الحشر
Al-Hashr
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
Open ayah 59:1Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesse. Inni Injifataa Ogeessa.
هُوَ ٱلَّذِيٓ أَخۡرَجَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ مِن دِيَٰرِهِمۡ لِأَوَّلِ ٱلۡحَشۡرِۚ مَا ظَنَنتُمۡ أَن يَخۡرُجُواْۖ وَظَنُّوٓاْ أَنَّهُم مَّانِعَتُهُمۡ حُصُونُهُم مِّنَ ٱللَّهِ فَأَتَىٰهُمُ ٱللَّهُ مِنۡ حَيۡثُ لَمۡ يَحۡتَسِبُواْۖ وَقَذَفَ فِي قُلُوبِهِمُ ٱلرُّعۡبَۚ يُخۡرِبُونَ بُيُوتَهُم بِأَيۡدِيهِمۡ وَأَيۡدِي ٱلۡمُؤۡمِنِينَ فَٱعۡتَبِرُواْ يَٰٓأُوْلِي ٱلۡأَبۡصَٰرِ
Open ayah 59:2Inni Isa abbootii kitaabaa irraa isaan kafaran godaansa jalqabaatiif gandoota isaanii irraa baaseedha. Bahuu isaanii isin hin yaadne turtan. Isaanis da'annoowwan isaanii Rabbi irraa nu dhowwa jechuu yaadani. Rabbiin bakka isaan hin yaadin irraan isaanitti dhufee, onneelee isaanii keessatti sodaa darbe. Manneen isaanii harkoowwan isaaniifi harkoowwan mu’uminootaatiin diigan. Yaa warra sammuulee mee xiinxalaa!!
وَلَوۡلَآ أَن كَتَبَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمُ ٱلۡجَلَآءَ لَعَذَّبَهُمۡ فِي ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ عَذَابُ ٱلنَّارِ
Open ayah 59:3Odoo Rabbiin (Madiinaa keessaa) baqa isaan irratti barreessuu baatee, silaa addunyaa keessatti isaan adaba ture. Isaaniif Aakhiraa keessatti adabbii ibiddaatu jira.
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ شَآقُّواْ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥۖ وَمَن يُشَآقِّ ٱللَّهَ فَإِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ
Open ayah 59:4Kun sababa isaan (ajaja) Rabbiifi ergamaa Isaa didaniifi. Nama (ajaja) Rabbii dide (Rabbiin isa adaba) Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.
مَا قَطَعۡتُم مِّن لِّينَةٍ أَوۡ تَرَكۡتُمُوهَا قَآئِمَةً عَلَىٰٓ أُصُولِهَا فَبِإِذۡنِ ٱللَّهِ وَلِيُخۡزِيَ ٱلۡفَٰسِقِينَ
Open ayah 59:5Muka timiraa irraa wanti isin murtan yookiin akkuma hundee ishee irra dhaabattetti dhiiftan eeyyama Rabbiitiini. (wanti Rabbiin kana godheef) finciltoota salphisuufi.
وَمَآ أَفَآءَ ٱللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ مِنۡهُمۡ فَمَآ أَوۡجَفۡتُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ خَيۡلٖ وَلَا رِكَابٖ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يُسَلِّطُ رُسُلَهُۥ عَلَىٰ مَن يَشَآءُۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Open ayah 59:6Waan Rabbiin isaan (qabeenya isaanii) irraa ergamaa Isaa irratti deebise isin isa irratti fardaafi gaalas hin gulufsiifne. Garuu Rabbiin ergamtoota Isaa abbaa fedhe irratti moosisa. Rabbiin waan hunda irratti danda'aadha.
مَّآ أَفَآءَ ٱللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ مِنۡ أَهۡلِ ٱلۡقُرَىٰ فَلِلَّهِ وَلِلرَّسُولِ وَلِذِي ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡيَتَٰمَىٰ وَٱلۡمَسَٰكِينِ وَٱبۡنِ ٱلسَّبِيلِ كَيۡ لَا يَكُونَ دُولَةَۢ بَيۡنَ ٱلۡأَغۡنِيَآءِ مِنكُمۡۚ وَمَآ ءَاتَىٰكُمُ ٱلرَّسُولُ فَخُذُوهُ وَمَا نَهَىٰكُمۡ عَنۡهُ فَٱنتَهُواْۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ
Open ayah 59:7Wanti Rabbiin (qabeenya) warra magaalaa irraa ergamaa Isaa irratti deebise Rabbiifi, ergamaafi, fira dhihoo (ergamaa)fi, yatiimotaafi, hiyyeeyyiifi nama imala irra jiruuf (haqa godhame). akka jidduu dureeyyii isin irraa ta'aniitti kan naanna'u hin taaneef jecha. Waan Ergamichi (Kiyya) isiniif kenne qabadhaa. Waan inni irraa isin dhowwes dhowwamaa. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha.
لِلۡفُقَرَآءِ ٱلۡمُهَٰجِرِينَ ٱلَّذِينَ أُخۡرِجُواْ مِن دِيَٰرِهِمۡ وَأَمۡوَٰلِهِمۡ يَبۡتَغُونَ فَضۡلٗا مِّنَ ٱللَّهِ وَرِضۡوَٰنٗا وَيَنصُرُونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥٓۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلصَّٰدِقُونَ
Open ayah 59:8Hiyyeeyyii godaantotaa warra manneeniifi qabeenya isaanii irraa baafamaniif tola Rabbiifi jaalala isaa barbaacha, akkasumas Rabbiifi ergamaa Isaatii tumsuuf jecha (baafamaniif kennama). Isaan sun isaanumatu warra dhugaati.
وَٱلَّذِينَ تَبَوَّءُو ٱلدَّارَ وَٱلۡإِيمَٰنَ مِن قَبۡلِهِمۡ يُحِبُّونَ مَنۡ هَاجَرَ إِلَيۡهِمۡ وَلَا يَجِدُونَ فِي صُدُورِهِمۡ حَاجَةٗ مِّمَّآ أُوتُواْ وَيُؤۡثِرُونَ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمۡ وَلَوۡ كَانَ بِهِمۡ خَصَاصَةٞۚ وَمَن يُوقَ شُحَّ نَفۡسِهِۦ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
Open ayah 59:9Warri isaaniin dura biyyattii qubsuma godhataniifi Iimaana (qabatan), namoota gara isaanii godaanan ni jaallatu. Waan (Muhaajirootaaf) kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganu. lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) dursu osoo rakkoon isaanitti jiraatellee. Namni doynummaa lubbuu isaa tikfaman, isaan isaanumaatu milkaa’oodha.
وَٱلَّذِينَ جَآءُو مِنۢ بَعۡدِهِمۡ يَقُولُونَ رَبَّنَا ٱغۡفِرۡ لَنَا وَلِإِخۡوَٰنِنَا ٱلَّذِينَ سَبَقُونَا بِٱلۡإِيمَٰنِ وَلَا تَجۡعَلۡ فِي قُلُوبِنَا غِلّٗا لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ رَبَّنَآ إِنَّكَ رَءُوفٞ رَّحِيمٌ
Open ayah 59:10Warri booda isaaniitii dhufan nijedhan "Yaa Gooftaa keenya! Nuufi obboleeyyan keenya warra iimaanaan nu dursaniif araarami. onneewwan Keenya keessa jibbaa warra amananiif hin taasisin. Gooftaa keenya! Ati mararfataa rahmata oolaadha".
۞أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ نَافَقُواْ يَقُولُونَ لِإِخۡوَٰنِهِمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ لَئِنۡ أُخۡرِجۡتُمۡ لَنَخۡرُجَنَّ مَعَكُمۡ وَلَا نُطِيعُ فِيكُمۡ أَحَدًا أَبَدٗا وَإِن قُوتِلۡتُمۡ لَنَنصُرَنَّكُمۡ وَٱللَّهُ يَشۡهَدُ إِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ
Open ayah 59:11Sila gara warra munaafiqa ta'anii hin ilaallee? Obboleeyyan isaanii kan warra kitaabaa irraa ta'anii kafaraniin ni jedhu "Yoo isin baafamtaniif isinii wajjiin baana; waa'ee keessan keessattis yoomuu, eenyuuniyyuu hin ajajamnu; yoo isin lolamtanis dhugaatti isin gargaarra". Rabbiinis akka isaan kijibdoota ta'an ragaa ba'a.
لَئِنۡ أُخۡرِجُواْ لَا يَخۡرُجُونَ مَعَهُمۡ وَلَئِن قُوتِلُواْ لَا يَنصُرُونَهُمۡ وَلَئِن نَّصَرُوهُمۡ لَيُوَلُّنَّ ٱلۡأَدۡبَٰرَ ثُمَّ لَا يُنصَرُونَ
Open ayah 59:12yoo isaan baafamani isaanii wajjiin hin ba'anu; yoo isaan lolaman isaanii hin tumsanu; odoma isaanii tumsaniiyyuu dugda duuba gara galu (ni dheessu); ergasii his hin tumsamanu.
لَأَنتُمۡ أَشَدُّ رَهۡبَةٗ فِي صُدُورِهِم مِّنَ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَوۡمٞ لَّا يَفۡقَهُونَ
Open ayah 59:13Dhugumatti, isintu gama sodaatamuutiin onnee isaanii keessatti Rabbi irra cimaadha. Kun waan isaan ummata hin hubanne ta'aniifi.
لَا يُقَٰتِلُونَكُمۡ جَمِيعًا إِلَّا فِي قُرٗى مُّحَصَّنَةٍ أَوۡ مِن وَرَآءِ جُدُرِۭۚ بَأۡسُهُم بَيۡنَهُمۡ شَدِيدٞۚ تَحۡسَبُهُمۡ جَمِيعٗا وَقُلُوبُهُمۡ شَتَّىٰۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَوۡمٞ لَّا يَعۡقِلُونَ
Open ayah 59:14Waliin ta'anii isin hin waraanan Yoo magaalota da'annaan marfamte keessa ta'an yookiin dallaa duubaan ta'e malee. Diinummaan isaanii gidduu isaaniitti cimaadha. tokkummaa qaban isaan seeta onneewwan isaanii qoqqoodamtuudha. Kun waan isaan namoota hin xiinxalline ta'aniifi.
كَمَثَلِ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ قَرِيبٗاۖ ذَاقُواْ وَبَالَ أَمۡرِهِمۡ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Open ayah 59:15(Fakkeenyi isaanii) akka warra isaaniin dura yeroo dhihootti adabbii sani. dalagaa isaanii dhandhaman. Isaaniif adabbii laalessaatu jira.
كَمَثَلِ ٱلشَّيۡطَٰنِ إِذۡ قَالَ لِلۡإِنسَٰنِ ٱكۡفُرۡ فَلَمَّا كَفَرَ قَالَ إِنِّي بَرِيٓءٞ مِّنكَ إِنِّيٓ أَخَافُ ٱللَّهَ رَبَّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Open ayah 59:16Akka fakkii sheyxaanaa yeroo inni ilma namaatiin kafari jedhe. yeroo inni kafare "ani sirraa qulqulluudha; ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha" jedheeti.
فَكَانَ عَٰقِبَتَهُمَآ أَنَّهُمَا فِي ٱلنَّارِ خَٰلِدَيۡنِ فِيهَاۚ وَذَٰلِكَ جَزَٰٓؤُاْ ٱلظَّٰلِمِينَ
Open ayah 59:17Xumurri isaan lamaaniituu ibidda keessa ta'uudha tahe keessatti hafoo ta'anii. Kun galata zaalimtootaati.
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلۡتَنظُرۡ نَفۡسٞ مَّا قَدَّمَتۡ لِغَدٖۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ خَبِيرُۢ بِمَا تَعۡمَلُونَ
Open ayah 59:18Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Lubbuun tamuu waan boruuf durfatte haa laaltu. Rabbiin sodaadhaa Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.
وَلَا تَكُونُواْ كَٱلَّذِينَ نَسُواْ ٱللَّهَ فَأَنسَىٰهُمۡ أَنفُسَهُمۡۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ
Open ayah 59:19Akka warra Rabbiin dagatanii lubbuulee isaanii isaan dagachiisee hin ta'inaa, Isaan isaanumatu finciltoota.
لَا يَسۡتَوِيٓ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِ وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِۚ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِ هُمُ ٱلۡفَآئِزُونَ
Open ayah 59:20Warri ibiddaafi warri Jannataa wal hin qixxaatan. Warri Jannataa isaanumatu milkaa'oodha.
لَوۡ أَنزَلۡنَا هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ عَلَىٰ جَبَلٖ لَّرَأَيۡتَهُۥ خَٰشِعٗا مُّتَصَدِّعٗا مِّنۡ خَشۡيَةِ ٱللَّهِۚ وَتِلۡكَ ٱلۡأَمۡثَٰلُ نَضۡرِبُهَا لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَتَفَكَّرُونَ
Open ayah 59:21Odoo Qur'aana kana gaara irratti buufnee, silaa isa nigarta sodaataa dhodhoohaa sodaa Rabbiirraa. Fakkeenyota tana namootaaf taasifna akka isaan xiinxalaniif.
هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِۖ هُوَ ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ
Open ayah 59:22Inni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre. (Inni) Beekaa fagoofi dhihooti. Inni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha.
هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡقُدُّوسُ ٱلسَّلَٰمُ ٱلۡمُؤۡمِنُ ٱلۡمُهَيۡمِنُ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡجَبَّارُ ٱلۡمُتَكَبِّرُۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Open ayah 59:23Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa (toohataa), injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha. Rabbiin qulqullaa'e Waan isaan qindeessan hunda irraa.
هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡخَٰلِقُ ٱلۡبَارِئُ ٱلۡمُصَوِّرُۖ لَهُ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ يُسَبِّحُ لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
Open ayah 59:24Inni Rabbii, Uumoo (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, kan bocaa bareechaa ta'eedha. Isaaf maqoolee gaggaariitu jira. Wantoonni samiileefi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu). Inni Injifataa ogeessa.