العلق
Al-Alaq
Translation: Oromo - Ghali Apapur Apaghuna · Open the surah
بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
ٱقۡرَأۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلَّذِي خَلَقَ
Open ayah 96:1Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi.[1]
- Aayatoowwan tuni dura waan qur'aanarraa nabi muhammad s.a.w. irratti buufameeti.
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِنۡ عَلَقٍ
Open ayah 96:2(Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume.
ٱقۡرَأۡ وَرَبُّكَ ٱلۡأَكۡرَمُ
Open ayah 96:3Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qara'i.
ٱلَّذِي عَلَّمَ بِٱلۡقَلَمِ
Open ayah 96:4Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani.
عَلَّمَ ٱلۡإِنسَٰنَ مَا لَمۡ يَعۡلَمۡ
Open ayah 96:5Nama, waan inni hin beekne barsiise.
كَلَّآ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَيَطۡغَىٰٓ
Open ayah 96:6Dhugumatti, namni daangaa dabra.
أَن رَّءَاهُ ٱسۡتَغۡنَىٰٓ
Open ayah 96:7Sababa duroomuu of arguutiin.
إِنَّ إِلَىٰ رَبِّكَ ٱلرُّجۡعَىٰٓ
Open ayah 96:8Deebiin garuma Gooftaa keetiiti.
أَرَءَيۡتَ ٱلَّذِي يَنۡهَىٰ
Open ayah 96:9Sila isa dhorgu san argitee?
عَبۡدًا إِذَا صَلَّىٰٓ
Open ayah 96:10Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee)?
أَرَءَيۡتَ إِن كَانَ عَلَى ٱلۡهُدَىٰٓ
Open ayah 96:11Yoo inni qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi!
أَوۡ أَمَرَ بِٱلتَّقۡوَىٰٓ
Open ayah 96:12Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo?
أَرَءَيۡتَ إِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰٓ
Open ayah 96:13Yoo inni (Abuu Jahal) kijibsiisee irraa gara gale hoo mee naaf himi?
أَلَمۡ يَعۡلَم بِأَنَّ ٱللَّهَ يَرَىٰ
Open ayah 96:14Sila inni Rabbiin niargaa hin beekuu?
كَلَّا لَئِن لَّمۡ يَنتَهِ لَنَسۡفَعَۢا بِٱلنَّاصِيَةِ
Open ayah 96:15Haa dhorgamu; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu qabna.
نَاصِيَةٖ كَٰذِبَةٍ خَاطِئَةٖ
Open ayah 96:16Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna).
فَلۡيَدۡعُ نَادِيَهُۥ
Open ayah 96:17Garee isaa haa waammatu.
سَنَدۡعُ ٱلزَّبَانِيَةَ
Open ayah 96:18Nutis waardiyyaa keenya waammachuuf jirra.
كَلَّا لَا تُطِعۡهُ وَٱسۡجُدۡۤ وَٱقۡتَرِب۩
Open ayah 96:19Dhorgami! Isaan hin ajajamin, Sujuudis, gara Rabbiittis dhihaadhu.[1]
- Asitti sujuuda qaraatii qur'aanaattu bu'ama. kun sujuuda xumuraati.