الإنفطار
Al-Infitaar
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
إِذَا ٱلسَّمَآءُ ٱنفَطَرَتۡ
Open ayah 82:1Yeroo samiin dhodhoote,
وَإِذَا ٱلۡكَوَاكِبُ ٱنتَثَرَتۡ
Open ayah 82:2Yeroo urjiiwwan harcaate,,
وَإِذَا ٱلۡبِحَارُ فُجِّرَتۡ
Open ayah 82:3Yeroo galaanonni walitti makaman,
وَإِذَا ٱلۡقُبُورُ بُعۡثِرَتۡ
Open ayah 82:4Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte,
عَلِمَتۡ نَفۡسٞ مَّا قَدَّمَتۡ وَأَخَّرَتۡ
Open ayah 82:5(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi baada aansite ni beekti.
يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡإِنسَٰنُ مَا غَرَّكَ بِرَبِّكَ ٱلۡكَرِيمِ
Open ayah 82:6Ati Yaa nama! Gooftaa kee kan Arjaa ta'etti (amanuu irraa) maaltu si dage?
ٱلَّذِي خَلَقَكَ فَسَوَّىٰكَ فَعَدَلَكَ
Open ayah 82:7Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse,
فِيٓ أَيِّ صُورَةٖ مَّا شَآءَ رَكَّبَكَ
Open ayah 82:8Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)?
كَلَّا بَلۡ تُكَذِّبُونَ بِٱلدِّينِ
Open ayah 82:9Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu.
وَإِنَّ عَلَيۡكُمۡ لَحَٰفِظِينَ
Open ayah 82:10Isin irra to’attootatu jiru.
كِرَامٗا كَٰتِبِينَ
Open ayah 82:11Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an.
يَعۡلَمُونَ مَا تَفۡعَلُونَ
Open ayah 82:12Waan isin dalagdan ni beeku.
إِنَّ ٱلۡأَبۡرَارَ لَفِي نَعِيمٖ
Open ayah 82:13Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu
وَإِنَّ ٱلۡفُجَّارَ لَفِي جَحِيمٖ
Open ayah 82:14Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu.
يَصۡلَوۡنَهَا يَوۡمَ ٱلدِّينِ
Open ayah 82:15Guyyaa murtii ishee seenu.
وَمَا هُمۡ عَنۡهَا بِغَآئِبِينَ
Open ayah 82:16Isaan ishee irraa hin fagaatanu.
وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا يَوۡمُ ٱلدِّينِ
Open ayah 82:17Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?
ثُمَّ مَآ أَدۡرَىٰكَ مَا يَوۡمُ ٱلدِّينِ
Open ayah 82:18Ergasii guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?
يَوۡمَ لَا تَمۡلِكُ نَفۡسٞ لِّنَفۡسٖ شَيۡـٔٗاۖ وَٱلۡأَمۡرُ يَوۡمَئِذٖ لِّلَّهِ
Open ayah 82:19(Inni) guyyaa lubbuun takka lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenye. Guyyaa san wanti (hundi) kan Rabbiiti.