الأعلى
Al-A'laa
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
سَبِّحِ ٱسۡمَ رَبِّكَ ٱلۡأَعۡلَى
Open ayah 87:1Maqaa Gooftaa kee olaanaa ta'ee qulqulleessi.
ٱلَّذِي خَلَقَ فَسَوَّىٰ
Open ayah 87:2Isa (waan hunda) uumee guute.
وَٱلَّذِي قَدَّرَ فَهَدَىٰ
Open ayah 87:3Isa murteessee qajeelche.
وَٱلَّذِيٓ أَخۡرَجَ ٱلۡمَرۡعَىٰ
Open ayah 87:4Isa marga baase,
فَجَعَلَهُۥ غُثَآءً أَحۡوَىٰ
Open ayah 87:5Goggogaa gurraacha isa taasise.
سَنُقۡرِئُكَ فَلَا تَنسَىٰٓ
Open ayah 87:6Si qaraasisuuf jirraa hin dagattu.
إِلَّا مَا شَآءَ ٱللَّهُۚ إِنَّهُۥ يَعۡلَمُ ٱلۡجَهۡرَ وَمَا يَخۡفَىٰ
Open ayah 87:7Waan Rabbiin fedhe malee Inni mul’ataafi dhokataas ni beeka.
وَنُيَسِّرُكَ لِلۡيُسۡرَىٰ
Open ayah 87:8Nuti karaa laaftuu taateef si laaffifna.
فَذَكِّرۡ إِن نَّفَعَتِ ٱلذِّكۡرَىٰ
Open ayah 87:9Yoo yaadachiisni fayyadde yaadachiisi.
سَيَذَّكَّرُ مَن يَخۡشَىٰ
Open ayah 87:10Namni Rabbiin sodaatu gorfamuuf jira.
وَيَتَجَنَّبُهَا ٱلۡأَشۡقَى
Open ayah 87:11Hoonga'aan ishee irraa fagaata.
ٱلَّذِي يَصۡلَى ٱلنَّارَ ٱلۡكُبۡرَىٰ
Open ayah 87:12Inni ibidda guddoo seenu.
ثُمَّ لَا يَمُوتُ فِيهَا وَلَا يَحۡيَىٰ
Open ayah 87:13Ergasii ishee keessatti hin du'u; hin jiraatus.
قَدۡ أَفۡلَحَ مَن تَزَكَّىٰ
Open ayah 87:14Dhugumatti, namni of qulqulleeffate milkaa’e.
وَذَكَرَ ٱسۡمَ رَبِّهِۦ فَصَلَّىٰ
Open ayah 87:15Maqaa Gooftaa isaa dubbatee kan salaate.
بَلۡ تُؤۡثِرُونَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا
Open ayah 87:16Inumaa isin jiruu addunyaa filattu.
وَٱلۡأٓخِرَةُ خَيۡرٞ وَأَبۡقَىٰٓ
Open ayah 87:17Odoo Aakhiraan caaltuufi haftuu taatee jirtuu [addunyaa filattu].
إِنَّ هَٰذَا لَفِي ٱلصُّحُفِ ٱلۡأُولَىٰ
Open ayah 87:18Kun barreeffamoota duraanii keessa jira.
صُحُفِ إِبۡرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ
Open ayah 87:19Barreeffamoota Ibraahiimifi Muusaa [keessa jira].