البلد
Al-Balad
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
لَآ أُقۡسِمُ بِهَٰذَا ٱلۡبَلَدِ
Open ayah 90:1Miti Biyya (Makkaa) kanaanin kakadha.
وَأَنتَ حِلُّۢ بِهَٰذَا ٱلۡبَلَدِ
Open ayah 90:2Ati biyyia kana qubataadha.
وَوَالِدٖ وَمَا وَلَدَ
Open ayah 90:3Abbaafi waan inni dhaleenis (nan kakadha).
لَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ فِي كَبَدٍ
Open ayah 90:4Dhugumatti, Nuti nama cinqii[] keessatti uumne.
أَيَحۡسَبُ أَن لَّن يَقۡدِرَ عَلَيۡهِ أَحَدٞ
Open ayah 90:5Sila inni tokkolleen isa irratti hin danda'uu yaadaa?
يَقُولُ أَهۡلَكۡتُ مَالٗا لُّبَدًا
Open ayah 90:6“Qabeenya guddaan balleesse" jedha.
أَيَحۡسَبُ أَن لَّمۡ يَرَهُۥٓ أَحَدٌ
Open ayah 90:7Sila inni tokkolleen isa hin arguu yaadaa?
أَلَمۡ نَجۡعَل لَّهُۥ عَيۡنَيۡنِ
Open ayah 90:8Sila Nuti ija lama isaaf hin taasifnee?
وَلِسَانٗا وَشَفَتَيۡنِ
Open ayah 90:9Arrabaafi hidhii lameenis;
وَهَدَيۡنَٰهُ ٱلنَّجۡدَيۡنِ
Open ayah 90:10Karaa lama (gaariifi badaa) isaaf ibsine.
فَلَا ٱقۡتَحَمَ ٱلۡعَقَبَةَ
Open ayah 90:11Sila maaliif tulluu hin dabrine?
وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا ٱلۡعَقَبَةُ
Open ayah 90:12Tulluttiin maal akka taate maaltu si beeksise?
فَكُّ رَقَبَةٍ
Open ayah 90:13(Inni) Gabra bilisoomsuudha.
أَوۡ إِطۡعَٰمٞ فِي يَوۡمٖ ذِي مَسۡغَبَةٖ
Open ayah 90:14Yookiin guyyaa beelaa keessa nyaachisuudha.
يَتِيمٗا ذَا مَقۡرَبَةٍ
Open ayah 90:15Yatiima fira ta’an;
أَوۡ مِسۡكِينٗا ذَا مَتۡرَبَةٖ
Open ayah 90:16Yookiin hiyyeessa harkaan lafa qabate (deege).
ثُمَّ كَانَ مِنَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَتَوَاصَوۡاْ بِٱلصَّبۡرِ وَتَوَاصَوۡاْ بِٱلۡمَرۡحَمَةِ
Open ayah 90:17Ergasii warra amananii, obsa waliif dhaamaniifi rahmata waliif dhaaman irraa maaliif hin taane?
أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَيۡمَنَةِ
Open ayah 90:18Isaan sun warra mirgaati.
وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِنَا هُمۡ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَشۡـَٔمَةِ
Open ayah 90:19Isaan keeyyattoota keenyatti kafaran immoo isaan warra bitaati.
عَلَيۡهِمۡ نَارٞ مُّؤۡصَدَةُۢ
Open ayah 90:20Isaan irratti ibiddi cufamtuudha.