ٱلۡأَرۡضَ بَعۡدَ مَوۡتِهَا وَتَصۡرِيفِ ٱلرِّيَٰحِ ءَايَٰتٞ لِّقَوۡمٖ يَعۡقِلُونَ
Open ayah 45:5Wal dhabuu halkanii, guyyaatiifi اhiree (rooba) irraa waan Rabbiin samirraa (duumeessarraa) buusee, dachii eega du'uu (goggogina) isheetii ittiin jiraachise (magarseefi) qilleensa gara gaggalchuu keessa warra xinxalaniif mallattooleen taatuudha.
تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱللَّهِ نَتۡلُوهَا عَلَيۡكَ بِٱلۡحَقِّۖ فَبِأَيِّ حَدِيثِۭ بَعۡدَ ٱللَّهِ وَءَايَٰتِهِۦ يُؤۡمِنُونَ
Open ayah 45:6(Yaa Muhammad!) tunniin keeyyattoota Rabbiitii, dhugaan sirratti ishee dubbifna. Sila erga Rabbiifi keeyyattoota Isaatii oduu akkamii amanu?
وَيۡلٞ لِّكُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٖ
Open ayah 45:7Cufa nama akkaan kijibaa, dilaawaa ta’eetiif laga ibiddaatu jira.
يَسۡمَعُ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ثُمَّ يُصِرُّ مُسۡتَكۡبِرٗا كَأَن لَّمۡ يَسۡمَعۡهَاۖ فَبَشِّرۡهُ بِعَذَابٍ أَلِيمٖ
Open ayah 45:8Keeyyattoota Rabbii kan isa irratti dubbifaman dhaga’aa; ergasii akka waan ishee hin dhaga’iniitti boona isaa itti fufa. adabbii laalessaan isa gammachiisi.
وَإِذَا عَلِمَ مِنۡ ءَايَٰتِنَا شَيۡـًٔا ٱتَّخَذَهَا هُزُوًاۚ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٞ مُّهِينٞ
Open ayah 45:9Yeroo keeyyattoota keenya irraa waa beeke qishina (qoosaa) ishee godhata. Warra san adabbii xiqqeessaa ta’etu isaaniif jira.
مِّن وَرَآئِهِمۡ جَهَنَّمُۖ وَلَا يُغۡنِي عَنۡهُم مَّا كَسَبُواْ شَيۡـٔٗا وَلَا مَا ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَوۡلِيَآءَۖ وَلَهُمۡ عَذَابٌ عَظِيمٌ
Open ayah 45:10Fuuldura isaanii jahannamtu jira. Wanti isaan horatanis ta’ee wanti isaan Rabbiin ala jaalalleewwan godhatanis homaa isaan irraa hin deebisanu. Isaaniif adabbii guddaatu jira.
هَٰذَا هُدٗىۖ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ لَهُمۡ عَذَابٞ مِّن رِّجۡزٍ أَلِيمٌ
Open ayah 45:11(Qur’aanni) kun qajeelfama. Isaan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaran, adabbii gubaa laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira.
۞ٱللَّهُ ٱلَّذِي سَخَّرَ لَكُمُ ٱلۡبَحۡرَ لِتَجۡرِيَ ٱلۡفُلۡكُ فِيهِ بِأَمۡرِهِۦ وَلِتَبۡتَغُواْ مِن فَضۡلِهِۦ وَلَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
Open ayah 45:12Rabbiin Isa galaana isiniif laaffise sani akka dooniwwan ajaja Isaatiin isa keessa deemtu, akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, akka Isa galateeffattaniif.
وَسَخَّرَ لَكُم مَّا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗا مِّنۡهُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ
Open ayah 45:13Waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru hunda (laaffisuu) Isa irraa ta’e isiniif laaffise. Kana keessa ummattoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.
قُل لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ يَغۡفِرُواْ لِلَّذِينَ لَا يَرۡجُونَ أَيَّامَ ٱللَّهِ لِيَجۡزِيَ قَوۡمَۢا بِمَا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Open ayah 45:14(Yaa Muhammad!) Warra amananiin, “warra guyyoota Rabbii hin sodaanneef dhiifama godhaa” jedhi. Akka Inni namootaaf waan isaan dalaganiin mindaa kennuuf (dhiifama godhaa).
مَنۡ عَمِلَ صَٰلِحٗا فَلِنَفۡسِهِۦۖ وَمَنۡ أَسَآءَ فَعَلَيۡهَاۖ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُمۡ تُرۡجَعُونَ
Open ayah 45:15Namni toltuu hojjate lubbuma isaatiifi. Namni badii dalages isheedhuma irratti. Ergasii gara Gooftaa keessanii deebifamtu.
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحُكۡمَ وَٱلنُّبُوَّةَ وَرَزَقۡنَٰهُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَفَضَّلۡنَٰهُمۡ عَلَى ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 45:16Dhugumatti, ilmaan Israa’iliif kitaaba, seeraafii nabiyyummaas kennineerra. Wantoota gaggaarii irraas isaaniif kenninee, aalama (yeroo isaanii) hunda irras isaan caalchifne.
وَءَاتَيۡنَٰهُم بَيِّنَٰتٖ مِّنَ ٱلۡأَمۡرِۖ فَمَا ٱخۡتَلَفُوٓاْ إِلَّا مِنۢ بَعۡدِ مَا جَآءَهُمُ ٱلۡعِلۡمُ بَغۡيَۢا بَيۡنَهُمۡۚ إِنَّ رَبَّكَ يَقۡضِي بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فِيمَا كَانُواْ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ
Open ayah 45:17Shari’aa irraas waan ifa ta’e isaaniif kannine. Erga beekumsi isaanitti dhufee booda malee (waan birootiif) wal hin dhabne, jibbansa gidduu isaanii jiruuf jecha. Dhugumatti, Gooftaan kee Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaanitti murteessa waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti.
ثُمَّ جَعَلۡنَٰكَ عَلَىٰ شَرِيعَةٖ مِّنَ ٱلۡأَمۡرِ فَٱتَّبِعۡهَا وَلَا تَتَّبِعۡ أَهۡوَآءَ ٱلَّذِينَ لَا يَعۡلَمُونَ
Open ayah 45:18Ergasii seera ajaja (keenya) irraa ta’e irra si keenyee, ishee hordofi. Fedhaalee lubbuu warra homaa hin beeknee hin hordofin.
إِنَّهُمۡ لَن يُغۡنُواْ عَنكَ مِنَ ٱللَّهِ شَيۡـٔٗاۚ وَإِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ بَعۡضُهُمۡ أَوۡلِيَآءُ بَعۡضٖۖ وَٱللَّهُ وَلِيُّ ٱلۡمُتَّقِينَ
Open ayah 45:19Isaan homaa (adabbii) Rabbii irraa si hin duroomsan. Miidhaa hojjattoonni gariin isaanii jaalalleewwan gariiti. Rabbiin immoo jaalallee warra Isa sodaataniiti.
هَٰذَا بَصَٰٓئِرُ لِلنَّاسِ وَهُدٗى وَرَحۡمَةٞ لِّقَوۡمٖ يُوقِنُونَ
Open ayah 45:20(Qur’aanni) kun namootaaf beekumsa ifa ba’aadha. Warra dhugoomsaniif qajeelfamaafi rahmata.
أَمۡ حَسِبَ ٱلَّذِينَ ٱجۡتَرَحُواْ ٱلسَّيِّـَٔاتِ أَن نَّجۡعَلَهُمۡ كَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ سَوَآءٗ مَّحۡيَاهُمۡ وَمَمَاتُهُمۡۚ سَآءَ مَا يَحۡكُمُونَ
Open ayah 45:21Sila warri hamtuulee hojjatan, akka warra amananii toltuu hojjatanii gochuu keenya yaadanii? jiraa isaaniitiifi du’aa isaaniitis walqixxeessinaa (yaadanii) Wanti isaan murteessan waa fokkate!
وَخَلَقَ ٱللَّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّ وَلِتُجۡزَىٰ كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا كَسَبَتۡ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ
Open ayah 45:22Rabbiin samiileefi dachii haqaan uume, akka lubbuun hundi waan hojjatteen mindeeffamtuuf, Odoo isaan hin miidhamne.
أَفَرَءَيۡتَ مَنِ ٱتَّخَذَ إِلَٰهَهُۥ هَوَىٰهُ وَأَضَلَّهُ ٱللَّهُ عَلَىٰ عِلۡمٖ وَخَتَمَ عَلَىٰ سَمۡعِهِۦ وَقَلۡبِهِۦ وَجَعَلَ عَلَىٰ بَصَرِهِۦ غِشَٰوَةٗ فَمَن يَهۡدِيهِ مِنۢ بَعۡدِ ٱللَّهِۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ
Open ayah 45:23Sila agartee nama gabbaramaa isaa fedhii isaa godhate, kan Rabbiinisa jallisee beekumsarratti, dhageettii isaatiifi onnee isaa irratti cufee, ija isaa irrattis haguuggaa godhe. Erga Rabbiin (jallisee) booda eenyutu isa qajeelcha? Sila hin gorfamtanuu?
وَقَالُواْ مَا هِيَ إِلَّا حَيَاتُنَا ٱلدُّنۡيَا نَمُوتُ وَنَحۡيَا وَمَا يُهۡلِكُنَآ إِلَّا ٱلدَّهۡرُۚ وَمَا لَهُم بِذَٰلِكَ مِنۡ عِلۡمٍۖ إِنۡ هُمۡ إِلَّا يَظُنُّونَ
Open ayah 45:24Nijedhan “Jireenya keenya kan addunyaa malee isheen (jiruun biraa) hin jirtu. ni duuna; (gariin keenyas) ni jiraanna, zamana malee wanti nu balleessu hin jiru”. Waan kanatti beekumsa homaatuu isaaniif hintaane. Isaan se’oo malee hin taane.
وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٖ مَّا كَانَ حُجَّتَهُمۡ إِلَّآ أَن قَالُواْ ٱئۡتُواْ بِـَٔابَآئِنَآ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Open ayah 45:25Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ba’anii isaan irratti dubbifaman, ragaan isaanii waa hintaane “yoo kan dhugaa dubbattan taataniif abbootii keenya fidaa” jechuu malee.
قُلِ ٱللَّهُ يُحۡيِيكُمۡ ثُمَّ يُمِيتُكُمۡ ثُمَّ يَجۡمَعُكُمۡ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ لَا رَيۡبَ فِيهِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ
Open ayah 45:26(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Rabbumatu isin jiraachisee, ergasii isin ajjeesa; ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessatti walitti isin qaba. mamiin Isa keessa hin jiru. Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.”
وَلِلَّهِ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَيَوۡمَ تَقُومُ ٱلسَّاعَةُ يَوۡمَئِذٖ يَخۡسَرُ ٱلۡمُبۡطِلُونَ
Open ayah 45:27Mootummaan samiifi dachii kan Rabbiiti. Guyyaa Qiyaaman dhaabbattu, guyyaa san warri dharaa ni hoonga’u.
وَتَرَىٰ كُلَّ أُمَّةٖ جَاثِيَةٗۚ كُلُّ أُمَّةٖ تُدۡعَىٰٓ إِلَىٰ كِتَٰبِهَا ٱلۡيَوۡمَ تُجۡزَوۡنَ مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Open ayah 45:28(Guyyaa san) ummata hunda jilbiiffatanii argita. Ummanni hunduu gara kitaaba isheetti waamamti. “Har’a waan dalagaa turtan mindeeffamtu” (isaaniin jedhama).
هَٰذَا كِتَٰبُنَا يَنطِقُ عَلَيۡكُم بِٱلۡحَقِّۚ إِنَّا كُنَّا نَسۡتَنسِخُ مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Open ayah 45:29Kun kitaaba keenya kan isin irratti dhugaan dubbatuudha. Dhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeessuu turre.
فَأَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَيُدۡخِلُهُمۡ رَبُّهُمۡ فِي رَحۡمَتِهِۦۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡمُبِينُ
Open ayah 45:30Isaan amananii, toltuuwwan dalagan immoo Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisa. Kun isumatu milkii ifa galaadha.
وَأَمَّا ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَفَلَمۡ تَكُنۡ ءَايَٰتِي تُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ فَٱسۡتَكۡبَرۡتُمۡ وَكُنتُمۡ قَوۡمٗا مُّجۡرِمِينَ
Open ayah 45:31Isaan kafaran immoo “sila keeyyatoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa hin turree?, boontanii, ummata badoo taatan” (jedhamaan).
وَإِذَا قِيلَ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞ وَٱلسَّاعَةُ لَا رَيۡبَ فِيهَا قُلۡتُم مَّا نَدۡرِي مَا ٱلسَّاعَةُ إِن نَّظُنُّ إِلَّا ظَنّٗا وَمَا نَحۡنُ بِمُسۡتَيۡقِنِينَ
Open ayah 45:32Yeroo “waadaan Rabbii dhugaadha; Qiyaamaan (akka dhuftu) mamiin ishee keessa hin jiru” jedhame, “Qiyaamaan maal akka taate hin beeknu; mamii mamoo malee hintaane. Nuti dhugoomsoo hin taane” jettan.
وَبَدَا لَهُمۡ سَيِّـَٔاتُ مَا عَمِلُواْ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Open ayah 45:33Hamtuun waan dalaganii ifa isaaniif bahe; wanti isaan itti qishnaa (qoosaa) turanis isaanitti bu'e.
وَقِيلَ ٱلۡيَوۡمَ نَنسَىٰكُمۡ كَمَا نَسِيتُمۡ لِقَآءَ يَوۡمِكُمۡ هَٰذَا وَمَأۡوَىٰكُمُ ٱلنَّارُ وَمَا لَكُم مِّن نَّٰصِرِينَ
Open ayah 45:34Ni jedhamaani: “ Har’a isin daganna (isin dhiifna) akkuma isin qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattanitti; teessoon keessanis ibidda; tumsitoonni isiniif hin jiranu.”
ذَٰلِكُم بِأَنَّكُمُ ٱتَّخَذۡتُمۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ هُزُوٗا وَغَرَّتۡكُمُ ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَاۚ فَٱلۡيَوۡمَ لَا يُخۡرَجُونَ مِنۡهَا وَلَا هُمۡ يُسۡتَعۡتَبُونَ
Open ayah 45:35Kun waan isin keeyyattoota Rabbii qishnaa (qoosaa) taasiiftaniifi, waan jiruun addunyaa isin gowwoomsiteefi, Har’a ishee (ibidda) irraa hin baafamanu; isaan ceephoos hin buufachiifamanu.
فَلِلَّهِ ٱلۡحَمۡدُ رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَرَبِّ ٱلۡأَرۡضِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 45:36Faaruun kan Rabbiiti Gooftaa samiileefi Gooftaa dachii, Gooftaa aalamootaa.
وَلَهُ ٱلۡكِبۡرِيَآءُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
Open ayah 45:37Samiileefi dachii keessatti boonni Isumaafi. Inni injifataa, ogeessa.