الغاشية
Al-Ghaashiya
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ٱلۡغَٰشِيَةِ
Open ayah 88:1Sila oduun haguugduu (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa?
وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٍ خَٰشِعَةٌ
Open ayah 88:2Fuulleen (gariin) guyyaa san xiqqaattuudha.
عَامِلَةٞ نَّاصِبَةٞ
Open ayah 88:3Hojjattuu ifaajjuudha.
تَصۡلَىٰ نَارًا حَامِيَةٗ
Open ayah 88:4Ibidda gubduu seenti.
تُسۡقَىٰ مِنۡ عَيۡنٍ ءَانِيَةٖ
Open ayah 88:5Burqituu danfituu irraa obaafamti.
لَّيۡسَ لَهُمۡ طَعَامٌ إِلَّا مِن ضَرِيعٖ
Open ayah 88:6Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru.
لَّا يُسۡمِنُ وَلَا يُغۡنِي مِن جُوعٖ
Open ayah 88:7Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu.
وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ نَّاعِمَةٞ
Open ayah 88:8Fuulleen gariin guyyaa san qananiituudha.
لِّسَعۡيِهَا رَاضِيَةٞ
Open ayah 88:9Dalagaa ishee jaalattuudha.
فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٖ
Open ayah 88:10Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti.
لَّا تَسۡمَعُ فِيهَا لَٰغِيَةٗ
Open ayah 88:11Ishee keessatti waca hin dhaga'anu.
فِيهَا عَيۡنٞ جَارِيَةٞ
Open ayah 88:12Ishee keessa burqituu yaatutu jirti.
فِيهَا سُرُرٞ مَّرۡفُوعَةٞ
Open ayah 88:13Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti.
وَأَكۡوَابٞ مَّوۡضُوعَةٞ
Open ayah 88:14Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti.
وَنَمَارِقُ مَصۡفُوفَةٞ
Open ayah 88:15Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira).
وَزَرَابِيُّ مَبۡثُوثَةٌ
Open ayah 88:16Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti).
أَفَلَا يَنظُرُونَ إِلَى ٱلۡإِبِلِ كَيۡفَ خُلِقَتۡ
Open ayah 88:17Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu?
وَإِلَى ٱلسَّمَآءِ كَيۡفَ رُفِعَتۡ
Open ayah 88:18Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)?
وَإِلَى ٱلۡجِبَالِ كَيۡفَ نُصِبَتۡ
Open ayah 88:19Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)?
وَإِلَى ٱلۡأَرۡضِ كَيۡفَ سُطِحَتۡ
Open ayah 88:20Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)?
فَذَكِّرۡ إِنَّمَآ أَنتَ مُذَكِّرٞ
Open ayah 88:21Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa.
لَّسۡتَ عَلَيۡهِم بِمُصَيۡطِرٍ
Open ayah 88:22Isaan irratti dirqisiisaa hin taane.
إِلَّا مَن تَوَلَّىٰ وَكَفَرَ
Open ayah 88:23Nama gara galee kafare malee,
فَيُعَذِّبُهُ ٱللَّهُ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَكۡبَرَ
Open ayah 88:24Rabbiin adabbii guddaa isa adaba.
إِنَّ إِلَيۡنَآ إِيَابَهُمۡ
Open ayah 88:25Deebiin isaanii garuma Keenya.
ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا حِسَابَهُم
Open ayah 88:26Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira.