البروج
Al-Burooj
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
وَٱلسَّمَآءِ ذَاتِ ٱلۡبُرُوجِ
Open ayah 85:1Samii abbaa orbitii urjiitiin (nan kakadha).
وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡمَوۡعُودِ
Open ayah 85:2Guyyaa beellamamaanis,
وَشَاهِدٖ وَمَشۡهُودٖ
Open ayah 85:3Ragaa ba'aafi warra ragaan itti ba'amuunis (nan kakadhaa),
قُتِلَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡأُخۡدُودِ
Open ayah 85:4Warri handaqa abaaraman.
ٱلنَّارِ ذَاتِ ٱلۡوَقُودِ
Open ayah 85:5(Warri) ibidda boba’aa.
إِذۡ هُمۡ عَلَيۡهَا قُعُودٞ
Open ayah 85:6Yeroo isaan ishee irra taa'an,
وَهُمۡ عَلَىٰ مَا يَفۡعَلُونَ بِٱلۡمُؤۡمِنِينَ شُهُودٞ
Open ayah 85:7Isaan waan mu'imintootatti hojjatan irratti hirmaattota.
وَمَا نَقَمُواْ مِنۡهُمۡ إِلَّآ أَن يُؤۡمِنُواْ بِٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَمِيدِ
Open ayah 85:8Rabbii injifataa, faarfamaatti amanuu malee homaa isaan irraa hinjibbine.
ٱلَّذِي لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدٌ
Open ayah 85:9(Rabbiin) Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta'eedha. Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.
إِنَّ ٱلَّذِينَ فَتَنُواْ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ ثُمَّ لَمۡ يَتُوبُواْ فَلَهُمۡ عَذَابُ جَهَنَّمَ وَلَهُمۡ عَذَابُ ٱلۡحَرِيقِ
Open ayah 85:10Isaan mu'imintoota dhiiraafi dubartootaa rakkisanii ergasii gara Rabbii isaanii kan hin deebi'in (hin tawbatin) isaaniif adabbii jahannamtu jira; ammas isaaniif adabbii gubaatu jira.
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُمۡ جَنَّٰتٞ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۚ ذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡكَبِيرُ
Open ayah 85:11Isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif ashaakiltiiwwan laggeen jala ishee yaatutu jira. Sun milkii guddaadha.
إِنَّ بَطۡشَ رَبِّكَ لَشَدِيدٌ
Open ayah 85:12Qabaan Gooftaa keetii haalaan cimaadha.
إِنَّهُۥ هُوَ يُبۡدِئُ وَيُعِيدُ
Open ayah 85:13Inni Isumatu [uumama] jalqaba; (du'a boodas) ni deebisa.
وَهُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلۡوَدُودُ
Open ayah 85:14Inni akkaan araaramaa, akkaan jaalataadha
ذُو ٱلۡعَرۡشِ ٱلۡمَجِيدُ
Open ayah 85:15(Inni) abbaa Arshiiti; guddaadha.
فَعَّالٞ لِّمَا يُرِيدُ
Open ayah 85:16Waan fedhe akkaan hojjataadha.
هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ٱلۡجُنُودِ
Open ayah 85:17Sila oduun waraanaa si ga'eeraa?
فِرۡعَوۡنَ وَثَمُودَ
Open ayah 85:18(Waraana) Fir'awniifi Samuud.
بَلِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فِي تَكۡذِيبٖ
Open ayah 85:19Dhugumatti, isaan kafaran kijibsiisuu keessa jiru.
وَٱللَّهُ مِن وَرَآئِهِم مُّحِيطُۢ
Open ayah 85:20Rabbiin immoo duuba isaanii irraan marsaadha.
بَلۡ هُوَ قُرۡءَانٞ مَّجِيدٞ
Open ayah 85:21Dhugumatti, inni Qur'aana guddaadha.
فِي لَوۡحٖ مَّحۡفُوظِۭ
Open ayah 85:22Luuhii tiikfamaa keessa jira.