العاديات
Al-Aadiyaat
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
وَٱلۡعَٰدِيَٰتِ ضَبۡحٗا
Open ayah 100:1(Faradoo jihaadaa) harganaa guluftuunin (kakadha),
فَٱلۡمُورِيَٰتِ قَدۡحٗا
Open ayah 100:2(Isaan yeroo gulufan kottee isaaniitiin) ibidda qabsiisaniin,
فَٱلۡمُغِيرَٰتِ صُبۡحٗا
Open ayah 100:3(Isaan) bariidhaan (diina irratti) weerara adeemsisanitti;
فَأَثَرۡنَ بِهِۦ نَقۡعٗا
Open ayah 100:4Isaan dhukkee ol kaasanitti;
فَوَسَطۡنَ بِهِۦ جَمۡعًا
Open ayah 100:5Isaan (weeraraan) gamtaa diinaa walakkeessaniin [kakadha].
إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لِرَبِّهِۦ لَكَنُودٞ
Open ayah 100:6Dhugumatti, namni (hedduun) Gooftaa isaa mormaadha.
وَإِنَّهُۥ عَلَىٰ ذَٰلِكَ لَشَهِيدٞ
Open ayah 100:7Inni kana irratti ragaadha.
وَإِنَّهُۥ لِحُبِّ ٱلۡخَيۡرِ لَشَدِيدٌ
Open ayah 100:8Inni (namni) qabeenya jaalachuutti cimaadha.
۞أَفَلَا يَعۡلَمُ إِذَا بُعۡثِرَ مَا فِي ٱلۡقُبُورِ
Open ayah 100:9Sila inni yeroo wanti qabroota keessa jiran hundi baafaman sana hin beekuu?
وَحُصِّلَ مَا فِي ٱلصُّدُورِ
Open ayah 100:10Yeroo wanti qomoota keessa jiran (hundi) ifa baafaman (hin beekuu?)
إِنَّ رَبَّهُم بِهِمۡ يَوۡمَئِذٖ لَّخَبِيرُۢ
Open ayah 100:11Dhugumatti, Gooftan isaanii guyyaa san isaan beekaadha.